23/05/2026
Aanaa Mayyuu mulluqeetti Pirojektiin Waajjira Bulchinsa Aanichaa birrii mil.22 nhojjatame Eebbifame.
(WKGHB,Caamsaa,15/2018)
Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu mulluqeetti Pirojektiin Waajjira Bulchinsa Aanichaa birrii mil.22 n hojjatame Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Kiflee Taddalaa fi Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Harargee bahaa Obbo Habtaamuu Tasfaayeen Eebbifameera.
Pirojektiin waajjira bulchinsa Aanichaa kutaa 19 kan ofkeessaa qabu yoo ta'u, iddoo kenna tajaajilaa mijaataa taasisuun tajaajila si'ataa,dhaqabamaa itti quufinsa maammilaa guddisuu danda'u kennuu keessatti gahee olaanaa
Waadaa Ummataa gochaan mirkanaawe.
23/05/2026
mayyuu
____________
Godina Harargee Bahaa Aanaa mayyuu Sagantaa duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Sababeeffachuun Piroojektiin jallisii hidha finnaa Hojjatame guyyaa harraa bakka Hogganttoonni Naannoo, Godinaa fi Hawaasni Aanichaa argamanitti eebbifamuun tajaajilaf banaa tasisan jiru.
Badhaadhinni Qulqullinaa fi Ariitiin jalqabee Xumura!!
23/05/2026
Pirojektiin Jallisii Hidha Finnaa Mayyuu mulluqee birrii mil.190 oliin hojjame Eebbifame.
Godina Harargee Bahaa Aana Gammoojjii Mayyuu mulluqqeetti Pirojektiin Jallisii Hidha Finnaa Ganda Ifabaasitti Hojjatame Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Kiflee Taddalaa fi Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Harargee bahaa Obbo Habtamu Tesfaye Eebbifameera.
pirojektiin Jallisii Finnaa kun Baajata Mootummaa birrii mil.190 fi kuma 95 fi 982 .1 n kan hojjatame yoo ta'u ,bishaan meetir kuubii mil.1.15 qabachuu danda'a ,Lafa Hektaara 77.3 misoomsuu kan danda'uu fi Abbaa warraa 340 tajaajila kennuu kan danda'uudha.
Waadaan Ummataa gochaan dhugoome!
25/04/2026
Waliin gahinsa Daandii baadiyyaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
- Aanaa Mayyuu Muluqqeetti waliin gahinsaa daandii baadiyyaa dabaluuf Proojektii Daandii Jiddoo Hanga Gobeellee Km.22 kan dheeratuu kontirakteera waliin wal harkaa fuudhiinsi gaggeeffame jira.
Sagantaa Wal harkaa Fuudhisaa Irratti I/A Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo daandii baadiyyaa aanichaa keessaatti hojjetamuu fayyadamummaa hawaasaa karaa milkeessuu danda'uun xiyyeeffannaa addaa itti kenname hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Proojeektiin daandii hojjetamuuf deemuu kun Qonnaan Bultootni oomisha isaanii karaa qisaasama tokko malee gabaaf akka dhiyaachuu danda'aniif kan fayyadu ta'us, dubbataniiru.
Gaaffii bu'uuraalee misoomaa Aanichaa keessaatti gaaffii qonnaan bulaan keenya gaafachaa jiru yeroo ammaa deebisuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
25/04/2026
Shaampiyoonaan Tapha Guutuu Marsaa 31ffaa Aanootaa fi Magaaloota Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaatti Gaggeeffamaa Ture Guyyaa Arraa Bakka I/G Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa Obbo Mahammad Jamaal fi I/G Waajjira Darg. Ispoortii Godinichaa Obbo Abdulmalik Musxafaa Argamanitti Olaantummaa Aanaa Gurawaatiin Goolabameera.
21/04/2026
👉Kaayyoon Adabbii Naamusaa hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwateef,balleessaa isaa irraa gaabbee of sirreessu,ilaalchaa fi amala gaarii akka qabaatuu fi hojjetaa gahoome akka ta’u dandeessisuuf yookiin kan of hin sirreessine yoo ta’ee,hojii irraa gaggeessuufidha.
• Hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwate akkaataa ulfaatina balleessaa raawwatameen gosoota Adabbii 2n keessaa tokko irratti fudhatamuu ni danda'a.
