Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08

Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08, Government Official, Addis Ababa.

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 05/02/2026

Marii dambii bulchiinsa bakkeewwan isportii fi kaffaltii tajaajilaa irratti xiyyeeffate gaggeeffame.
Amajji/26/2018A.E

​Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qirqoos, Waajjirri Dargaggoo fi Isportii Anna 08 dambii bulchiinsa bakkeewwan isportii fi kaffaltii kiraa irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

​Itti gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Isportii anniichaa, Obbo Yidnaqaachaw Mallas, bakkeewwan isportii baay’inaanii fi qulqullinaan jiraachuun isaanii tajaajila haqaan akka kennan kan taasisu ta’uu ibsan. Kunis fayyaa jiraattotaa keessumaa ammoo dargaggootaa eeguuf, qaama ijaaruuf, sammuu gabbisuun guddina biyyaatiif gumaacha akka qabu addeessaniiru.

​Obbo Yidnaqaachaw dambichii kan qophaa’eef, bakkeewwan isportii sirna hojimaataa dhaabbatummaa ifa ta’e, bu’aa qabeessa, qindaa’aa fi itti gaafatamummaa qabuun hundeessuuf, bulchuuf, to’achuufi eegumsa seeraa akka argatan taasisuuf akka ta’e eeraniiru.
​Itti gaafatamaan waajjirichaa itti dabaluudhaan, bakkeewwan isportii kaayyoo yaadameef qofa akka oolan gochuun barbaachisaa ta’uu fi tajaajilamtoonnis qajeelfama ba’e bu’uureffachuun kaffaltii sirrii kaffaluun tajaajila haqa ta’e argachuu akka qaban hubachiisaniiru.

​Dhumarrattis, hirmaattonni mariichaa yaadaa fi gaaffii dhiyeessaniin, jiddu-galeessi kun hanqina fayyadama irratti mul’achaa ture hiikuuf carraa guddaa kan uume ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, qajeelfamichi hojiirra ooluun isaa guddina isportiitiif haala mijataa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru.

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 29/01/2026

Marii Sosochii Hawaasa Siivikaa Damee Daldalaa irratti Xiyyeeffatee Gaaggeffamee.
Wajjiraa ​Kominikeeshinii Anna 08
Ammajjii 19/2018 A.L.H
​Wajira Bulchiinsa Kirqos Woreda 08 tti, waraqaan qorannoo gahee qooda fudhattoota dinagdee fi hawaasa siiviikaa damee daldalaa irratti xiyyeeffate dhiyaatee, hawaasa daldalaa, hawaasa siivikaa fi qooda fudhattoota biroo waliin mariin bal’aan taasifameera.

​Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajira Daldala Ana 08 Obbo Yidneqaachaw Mallas waraqaa marii kan dhiyeessan yoo ta’u, maggaalaa keenya keessatti daldala haqamaa fi sirnaawaa ta’e babal’isuu, mala daldala ammayaa fayyadamuu, dhiyeessii meeshaalee guutuu fi hawaasni siivikaa mirgaa fi dirqama isaanii bahachuun tajaajila hawaasaaf gumaacha guddaa gochaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

​Itti gaafatamaan daabalatan akka ibsaanittii, gumaachisni hawaasni daldalaa gochaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu fi gara fuulduraattis qindoominaa fi tumsaan bu’a qabeessummaa keenya itti fufsiisuun, cimina jiru guddisuun fi hanqinoota jiran sirreessuun kan itti fufnu ta’a ergaa jedhu dabarsaniiru.

