Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04

Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04, Government Organization, Bole Arabsa, Addis Ababa.

10/02/2026

Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaatiif Qamadii maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse.
==

Paartiin Badhaadhinaa mata duree "Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun maanifeestoo filannoo marsaa 7ffaafi mallattoo filannoo isaa beeksise.

Waltajjicharrattis Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa Obbo Adam Faaraah,Miseensotni Koree Hoji- Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoota paartichaa biroofi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 22/01/2026

Waajjirri hojii gaggessaa kutaa Magaalaa Lammii Kuraa raawwii hojii ji'otaa 6 isaa irraatti marri'atera.

Bulchiinsi kutaa magaalaa Lammii Kuraa raawwii karoora bara baajataa 2018 qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin madaaluun kallattii kaa’eera.

Ji’oota 6n darban keessatti waajjiirichii qindeessu fi hojiiwwan biroo, kanneen akka qulqulleessuu, hojii hubannoo balaa ibiddaa hir’isuu,galmee eenyummaa, hojiilee galmee taatee siiviilii fi hojiiwwan biroo irratti bu’aa argachuu akka danda’e gabaasichatti ibsameera.

Obbo Jiilaaluu Muhaammad, itti gaafatamaan Waajjirichaa Waltajjii kana dursan, ji’oota 6n darban keessa hojiin baay’een hojjetameera jedhan,keessumaa hojii qindoominaa keenya keessatti.
Tajaajila saffisaa, gahumsaa fi haqa qabeessa ta’e kennuudhaan tajaajila bishaanii fi humna ibsaa addaan kutuun jijjiirama fiduu akka danda’u ibsaniiru.

Obbo Geeraamaaw Maammo, hogganaa garee deeggarsa hordoffii tajaajila bulchiinsa magaalaa, kan gabaasa raawwii hojii ji’a 6 waajjira kanaa dhiyeessan, ji’oota 6 darban keessatti hojiin bal’aan hojjetameera jedhaniiru.

Qooda fudhattoonni hirmaatan dhaabbilee biroo waliin haala qindoomina qabuun walsimsiisuun hojjechaa akka jiran ibsuun, bu’aa waloo argachuuf waliin hojjechuu itti fufaniiru.

kominiikeeshinii kutaa magaalaa Lammii kuraa.

Amajji 14/05/2018

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 15/01/2026

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee!

Turtiin Itoophiyaa dhiibbaa uumaa sooshaal miidiyaa idil-addunyaa beekamaa "IshowSpeed',guutuu addunyaatti ijoonni miliyoonotaa gara Finfinneetti akka harkifaman kan taasise sagantaa bu'a qabeessa ture.

Daaw'annaan kuni magaalaan teenya aadaa keessummaa simachuu turee fi kabajame qabdu, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa teenyaa, akkasumas fuula Itoophiyaa isa sirrii hawaasa idil-addunyaa beeksisuuf carraa guddaa uumeera. Taatichi haga ammaatti ijoo dubbii ta'uunsaa kan itti fufe yemmuu ta'u, fuuldurattis hedduuwwan gara biyya keenyaa ni harkisa jennee yaadna.

Taatee kana dandeettiin kan gaggeessitan biyya jaalattoonni, dargaggoonni ciccimoo fi dhiibbaa uumtonni, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas mootummaawaa Federaalaa fi Finfinnee galata guddatu isniif mala. Keessattuu Ministeera Tuurizimii, koomishinii Tuurizimii Finfinnee, Biiroo koominukeeshinii Finfinnee, Intarteeymantii Yissaaqaal fi kanneen biroos qaamonni qindoominaan hojjettan hunduu; humna qindoominaa olaanaa mul'istaniifi miira jaalala biyyaaf qabdan ‘haata'u’ nama jechisiisa.

Kan hafetu caalaa, Jabaadhaa!
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

18/11/2025
15/11/2025
Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa's post 03/10/2025
Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 01/10/2025

Irreechi Olkaa'insa Biyyaaf!!

Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa aanaa afuriitti Ayyaanni Irreechaa sirna aadaa isaa kan eggateefi karaa nagaa ta'een akka kabajamuuf dargaggoowwanii fi foolleewwan jiraattota aanichaa waliin mariin taasifame.

Waltajjii marichaa kan gaggeessan Itti aanaa fi Hoogganaa damee siyaasaafi hariiroo uummataa aanichaa Obbo Gulummaa Xilaahuunii fi Hoogganaa damee Ijaarsaa aanichaa Obbo Abbabee Kaasaaw yoo ta'an Ayyaanni Irreechaa nagaan akka kabajamu ga'een dargaggootaafi foolleewwanii guddaa ta'uu waltajjicharratti kan ibsan yoo ta'u Ayyanni Irreechaa karaa nagaa ta'eefi aadaa Keessummaa simachuu keenyaa cimsuudhaan akkasumas Naannoo keenya eeguudhaan Obbolummaadhaan Ayyaanichi kabajamee akka xumuramuuf ga'ee isaanii ba'uun akka isaanirraa eegamu waltajjicha irratti ibsameera.

Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04
Fulbaana 21/2018 A.L.l

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 22/09/2025

Milkaa'insaa fi bayyannachuun kan Utubame Ayyaana Ummataa waaliin haa kabajnuu!!!

kutaa magaalaa Lammii kuraa fi magaaloota ollaa magaalaa Shaggar,kutaa magaalaa Lagga Xaaffoo,Lagga Daadhii, kuraa Jiddaa fi koyyee Faccee ayyaana Fannoo fi Irreecha kana irratti marii'ataniru.
Irreechi Aadaa uummanni Oromoo sirna Gadaa keessaatti kabaju keessaa aadaa iddoo guddaa qabuufi ulfoo dilbii uummatichaati.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaafi ayyaana araaraa yoo ta'u, uummanni Oromoo bacaqii gannaa irraa gara booqaa birraatti wayita ce'uu sirna jabaa waaqasaa kan itti galateeffatuudha.

Bu'uuruma kanaan qophii sirna kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun mariin Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi Kutaa Maanguddoota hirmaachise bakka hooggansi olaanoon kutaa magaaloota fi qooda fudhattoonni argamanitti Bulchinsa Kutaa magaalaa Lammii kuraatti geggeeffameera.

kutaa magaalaa Lammii kuraatti maricharratti argamuun haasaa kan taasisan,hooggana olaanoon kan ta'an Obbo Admaasuu Dachaasaa keessuumoota kabajaan
Simmannee waaliin hojeena
qamoolee nageenyaa
ayyaanii keenyaa kan milkii akka ta'us hawaaniiru.

Obbo Admaasuun dabaluun Ayyaanota waliin kabajamu keessaa ayyaanni Irreechaafi Fannoo tokko ta'uu ibsanii, Irreechi calaqqee Sirna Gadaa ta'ee karaa aadaa, duudhaafi safuu isaa eeggateen akka kabajuuf mariin sadarkaa hundatti eegalamuu ibsaniiru.
Ayyaanni Fannoo ayyana ciminaa fi injiffannoottis jedhaniiru.

Irreechi uummata Oromoof mallattoo tokkummaafi walooma guddaa ta'uu kan dubbatan Obbo Admaasuun,ayyaana Irreechaa bara 2018 wayita kabajnu sona itti dabaluun guddummaafi qaroomina uummatichaa sadarkaa Idil-Addunyaatti akkaataa calaqqisiisuu danda'uun kan kabajamuudha jedhan.

Ayyaani Fannoo fi Irreecha bara 2018 bara injifannoon gurguddaan, kan akka pirojektii haaromsa aadaa hojiirra oolee fi hidhi haaroomsa guddichi Itoophiyaa itti xumurametti ta'uun adda isa taasisaa jedhan.

