08/07/2025
Baga Guyyaa jalqaba sassaabbii taaksii bara bajataa 2018'n Nagaan geessan!!
# # #
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo saaqiinsa sassaabbii taaksii bara bajetaa 2018 guyyaa har'aa bakka hooggantoonni ol'aanoon argamanitti ifatti eegalee jira.
Baga gammaddaniin dhaamsa keenya!!
Sagantaa kana irratti Bulchaa Kutaa Magaalichaa Kab. Obbo Mariid Dimmiruu haasaa saaqiinsaa kan taasisan yammuu ta'u haasaa isaaniin akka ibsanitti Akka kutaa magaalaa Malkaa Noonnoottis ta'e akka Naannoo keenyaatti taaksiin sassaabamu misooma hojjetamaa jiran; ijaarsa koriidarii, manneen barumsaa, eegumsa fayyaa, misooma bishaanii, daandii fi kkf tiif oolaa akka jiru beekuun barbaachisaa akka ta'ee fi taaksii osoo hin dhoksin kaffaluun hojii ofii milkeessuu irra darbee adabbii hin barbaachisneerraa kan nama ittisu akka ta'e kaasanii kaffaltoota taaksii gibira irraa eegamu amanamummaan kaffalaa jiran galateeffachuun gama hundaan tumsa barbaachisu akka godhan ibsanii jiru.
Akkasumas I/G/I/A Hogganaa Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kab/Obbo Abdiisaa Daggafaa haasaa dabalataa taasisaniin Biyyi biyya taatee dhaabbachuu kan dandeessu yoo galii qabaatte qofaadha jedha, itti dabaluunis taaksii kaffaluun imaanaa, amanamummaa fi qajeelummaa kan gaafatuu fi agarsiistuu biyya jaallachuu akka ta'ee fi galii malee misooma biyyaa itti fufsiisuun akka hin danda'amne kaasanii taaksii kaffaluun dirqamummaa caalaa kaffaltii ofiif ofiin akka ta'e beekuudhaan kaffaltoonni taaksii kaffaltii irraa eegamu amanamummaan akka kaffalan dhaamsa dabarsanii jiru.
Saganticha irratti sanada gabaabaa dhimma taaksii kan dhiyeessan hoogganaan waajjira galii kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo kabajamoo obbo Alamuu Kumalaa galiin sassaabbii taaksii bara darbee qar bil 3.6 ol ta'e kan sassaabame bu'aa amanamummaa kaffaltoota gibiraa keenya akka ta'e kaasanii karoora bara kanaa qar bil. 5.4 milkeessuuf qaama dhimmi ilaallatu hundi tumsa barbaachisu gochuu akka qaban dhaamsa dabarsanii jiri.
GALIIN KABAJA BIYYAAF!
08/07/2025
Adoolessa 1, Baga guyyaa har'aa geessan!!
Gibbirri kabaja biyyaaf!!
30/10/2024
Dhimma galii Taaksii ilaalchisee hubannoo argachuuf
"Galiin Misoomaaf"
***
Yeroo hunda Sanbata galgala sa'atii 2:00 irraa eegalee sagantaa TV OBN irratti sagantaa ''Galiin Misoomaaf'' jedhu haa hordofnu
30/10/2024
****Hir’ifama Baasiiwwanii/ተቀናሽ የሚደረጉ ወጪዎች ****
***Daangaa Hir’ifama Baasiiwwan Hojii Albuudaa Yookiin Boba’aa Irratti Taasifaman***
**በማዕድን ወይም በነዳጅ ሥራዎች ተቀናሽ የሚደረጉ ወጪዎች ገደብ**
1) Namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti baasii hojii albuuda baasuu hojjachuuf baasu hir’ifamaan kan qabamuuf naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuudaa waliin walqabatee galii hojii daladalaa bara gibiraa keessatti argate irraa qofa ta’a.
2) Namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti bara gibirichaatti yeroo hojii albuudaa hojjatutti kasaaraan kan isa muudate yoo ta’e kasaaraan kun gara bara gibira itti aanuutti darbee namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuuda baasuu hojjechuun galii hojii daldaalaatiin argatu irraa hir’ifamni ni taasifama.
3) Namni heeyyamni kennameef kasaaraa isaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin guutummaa guutuutti hir’isuu kan hin dandeenye yoo ta’e, kasaaraa hin hir’ifamne bara gibiraa itti aanutti dabarsuu fi hanga bakka buufame akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsameen galii waliigalaa baruma gibirichaatti argame irraa hir’isuun kasaarichi guuttummaa guutuuttii hir’ifamee hanga xumuramutti dabarsuu kan danda’u yoo ta’uu, garuu namni heeyyamni kennameef kasaaraa isa mudate dhuma waggaa kasaarichi itti qaqqabe irraa jalqabee kan lakkaa’amu bara gibiraa kudhan caaluuf dabarsuu hin danda’u.
