20/10/2024
Oduu gammachiisaa
Mana Barnoota Dhaloota Qubee fi Haramaya University.
Manni Barnootaa Dhaloota Qubee barattoota isaa kallattii hundaan gahoomsaa fedhii fi dandeeytii isan qaban qorachaa barattoota isaa kalaqa gara garaa akka hojjataniif jajjabeessuun adunyaa wajjiin dorgomsiisuuf hojjachaa jira.
Guyyaa arraa 10/2/2017 wal dorgommii barattoota qaxalee akka biyyaatti dorgamaniif barataa dandeeytii addaa qabu barataa kutaa 5ffaa maqaan isa ♥️ Mu'aaz Abraahim Muummad jadhamu dorgomsiisee calallii isaa Haramaya University keessatti gageeffameera. Maaltu itti aana.......
Barataa kanaaf carraa gaarii hawwinaaf.
19/10/2024
Congra
Baga gammaddan Baga gammanne barattootni koollajjii East Africa irraa Muummee garaa garaatiin eebbifamtan hundinuu baga firii dadhabbii keessanii agartan isiniin jechaa hawaasa osoo hin baratin isin barsiise ogummaa keessaniin akka tajaajiltaniif Rabbiin isin haa gargaaru isiniin jechuu barbaanna.
15/06/2024
BAGA GEESSAN
Manni Barnoota Dhaloota Qubee ummata muslimaa maraan baga Rabbiin guyyaa Kabajamaa fi jaallatamaa Iid Al-Adahaa kanaan isin gahe jechaa warra baranaa kan bara hedduu akka Rabbiin nu taasisu hawwa.
16/09/2023
Guyyaa arraan tanaa qophiin cufiinsa hojii tola ooltummaa gannaa haala owwaadhaan gaggeeffamaa jira.
30/08/2023
Barsiisaan iddoo banaa qabnu irratti dorgomaa
Maatiin Barattoota gara M/ barnootaa geessuuun galmeessaa.