Kominikeeshinii Kuta Magaala Lammii Kuraa Aanaa 05
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Kuta Magaala Lammii Kuraa Aanaa 05, Government Official, Samit, Addis Ababa.
05/01/2026
Ayyaana Qillee dhufaa jiru sababeeffachuun,hawaasa haala jireenyaa galii gadi aanaa keessa Jiraniif sagantaan maaddii qooduu taasifame.
kutaa magaalaa Lammii Kuraa bilchiinsa aanaa 05tti ayyaana Qillee bara 2018 kabajamu sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii ta'aniif sagantaa maaddii qooduu gaggeeffameera.
bulchiinsa aanaa 05tti hoogganaa paartii badhaadhinaa damee lammii kuraa aanaa shanii kan ta'an adde Jambar Taklee saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, ayyaana Qillee ayyaana waloomaa, gamtaafi waliin gabataa qooddanne waan ta'eef gammachuu guddaan kan nutti dhagahamu ta'uu fi ayyaana qillee bu'uureffachuun namoota dadhaboo akkasumas harka qalleeyyii keenya gargaaruu waan ta’eef, invastarootaa fi tola ooltota qindeessuun hawaasa galii gadi aanaa qaban jaalalaa fi gammachuudhaan ayyanicha akka kabajan eeranii jiru.
Akka kutaa magaalaattis ta'ee akka aanaa05tti hojiiwwan jiruuf jireenya hawaasa keenyaa fooyyessuuf gama hundaan hojjetamaa jiran kan abdii namatti horan ta'uus ibsaniiru.
Bulchiinsa Aanaa Shaniitti Hoogganaan biiroo deeggarsaafi tola ooltummaa obbo Ayimanot Balaayi gama isaanitiin ayyaana qillee bara kanaa baga ittiin isin gahe jechaa sagantaa ayyanicha sababeeffachuun maaddii qooddachuu geggeesine kanaan kutaalee hawaasaa kuma sadi oliif maaddii qooduun danda'ameera.
Kanas galmaan ga'uun kan danda'ame abbootti qabeenyaa, daldaltoota aanaa keenyaa fi hooggantoota aanaa gooxii adda addaa irratti argamaniin kan galma gahe ta'uufi gamanumaan galateeffachuun barbaada jedhaniiru.
Ayyaana Gaarii!!
kominikeeshinii aanaa05
Mudde 27/04/2018
25/11/2025
Hojiin Maaddii Qooddachuu Fooyya'iinsa Jiruu Hawaasaa Keessatti Gahee Olaanaa Qabaachuu Ibsame.
Kutaa magaalaa lammii kuraa bulchiinsa aanaa 05tti hojiin maaddii qooddachuu haala fooyya'iinsa jiruu hawaasaa fi tasgabbii gabaa qaala'iinsa jireenyaatiin wal qabatee uummame furuu keessatti qooda guddaa qabaachuusaa ibsame.
bulchiinsa aanaa shaniitti hojiileen gabataa qooddachuu fi hojiiwwan idilee damee qonna magaalaatiin hojjetaman kanneen akka Oomishaalee midhaan gannaa, horsiisa loonii, horsiisa lukkuu, horsiisa kanniisaa mala ammayyaa, jallisiin fuduraafi mudura adda addaa fi kan kana fakkaataniin hojiiwwan hojjetaman wajjirri kominikeeshinii fi wajjirri misooma qonna magaalaa waliin ta'uun daawwannaa hojii taasiseera.
daawwannaa kanaanis aanichatti iddoowwan hojiilee kanaan misooman mooraa mana barumsa Andoodee sadarkaa 2ffaa, mooraa buufata fayyaa saamit, mooraa mana amantaa maatiyaamii bashaallee fi kanneen biroo tahuu odeeffanneerra.
Akkasumas aanichatti wajirri misooma qonna magaalaa karoora hojii guyyoota 120 qabame milkeessudhaaf tumsa hojii gabataa qooddachuu kessatti barbaachisan kanneen akka sanyii filatamaa dhiyeessuu, dhiyeessii xaa'oo fi kan birootin hawaasa bira dhaabbachuu isaanii ibsaniiru.
Dabalataanis hojiin oomisha gannaa sassaabuu irratti osoo omishni isaanii balaa adda addaattif hin saaxilamin akka yeroon walitti qaban oggeeyyin wajjira qonna magaalaa bulchiinsa aanaa shanii dhaamsa dabarsaniiru.
Sadaasa 16/2018 A/ L/I
Kominikeeshinii Aanaa 05
19/11/2025
Guyyaa Tajaajiltummaa Tajaajilamaa Qofaaf !!
Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Bulchiinsa Aanaa 05tti waajjiraaleen mootummaa hunda keessatti "Guyyaa tajaajiltumaa tajaajilamaa qofaaf" dhaadannoo jedhuun torban torbaniin roobii fi jimaata yeroo hundumaa kenniinsa tajaajila hawaasaaf hooggantoonni waajjiraalee mootummaa, abbaa adeemsa wajjiraalee fi ogeeyyiin waajiraalee hundi hojii isaanirratti argamuun tajaajila barbaachisaa ta'e hawaasaaf kennaa jiraachuu isaanii ibsameera.
Guyyaa har'aa waajirri kominikeeshinii fi waajirri tajaajila hawaasaa fi misooma humna namaa aanaa 05 waliin ta'uun haala hojii kenniinsa tajaajilaa hawaasaa aanichaa irratti daawwannaa taasiseen tajaajilamtoonni hawaasaa tajaajila argachuuf gara waajiraalee adda addaa dhufan dubbisuun mirkaneeffachuu danda'eera.
Akka yaada tajaajilamtoonni tokko tokko nuuf kaasanitti tajaajilli nuti argachaa jirru baay'ee kan nutti toleedha. Akkasumas gara fuula duraatti haala amma jiru caalaa cimee itti fufuu qabas jedhaniiru.
Dabalataan hawaasa tajaajiluuf dhaabbanneef tajaajila quubsaa ta'e kennuuf hundi keenya gahee tokkoon tokkoon keenyarraa eeggamu bahuu qabna yaada jedhus abbaan adeemsaa tokko tokko kaasaniiru.
Sadaadsa 10/2018 A.L.I
Kominikeeshinii Aanaa05
02/11/2025
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Addis Ababa