​Gulaalaan garee Waajira Daldala Anna 08 Aadde Yetinaayeet Sileshii akka ibsanitti, erga jijjiiramni dhufee as mootumman hawaasa daldalaa dameewwan adda addaan fayyadamoo taasisuuf, hojiiwwan dinagdee adda addaa irratti bobbaasuun akka mirkaneessan fi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf hojjetamaa tureera. Kana malees, sochiiwwan adda addaa keessatti hirmaachisuun qooda fudhattoota jijjiiramichaa akka ta’an hojjetamuu isaa eeranii, gara fuulduraattis hawaasni daldalaa mootummaa waliin dhiyeenyatti hojjechuun fayyadamummaa dinagdee isaanii akka mirkaneessan ni hojjetama jedhaniiru.

​Xumura irratti, marii kanaan yaadonni fi gaaffiwwan ka’aniif deebiin fi ibsi bal’aan kennamee sagantichi xumurameera.
​Oduu dabalataaf: https://t.me/kiwo08/11

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 17/01/2026

Duula Qulqullinaa Mata-duree "Naannoo Qulqulluu Keessa Jiraachuuf Itti-gaafatamummaa Koo Nan Ba’adha" Jedhuun Geggeeffame
Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qiirqoos Anna 08,​Waajjirri Bulchiinsa Qulqullinaa fi Miidhaginaa fayyaa jiraattotaa eeguu fi miidhagina anniichaa dabaluuf kaayyeffachuun, duula qulqullinaa mata-duree "Naannoo Qulqulluu Keessa Jiraachuuf Itti-gaafatamummaa Koo Nan Ba’adha" jedhuun har’a geggeesseera.
​Duula kanaan daandiiwwan gurguddoo Anniichaa fi naannoo manneen (kondominiyeemii) keessatti hojiin qulqullinaa kan raawwatame yoo ta’u, jiraattonni, hoggantoonni anniichaa, akkasumas kutaaleen dargaggootaa fi dubartootaa irratti hirmaataniiru.

Qulqullinni Dhimma Kabajaatii kaan jedhaan Bulchiinsaa kutaa magaala Qiirqoositti itti Anna Itti-gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa anna 08 Damee Siyaasaa Obbo Takluu Ajabaa duulicha irratti haasaa taasisaniin: "Bifaa fi qulqullina annichaa jijjiiruun kan danda’amu yoo waliin dhaabbanne qofa. Fedhiin har’a argame kun annicha Bulchiinsa Magaalaa Qirqos keessatti fakkeenya taasisuuf abjuu qabnu kan galmaan gahuudha jedhaniiru.
​Itti-dabaluun, "Qulqullinni dhimma miidhaginaa qofa osoo hin taane dhimma kabajaati. Tokkoon tokkoon dhaabbata daldalaa fi manni jireenyaa fuuldura isaa qulqulleessee eeguuf dirqama qaba. Duulli kun badhaadhina magaalaa keenyaa ittiin mirkaneessinu keessaa isa tokkodha," jedhan.
​Obbo Takluun akka jedhanitti, duulli kun hojii guyyaa tokkoo qofa ta’ee hafuu hin qabu. Kaayyoon guddaan jiraattonni hundi balbala isaanii fi naannoo isaanii qulqulleessanii eeguu aadaa akka godhatan gochuudha. Mootummaan xuraawaa kaasuuf hojjetus, xuraawaa sirnaan qabuu fi bakka hin taanetti akka hin gatame to’achuun itti-gaafatamummaa jiraattotaa ta’uu hubachiisaniiru.

