Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia

Share

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Qaama Abbaa Seerummaa Isa Ol'aanaa Mootummaa Naannichaa ti.

Photos from Adama Broadcasting Service's post 29/05/2026
29/05/2026

Ibsa Gaddaa
--------------------
(Caamsaa 21,bara 2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Godina Wallagga Bahaa, Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaatti Ofiisera Seeraa ta'uun tajaajilaa kan turan Aaddee Gannat Fiqaaduu dhukkuba irra buleen yaalamaa turaniin booda addunyaa kana irraa du'aan foyamanii jiru. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa du’aan addunyaa kana irraa foyamuu Adde Gannat Fiqaaduutiin gadda itti dhagayame ibsaa maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawa.

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 27/05/2026

Godina Shawaa Lixaatti Sirna Eebba Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Aanaa Amboo(Sadan Liiban) fi Aanaa Ejersa Lafoo-Suuraan

26/05/2026

Baga Geessan
---------------------
(Caamsaa 18,2018 MMWO,Caffee Oromiyaa,Finfinnee)-Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) waggaa 1447ffaa geessan jechaa, ayyaanichi kan nagaa,kan gammachuu fi badhaadhinaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
Iid Mubaarak !! Ayyaana gaarii !!

26/05/2026

Ibsa Gaddaa
--------------------
(Caamsaa 18,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Godina Arsii, Mana Murtii Aanaa Gunaatti Gargaaraa Aabbaa Seeraa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Tufaa Baalchaa dhukkuba tasaa isaan muudateen du’aan addunyaa kana irraa du'aan foyamanii jiru! Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa du’aan foyamuu Obbo Tufaa Baalchaatiin gadda itti dhagayame ibsaa maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwa.

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 23/05/2026

Eebba Ijaarsa Gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa
-------------------------------------
(Caamsaa 15,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Magaalaa Shaggaritti gaaddisni Mana Murtii Aadaa Oldabarftaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa ijaarsi isaa gaggeeffamaa ture eebbifameera.
Gaaddisa mana murtii aadaa ol dabarfataa kutaa magaalaa Galaan Guddaa kana kan eebbisan Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa,Kabajamoo Aadde Sa'aadaa Abdurahimaan,Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaa Simalii fi Kantiibaa Magaalaa Shaggar,Kabajamoo Tashoomaa Addunyaa (PhD)ti.
Keessummoonni kabajaa sirna eebba gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa kana irratti argaman jaarsolee Mana Murtii Aadaa waliin marii kan gaggeessan yammuu ta'u, manneen murtii aadaa naannoo keenyaa duudhaa Oromoo ganamaa irratti hundaa'uun hojii haqa mirkaneessuu jalqaban cimsani itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.
Sirna eebbaa kana irratti aangawoonni mootummaa sadarkaa gara garaa irraa afeeraman, jiraattonni kutaa magaalichaa,jaarsoleen biyyaa fi haadholeen siinqee argamaniiru.

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 22/05/2026

Leenjiin Gaggeessummaa Gaggeessitoota Manneen Murtii Oromiyaaf Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti Kennamuu Eegale
----------------------------------------
(Caamsaa 14,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Leenjiin Gaggeessummaa Gaggeessitoota Manneen Murtii Oromiyaaf Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti Kennamuu Eegaleera.
Sagantaa leenjii kanan mata dureewwan gaggeessummaa,'mindset and stress management' fi qabiinsa abbaa dhimmaa irratti guyyoota itti aananitti itti fufee kennama.
Waltajjii leenjii kana irratti argamuun haasawa baniinsaan kan jalqabsiisan Pirezidaantii MMWO kab.Obbo Gazaalii Abbaa Simal manneen murtii ergama Heeraa fi seerota biroon itti kenname sirnaan bahachuu kan danda'an gaggeessummaa tarsiimawaa ta'e kennuun waan ta'eef yeroo gara garaatti leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsan kennamaa akka turee fi leenjiin ammaa kunis qaamuma kanaa ta'uu hubachiisaniiru.
Leenjicha irratti miseensonni koree bulchiinsaa MMWO,Pirezidaantonni MMO,Miseenonni koree bulchiinsaa manneen murtii giddu galeessaa fi Pir MMA manneen murtii giddugaleeaaaa hirmaataa jiru.
Leenjichi qindeessummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggarii fi Manneen Murtii Godinaalee fi Magaalota Kilaastara Giddu galeessaan kan qophaa'edha.

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 21/05/2026

Jilli Pirezidaantii MMWO Kabajamoo Obbo Gaazaalii Abbaa Simaliin durfamu, Manneen Murtii Godina Arsiitti Daawwannaa hojii taasisee jira.
(Caamsaa 13,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)- Jilli Pirezidaantii MMWO Kabajamoo Obbo Gaazaalii Abbaa Simaliin durfamu, Manneen Murtii Godina Arsiitti Daawwannaa hojii taasisee jira.
Daawwannaa kanaanis sochii Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa kenninsa tajaajila abbaa seerumma qulqulluu, si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjachaa jiranii fi adeemsa Gandoota kilaastaraan qooduun tajaajila dhagahaa halaalaa ykn Viidiyoo Konfiraansii abbootii dhimmaatiif ittiin kennamaa jiru daawwataniiru.
Akkasumas Mana Murtii Ol’aanaa Godina Arsiiti argamuun fayyadama moosaajii tajaajila waraqaa irraa bilisa ta’e itti kennamaa jiru, mijaa’ina iddoo hojii mirkaneessuuf hojii hojjatamaa jiru akkasumas dhaqqabamumaa mirkaneessuuf hojii hojjatamaa jiru daawwatameera.

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 21/05/2026

Godina Shawaa Lixaatti gamoo Mana Murtii Aanaa Walmaraa guyyaa borii eebbaaf qophaa'e.
በነገዉ ዕለት የሚመረቀዉ የወልመራ ወረዳ ፍርድ ቤት ህንፃ (ምዕራብ ሸዋ ዞን)

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 20/05/2026

Daawwannaa Pirezidaantii MMWO,Kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaa Simal,Godina Shawaa Bahaa,Mana Murtii Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti taasisan-Suuraan.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Angola Street
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00