4) Namni heeyyamni kennameef hojii albuuda baasuutiin walqabate naannawaa heeyyamni itti kenname keessatti kasaaraan irra gaheera kan jedhamu hojii albuuda baasuu naannawaa heeyyamni itti kenname keessatti raawwatuun wal qabatee baasiin bara gibirichaatti akka hir’ifamaatti qabameef bara gibirichaatti naannawicha keessatti galii hojii albuuda baasuu hojjachuun argate kan caale yoo ta’edha.
@@@
Hubannoodhaaf Labsii Gibira Galii /Labsii Lak. 202/2009.key 38
09/08/2024
Daayreektoreetii Hordoffii fi deeggarsaa dhimmoota Naamusaa fi farra malaammaltummaa BGO irraa
@@@
Biyyii tokko birmadummaa ishee eeggattee misooma itti fufiinsa qabu fi ummaatni hundi irraa fayyadamuu danda’u fiduuf galii dinagdeen naannichaa maddisiisu harcaatii tokko malee sassaabuun barbaachisaa akka ta’e ni hubatama. Kana rawwachuuf immoo bulchiinsa taaksii ammayya’aa fi hanna irraa bilisa ta’e ijaaruun murteessaadha.
Gochi hannaa erga raawwatamee booda tarkaanfii fudhachuu caalaa dursanii akka hin raawwatamne tarsiimoo adda addaa fayyadamuun hojjii ittisa-malaammaltummaa hojjaachuun dhimma filannoo biraa hin qabneedha.
Kanarraa ka’uun akka Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti hojimaata malaammaltummaadhaaf saaxilamoo ta’an sakattaanee adda baasuun karoora tarsiimoo qindaawaa ittisa yakka malaammaltummaa qophaaye hojiirra oolchuudhaan bulchiinsi taaksii naannoo keenyaa ammayyeessuun gocha malaammaltummaa irraa bilisa akka ta’u hojjachaa jirra.
Kannaaf gochi hannaa sadarkaa miidhaa geessisuu irra osoo hin gahin hojiirra oolmaa hojimaataa qorachuu, karoorri tarsiimoo qindaawaa ittisa yakka malaammaltummaa akka milkaa’uuf naamusa ogummaa hojjattootaa fi naamusa mana hojji eeguun hojii ittisa hannaa hojjachuun dhimma dursi kennameefii hojjatamuuqabuudha.
Karaa biraatiin Hojiin ittisa hannaa hojmaataan osoo hojjatamaa jiruu hanni raawwatee kan argame yoo ta’e , Akkaataa Dambii ittiin bulmaata hojjattoota Biiroo Galiiwwan Oromiyaa 160/2005 fi Qajeelfama Naamusaa fi Komii hojjattoota Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Lakk. 32/2013 fooyya’ee baheen Naamusa kan gaafachiifnu ogguu ta’u, Dhimmi hannaan wal qabatu miidhaa gurguddaa adda addaa hawaasarra geessisa waan ta’eef deeggarsa qaama hawaasa hundaa barbaada.
Keessattuu, hanni galii mootummaa irratti raawwatamu Miidhaan isaa hunda galeessa waan ta’eef hangaan kan hin safaramne fi miidhaa diinagdee, siyaasa, hawaasummaa fi naannoo irraan geessisa. Akkasumas, Galii mootumaan argachuu qabu akka hin arganne, invastimentiin biyya alaa fi keessaa akka hinbabal’anne gufuu ta’uu fi waldorgommiin gabaa bilisaa akka hinjiraanne taasisa, Bu’uraaleen misoomaa akka hin-babal’annee fi qulqullina akka hin qabaanne taasisa, Qoodiinsi qabeenyaa haqa qabeessa ta’e akka hin jiraanne gochuu fi baajanni mootummaa qixa sirriitiin akka hojii irra hin oolle gufuu ta’uudhaan, walumaa galatti guddina dinagdee biyyaa ni quucarsa.
Walumaa galatti Maxxantoonni Hoggantoota siyaasaa ykn namoota Aangoo mootummaa irra jiran ykn hojjattoota mootummaa aangoo qaban dawoo godhachuudhaan faayidaa ofiif ykn qaama biraatiif argamsisuuf ykn qaama biraa irratti miidhaa qaqqabsisuuf gochaalee kan akka Aangoo seeraan ala fayyadamuu, mattaa’a fudhachuu, fira ykn hiriyaa isaani karaa hin malleen gargaaruu, dhimma lafarraa harkisuu fi kkf raawwachuun miidhaa geessisu.
