19/10/2026
Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti Sirni Walharkaa Fuudhinsa Aangoo fi Hojii Gaggeeffame.
==========================
🗓Onkoloolessa 09, 2019
Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti gurmaa'insa manneen hojii mootummaa bifa haaraan gaggeeffameen Hooggantoota Seektaroora 3 (Sadi) walitti dabalaman kan Godina duraanii Godina Shawaa Bahaa waliin walharkaa fuudhinsi aangoo fi hojii gaggeeffamee jira.
Sirna Walharkaa Fuudhinsa Aangoo fi Hojii kana irratti Hooggantoonni caaseffama haaraan muudaman;
Obbo Milishaa Gadaa.... I/G/Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa
Obbo Alamaayyoo H/Wald.... I/A/ Itti/G/Waajjiraa fi I /G/Damee Maallaqaa
Obbo Shimallis Raggaasaa... I/A/ Itti/G/Waajjiraa fi I/G/Damee Karooraa fi Misoomaa
Obbo Ashannaafii Guutaa.... I/A/ Itti/G/Waajjiraa fi I/G/Damee Xilannoo
Hooggantoota Godina Duraanii Shawaa Bahaa;
Obbo Dastaa Tarreessaa ....I/G/Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa kan turan
Obbo Mangistuu Kumarraa......I/G/Waajjira Karooraa fi Misooma Diinagdee Godina Shawaa Bahaa kan turanii fi
Adde Birhaanee Margaa...........I/G/Ejensii Galmeessa Siivilii Godina Shawaa Bahaa kan turan waliin bakka Manajimantii fi Hojjattoonni Seektaroota sadanii argamanitti sirni walharkaa fuudhinsa aangoo fi hojii raawwatamee jira.
Hooggantoota haaraa muudamaniif bara hojii gaarii jechaa, Hooggantoota duraaniif carraa gaarii hawwinaaf!