Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa

Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, Political organisation, Lammii Kuraa, Addis Ababa.

02/03/2026

ከዓድዋ የነፃነት ፋና ወደ ህዳሴው የብርሃን ሉዓላዊነት

​ ጀግኖች አባቶቻችን በዓድዋ አውድማ ለሀገራዊ ክብርና ለሉዓላዊነት ተዋድቀው ያቀበሉንን የነፃነት ፋና፣ የዛሬው ትውልድ በጉልበቱ፣ በእውቀቱና በሀብቱ ወደ ተጨባጭ የኢኮኖሚ ድል እየቀየረው ይገኛል።

​ከጀግንነት ወደ ብልጽግና የህዳሴው ግድብ መጠናቀቅ ለኢትዮጵያ ቁሳዊ ስኬት ብቻ ሳይሆን፣ የኢነርጂ ሉዓላዊነትን የማረጋገጥ ትልቅ ፖለቲካዊና ታሪካዊ ድል ነው።
​ዓድዋ የነፃነታችን መሰረት እንደሆነ ሁሉ፣ የህዳሴው ግድብ ደግሞ የድህነት ቀንበሩን የምንሰብርበት የብልጽግናችን ማማ ሆኗል።
​"ህዳሴ ግድባችን በኢትዮጵያውያን ለኢትዮጵያውያን!" በሚለው መሪ ቃል ስር፣ ፕሮጀክቱ ያለ ውጭ እርዳታ በዜጎች ጥረትና ቁርጠኝነት የተገነባ መሆኑ ለዓለም አቀፍ ማህበረሰብ ትልቅ መልዕክት ያስተላለፈ የቀደመው ትውልድ በጦር ሜዳ የሀገርን ዳር ድንበር አስከብሮ እንዳስረከበን ሁሉ፣ የአሁኑ ትውልድም በልማት ግንባር ተሰልፎ የኢኮኖሚ ነፃነትን እያወጀ ይገኛል።
​"ትላንት በዓድዋ አውድማ በደማችን ነፃነታችንን አስከበርን፤ ዛሬ ደግሞ በአባይ ወንዝ ላይ በእውቀታችንና በሀብታችን ብርሃንን ዘራን።"

​ይህ የታላቁ ህዳሴ ግድብ ስኬት ኢትዮጵያ በምስራቅ አፍሪካ የኢነርጂ ማዕከል እንድትሆን ከማስቻሉም ባለፈ፣ ለቀጣዩ ትውልድ "የማይቻል ነገር የለም" የሚል የድል ስነ-ልቦናን አውርሷል። ከድል ወደ ልማት፣ ከጀግንነት ወደ ብልጽግና የሚደረገው ጉዞም በተጠናከረ መልኩ እንደሚቀጥል ተመልክቷል።

የለሚ ኩራ ክፍለ ከተማ ብልፅግና ፓርቲ ወጣቶች ክንፍ አስተባባሪ

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 13/11/2025

ITOOPHIYAAN KA'AA JIRTI!

Mariin paanaalii mata duree "Firii mootummaa Idaa'amuu, miseensummaa BRICS fi warraaqsa qamadii" jedhuun cimee itti fufeera.

Paartii Badhaadhina kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Kilaastara Ayat fi Kilaastara Taafoo mata duree "Itoophiyaan ka'aa jirti"! jedhuu Firiin mootummaa idaa'amuu, miseensummaa BRICS fi warraaqsa qamadii" jedhuun marii paanaalii gaggeesseera!!

Marii paanaalii kana irratti Qindeessaan Gurmuu Dargaggootaa kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Dar. Injiner Caalaa Asaffaa maricha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, bu’aan imaammata idaa'amuu misoomaafi guddina biyyaa irratti bu'aa gaarii fidaa jiraachuufi Bu’aan jijjiiramaa gama guddina diinagdee, itti fayyadama qorannoo teeknooloojii , barnootaa fi tajaajila fayyaatiin mul’ate keessatti dargaggoonni ashaaraa mataa isaanii akka qabaniis eeraniiru.