​Itti-gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Qulqullinaa fi Miidhaginaa Anna 08 Obbo Dirribaa Esheetee gama isaaniin akka ibsanitti; kaayyoon duula kanaa qulqullinaa fi miidhagina annichaa eeguu, madda misoomaa kunuunsuu fi jiraattota dhibeewwan daddarboo irraa ittisuudha. "Annan keenya qulqulluu fi jireenyaaf mijattuu taasisuu kan dandeenyu yoo waliin hojjenne qofa," kan jedhan obbo Dirribaan, hojiin qulqullinaa hojii duulaa qofaan osoo hin dangeeffamin hojii manaa guyyaa hundaa ta’uu akka qabu dhaamaniiru.
​Hirmaattonni duulichaas gama isaaniin gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, qulqullina eeguun hojii mootummaa qofa osoo hin taane gahee tokkoon tokkoon maatii ta’uu hubachuu isaanii dubbataniiru. Keessattuu hirmaannaan dargaggootaa milkaa’ina duulichaatiif qooda guddaa akka qabu eeraniiru.
​Waajjirri Bulchiinsa Qulqullinaa fi Miidhaginaa anna 08, duulli kun gara fuulduraatti cimee akka itti fufu fi hojiin naannoo miidhagsuu, qulqulleessuu fi misooma magariisaa kunuunsuu xiyyeeffannoon akka hojjetamu beeksiseera.
​Odeeffannoo dabalataaf:
https://t.me/kiwo08/11

Photos from ክፍለ ከተማ ቂርቆስ ወረዳ 08 ቤት ጽሕፈት ኮሙዩኒኬሽን's post 17/01/2026
Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 16/01/2026

Marii Paartilee Siyaasaa Morkattootaa Waliin Gaggeeffame.

​Amajji/08/2018 A.L.I
Wajjiiraa Komunikeeshinii Anna 08
Bulchiinsaa Kutaa Magaala Qiirqoos ​Anaa 08tti Paartii Badhaadhinaa Damee ijaarsaf dandeettiitii, paartii morkatootaa Anniichaa keessatti socho'an (EPRP) waliin koree qindoominaa waliinii hundeessee.

​Paartileen siyaasaa morkattootaa annichaa keessatti socho’an dhimmoota misooma magaalattii, nageenya, ijaarsa sirna dimookiraasii fi tokkummaa uummataa irratti xiyyeeffachuun waltajjii marii waliinii gaggeessaniiru.
​Marii kanaan, magaalattii keessatti nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi wabii nageenya jiraattotaa eegsisuun dhimma paartilee siyaasaa hunda irraa gahee olaanaa barbaadu ta’uun irratti walii galameera. Akkasumasgaraagarummaawwan kamiyyuu karaa nagaa fi marii maaddiitiin qofa akka hiikamanii fii waliin hojjechuuf waadaa seenaniiru.
​Bakka bu’oonni paartilee waltajjicharratti argaman akka ibsanitti, waltajjiwwan akkasii shakkii paartilee gidduu jiru maqsuun, kaayyoo biyyaalessaa irratti wal-amanuun akka hiriiran dandeessisa. Hooggantoonni paartilee mariicharratti hirmaatan, garaagarummaan ilaalchaa akkuma jirutti ta’ee, dhimma nageenya biyyaa fi magaalattii irratti qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu xiyyeeffannoo kennaniiru.
​Dabalataan, mariin kun hojii misoomaa, nagaa fi ijaarsa sirna dimookiraasii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u; keessattuu misoomni kooriidarii Finfinnee jiraattotaaf mijattuu fi giddugala dippilomaasii idil-addunyaa gochaa jiraachuun isaa ibsameera. Misoomni kun qulqullina isaa eeggatee akka itti fufuuf paartileen deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisanis mirkaneessaniiru.
​Paartileen kunneen garaagarummaa qaban dhiisuun, guddina magaalattii fi nageenya uummataaf waliin dhaabbachuuf waadaa galaniiru. Misooma nagaa malee hin yaadamne mirkaneessuufis, nageenya naannoo isaanii eegsisuuf gumaacha irraa eegamu bahuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 16/01/2026

Ayyaanni Kaataraa fi Cuuphaa Nagaan Akka Kabajamu Hundi Dirqama Isaa Ba'uu Akka Qabu Ibsame

​Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qiirqoos Annaa 08tti, ayyaanni Cuuphaa fi Kaataraa bara 2018 sirna amantii isaa eeeggatee nagaadaan akka kabajamu miseensota waliin mariin gaggeeffameera.
​Mariichas kan dursan Itti-aanaa fi Itti-gaafatamaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Qirqos Anna 08 obbo Teklu Ajabaa akka jedhanitti, ayyaanni Kaataraa fi Cuuphaa dhufulu kun duudhaa, sirnaa fi hambaa amantii isaa eeeggatee nagaadhan akka kabajamuuf gaheen miseensotaa olaanaadha.
​Hawaasni abbaa nageenyaa akka ta’u gochuun, humni nageenyaa hawaasaa fi qaamolee nageenyaa mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabanii fi ayyanichi nagaadhan akka xumuramuuf hojiileen qophii cimanii itti fufuu akka qaban ibsaniiru.
​Idabalataanis ayyaanni Cuuphaa fi Kaataraa addunyaa irratti hambaa kallaattoo hin qabne (Intangible Heritage) ta’ee kan galmaa’e ta’uu eeranii, miseensonni qaama nageenyaa waliin qindoomanii hojjechuu qabu jedhaniiru. Akkasumas, jiraattonni mallattoolee xixiqqoo fi shakkisiisoo yommuu argan tarkaanfii furmaataa barbaachisaa ta’e fudhachuu akka qaban dubbataniiru.
​Hirmaattonni mariichaa gama isaaniitiin, ayyaanni kun duudhaa amantii isaa eeeggatee akka kabajamuuf hojiilee qophii duraa jalqabaman cimsuun, hanga dhumaatti kutannoodhaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjechuu danda'an mirkaneessaniiru.

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 10/01/2026

Dorgommiin Ispoortii Barattootaa fi Barsiisotaa Waggaa Barnootaa 2018 Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qirqoositti Haala ho'aan Jalqabame.
​Ammajji 1/2018 A.L.I
​Bulchiinsaa Kutaa Magaala Qiirqoositti Waajjirrii Barnootaafi Dargaggootafi Ispoortii Waliin Ta'uun Dhaadannoo"Dhaloota Badhaadhina Biyyaf Sammu Fi Yaadaan Ga'umsa Qabu" Jedhuun Dorgommin Liigii Ispoortii Mannen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Dhuumfaafi Mootummaa Hunda Gidduutti Akkaa Kutaa Magaalaattii Gaggeeffamee.

​Sirna bultii dorgommii kana irratti gorsaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Xilaahun Fiqaaduu, Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Kutaa Magaalaa Qirqoos Obbo Samaanyii Astaatqee, barsiisonni manneen barnootaa, barattoonni fi hawaasni ispoortii argamaniiru.

​Gorsaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Xilaahun Fiqaaduu haasawa taasisaniin, ispoortiin dandeettii qaamaatiif qofa osoo hin taane, ijaarsa naamusaatiif fi fooyya’iinsa bu’aa barnootaatiif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

​Dabalataanis, "Sochiin dirree kana irratti arginu tapha qofaa osoo hin taane maddee barnootaa guddaadha. Barattoonni keenya beekumsa daree keessatti argatan, muuxannoo hojii garee fi naamusa dirree irratti argatan waliin yommuu walitti fidan, dhalotaa eenyummaa guutuu qabu uumuun ni danda’ama.
Manneen barnootaa keenya maddee beekumsaa qofa osoo hin taane, bakka ispoorteessitoonni itti horatamanis ta’uu qabu" jedhan.

​Itti gaafatamaan Waajjirraa Barnootaa Kutaa Magaalaa Qirqoos Obbo Samaanyii Astaatqee gama isaaniitiin, hojjin har’a barattoota keenyaaf raawwannu hundi boru biyyaaf firii bu’aa qabu dha. Ispoortiin barattoonni barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatanii fi bilchina sammuu akka qabaatan taasisa. Kanaafuu, barattoonni barnoota isaanii cinaatti ispoortii irratti akka hirmaatan jajjabeessuun qabdu," jedhaniiru.

