Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Share

OJCVB

15/04/2026

Kalaqni Ifaa Daandiirraa Kolleejjii Poolii Teeknika Carcariin hojjetame miidhagina magaalaa Ciroo dabalaa jiraachuun ibsame.

Bal'ina isaa OBN akka itti aanutti dhiyeesseera.

Photos from Oromia Communication Bureau's post 13/04/2026
Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 09/04/2026

Carraa hojii ogummaan durfamu, badhaadhina hunda galeessaaf!
*********
Godina Jimmaatti waltajjiin Mana Maree Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa qooda fudhattoota sadarkaan jiran waliin gaggeeffameera.

Waltajjii kanaan raawwiin hojii baatiiwwan saglan darbanii dhiyaatee kan qoratame yemmuu ta'u, mirtoowwan gara garaa dabarsuun xumuramee jira.

Gabaasni raawwii hojii seektarichaa fi kan istiriingii qonnaa hirmaattotaaf kan dhiyaate yemmuu ta'u, mariinis irratti gaggeeffamee jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Jimmaa Obbo Yaaziid Abbaa Garoo, bara kana hoji barbaaddotaaf carraa hojii ogummaan deeggarame uumuudhaan diinagdee lammilee guddisuuf xiyyeeffannaoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun, carraa hojii dhaabbiifi yeroo dargaggootaa uumuun paakeejiiwwan deeggarsaa kanneen akka leenjii, kenna liqii, deeggarsa iddoo oomishaa fi gurgurtaa akkasumas tajaajila qabiinsa faayinaansiifi odiitiirratti qindoomina sektaraalee dhimmi ilaalu waliin hojjatamaa akka jiru dubbataniiru.

Ittigaafatamtuun damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadir, mootummaan carraa hojii dargaggootaa uumuun dargaggoota diinagdeen cimsuuf xiyyeeffannoofi kutannoon hojjachaafi hordofaa jiraachuusaa himuun, hojiilee kunneen jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuu bira darbee guddina biyyaa keessattis qooda olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.

Bulchaa Ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yuusuf Shaaroo, mootummaan jijjiiramaa dargaggootni eeggattummaa diinagdee keessaa bahuun damee hojii garagaraa irratti bobba'uun hojii akka uummataniif caalmaatti hojjachaa jiraachuu himuun, akka godinichaattis pootenshaala carraa hojii uumuu dandanda'an addaan baasuun dargaggoota hoji barbaaddota calaluun hojitti galchuun danda'amuusaa dubbataniiru.

Hojiin carraa hojii uumuu kun seektara tokko qofaan kan milkaa'u waan hin taaneef sektaroonni qindoominaa xiyyeeffannoofi kaka'umsa olaanaan hojjachuu akka qaban kallattii kan kaa'an Obbo Yuusuf, hoggansi sadarkaan jiru itti dhiyeenyaan xiyyeeffannoo kennee karoora hojii carraa hojii uumuuf qabame milkeessuun fayyadamummaa dargaggeessaa dhugoomsuu akka qabus dubbataniiru.

Waltajjii kanarratti hoggantooni sadarkaa Godinaafi Aanaalee, kantiibonni akkasumas hoggantoonni Baankii Siinqeefi diiniin kolleejjota BLTO qooda fudhataniiru.
Waajjira Kominikeeshinii Godina Jimmaatu gabaase.

Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 09/04/2026

Hojiilee kalaqa teekinooloojii hojjetamaa jiraniifi Leenjii Teeknikaaf Ogummaa kennamaa jiruun bu'aaleen abdachiisaa ta'an galmaa'aa jiraachuu Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee beeksise.

Eebla 01, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjichatti hojiilee kalaqa teekinooloojii hojjetamaa jiraniifi Leenjii Teeknikaaf Ogummaa kennamaa jiruun bu'aaleen abdachiisaa ta'an galmaa'aa jiraachuu Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee ibse.

Koollejjichi Gosoota Oguummaa kalaqaa gagaraatiin barattoota Tiyooriifi qabatamaan Shakalanii akka gahoomaniif haala mijataa uumuun barsiisaa jiraachuu Diiniin koolleejjii Poolii Teeknikaa Shaashamannee obbo Abdurahmaan Garee himaniiru.

Leenjifamtoonni hedduun kolleejjichatti leenji'aa turan ofii isaaniifi biyyaa keenyaaf bu'aa olaanaa buusaa jiraachuu himuun, kollejjichi carraa qabu dhimmoota hawaasa naannoo fayyadamaa taasisuuf kutannoon hojjachuuf qophii ta'uu obbo Abdurahmaan eeraniiru.

Yeroo ammaa kana leenjifamtoonni kolleejjichatti leenji'aa jiran yaada kennaniin carraafi haalli mijataan jiru barnoota isaanii ogummaa kalaqaa qaban daraan akka gabbifataniif haalli mijataa kan isaaniif uumame ta'uu himanii jiru.

Gama kalaqaatiinis teeknooloojiwwan hawaasa fayyadan uumuun hojiin bu'a qabeessi jiraachuu immoo leenjistoonni koollejjii Poolii Teeknika Shaashamannee ibsaniiru.

Kolleejjichi hawaasa ogummaa gonfateen jiruuf jireenya isaa fooyyeffatu uumuufi hojiilee kalaqaa cimsuun rakkoo hawaasaa furuu keessatti gaheen olaanaa bahachaa jiraachuu obbo Abdurahmaan himaniiru.

