28/03/2026
"Jijjiirrama_Qabatamaa_fi_Guddina_Itti_Fufiinsa_Qabuuf_Badhaadhina_Haa_Filannu"!
Adeemsi Ida'amuu keenyaa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa gara badhaadhina dhugaatti jijjiiruudha. Carraawwan gara fuulduraa waliin fayyadamuun:
* Modernizeeshinii qonnaatiin wabii nyaataa keenya ni mirkaneessina!
* Walitti hidhamiinsa bu'uura misoomaatiin giddugala daldalaa ni taana!
* Ashaaraa Magariisaa fi turizimiin qabeenya dhalootaaf darbu ni ijaarru!
"Hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti โ Carraan gara fuulduraa keenyaa harka keenya jira!" ๐พ
25/03/2026
Kabajamtoota jiraattota kutaa magaalaa Lamii kuraa fi Boolee, kaadhimamtoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa 7ffaa akka beektaniifแฆ
19/03/2026
Jiraattota magaalaa keenyaa hundaaf!
Yeroo ammaa kana sababa dhiphina Baha Giddugaleessatti uumameen, biyya keenya dabalatee biyyoonni boba'aa bitanii fayyadaman dhiheessii akka barbaadanitti argachuuf rakkataniiru.
Waan ta'eef rakkichi furamee gara sirna dhiheessii boba'a baratamaatti haga deebinutti boba'aa qusannaan fayyadamuu qabna.
Kanaafuu jiraattonni magaalaa keenyaa karaalee gaggabaaboo miilaan deemuun, akkasumas filannoowwan biskileetii fi konkolaattota elektirikii fayyadamuun akka tumsitan yaamicha keenya dhiheessina.
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!
03/03/2026
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigraayiif Tigirifgaan ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaan dabarsan keessaa muraasni:
๐ Uummata Tigiraayiif waraana irra nagaa fi misoomatu malaaf.
๐ Dargaggoonni qaamolee yaada dulloomaan waraanatti isaan oofan irraa of eeguu qabu.
๐ Mootummaan naannoo Tigraay keessatti nagaan akka bu'uufi waraanni irra deebiin akka hin kaaneef fedhii guddaa qaba
๐ ABUT dhaabbata yaada boodatti hafaa waggaa 50 duraan hidhamee jijjiirama fudhachuuf fedhii hinqabnee dha.
๐ ABUT karaa dulloomaa irra deemuuf yaaluun isaa walitti bu'iinsaaf isa saaxileera.
๐ Humni maseenaan kun sodaa dogoggoraa Itiyoophiyaan ni diigamti jedhu facaasuun humna jijjiiramaa akka diimaatti ilaalaa tureera.
๐ Seenessi dogoggoraan Itiyoophiyaa keessa ture lammiileen shakkiin akka jiraatan hodheera.
๐ Mootummaan uummanni Tigraay nagaa akka argatu, Baankii, Ibsaa fi bilbilaa fi tajaajilawwan akkanaa ariitiin deebiseera.
๐ Humni maseenaan garuu waliigaltee Piriitooriyaa ''gartokko keessaa filee hojiirra oolchuu barbaadaa jira.
๐ Sirna heeramMoitummaan ijaaramee fi murtii Boordii Filannoo hin kabajne.
๐ Dhaabni kun baajeta misoomaaf ramadame qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf waan jiruuf uummata Tigraay irratti rakkina dabalataa fidaa jira
๐ Badiiwwan yeroo waraanaa raawwatamaniif karaa loogii siyaasaa irraa bilisa ta'een itti gaafatamummaa mirkaneessuuf Heerri Ce'umsaa barbaachisaa dha.
๐ Qaamoleen yakka raawwatan seeraan gaafatamuu qabu.
๐ Badiiwwan yeroo waraanaa raawwataman kamuu,ajjeechaa fi saamichi(keessumaa Aksuum, Adwaa fi Shireetti)kan balaaleffatamuu qabuu dha.
๐ Mootummaan gidduu seentummaa humna alaa kamuu ni morma, olaantummaa biyyaa kabajchiisuuf ni hojjeta.
21/02/2026
filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa Feedhii Hawaasummaadhan Injifaachuun Haaromsa hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee egaalle cimsuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ni jijjiirra.
Paartiin Badhaadhinaa Damee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Manifestoo fi mallattoo filannoo isaa kan filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa ifoomse jiraa.
