Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa, Government Organization, Oromia, Addis Ababa.

08/12/2017


Guyyaa 06-08/04/2010 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa / Gadaa Hall/ Raawwiin hojii sektara Geejjibaa Kan ji’a 5 fi madaallii kurmaana tokkoffaa iddoo Hooggansi Naannoo / Waajira Piresidaantii , Waajjirri Dhaabaa fi Komishiniin Karooraa / argamutti guyyaa sadiif ni gaggeefama.
A. Hirmaattota :
1. Itti Gaafatamaa/ttuu/ Abbaa Taayitaa Geejiba Godina 20 fi Magaaloata 19
2. Itti Gaafatamaa /tttuu/ Abbaa Taayitaa Geejjibaa Aanaalee
3. Itti Gaafatamaa/ttuu/ Abbaa Taayitaa Geejjibaa Magaalota Itti waamamni isaanii Godinaaf ta’e ta’uu beektanii harcaatii malee akka argamtan hubachiifna.

07/12/2017


Sadarkaa guddinnii fi fedhiin hawaasaa irra gahe irraa ka’uun tajaajila Geejjiba ammayyaa diriirssuun barbaachisaa dha .

Kana dhugoomsuuf immoo humna baratee gahumsa qabuun yoo deegarame dha .
Kana irraa ka’uudhaan Abbaan Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa barattoota ogummaa Awutomootivii fi Makaanikaal Injinariingii caasaa Mootummaa sadarkaa hundaatti ogummaa Dhaan guutuu, Dhaabilee Leenjii gahumsa Konkolaachisaa sadarkaa hundaa jiran nama ogummaa kana qabuun guutuu fi Waldaalee Geejjibaa Deddeebisa Uummataa hundaa Hoj-gaggeessaa isaanii irraa kaasee hanga teekinikaatti ogumaa armaan armaan oliittiin akka guutaman seera baasuu fi hojiitti akka hiikaman taasifamaa jiru .

Kanaaf , Eebifamtoonni ogummaa armaan olitti qabdaanii fi Godina ykn Magaalota waajira Abbaa Taayitaa Geejjiba Sadarkaan jiru biratti galmooftan fi maqaan keessan gara Biiroo Abbaa Taayitaa Geejjiba Naannoof darbe hunduu:-
1. Gaafa 06/04/2010 ; sa’a 2:30 irraatti waraqaa eenyummaa Ganda keessan irraa qabachuun,
2. Ragaa Barnootaa Eebifamtoota bara 2009 ta’uu keessan ibsuu fi ogummaa keessan ibsu
3. Hoj- Dhabdoota ta’uu keessan Xalayaa deeggarsaa Waajira Carraa Uumuu Magaalotaa irraa qabattanii
4. Adaamaa Jiddu- Gala Leenjii Terkinishaanota ogummaa Geejjibaatti akka argamtan waamicha dhiyeessina

05/10/2017

; Odeeffanoof akka isinii ta’uuuf..!!
******++
Namoonni Dhhaabilee Leenjii gahumsa Konkolaachisaa/ Driving license training center/ biraatti galmaa’uun waraqaa gahumsaa/ Driving license / argachuu barbaaddan ; Dhaabilee warra heyyama leenjii bara 2010tiif akka kennamuuf madaalamanii darban maqaa guutuu fi Godina/Magaala/ Itti argaman guyyaa lamaan dhufu keessatti waan maxxansinuuf maallaqa keessan seeraan ala akka hin qisaasessine akka hubattan ta’ee Otoo galmooftanii maallaqa keessaa hin kaffaliin heyyama bara 2010 Qabaachuu fi hin qabaannee isaanii mirkaneefachuundirqama keessan ta’uu ibsina.

******
Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa

Photos from Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa's post 04/10/2017

የኦሮሚያ ትራንስፖርት ባለሥልጣን በተለያየ ጊዜ የአሽከርካሪዎች ማሠልጠኛ ተቋሟት፤ አሽከርካሪዎችን በብቃት እንዲያሰለጥኑ እስታንዳርድ አዘጋጅቶ ሥራ ላይ ሲያውል ቆይቷል። የነዘህ ተቋማት የማስፈጸም አቅም እንዲጎለብት የሚያግዝ ሥልጠናም ሲሰጥ ነበር።