​ dabalataanis Manneen barnootaas sa’aatii ispoortiitiif xiyyeeffannoo addaa kennuun, barattoonni dandeettii isaanii halaa itti ciimsaanifi mul’isan akka mijeessan waamicha koo nan dabarsa. Kakka’umni liigii kana irratti mul’ate barattoonni ispoortiif jaalala hangamii akka qaban agarsiiftuudha. Nutis akka mootummaatti bu’uuraalee misooma ispoortii ammayyaa dargaggootaaf gahuu taasisuuf kutannoo qabna," jedhaniiru.

Oddeeffaanno dabalataaf.
https://t.me/kiwo08/11

Photos from Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08's post 09/01/2026

Waldorgommii Gaaffii fi Deebii Barattoota Kutaa Magaala Kirqoositti Giddu-galeessa Godhate gaggeeffameera.
Muddee/01/2018 A.E
Kutaa Magaala Qiirqositti Wajjiraa Koominikeeshinii Anna 08

Waldorgommii Gaaffii fi Deebii Barattoota Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa Kutaa Magaala Kirqoositti Giddu-galeessa Godhate
​Qindeessummaa Waajjira Barnoota Kutaa Magaala Kirqoositiin, waldorgommiin gaaffii fi deebii barattoota manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa gidduutti adeemsifamu har'a Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Waligalaa Misiraaq Goohitti gaggeeffameera.

​Waajjirri Barnoota Kutaa Magaala Kirqoos mata-duree "Dhaloota sammuu fi ilaalchaan gahoomsuun badhaadhina biyyaatiif" jedhuun, waldorgommii gaaffii fi deebii barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara 2018 manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa hirmaachise gaggeesseera.
​Sagantaa kana irratti Itti-gaafatamaan Waajjira Barnoota Kutaa Magaala Kirqoos Obbo Sammaany Asittaaxqee, barsiisonni fi barattoonni argamaniiru.
​Itt-gaafatamaan Waajjira Barnootaa Obbo Sammaany Asittaaxqee saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin; kaayyoon guddaan waldorgommii kanaa gama tokkoon barattoonni keenya beekumsaa fi naamusni hanga har'aatti horatan kan itti madaalamu yoo ta'u, gama biraatiin ammoo hanqinaalee hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessatti mul'atan sirreessuun, bu'aa barattootaa fooyyessuuf kaka'umsa guddaa kan itti uumnudha jedhaniiru.

​Obbo Sammaany qaamolee waldorgommiin kun akka milkaa'uuf gumaacha taasisan galateeffatanii, waldorgommiin kun barattoota gidduutti hafuura dorgommii gaarii ta'ee fi wal-deeggaruun akka uumamu kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.

​Itt-gaafatamichi dabalataan akkaa ibsaaniititi dhaloota gahumsa qabu horachuuf sirna barnootaa olkaasuuf waldorgommiin kun shoora guddaa akka qabuu fi manneen barnootas "barattoota akkamitti gahoomsine?" kan jedhu akka itti of-ilaalan kan gargaaru ta'uu dubbataniiru.
​Waldorgommiin haala miira ho'aa ta'een gaggeeffame kun, manneen barnootaa fi barattoota gidduutti wal-dorgommii beekumsaa uumuu fi aadaa qo'annaa guddisuuf kan yaadameedha. Barattoonni waldorgommii kana irratti hirmaatan gaaffilee qorumsa ta'an hubannoo ariifataa ta'een deebisaa kan turan yoo ta'u, kunis barattoota daawwattoota turan biratti kaka'umsa guddaa uumeera.

​Guyyaa kanaan barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatiif dameewwan barnootaa adda addaatiin gaaffileen dhiyaatanii, barattoota, manneen barnootaa fi dhaabbilee dorgommiidhaan 1ffaa hanga 3ffaa ba'aniif waraqaan ragaa fi badhaasni beekamtii kennameera.

09/01/2026
Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Addis Ababa