24/08/2025
__________"Achi naaf siqi!"___________
"Natti heerumi. Walfuunee tolus badus akka rabbi nu jiraachisetti jiraanna!" jedha Bashaadaatu Tuujubeedhaan. Tuujubeen garuu gaaffiisaa simachuu hindandeenye. "Obbolummaa nuuf wayya" jetteen. "Tolekaa" jedheenii walii galan, guyyoonniifi ji'oonni muraasnis akkasitti darban.
Manashee dhufee dubbisa. Buna danfisti; waliin dhugu. Irbaata dhiyeessiti afaan walkaa'aa gammachuudhaan nyaatu. Waan adda addaarratti haasa'anii taphatanii gargar bahu.
Bashaadaan dhimma gaa'ilaa lammaffaa lafaa hinkaasne. Guyyaa tokko aduu saafaa gubu keessa mana Tuujubee dhufe. Akkuma dhufeen shurraabasaa irra keessatti uffate ofirraa baasee kaa'e. Waayee ho'a guyyaa sanaa dubbatanii, nagaa itti dhaamee bahe.
Tuujubeen shurraaba Bashaadaan dagatee bahe argitee uffatashee yammuu miiccitu walumaan miiccite. Haaluma kanaan yeroo biraas uffata walirratti uffate keessaa, kootii'saa ofirraa baasee kaa'ee deeme. Tuujubeenis uffata inni dhiisee deeme fuutee miiccuu ittuma fufte.
Guyyaa tokko kofoo sadii walirratti uffatee dhufe. Natti ho'e jechaa ammas kofoo kan jalaa qofa hambisee kofoo lama ofirraa baasee, haasaadhaan ishee dagachiisee achumatti dhiisee deeme. Tuujubeen hojiin idileeshee uffata inni dagatee deeme miiccitee dachaastee kaa'uu ta'e. Haala kanaan, uffatoonnisaa hundi mana Tuujubeetti walitti qabaman.
Guyyaa tokko ganama bariidhaan uffata halkan uffatu aguuggatee manashee dhufe. Tuujubeen naatee, "maaltaatee kana uffattee dhufte?" jetteen. "Busaan na qabuu hin oolle, qorrasaa hindandeenye. Buna wayii naaf danfistaa laata jedheen dhufe!" jedhee taa'ee bunasaa dhugee utuma haasa'anii, uffata halkaniisaas dhiisee gale.
Gara sa'aatii laaqanaatti firaashiisaa mataatti baatee dhufe. Ammas Tuujubeetti bitaa itti gale. "Maannimmoo?" jetteen. "Xiqqoo na jalaa dulloome. Warra haaromsanittin geessaa jira. Bishaan dhugamu wayii nan argadhaa laata jedheen sitti gore." jedheen. Ammas oduudhaan ishee dagachiisee firaashiisaas dhiisee deeme.
Guyyaa sana sababoota adda addaa funaanee, meeshaalee manaa xixxiqqoos fuudhee deemuun achitti dagatee bahe.
Amma Tuujubeen ni rakkatte. Mannishee dhiphoon sun meeshaalee Bashaadaan dagatee galeen guutameera. Bashaadaan firaashiisaa deebi'ee hinfudhanne. Gaafa fala dhabdu firaashiisaa kanshee irra buusuudhaan aftee xiqqoo boqochuuf gadi ciiste.
Kana gidduutti Bashaadaan dhufe. Yeroo inni dhufu firaashiisaarra ciistee jirti. "Ka'i!" jechuurra, "achi naaf siqi!" jechuutu salphata mitiiree? "Achi naaf siqi!" jedheen. Achi siqxeef. Egaa, gaa'illi akkasittis ni ijaarama.
Kan barreesse:- ዓለማየሁ ገላጋይ
Afaan Oromootti hiikee dhiyeesse.
Sôresâ Jârâ -The Billionairê follow godhaa