በተደረገው ድጋፍ እና ክትትል 2009 በጀት ዓመት ከተመዘኑት መካከል ፤ 78ቱ መመዘኛውን አሟልቶ ስለተገኙ ፍቃዳቸውን አዲያድሱ ሲደረጉ መመዘኛውን ያላሟሉ እና በሀሰት መረጃ ሲጠቀሙ የነበሩ 33 ተቋማት ደግሞ እንዲዘጉ ተደርጓል።

መመዘኛውን አሟልቶ ፍቃዳቸውን እንዲያድሱ ከተፈቀደላቸው መካከል 12ቱ እንደ ክልላችን እንዚህን ተቋማት ለመመዘን ሥራ ላይ ከዋለው መመዘኛ ነጥብ እጅግ ከፍተኛ ነጥብ ያስመዘገቡ ስለሆኑ እውቅናና ሠርትፍኬት የሚሰጣቸው ናቸው።

ይህ በእንዲህ እንዳለ በተለያየ ጊዜ እነዚህን ተቋማት የተለያዩ ጥያቄዎችን ፣ የአሠልጣኞች ሙያ ማረጋገጫ "Aproval" እና የቴክኒሺያኖች ሙያ ማረጋገጫ(COC) እንዲሁም በትራንስፖርት ሴክተር ውስጥ የነበረውን ችግር ለመፍታት ከነገ ጀምሮ፤ በአውቶሞቲቭ እና ተዛማጅ የሙያ ዘርፍ የመጀመሪያ ድግሪ እና ከዚያ በላይ የት/ት ደረጃ ላላቸው 350 ባለሙያዎች በአዳማ ቴክኒሺያኖች ማሠልጠኛ ማዕከል ይሰጣል።ይህ ደግሞ በዚህ በኩል የሚነሳውን ጥያቄ ይፈታል፤ ለወጣቶቻችንም የሥራ እድል የይከፍታል።

የኦሮሚያ ትራንስፖርት ባለሥልጣን በክልል ደረጃ የዘመነ የትራንስፖርት አገልግሎት ለመፍጠር የጀመረውን ሥራ አጠናክሮ የሚቀጥል ይሆናል።
በተጨማሪም በሠው ኃይል አቅም ማንስ ምክኒያት የተሽከርካሪ ብቃት ማረጋገጫ እና አሽከርካሪ ብቃት ማሠልጠኛ ተቋማት ላይ ሲታይ የነበረውን የሥልጠና ችግር ለማስተካከል አቅማቸውን አጠናክሮ በዚህ በኩል የሚነሳውን አደጋ ለመቀነስ ከምን ጊዜም በላይ ትኩረት ሠጥቶ የሚሠራ መሆኑን ገልጿል።

እንደ ክልላችን እየደረሠ ያለውን የትራፊክ አደጋ እና በዚሁ ምክኒያት እየተቀጠፈ ያለውን ውድ የሆነውን የሠው ህይወት ፤ በትብብር ለመከላከል የኦሮሞ አባገዳዎች ደምባቸውን አጽድቆ ሥራ ላይ ለማዋል ሠፊ ዝግጅት ተጀምሯል "Vision-2025" የአባ ገዳ ደንብ(Tumaa Abbaa Gadaa) "Dogoggora kootiin Lubbuun nama tokkoo balaa Tiraafikaatiin hindarbu"
"በእኔ ስህተት የአንድም ሰው ሕይወት በትራፊክ አደጋ ልያልፍ አይገባም"
"No one should die in traffic accident due to my error "
በአጭር ጊዜ ውሰጥ ወደ ሥራ በመግባት ሥራ የሚጀምር ይሆናል።
በአዳማ የትራንስፖርት ባለሥልጣን የሥልጠና ማዕከል በሚካሄደው መድረክ ላይ የሥልጠና ተቋሟት በ2010 የሠልጣኞች ቅበላ ነጥብ እና መመሪያ ለውይይት ይቀርባል።

03/10/2017


Abbaan Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa Yeroo adda Addaa deegarsaa fi hordoffii dhaabilee Leenjii gahumsa Konkolaachisaa gahumsaan akka leenjisaniif seerotaa fi Istaandardii qopheessee hojii irra oolchaa tureera. Leenjiin humna raawwachiiftummaa dhaabilee kanaa cimsuus Yeroo adda Addaa kennamaa tureera.
Istaandardii leenjiif ta'us qophaa'ee kennamaa tureera.

Deeggarsaa fi hordoffii taasifameen bara baajeta 2009 madaalamanii heyyema gahumsa konkolaachisaa Kan akka haarofatan madaallii guutan 78 yoo ta'an kan madaallii Otoo hin guutiin hafanii fi waraqaa sobaatiin Otoo leenjii hin kenniin gahoomsuuf ragaan irratti argame immoo 33 akka cufaman taasifamaniiru.

