Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii

Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii, Government Organization, Akaki Kality, Addis Ababa.

Photos from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii's post 07/06/2026

Atileet Massaleech Alamaayyoo kilaba atileetiksii Poolisii Finfinnee irraa dorgommii walakkaa Maaraatoonii 1ffaan xumurte

Caamsaa 30/2018

Atileet Massaleech Alamaayyoo kilaba atileetiksii Poolisii Finfinnee irraa dorgommii walakkaa Maaraatoonii 1ffaa bahuun injifatte.

Atileet Zimaam Baraakii kilaba atileetiksii Baankii Daldalaa Itoophiyaa irraa 2ffaan xumurte.

Photos from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii's post 06/06/2026

Paartiin Badhaadhinaa adeemsa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaafi karoora raawwii filannoo paartichaa qorataa jira

Caamsaa 29/2018

Koreen Qindeessituu Filannoo Biyyaalessaa Paartii Badhaadhinaafi qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu hoggantootni olaanoo paartichaa federaalaafi naannolee bakka argamanitti karoora raawwii filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa paartichaa magaalaa Jigjigaatti qorachuu eegaleera.

Paartichi bu’uura karoora filannoo duraafi filannoon boodaan raawwii filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa qorachuun ciminootaafi hanqinoota raawwii adda baasuun filannoon boodas dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattii ni ka’an eegama.

06/06/2026

Feestivaalli Ispoortii Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamu milkaa’inaan akka xumuramuuf hundu itti gaafatamummaa isaa ba’achuu qaba – Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee

Caamsaa 29/2018

Feestivaalli Ispoortii Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamu milkaa’inaan akka xumuramuuf dhaabbileen nageenyaa qophii isaanii xumuruun gara hojiitti galuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Feestivaalichi bu’uura karoorfameen akka xumuramuuf qophii caasaaleen nageenyaa taasisaniin cinaatti qopheessitootniifi hirmaattootni sagantichaa gahee olaanaa qabaachuu Qajeelchichi ibseera.

Ispoortiin dameelee miirri obbolummaafi waloomaa itti mul’atu hedduu keessaa tokko tahuu kan ibse poolisiin, feestivaalli ispoortii qophaa’ee naamusa ispoortii calaqqisiisuun bifa maqaa gaarii magaalattii guddisee mul’isuun adeemsifamuu akka qabu hubachiiseera.

Qopheessitootni sagantichaa caasaalee nageenyaa waliin bifa qindoomina qabuun hojjechaa jiraachuus kan ibse poolisiin hirmaattootnis sagantichi jalqabaa hanga xumuraatti milkiin akka goolabamuuf qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiiseera.

Dabalataan nageenya waloof jecha sakatta’iinsa taasifamuuf eeyyamamaa tahuufi wantoota gara feestivaalichaatti akka hin galle dhorkaman qabachuu dhiisuun tumsa barbaadamuu hirmaattootni taasisuu akka qaban Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee odeeffannoo AMN’f ergeen hubachiiseera.

Qajeelchichi hawaasni rakkoolee nageenyaaf sababa tahuu maluun shakke toorota bilbila bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81, dabalataanis bilbila moobaayila harkaa qabuun hawaasni moosaajii hirmaannaa (Citizen Engagement Application) EFP App fayyadamuun eeruu kennuu akka danda’u waamicha dhiyeessera.

Photos from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii's post 05/06/2026

Tajaajilli dijitaalaa A-Masoob malaammaltummaafi deddeebi’iinsa tajaajilamtootaa hambisuuf gumaacha guddaa qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 28/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti tajaajila dijitaalaa iddoo tokkoo A-Masoob 8ffaa eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.

Tajaajilli dijitaalaa iddoo tokko kunis rakkoo jiraattotni waggoota dheeraaf tajaajila argachuuf jecha deddebbi’iinsaan dararama argaa turan kan irra hambisuu akka ta’eefi dheebuu bara dheeraf tajaajila si’ataafi saffisa qabu argachuuf hawwaa turan kan deebisuu akka ta’es ibsameera.

Kantiibaa Adaanech Abeebees jiraattotni Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo dararaa kenniinsa tajaajilaafi malaammaltummaa hamaa waliin rakkachaa turan keessaa giddu gala tajaajila dijitaalaa “Masob” kanatti tajaajilamuun furmaata akka argatan dubbataniiru.

Giddu galli tajaajila dijitaalaa ammayyaa kun hojii yeroo tokkoof qofa kan hojjetame osoo hin taane, ijaarsa biyyaa yeroo dheeraa keessatti karoorfamuun akka ijaarame kan ibsan Kantiibaa Adaanech, bu’aa ba’ii jiraattonni tajaajila argachuuf dhama’an hambisuun, yeroo fi maallaqa isaanii osoo hin qisaasin tajaajila barbaadan argatanii akka debi’anif kan dandeessisu akka ta’e himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa baay’een hojjetamaa jiraatanis, hanga ammaatti rakkoowwan tajaajila saffisaa kennuu dhabuufi tajaajila kennanii malaanmaltummaa gaafachuu sirnichaa keessaa buqqisaani baasuuf giddu galli tajaajila dijitaalaa ammayyaa kun gahee olaanaa akka qabus dubbataniiru.

Jiraattonni tajaajila saffisaa, qulqulluu fi sadarkaa isaa eeggate kana osoo matta’aa hin kaffaaliin argachuu akka danda’an sirna amanamaa akka ta’e Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti sochii dijitaalaayizeeshiniin eegaleme kun kanumaan kan dhaabbatu osoo hin taane, giddu galli tajaajila dijitaalaa walfakkaatan sadii dhuma xumura bara baajataa kanarratti eebbifamuun uummat

Photos from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii's post 05/06/2026

Ibsa Gaddaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 28/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Duraanii Ambaasaaddar Alii Abdoo du’aan Addunyaa kanarraa boqochuu hordofee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gaddi guddaan isaanitti dhaga’amuu ibsan.

Kantiibaa Adaanech ergaa gaddaa dabarsaniin Kantiibaa 27ffaa tahuun Finfinnee kan tajaajilan Ambaasaaddar Alii Abdoo biyya isaanii bakka bu’uun Ambaasaaddara Itoophiyaa tahuun Sudaaniifi Naayijeeriyaatti tajaajiluun nama oolmaa guddaa biyyaaf oolan tahuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin maatii, firoottaniifi uummata guutuu biyyattiif jajjabina, lubbuu Ambaasaaddarichaaf jannata hawwaniiru.

Photos from Kominikeeshinii Kutaa Magaala Aqaaqi Qaalliitti's post 04/06/2026
02/06/2026

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsi kenniinsa sagalee itti fufa jedhe

Caamsaa 24/2018

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ganama barii sa’atii 12:00 irraa eegalee kennamaa jiru akka itti fufuu beeksiseera.

Boordichi filattootni hiriirarra jiran sagalee isaanii kennuun hanga xumuranitti adeemsi filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa akka itti fufu beeksiseera.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address

Akaki Kality
Addis Ababa