⚖️Adabbiiwwan Naamusaa Salphaa jedhaman
1. Akeekkachiisa afaanii;
2. Akeekkachiisa barreeffamaa;
3. Adabbii mindaa hanga guyyaa kudha shan gahu;
⚖️Adabbiiwwan Naamusaa Cimaa jedhaman
4. Adabbii mindaa hanga ji’a sadii gahu;
5. Yeroo waggaa lama hin caalleef sadarkaa hojii fi mindaa irraa gadi buusuu;
6. Hojii irraa gaggeessuu.
🔴 Adabbii Naamusaa Cimaa Hordofsiisan:
a) Ajaja seera qabeessaan kennamu kabajuu dhiisuu, maal na dhibdeedhaan, dhibaa’uummaadhaan yookiin ta’e jedhee sirna hojimaataa yookiin imaammata mootummaa hordofuu dhabuudhaan hojii irratti miidhaa geessisuu,
b) Ta’e jedhee dhimmoota tursiisuu yookiin abbootii dhimmaa deddeebisuu;
c) Hojiin akka hin hojjatamne ta’e jedhee jeequu yookiin warra jeeqan waliin wal ta’uu;
d) Tarkaanfiiwwan adabbii naamusaa salphaadhaan of sirreessuu dhabuudhaan sababa gahaa malee deddeebi’anii hojii irraa hafuu yookiin sa’aatii hojii kabajuu dhabuu;
e) Iddoo hojiitti dubbii kakaasuudhaan wal reebuu;
f) Machii barsiifataan yookiin araada baala sammuu adoochuun summaa’uun hojii miidhuu;
g) Matta’aa fudhachuu yookaan akka kennamuuf gaafachuu;
h) Iddoo hojiitti gocha faallaa hamilee uummataa ta’e raawwachuu;
i) Hanna yookiin gocha amantaa hir’isuu raawwachuu;
j) Gocha gowwoomsuu yookiin dogongorsuu raawwachuu;
k) Qabeenya mana hojichaa irratti ta’e jedhee yookiin dagannoodhaan miidhaa geessisuu;
l) Seeraan ala aangootti fayyadamuu;
m) Iddoo hojiitti miidhaa koornayaa raawwachuu;
n) Keewwata kanaan kan tarreeffaman waliin ulfaatina walfakkaatu
05/04/2026
Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Gamaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Kurmaana 3ffaa bara 2018 fi kallaatti ka'umsaa karoora bara 2019 gaggeeffama jira.
***☆☆***
Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaanaa 3ffaa fi Kallattii Qophii Karoora bara 2019 irratti fuulleeffate gaggeeffama jira.
Waltajjii kana irraatti Hoggansi Aanaa, Hoggnsa Gandootaa fi Hoggansi Gamtaa Paartii hundi kan hirmaachisuun Gaggeefamaa jira.
Gamaaggama kanarratti Bulchaan Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Junedi Mahamud , Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Naasisaa Kaliif argamanitti gaggeeffama jira.
kaayyoon gamaggama kanaa raawwii hojii hanga ammatti gama hojii misooma, siyaasaa fi nageenyatin hojjatamaa ture qorachuudhaan ciminoota jiran itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan maksuu Akkasumas kallattiin karoora bara 2019 kan kennamu ta'uu dubbataniru.
Bulchaan Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Juneeydii Shek Mahammud gama isaaniin hojiilee guyyaa guyyaan hojjetamu gamaggamaa adeemuun milkaa'ina raawwii hojii keenya fuulduraaf murteessaadha jechuun, gamaggama kanaanis hojiiwwan kallatti hundaan fayyaadamummaa uummataa keenya mirkaneessuuf rawwaatamaa turan gadi fageenyan qorachuudhaan kallattiin sirreeffamaa kan kennamu fi hojiiwwan harca'aanii hafaniif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjachuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneessuufi bara itti aanuu kanas karoora adda ta'e fi ifaa ta'e bafaachuun akkuma kanan dura bu'aa gurguddaa galmeessuuf of qopheessuun barbaachiisaadha jedhaniru.
Gabaasa Hojii kur 3ffaa bara 2018tii fi Karoora Mootummaa bara 2019 dhiheessuudhaan Gabaasa dhihaatee fi Karoora dhihaate irratti mariin bilchaataan gaggeeffamaa oole.
31/03/2026
"Bitootessi 24,
Guyyaa Seena Qabeessa Biyya Keenya Gara Boqonnaa Haaraatti Ceesiseedha.
30/03/2026
(Bitooteessa 21, 2018~~~~KWBAMM)
Duubdeebiin hordoffiifi to’annoo hojiilee misoomaa garagaraa kenname.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti koreen suupervishinii Godinichaa duub-deebii to’annoo fi hordoffii hojiilee misoomaa garagaraa Gandoota Aanichaa Fi Manneen Barnootaa keessatti Haala Qophii Qormaata Kutaa 12ffaaf Irratti Akkasumas Hojiilee Innisheetiivii Garagaraa gaggeeffamaa Ture, Bakkaa Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Junedi Mahamud Fi Koreen Qindeessaa Aanichaa Akkasumas hooggansi gaggeessaan Aanichaa argamanitti kennameera.
Duub-deebii Kennameen Hanqinaa fi cimina raawwii hojii kan daawwannaa korichaan adda bahe irratti Mariin Hanqina Mullate Maqsuun Cimina jiru itti fufsiisuu irratti Mariin Ballaan Gaggeeffamuun Xumurame.
15/02/2026
Misoomaa Qamaadii jallisii bonee Aanaa Horsiisee Bulaa Mayyuu Muluqqee Ganda Hareeriggaatti Misoomaa Jiru Suuraan.