Oromia prosperity Party

Oromia prosperity Party

Share

Prosperity for All Ethiopian People

Photos from Oromia prosperity Party's post 18/04/2024

Daandii Nagaatu Injifannoo Iticha!
= = =
Injifannoo amma harkaa qabnu itichuun rakkoo biyya kanaa hundeerraa furree galma badhaadhina biyya kanaa milkeessuun kan danda'amu daandii nagaa hordofuunidha.

Biyya keenyatti nagaa waaraa fiduuf humni nageenyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa'aa humnoota farra nageenya biyya keenyaa ta'an irratti fudhachaa jira. Kanaanis murnoonni farra nageenyaa baay'een booji'amaa kan jiran yoo ta'u kaan isaanii ammoo karaa nagaa waamicha mootummaa kabajanii galaa jiru.

Haaluma kanaan Aanaalee Godina Shawaa Lixaafi Godina Wallagga Bahaatti miseensonni ABO Shanee baay'een isaanii daandii nagaa filachuun harka yoo laatan kaan isaanis booji'amaaniiru.

18/04/2024

Nageenyi amansiisaan tumsa lammiileetiin mirkanaaha!
*******
Nageenyi biyya keenyaa amansiisaa ta'ee itti fufuu kan danda'u namni hunduu dhimma nageenyaatiif xiyyeeffannaa kennee yoo hojjatee fi wantoota nageenya booressan irratti araarama tokko male qabsaahuu yoo danda'edha.

Danqaawwan ida'amuu fi qormaata nageenyaa dhimmoota ta'an keessaa finxaalessummaan isa ijoo yoo ta'u, finxaalessummaan ilaalcha hamaa fedhii ofii humnaan kan biraa irratti fe'uu fi humnaan fudhachiisuu irratti kan xiyyeeffatu, ijjannoo fiixeetti bahaa fi ibsituu boodatti hafummaati.

Ka'umsi finxaalessummaa fedhii dhuunfaa kan bu'uureffate yoo ta'u, yaada biraa fudhachuuf kan rakkatu, faayidaa waliiniif osoo hin taane fedhii qeenxee fi garee tokkootiif kan dhaabbatu, ibsituu boodatti hafummaati.

Itoophiyaan biyya yaada, aadaa, afaanii fi amantaa hedduu waan taateef ilaalchi fi gochi finxaalessummaa tokkummaa fi waliin jireenya lammiilee irratti dhiibbaa uumuudhaan boora'uu nageenyaatiif ka'umsa ta'uun rakkoolee garaa garaa qaqqabsiisaa turee jira.

Kanaaf finxaalessummaan ilaalcha hamaa obbolummaa lammiilee diiguudhaan nageenya biyya rakkoof saaxilu waan ta'eef gufuu imala keenyaa kana irraa fagaannee, iddoo jirru hundatti nageenya keenya eeggachuu fi kunuunsuudhaan biyya naga qabeettii badhaadhinatti tarkaanfatte dhugoomsuuf tumsuu qabna.
!

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address

Addis Ababa