Warra madaallii guutanii heyyema akka haaromfatan murtaa'e keessa 12 immoo gahumsa baayy'ee ol'aanaa fi qabxii madaallii akka naannoo keenyaatti dhaabilee leenjii Ittiin madaaluuf hojii irra ooleen warra waraqaa Ragaa raawwii hojii isaaniitiif beekamtiin kennamuuf ta'uun beekameera.

Gama biraatiin, gaaffii Yeroo adda Addaa dhaabileen kun gaafachaa turanii fi ogummaa leenjisaa " Aproval" fi mirkaneessa gahumsa ogummaa teekinishaanotaa / COC/ sektara geejjibaa keessa ture hiikuuf ogeessota Awutomotiivii fi Kan walfakkaatuun digirii jalqabaa fi isaan ol qaban 350f jiddu gala Leenjii ogummaa teekinishaanota Geejjibaa Magaalaa Adaamaatti boru jalqabee ni kennama.
Kunis rakkina gama kanaan jiru ni hiika, dargaggoota keenyas carraa hojii ni banaaf.
Abbaan Taayitaa Geejjiba oromiyaa Tajaajila geejjibaa ammaayy'aa sadarkaa naannootti uumuuf hojii bal'aa jalqabe Kan cimsee Itti Fufuu fi dhaabilee leenjii gahumsa Konkolaataa fi Konkolaachisaa rakkina gahumsa humna namaatiin leenjii irratti rakkoo Uumaa turan sirreessuun akkuma jirutti ta'ee humna isaanii cimsatanii balaa gama kanaan dhufu xiqqeessuuf yoomiyyuu caalaa Kan hojetu ta'uu ibseera.
Balaa tiraafikaa akka naannoo keenyaatti gahaa jiruu fi Lubbuu Hawaasa keenyaa galafachaa jiru qindoominaan qolachuuf Abbootiin Gadaa oromoo tumaa isaan tuman hojii irra oolchuuf qophiin bal'aa Kan jalqabame fi " Vision -2025 " : Tumaa Odaa Bultum :

“ Dogoggora kootiin Lubbuun nama tokko balaa tiraafikatiin hin bahu”
“በእኔ ስህተት የአንድም ሰው ሕይወት በትራፊክ አደጋ ሊያልፍ አይገባም”
“No one should die in traffic due to my error.”
Yeroo gabaabaatti hojii keessa galuuf Kan hojetamu ta'a .
Waltajjii boru Adaamaa Judu- gala leenjii Abbaa Taayitaa Geejjibaatti gaggeefamu irratti qabxii fi qajeelfamni dhaabileen leenjii barattoota bara 2010f leenjiif galmeessan mariif ni dhiyaata.

15/08/2017

Beeksisa:-
**...Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa karoora misooma humna namaa sadarkaa hundaatti cimsuu fi tajaajila sektarichaa gahumsaan hoogganuuf Ogeessota gosa barnoota Awutomootivii digirii jalqabaa fi isaa ol qabanii hojii malee taa'an leenjii gahumsa ogummaa jiddu gala Adaamaatti kennuu barbaada.
Kanaafuu, ogeessonni gosa barumsa kana qabdan ragaa barumsa keessanii qabattanii waajira Abbaa Taayitaa Geejjibaa Magaalaa ykn Godina dhihoo keessanitti argamutti guyyaa beeksifni kun TVO irra oolee kaaftanii akka galmooftan isin beeksisa.
**
Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa.