Dubbisa Gaarii !!
Yaada dabalataaf ‘9795’
21/06/2024
Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa
******
Labsiin kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa naannoo Oromiyaa lakk.255/2016 Caffee Oromiyaatiin ragga’ee hojii irra oolee jira.
****
Haaluma kanaan, labsiin kun kutaalee jahaa fi keewwattoota gurguddoo 43 kan of keessaa qabu yeroo ta’u:
Kutaan Tokko:- Tumaalee Waliigalaa
Kutaan Lama:- Hanga kaffaltii
Kutaan Sadii:- Aangoo fi hojii qaamolee adda addaa
Kutaan Afur:- Mirga kaffaltoota gibira galii, kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi hundeeffama koree
Kutaan Shan:- Adabbii bulchiinsaa
Kutaan Jaha:- Tumaalee adda addaa jedhamee qoodamuun kan tumamee dha.
Akkaatuma kanaan, hubannoof akka gargaarutti tokko-tokkoo kutaalee kana jalatti dhimmoota ijoo ta’an duraa duubaan yeroo adda addaatti kan dhiyeessinu yeroo ta’u barreeffama kanaan qabxiilee gurguddoo kutaa tokko jalatti tumaman gabaabinaan dhiyeessina.
****
Kutaa Tokko:
Mata Duree Gabaabaa:
Labsiin kun “Labsii Kaffaltii Itti fayyadama Lafa Badiyyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa 255/2016” jedhamee waamamuu ni danda’a.
***
Hiika Labsicha keewwata 2 jalatti hiikni jechootaa hedduu kan dhiyaatee jiru yoo ta’e illee hunda isaa barreeffama kana keessatti dhiyeessuun mijataa waan hin taaneef dhimmoota baay’ee murteessoo ta’an qofaa akkaataa kana gaditti dhiyeessuuf yaalamee jira.
“Biiroo” jechuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa fi caasaa isaa sadarkaan jiru kan dabalatuu dha.
“Hojii qonnaa” jechuun lafa baadiyyaa tooftaa fi meeshaa kamiiniyyuu qotuu yookiin misoomsuu fi oomisha kamiyyuu oomishuu, lafa baadiyyaa irratti horii horsiisuu, bu’aa bineensa bosonaa fi qurxummii misoomsuu yookiin oomishuu kan dabalatuu dha.
“Kaffaltii Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa” jechuun kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa hojii qonnaatiif ooluuf kaffalamu dha. “Lafa Baadiyyaa” jechuun lafa daangaa bulchiinsa ganda baadiyyaa keessatti argamu ta’ee, lafa daangaa magaalaa jalatti daangeffamee pilaanii magaalaa jala galee wal-harkaa fuudhinsi hin gaggeeffamne yookiin lafa daangaa magaalaa jalatti galee wal-harkaa fuudhinsi taasifamee hojii qonnaaf oolu hunda kan dabalatuu dha.
“Qonnaan bulaa” jechuun nama mirga itti fayyadama lafa baadiyyaa qabaatee galiidhuma laficharraa argamuun ofii isaa fi maatii isaa kan bulchudha.
“Sassaabaa Galii” jechuun nama Biirichaan akka galii kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii sassaabuuf aangoon bakka bu’ummaa kennameefidha.
Ibsa Koorniyaa Labsii kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni dabalata.
///
Daangaa Raawwatiinsaa
Labsiin kun kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa akka Naannichaatti qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi gamisa horsiisee bulaan kaffalamu, Biiricha, sassaabaa galii fi qaamolee mootummaa biroo hojiirra oolmaa Labsii kanaa keessatti gahee qaban hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata.
*****
Qajeeltoowwan
o*** Qonnaan bulaan, horsiisee bulaa fi gamisa horsiisee bulaan lafa baadiyyaa hojii qonnaatiif oolu qabate kamiyyuu akkaataa Labsii kana keessatti tumameen kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa waggaatti yeroo 1(tokko) kan kaffalu ta’a.
o*** Kaffaltiin itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa kan murtaa’u fi sassaabamu ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun karaa iftoomina qabuu fi loogii irraa bilisa ta’een daangaa yeroo Labsicha keessatti tumame keessatti ta’a.
o*** Kaffaltiin itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa sassaabamu kamiyyuu nagahee qofaan kan raawwatamu ta’a.
o*** Eegumsii fi to’annoon maallaqa mootummaa akkaataa Labsii kanaatiin sassaabame bu’uura seerota bulchiinsa faayinaansii Naannichaatiin ta’a.