Itti Gaafatamatuun Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Adde Martta Tafraa sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin imala waggoottan shanan dabarsine keessatti waadaa keenya gochaan mirkaneessuun seenaa kan hojjenne yoo ta'u, yeroo ammaa ammoo guddummmaa fi fakkeenyummaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun seenaa haaraa hojjechuuf manifeestoo biroon dhufnee jirra jedhan.
Seenaa Itoophiyaa keessatti cabiinsa hunda galeessa biyya kana keessa ture tarsiimoo yaadama Idaa'amurraa maddeen wal'aanuun gara badhaadhinaatti imalaa jirra. Waggoottan Imala Badhaadhinaa darbaniin biyya rakkoo keessaa baasuu qofa osoo hintaane, muuxannoowwanii fi jalqabbiiwwan egeree keenya bu'uura amansiisaarra dhaabuu dandaa'an hedduu argamsiisnee jirras jedhan ibsaani jiruu.
Itti dabaluunis, waggoottan shanan itti aanan keessatti milkaa'inoota argaman itti fufsiisuun mul'ata Itoophiyaa biyya fakkeenya Afrikaa fi addunyaa taate gochuuf qabanne dhugoomsuuf filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaatiif dorgomuuf manifeestoo fi mallattoo Paartii keenyaa beeksisuu irratti argamna jedhan.
Bu'uura kanaan, Paartiin Badhaadhinaa ejjennoo 'Itoophiyaa gara Biyya fakkeenyummaa hunda-galeessaatti ceesisuu' jedhu milkeessuuf hojiiwwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin waggoottan shanan dhufan hojjetamuu qaban manifestoo isaatiin akeekee jiraachuu himan. Akkasumas, Mallattoon filannoo Paartii Badhaadhinaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf qabatee dhiyaatu Nadoo ykn Bissii qamadii ta'uu ifoomsaniiru.
Mallattoon Nadoo/Bissii qamadii mallattoo, Idaa'amuu,tokkummaa fi gamtoomuu yoo ta'uu agarsiistuu humna walabummaa fi birmadummaa keenyati jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa Waggoottan shanan dhufan hojiiwwan fulla'iinsa Imala Badhaadhinaa dhugoomsan gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin manifeestoo keessatti ibsuun waadaa uummata keenyaaf galle qabatamaan kan raawwannu ta'uu ibsuun uummatni keenya sochii filannoo keessatti hirmaannaa ho'aa taasisuun cinatti sagalee keessan Paartii keessan Paartii Badhaadhinaaf kennuun egeree Itoophiyaa fi Magaalaa Finfinnee akkasumas Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa bu'uura amansiisaa irra akka dhaabdan ergaa koo dabarsa jedhan.
I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Obbo Tamaraata woldee Gama isaanittin akka ibsaanitti Paartiin Badhaadhinaa Cabiinsa kaleessaa suphee, har'a xiiqiin hojjetee egeree Itoophiyaa bu'uura jabaarra dhaabuuf kutannoon hojjetaa jira.Galma kana dhugoomsuuf eyyentaa uummataatiin yeroo uummataa fi biyya isaa tajaajilu argachuuf Paartiin Badhaadhinaa Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaatiif qophii hunda xumuree jira.
Badhaadhinni yaadama biyya ceesisu,raawwii addunyaa ajaa'ibsiisuun Paartii filannoof of qopheessee jiruudha. Guyyaa har'aa sirna Manifeestoo beeksisuu fi Mallattoo Filannoo ifoomsuu geggeeffameen badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ceesisuuf waadaa isaa irra deebiin uummataaf ifoomsee jira.
itti dabaaluniis Nadoon Qamadii Mallaattoo Paartii Badhaadhinaa akka ta'e fi Fakkeenya Idaa'amuu, Tokkummaa fi Gamtoominaati jechuun ibsaani jiruu.
!
19/02/2026
Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya Badhaadhinaatti
๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ๐พ
Bissiin (Nadoon) Qamadii fakkeenya tokkummaa, ida'amuu, birmadummaa akkasumas fakkeenya waloomaa fi Badhaadhinaati. Biyyi keenya tarkaanfii imala Badhaadhinaa waggoota jijjiiramaa darbanitti qabatteen hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun biyyi fakkeenya Badhaadhina Afriikaafi Addunyaa ta'aa jirtudha.
Kutaa Magaalaa Lammi Kuratti Hoggantoonni Kutaa Magaalaa fi Aanolee Akkasumsa Miseensonii Paartii Badhaadhinaa Bakka Argamnitii Bifa miidhagaa ta'een Mallattoo filannoo Paartii Badhaadhinaa Bissiin (Nadoon) Qamadii ta'uun isaa Gammachuun simataniiru.