15/08/2017

Miltoo “A” Badiiwwan konkolaachisaan raawwataman fi Gulantaa adabbii
Gulaantaa adabbii 1ffaa
Heeyyama seeraa malee konkolaataa kan harkisee
Spoondaa yookiin haammattuu fe’umsaa hojjetameef osoo hin qabaatiin fe’umsa fe’ee kan konkolaachisee
Sagalee fiingee (xurumbaa) iddoo dhowwamaatti yookiin seeraan ala kan fayyadamee yookiin sagalee akeekkachistuu seeran ala kan fayyadamee
Konkolaachisaa daandii irratti konkolaataa kan dhiqee yookiin akka dhiqamuu kan taasise
Iddoo dhaabbii Awuutoobisii, daandii lafoo deemtoota irratti yookiin ibsaa tiraafikaa cinaatti, balbala seensaa fi bahiinsa konkolaataa irratti, konkolaataa dhaabbatee irratti dabalamuun, sababa mallattoo tiraafikaatiin iddoo dhaabbachuu hin danda’amneetti konkolaataa kan dhaabe
Yeroo turmaata haayyamameef ol tursisuun konkolaataa daandiirra kan dhaabe
Konkolaachisaan golgaawwaan dandeetti arguu isa dhoorkan, maxxantuu plastikaa yookiin wantoota biroo konkolaataa irratti kan kaa’e yookiin kan maxxanfate
Ariitii seeran haayyamameen gadi kan konkolaachise yookiin daandii hededa mirgaa osoo hin qabiin suuta kan konkolaachise
Baadhee (Heelmeeti) mataa isaa irra osoo hin kaawwatiin yookiin kaawwatee osoo hin hidhatiin saaykilii kan konkolaachisee
Sagalee humnaa ol dhageessisaa kan konkolaachise
Hayyama konkolaachisummaa osoo harkatti hin qabatiin kan konkolaachise yookiin Hayyama konkolaachisummaa osoo hin haaromsiin kan konkolaachise.
Mallattoo seeraan hayyamame osoo hin agarsisiin kan naanna’e, kallattii jijjiiree, konkolaataa dursee yookiin konkolaataa dhaabe
Konkolaataa keessatti meeshaaleen gargaarsa duraa guutuu fi meeshaa balaa tasaa itti dhaamuu hojjetu osoo hin qabaatiin konkolaataa daldalaa kan konkolaachisee
Konkolaachisaa daandii irratti dhangala’aa yookiin cirracha dhangalaasee yookiin gatee kan hin qulqulleessine.

15/08/2017


Oduu dharaa.
" Balaa konkolaataa ganama har'aa Godina Shawaa Kaabaa naannoo Magaalaa Guwaatsiyonitti qaqqabeen Lubbuun_namoota_26 galaafatameera" kan jedhu miidiyaa hawaasaa (fb) irra deddeeni'aa jiru sobaa fi dhugaa irraa kan fagaate ta'uu Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Geejjibaa godina Kaaba shawaa fi Polisiin godinichaa himan.
Kanaafuu,yeroo ammaa nageenyi tiraafikaa naannoo keenyaa haala gaarii fi to'annoon cimee kan Itti fufe waan ta'eef , hawaasni keenya xiyyeeffannoo guddaa kennuun Akka imaalu gaafachaa dubbii sobaan uummata keenya warri sammuu hatuu barbaadu gocha isaa irraa Akka ofqusatuu dhaamsa keenya.

Photos from Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa's post 15/08/2017


Sektara Geejjibaa fi tajaajila isaa bu'urarraa jijjiiruu fi bu'aan dinagdee fi hawaasummaa ol'aanaan akka argamuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii itti fufu.
Leenjiin gamaggamaan deeggarame qooda fudhattootaa fi hojjettoota sektarichaa sadarkaa walii galuu irra darbee jijjiirama ofi irraa kaasanii fiduu akka danda'an kan walii galche dha.
Torban kan gara dhumaas sochiin kun kan itti fufu yoo ta'u waldaalee geejjibaa deddeebisa Uummataa waliin sadarkaa cimaatti ni mari'atama.
Waldaaleen geejjibaa deddeebisa Uummataa akka Naannoo keenyaatti 111 kan jiran yoo ta'u miseensa bordii isaanii dabalatee kallattiin hojii kana keessatti qooda kan qaban hundaa ni hammata.
Dambiin 193 fi 194/2009 dhiyeessii tajaajila geejjibaa sarara hundaa fi nageenya Tiraafikaa Karaa hunda galeessa ta'een kan hojii irra oolu ta'a.
Waldaaleen geejjiba birgayii / Intermediate transport/ fi taajaajila geejjibaa magaalota keessaas bal'inaan ni mari'atama.

Photos from Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa's post 13/08/2017
01/08/2017


Dhiyeessiin tajaajila Geejjibaa qaxxamura biyyaa keessumaayyuu Finfinnee - Dambidoolloo fi Gaabbellaa waggaa dheeraaf rakkina ture guyyaa 24/11/2009 irraa kaasee dhiyeessii dabaluudhaan rakkinni akka hiikamu ta'eera. Sarara biroos rakkina kana hiikuun keenya Itti fufa.
Have a safest drive ..!

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Oromia
Addis Ababa