02/11/2026
Yooyyaa akkam jirtu!
Haaroomsa daldalaa Baranaa xummuruuf guyyoota muraasatu hafe!
Akkaataa labsii Galmeessaa fi heyyama Daldalaa 980/2008 keeyyata 27 lakkoofsa 1 irratti eerametti daldalaan kamiiyyuu heyyama daldalaa waggaa waggaan Adoolessa 1 hanga Muddee 30tti haaromsuuf dirqama qaba.
Maarree osoo yeroon isin hin dabrin gamanumaan isin yaadachiifnaa! maal akka barbaachisu quba qabduu?
Heyyama daldalaa yeroo karoorfametti haaromsuuf ulaagaaleen guuttamuu qaban:
*Kiliiraansii gibiraa (tax clearance): Qaama gibiraa ykn taaksii dhimmi ilaallatu irraa ragaa kiliiraansii gibiraa kan yeroo dhiyeeffachuu qaba.
*Waldaa daldalaa yoo ta’e gabaasa oodiitii (Audit Report) fi kiliiraansii gibiraa dhiyeessuu qaba.
* Kaffaltoota gibiraa Federaalaa yoo ta’an kiliiraansii kan federraalaa fi dabalataan kan Naannoo dhiyeeffachuu qaba.
Eessatti kan jedhuuf osoo yeroon isinitti hin darbin karaa "on line" tiin gaaffii dhiyeessuun tajaajila heyyama haaroomsaa bakkuma jirtanitti raawwachuu dandeessu.
Yeroo yeroon kaawwame kun darbe adabbiin isaa cimaadha
Biiroo Invastimantii fi Daldala Oromiyaa!!