Itti dabaluun, mootummaan Idaa'amuu sochii misoomaa, qorannoo, tumsaa fi tokkummaa irratti hundaa’eedha. Imaammanni kun jaarmayoota hawaasummaa fi hafuura abbaa biyyummaa akka cimsuuf haala mijaawaa uumeera jedhan.

Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Gurmuu Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa , sadaasa 4/2018

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 12/11/2025

Leenjii qajeelfama kaffaltii miseensotaa ilaalchisee fooyya'ee irratti kennuun hojiiwwan idilee hojjetaman irratti bakka koree qindeessituu aanaawwan kurnanii argamanitti gamaggamameera.

Gurmuu Dargaggoota Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Walgahii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa irratti qajeelfama kaffaltii miseensotaa haaraa fooyya’e irratti kennuun hojiin idilee bakka koreen Qindeessituu aannaawwan kurnan argamanitti gamaaggamameera.

Leenjii kana kan kennan Daarektarri Damee Jaarmiyaa Waajjira Damee Paartii Badhaadhina kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Obbo Jilaaluu Mohaammad yoo ta'u Qajeelfama Kaffaltii Miseensota Paartii Badhaadhinaa Lakk.27/2017, qajeelfama bulchiinsa faayinaansii irratti qindeessitootaafi koree qinqeessituu aanaa kurnaniif leenjiin kennameeraaf.

Gamaaggamni kun hojii waliigalaa dhaabaa, hojiiwwan sosochii dhaabaa dhala namaa irratti xiyyeeffatan, fi hojii miidiyaa bal’inaan gamaaggamaniiru.

👉 Miseensaa filuu
👉Marii Maatii
👉Haala yeroo ammaafi sochii itti fayyadama miidiyaa gadi fageenyaan gamaggamamee jira. Qindeessaan gurmuu dargaggoota kutaa magaalichaa hojiiwwan hojjetaman qindoominaan hojjechuudhaan bu'aa gaarii galmeessuuf ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Gamaggamicha keessatti ciminoonni adda baafaman eegamanii qaawwi jiran guutamuu akka qabanfi qajeelfama dhaabichaa bu'uura godhachuun socho'uu akka qabu ibsameera.

Gurmuu dargaggootta kutaa magaalaa Lammii Kuraa sadaasa , 3/2018

19/04/2025

EGRAA BAGA GEESSANII!!!

Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana du'aa ka'uu Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nagaan geessan.

Ayyaanni du'aa ka'uu guyyaa jireenyi du’a booda; ifni dukkanaa booda akka jiru itti mirkanaa’eedha.

Ayyaanni Du’aa ka’uu, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aaf of kennuudhaan jaalala dhala namaaf qabu itti ibseedha.

Ifa du’aa ka’uu bira ga’uuf soomuu, kadhachuu, sagaduu, dadhabuu, ba'uu, bu'uu rakkina obsuun barbaachisaadha.

Du’aa ka’uun Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos waan baay’ee nu barsiisa; keessumattuu du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos jaalala dhala namaaf qabu du’a isaatiin mirkaneesse, akkasumas warra kaaniif furii ta’uu isaa nu barsiiseera.

Nutis Ayyaana kana yeroo kabajnu jaalalaan, gara laafinaan, wal-deggaruun, namoota rakkatan nyaata guyyaa guyyaa hin qabneef qoodduudhaan, tokkummaan, nagaadhaan, gammachuun, jaalalaan kabajuu qabna.

Dhumarratti akkuma Macaafni Qulqulluun nu ajajutti garaa keenya araaraa fi dhiifamaaf banuun, jibbaa dhiifnee araara jajjabeessuun, wal dhiibuu dhiifnee walitti dhiyaachuun, hammeenya dhiisuun gara laafinaan akka abboota keenyaa hojii gaarii hojjechuudhaan badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf hunduu hojjechuu akka qabu dhaamaa ayyaanni kun kan nagaa, kan jaalalaa, kan gammachuu, kan tokkummaa akka isiniif ta'u hawwaa irraa deebi'uun baga ayyaana ifa du'aa ka'uu gooftaa keenya Iyeesuus Kiristoos nagaadhaan geessan !!!!