***
Haaluma kanaan, kutaalee itti aanan yeroo itti aanu keessatti tartiiba isaatiin kan dhiyeessinu waan ta’eef faana bu’uun dubbistanii hubannoo keessan akka gabbifattan isin yaadachiifna! Yeroo Gaarii!
Yeroo itti aanu kutaa itti aanuun deebina.
Galiin Galaa Misoomaati!
Daayrektoreetii Barumsaa fi Komunikeeshinii BGO
29/05/2024
Hojjettoota Waajjira Galiiwwanii Bul/Magaalaa Shaggarii tiif leenjiin kenname.
@@@@
Waajjirri Galiiwwanii Bul/Magaalaa Shaggar hubannoo hojjettootaa cimsuuf mata dureewwan adda addaa irratti ogeessotaaf leenjii kenne.
Leenjiin kun guyyoota lamaaf kan ture yammuu ta’u leenjii dhimma murtii taaksii fi cashing irratti kutaa magaalaa fi Aanaa irraa ogeessoota 138f akka kenname dameen barumsaa fi komii gabaasee jira.
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa kenna tajaajilaa wayya’aa ta’e kennuu keessatti Ogeessoota dandeettii fi gahumsa cimaa ta’e horachuudhaaf leenjiin wal-irraa hin cinne kennamuun barbaachisaa sababa ta’eef waajjiraaleen Godinaa, Magaalotaa, Kutaa Magaalaa fi Aanaa sochii kana ciminaan akka itti fufan dhaamsa dabarsa.
$$$
Horaa Bulaa!!!
17/08/2023
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Kaffaltoota Taaksiif leenjii kenne.
@@@
Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti waajjirri Damee Finfinnee Kaffaltoota gibiraa Taaksii mootummaa waajjira ol'aanaatti kaffalaniif akkaataa kaffaltii Taaksii mala elekttironiksii (e-tax) tiin kaffaluu danda'amu irratti leenjii gabaabaa kennee Jira.
Kaffaltiin Taaksii mala kanatti dhufuun Isaa tutuqaa Adda addaarraa bilisa ta'uu bira darbee qisaasama yeroo KG hambisuu keessatti shoora ol'aanaa Akka qabu leenjifamtoonni kaasanii jiru.
@@@
Galatoomaa!
26/06/2022
Adoolessa 01/2014
Hojiile gurguddoo gaafa kana xiyyeeffannoo barbaadan:
saaqiinsa sassaabbii gibiraa sadarkaa 'C' akka ta'e ifatti beeksisuu,
guddistuutti fayyadamuun bakkeewwan sagaleen dhaga'amuu danda'utti dubbachuun hawaasni marti akka beeku taasisuu,
guyyaa saaqiinsaa ibsu adda addaa qopheessuun Magaalaa keessatti bakka mul'achuu danda'utti maxxansuu,
akka argamaniif qaamolee hawaasaa, kaffaltoota gibiraa, hojjettoota mootummaa fi miti mootummaa akkasumas qooda fudhattoota affeeruu,
saaqiinsaa kun bakka Hooggantoonni olaanoo, bulchaa Aanaa, kantiibaa magaalaa ykn dura bu'aa gandaa argamanitti sirna ho'aa ta'een akka saaqamu gochu,
bunaa fi shaayii qopheessuu,
gibiraa guyyaa sana argamaniif bakka haara galfii /sheeddii ykn wanta gaaddisa ta'uu danda'u qopheessuu,
# Kaffaltoota taaksii guyyaa sana dhiyaatanii taaksii beeksisaniif beekamtii kennuu,
beeeksisaaf miidiyaa bakka sanatti argamuu danda'an /OBN ykn komunikeeshinii magaalaa ykn Aanaa, Miidiyaa hawaasaa waajjiraa/tti fayyadamuun qilleensarra akka oolu gochuu,
hojii tajaajila tolaa taaksii tiif galma'anii jiran guyyaa sana uffataa seeraa qophaa'eef uffatanii dhaabbachuun kaffalaa gibiraa akka simatan taasisuu,
kana hojjettoootni Waajjira Galiiwwanii ganamaa hanga galgalaatti iddoo hojiitti argamuun hojii idilee cinatti hojii beeksisaa fi sosochii taaksii akka hojjetan taasisuun hojicha bifa ho'aa ta'een eegaluu qabna.
&&&&&&&
'umsa keenya yoo bareechine hojii waggaa keessatti hojjechuuf karoorfanne bifa gaarii ta'een raawwannee galma barbaadame bira akka geenyu shakkii hin qabnu.
Bara hojii gaarii isinniif haa ta'u !!!