Maddi: Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaashamannee.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZS9dwSAk7j2UJ-wfZRC/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

09/04/2026

Dhaweessummaa Guddina Diinagdee Biyyaaf!

Photos from የሥራና ክህሎት ሚኒስቴር - ኢትዮጵያ / Ministry of Labor and Skills- Ethiopia's post 06/04/2026
Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 04/04/2026

Godina Booranaatti, Kolleejjonni Kilaastera Yaaballoo leenjifamtoota Poolii Teeknika Yaaballoo fi BLTO Horsiisee Bulaa Yaaballoo,leenjifamtoota ogummaa garagaraan leenjisaa ture,eebbise.

Sirni eebba leenjifamtootaa kana irratti,qaamoleen mootummaa,naannoo,hoggantoonni,barsiisonni fi maatiin leenjifamtootaa hedduun irratti argamaniiru.

Eebba marsaa kanaanis,dargaggootaa horsiisee bulaa dameewwan ogummaa gara garaa 16 irratti leenjisuun,dargaggoonni ofi-danda'anii hojii uummachun carraa hojii dhuunfaa fi mootummaa keessatti qooda akka fudhatanif qopheessuu hooggana Kilaasterichaa fi Diinii Kolleejjii Poolii Teeknikaa Yaaballoo Instiraaktera Elemaa Moluu dubbatu.

Marsaa leenjii kanaanis,leenjifamtoota kilaasterichaa,1027 leenjisaa ture,eebbisus eeraniiru.

Hooggana Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injiner Eebbaa Garbaa haasawa taasisaniin, dandeettii dargaggootaa cimsuu fi hojii dhabummaa hir’isuuf hojiiwwan akkasii daran jabeessuun barbaachisaa ta’uu.

Bulchaa bulchiinsa Godina Booranaa Obboo Abdussalaam Waariyoo haasawa taasisaniin, mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi sagantaalee leenjii akkasii babal’isuun, misooma naannichaa saffisiisuu keessatti gahee isaanii bahachuu isaanii galateeffataniiru.

Lee.jifamtoonnkaleessaa,eebbifamtoonni guyyaa hardhaa,carraa ogummaa gara-garaa argattan kanaan hawaasa keessan cinaa dhaabbachuun,misooma naannichaa saffisiisuu akka qaban dhaaman.

Leenjifamtoonni eebbifamanis, yaada kennuun,ogummaa argatanitti fayyadamuun hojii uummachun hojjatanii ofii isaaniti fi hawaasa isaanii tajaajiluuf murannoo qabaachuu dubbatu.

Maddi: Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaati.

Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 03/04/2026

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Bureetti Dargaggoota hojiidhabeeyyii 886 hojii qonnaa irratti bobba'uuf waldaan gurmaa'aniif lafti qonna qindaa’aa kenname.

Bitootessa 25, 2018 (Komn.BCHUOO)- Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Bureetti dargaggoota hojiidhabeeyyii 886 hojii qonnaa irratti bobba'uuf waldaan gurmaa'aniif lafti heektaarri 400 ol dabarfamee kennameera.

Dargaggonni lafa qonna qindaa’aa argatan kunneen kanaan dura hojii malee maatiitti hirkatanii akka jiraatan himuun carraa lafaa argatan kanaan misoomsanii oomish*tummaa isaanii guddisuun diinagdeen of ijaaruuf kan hojjetan ta’u himan.

Aanaa Bureetti bara kana qofa dargaggoonni Kuma 6 ol waldaalee 446 ijaaramuun damee qonnaa dabalate hojiiwwan birootiin carraan hojii uumamuufii kan ibsan, Bulchaa Aanichaa obbo Usmaan Taaffasaa, Dargaggoonni kunneen hanga of danda’anitti deeggarsa hunda kan taasisaniif ta’uus himaniiru.

Carraa lafaafi bishaanii qabnutti fayyadamuun ji’ottan salgan darban kana dargaggoota Kuma 28 oliif lafti heektaarri Kuma 6 ol kan laatame ta’uu kan dubbatan, Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafariiti.

Dargaggoonni carraa kana argatan hojjetanii hirkatummaa keessaa bahuun diinagdeen of danda’uu akka qaban obbo Indaalkaachoon dhaamaniiru.

Maddi: miidiyaa hawaasaa OBN

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZS9dwSAk7j2UJ-wfZRC/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 02/04/2026

Agarsiisa imala milkaa'inaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Guyyaa 2ffaa.

Bitootessa 24, 2018 (Komn.BCHUOO)- Baazaariifi Egzibiishiniin agarsiisa raawwii misooma ogummaa, carraa hojii uumuu, kalaqa teekinooloojiifi yaadama dhaweessummaa babal'isuu guyyaa lammaffaaf ittifufiinsaan qaamolee garaagaraan daawwatamaa jira.

"BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamuufi Ittifufiinsa Qabu Uumuuf Kan Onnate!"

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZS9dwSAk7j2UJ-wfZRC/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Photos from Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa's post 02/04/2026

Bitootessa 24: Bu'uura Jijjiiramaafi Hundee Badhaadhina Itoophiyaa.

Hojjettoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kabaja guyyaa seenaa qabeessa Bitootessa 24 sadarkaa naannootti sosochii ispoortiifi sirnoota garagaraan gaggeeffame irratti hirmaachuun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban agarsiisanii jiru.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address

Addis Ababa