Qindeessaa Baallii Dargaggootaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa

Ebla 11, 2017

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 17/04/2025

Baalliin Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun sagantaa maaddii qooduu lammiilee godhe.

Saganticha irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Hoggantuun Damee Gurma'insaa paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa Aadde Wayinisheet Asnaqee akka ibsanitti, paartii badhaadhinaa hojiiwwan hedduu dhala namaa irratti xiyyeeffate hojjechaa jiraachuu fi obbolummaa irratti hundaa’e, kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban karaa adda addaatiin gargaaraa fi deeggaraa akka jiru ibsuun hoggantoota Baallii dargaggootaa fi caasaa hojii gaarii kana qindeessan, akkasumas miseensota deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Sagantaa kana ilaalchisuun, Qindeessaan baallii dargaggootaa Paartii Badhaadhina Magaalaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa Dar.Enj.Caalaa Asaffaa gama isaaniitiin, ayyaana Faasikaa sababeeffachuun, lammiilee harka qalleeyyiifi dhiibbaa jireenyaa jala jiran tilmaama keessa galchuun sagantaa maaddii qooduu qopheessuun aadaa walgargaarsaa cimsuu bira darbee lammilee gidduutti walitti dhufeenyaafi obbolummaa cimsuuf sagantaan kun ga'ee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Saganticha irratti Itti gaafatamaan waajjira qindeessaa hirmaannaa hawaasaafi tola ooltummaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa Obbo Birhaanuu Gabregiorgis bakka argamanitti gaggeeffameera .

Baallii dargaggootaa kutaa magaalaa lammii kuraa
Ebla 9, 2017

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 23/03/2025

Naannoo qulqulluu fi miidhagaa uumuuf duulli qulqullinaa gaggeeffameera!!

Baalliin Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa kutaa Magaalaa Lammii Kuraa sagantaa sochii qulqullinaa Aanaa 10tti guyyaa har'aa gaggeesseera.

Qindeessaan Kilaastara Gooroo Baallii Paartii Badhaadhina Magaalaa Lammii Kuraa Dargaggoo Argaw Kabbadee akka jedhanitti Nuti dargaggoon, magaalaa keenya qulqulleessuun biyya fooyya'aa dhaloota dhufuuf dabarsuuf ni hojjenna jechuun kan dubbatan yoo ta'u,Dargaggoota sagantaa sochii qulqullinaa irratti hirmaatanis galateeffataniiru.

Itti dabaluunis,dargaggoota kaayyoo gaariif fayyadamnee, hojiiwwan misoomaa hojjetaman kunuunsuun, qulqulleessuun, kanneen hojjataa jiran gargaaruun gahee keenya bahuu qabnas jedhan.

Qindeessitoonni Baallii dargaggoo aanaa 5,8,9fi 10 akkasumas , miseensonni Baallii Dargaggoota Badhaadhinaa saganticha irratti hirmaataniiru.

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 03/03/2025

Dhaadannoo "Dhaabuu qofa osoo hin taane, kunuunsuun gahee keenya" jedhuun sagantaan kunuunsa biqiltuu Kutaa magaalaa Lammii Aanaa 08 tti guyyaa har'aa gaggeeffame.

Qindeessummaa Baallii dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatiin daadhannoo "Dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuun gahee keenya" jedhuun sagantaan biqiltuu kunuunsuu guyyaa har'aa aanaa 08tti gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti miseensonni Baallii Dargaggoota Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Lammii kuraa kan hirmaatan yoo ta’u, Qindeessaan Baallii Dargaggoota Paartii Badhaadhina kutaa magaalichaa Dargaggoo Injineer Caalaa Asaffaa saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin hojiin tola ooltummaa dargaggootaan hojjetamu guyyaadhaa gara guyyatti dabalaa dhufuudhaan cimee itti fufee jira. Fuldurattis badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan tola ooltummaa hojjetamu keessatti dargaggoonni hirmaachuun ashaaraa mataa isaanii kaa'uu akka qaban dubbataniiru.