Kanaafuu,ayyaanni Irreechaa fi Fannoo bara kanaa bara guddummaa Uummanii itti mul'ateefi bara olka'iinsi biyya keenyaa itti dhugoomaa jiru waan ta'eef, Irreechi bara kanaa karaa aadaafi duudhaa olkaasee mul'isuu danda'uun kabajamuu akka qabuus dhaamaniiru.

Marii kanarratti sanadnii ka'umsa ayyaana Irreechaa fi Fannoo irratti dhihaaterratti mariin bal'aan gaggeeffameera.

Waltajicharratti hoggantoota kutaa magaaloota,hogantootni bulchiinsa Kutaalee Magaalaa arfanii dabalatee,Abboottii Gadaa,haadha siinqee,abboottii amantaa dargaggootaa fi keessummootni garagaraa hirmaataniiru.

kominikeeshinii kutaa magaalaa Lammii kuraa.
Fulbaana 12/01/2018

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 07/09/2025

Qaammee - 2; Guyyaa Waloomaa!

"Itoophiyaaf Waloomni Iccitii Guddummaafi Birmadummaati!"

Bulchinsa kutaa magaalaa Lammii kuraatti Aadaan Goobeefi Shinooyee kabbajamaa jira.

kominikeeshinii kutaa magaalaa Lammii kuraa Aanaa 04.
Qaammee 02/13/2017
https://linktr.ee/lemikuraw

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 13/07/2025

Konfiraansiin Waldaa Misooma Oromiyaa (OLMA) gaggeeffameera.

‎Konfiraansiin Waldaa Misooma Oromiyaa kutaa magaala Lammii Kuraa aanaa 04tti bakka hoggantoonni aanichaa akkasumas miseensonni waldichaa argamanitti gaggeeffame.

‎Konfiraansii kanarratti kan dubbatan Hojii gaggeessaan Olaanaa aanaa 04 Aadde Maartaa Tafarraa akka jedhanitti Waldaan Misooma Oromiyaa walitti dhufeenya hawaasummaa fi diinagdeetiin tokkummaa ummata keenyaa cimsuun tokkummaa ummata keenyaa kan calaqqisiisu ta’uu eeraniiru. Dabalataanis sabaafi sablammoota naannoo Oromiyaa jiraatan hunduu WMO irraa ilaalchi garaagarummaa afaaniifi siyaasaa osoo isaan hin daangessiin sabaafi sablammoota hunda irraa miseensota jirachuun tokkummaa isaa cimsee fayyadamummaa Itiyiiphiyaanota hundaaf hojjechuu isaa ibsaniiru.

Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04
Adoolessa 06/2017B.A

Photos from Kominiikeeshiini Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04's post 03/07/2025

Dhaabuudhaan damdamachuu

Bulchiinsa kutaa magaalaa lammii kuraa aanaa 4tti hojjettoonni mootummaa qophii duraa ashaaraa magariisaaf sagantaa boolla biqiltuu qotuu taasisan.

Mata duree "dhaabuudhaan damdamachuu" jedhuun sagantaa ashaaraa magariisaa taasifamuuf ogeessonniifi hooggantoonni waajjira paablik sarvisiifi qabeenya misooma humna namaa, w/ra kominikeeshinii, w/ra mana qopheessaa, w/ra bulchiinsa manneenii, w/ra tola ooltummaafi hirmaannaa uummataa, w/ra barnootaa, w/ra seera kabachiistuu, w/ra aadaa, artiifi turiizimii, w/ra hojii rawwachiiftuu, w/ra qonnaan bulaafi qonna magaalaa, w/ra hordoffii eeyyama ijaarsaa, w/ra bareedina magaalaafi misooma magariisaa fi w/ra carraa hojii uumuu aanichaa sagantaa boolla biqiltuu qotuu taasisan.

Lammii Kuraatti, Kominikeeshinii aanaa 04
Waxabajji 26/2017 B.A

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Bole Arabsa
Addis Ababa