Mallattoofi manifestoon Paartii Badhaadhinaa ifoomes agarsiituu milkaa'inoota kanneeniifi mallattoo tokkummaa, waloomaa, Badhaadhinaafi birmadummaati.
10/02/2026
Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaatiif Qamadii maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse.
==
Paartiin Badhaadhinaa mata duree "Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taateettiโ jedhuun maanifeestoo filannoo marsaa 7ffaafi mallattoo filannoo isaa beeksise.
Waltajjicharrattis Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa Obbo Adam Faaraah,Miseensotni Koree Hoji- Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoota paartichaa biroofi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
08/02/2026
Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee
Har'a aadaa hojii 24/7 tiin hojiiwwan koriidarii magaalaa keenyaa saffisiisaa kan jiran hojjettoota ciccimoo waliin maaddii qooddachuun jajjabeessinee jirra.
Hojjettoonni ciccimoon kunneen saayitiilee ijaarsaa garaagaraatti; keessattuu addunyaa daa'immanii, paarkii ispoortiifi ijaarsa akuwariyemii haaraa kaazaanchisitti, akkasumas Uraa'el irraa hanga Boolee VIP, Imbaasii Ingiliiz 22 hanga Boolee Hoteela Fireendishippii fi Misoomaa Bishaaniitii hamma Boolee naannawa Ruwaandaa hojjetamaa kan jiran misoom koriidarii hammaan baay'ee ta'an sararoota wal qabsiisan irratti halkanii fi guyyaa kan argamaniidha.
Jaalala biyyaa olโaanaan guddina hundagaleessa magaalaa keenyaa beekumsaa fi humna isaaniitiin gahee gumaachaa jiraniif onneerraa galateeffanna. Finfinneen yeroo hundaa isin galateeffatti.
Misoomuu magaalaa keessaniitti gammaduun yeroo hundaa maaddii qooduun fi sagantaa hojjettoota ciccimoo kanneen jajjabeessuu irratti hirmaachaa kan jirtan abbootiin qabeenyaa maqaa koo fi bulchiinsa magaalaatiin galata koon dhiheessa.
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!
06/02/2026
"Finfinneetti baatiwwan jahan darban galiin birrii biiliyoona 162 ol sassaabameera!"
- Kantiibaa Adaanech Abeebee
05/02/2026
"Hirmaannaa Dubartootaatiin Magaalaa Finfinnee Itoophiyaa Kan Badhaatte Fi Kan Tasgabbooftee"
โ**********************************************
โBulchiinsa Magaalaa Finffinee Kutaa Magaalaa Lammii Kura Aanaa 04 tti Mariin Dubartootaa Mata Duree ""Hirmaannaa Dubartootaatiin Magaalaa Finfinnee Itoophiyaa Kan Badhaatte fi Kan Tasgabbooftee" dhaadannoo jedhuun sadarkaa aanaa magaalaatti geggeeffamee jira.
โ
โMariin kun bakka Koree Hojii Raawwachiiftuu dubartootaa damee finfinnee kan ta'an Aadde Lamalama Niggusee fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Lammi Kura Aanaa 04 kan ta'an Aadde Martaa Tafaraa akkasumasa Itti Gaafatamtuu Dhimmoota Waajjira paartii Badhaadhinaati Damee Aanaa 4 kan ta'an Aadde Roozaa Damisee akkasuma itti Gaafatamtuun Gurmuu Dubartootaa Aanaa 4 Aadde Balaay Habte argamanitti fi qooda fudhattoota hunda waliin geggeeffamee jiraa.
Saganticha irratti Itti Gaafatamtuu Dhimmoota Waajjira paartii Badhaadhinaati damee Aanaa 4 Aadde Roozaa Damisee Maateeriyaalii sagantichaa dhiyeessuun mariin irratti gaggeeffamee jira .
Marii Kan Irratti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Lammi Kura Aanaa 04 kan ta'an Aadde Martaa Tafaraa Ibsi kennanin .
Kaayyoon marii kanaas, Ijaarsa biyyaa bu'uura seenessa waloofi obbolummaa sab-daneessummaan milkeessuu keessatti hirmaannaafi gahee dubartootaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uun ibsaniruu.
Kana malees gahee dubartootni yaadama Paartii Badhaadhinaa galmaan gahuu keessatti taasisan daran cimsuun milkaa'inoota roga maran argaman itti fufsiisuuf gahee gama nageenyaa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti qaban akka bahataniif kan kaayyeffate ta'uun ibsameera.