Baalli Dargaggoota Magaalaa Lammii Kuraa
Fulbaana 24/2017

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 09/02/2025

Baalliin Dargaggootaa Paartiin Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa konfiraansii Kurmaana 2ffaa guyyaa har'aa sadarkaa aanaatti gaggeessaa jira.

Hoggansa paartii Badhaadhinaan hojiiwwaan keessoo gurmaa'insaa irratti xiyyeeffannaan kurmaana 2ffaa keessa hojjetameera.

Miseensonni Koochoo dargaggootaa nagaa biyyaa fi magaalattii buusuuf hojiiwwan hedduu hojjataniiru. Ji'oota darban keessa hannaa fi kira sassaabdummaa ittisuu, marii seelii irratti hundaa’e gaggeessuu, miseensoota fi deeggartoota calaluufi kaffaltii ji'aa akkasumas hojii tola ooltummaa dabalatee hojiiwwan dinqisiisoo hedduu hojjechuu isaanii ibsameera.

Dhumarratti, konfiraansii Gamtaa Badhaadhinaa irratti hoggantoota adda addaa aangoo gadhiisanii, irra deebiin gurmeessuun hoggansatti makaman raggaasisanii, hojii gara fuula duraatiif kallattii kaa'uun konfiraansichi xumurameera.

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 05/02/2025

Sochiin bittaa boondii Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa har'as cimee itti fufee jira!!

Liigiin dargagggoo paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisuun dhaadannoo "Misooma biyya kootiif ga'ee koo nan ba'a" jedhuun, sochiin Bittaa Boondii sadarkaa kilaastaraatti guyyaa har'aa gaggeessee jira.

Sochiin Bittaa Boondii Hidha Haaromsaa kun dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa aanolee gargaraatiin qindaa'uun aanaa 10tti guyyaa har'a gaggeeffamuunsaa eerameera.

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 02/02/2025

Mariin seelii dhaabaa baatii Amajjii gaggeeffame.

Liigiin Dargaggoota Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa baatii Amajjii keessa guyyaa qunnamtii idilee miseensota Aanolee 10nan keessatti gaggeeffameera.

Qabxiin ajandaa marii kanaa kan ta'e mata duree "Hannaa fi Malaammaltummaa ittisuun kenniinsa tajaajila keenya fooyyessuu" jedhuun gaggeeffamuunsa ibsameera.

Yaadota marii kana irratti ka'an cimsuun gama hanna ittisuu, dhaabicha cimsuu, fi ilaalcha paartichaa guddisuun miseensonni Liigii Dargaggootaa hawaasa keenya tajaajiluu akka qabaniifi miira itti gaafatamummaa qabuun tajaajila fooyya’aa kennuu akka qaban eerameera.

Photos from Liigii Dargaggoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 02/02/2025

Naannoo qulqulluu fi bareedaa uumuuf duulli qulqullinaa gaggeeffameera.

Liigiin Dargaggoota Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa aanolee 10nan naannoo qulqulluufi bareedaa uumuuf guyyaa har'aa duula qulqullinaa gaggeessanii jiru.

Duulli qulqullinaa kun, haala qulqullina naannoo sanaa fooyyeessuuf yaadamee kan raawwatame yoo ta’u, qindeessitoonni Liigii Dargaggoo aanoleefi hoji raawwichistota liigii dargaggoo aanolee akkasumas, miseensi bakka hirmaatanitti gageeffamusaa ibsameera.

Itti aanaan Qindeessaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhina kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Dargaggoo Argaawoo Kabadee akka jedhanitti, bareedinaa fi qulqullina magaalichaa eeguun itti gaafatamummaa qaama tokkoo qofa osoo hin taane hirmaannaa qaama hundaa kan gaafatu waan ta’eef, dargaggoonni naannoo isaanii qulqulleessuun ga’ee isaanii ba'uu qabu jedhaniiru.

Duula qulqullinaa fi balfa gatuu haala saayinsaawaa ta’een gaggeessuun hawaasa abbaa qulqullinaa taasisuu qabnas jedhaniiru.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Lammii Kuraa
Addis Ababa