02/04/2026
"Ifa Bitootessa Irraa Gara Ol'aantummaa Idil-addunyaatti!"
Sochiin ispoortii ummataa mata duree "Ifa Bitootessa irraa gara Gahumsa Idil-addunyaatti!" Bulchiinsa kutaa Magaalaa Gullalleetti.
Hojii gaggeessaan olaanaa Bulchiinsa kutaa Magaalaa Gullallee obbo Waldee Wagassee haasawa taasisaniin sochiin ispoortii jumlaa kun waggaa saddeettaffaa jijjirama biyyaalessaa kabajuuf kan qophaa'e ta'uu ibsuun, "Biyya keenya keessatti Bitootessa 24 guyyaa guddaa gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irratti liqaa kuufame gara badhaasaatti jijjiiruuf tarkaanfii hundee irraa fudhatamedha" jedhamerra.
27/03/2026
Finfinneen dargaggoota ciccimoo cichoomina qaban - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dargaggoota Kuma 15 fi 492 gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ce’an eebbiisuu beeksisaniiru.
Dargaggootni kunneen wabii Nyaataafi gahumsaan kanneen shaakala hojiin leenji'aa turan ta'uu ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech jiraattota rakkinaaf saaxilaman gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuun magaalaan Finfinnee jijjiirama galmeessisaa jiraachuu kaasaniiru.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan kun qaama galmoota gurguddoo 5 Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin kaa'aman keessaa isa tokkoofi ijoo kan ta'e ergamni guddaan "Gargaaramtummaa fi Kadhaa Zeeroo Taasisuun" akka bu'a qabeessa ta'aa dhufe agarsiistuu ta'uu isaa hubachiisaniiru.
Waggoota Shanan darbanittis Sagantaa seefitiineetiin gargaaramaa kanneen turan jiraattootni Kuma 695 ol ta'an gara oomishtummaatti ce'uun akka of danda'aniifi maatii isaanii gargaaran taasifamuu ibsaniiru.
Gama biraan magaalaa Finfinneetti shaakalli hojii yeroo itti eegalame bara 2014 irraa eegalee dargaggootni har'a eebbifaman Kuma 8 fi 852 akkasumas lammiileen Kuma 49 caalan gargaaramtummaa hojii dhabdummaa keessaa bahuun leenjii shaakala hojii xumuruun gara hojii argachuufi oomishuutti ce'uu isaanii ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Magaalaan"Magaalaan Finfinnee Dargaggoota ciccimoo cichoomina qaban, carraa argatan hunda jiruufi jireenya isaanii bifa waaraan kan jijjiiraniifi kanneen biroofis fakkeenya ta'antu barbaachisa" jedhaniiru.,
Yeroo itti aanuttis of irra darbuun kanneen biroof carraa hojii kan uumaniifi ergama galaa taasifamaniin akkasumas muuxannoo horataniin abbaa qabeenya dhaabbilee garaa garaa akka ta'an ifaajjiin haga ammaa taasisan agarsiistuu ta'uu eeruun akka kana irra cimanii hojjataniif dhaamsa dabarsaniiru.
16/02/2026
MM Abiyyi Ahimad (PhD) baatii qulqulluu Ramadaanaa ilaalchisuun hawwii gaarii qaban dabarsan
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) baatii qulqulluu Ramadaanaa ilaalchisuun hawaasa musliimaaf hawwii gaarii qaban Afaan Arabaan dabarsaniiru.
10/02/2026
Bulchiinsa nagaa fi nageenyaa ilaalchisee
👉 Gama ummata abbaa nagaa taasisuun dhimmoota nagaa fi nageenyaa hawaasni keessatti hirmaatu adda baasuun, qindeessuun, cimsuun, hirmaannaa ummataa guddisuun, dhaabbilee nageenyaa gargaaraa adda addaa cimsuun duula hubannoo uumuu gaggeessuun danda’ameera.
👉Dhimmoota nageenyaa yeroo ammaa irratti waltajjiiwwan hubannoo uumuu irratti dhaabbilee nageenyaa gargaaraa adda addaa 131245 hirmaachisuun danda'ameera.
👉Keessattuu, manneen dhugaatii fi manneen qumaaraa 139 gara damee filannootti jijjiiruun hojiiwwan jeequmsaa adeemsa barumsaa naannoo manneen barnootaa jeequuf deebii kennuudhaan cufuudhaan gara damee filannootti jijjiiruun danda’ameera.
10/02/2026
Manni Maree Bulchiinsa kutaa Magaala gullallee Walgahiin Idilee Jalqabammerraa
Manni Maree Bulchiinsa kutaa Magaala gullallee walga'ii idilee 2ffaa hojii isaa waggaa 13ffaa gaggeessaa jira.
Manni Maree Bulchiinsa kutaa Magaala gullallee ajandaalee itti dhiyaatan raggaasisuun walga’ii idilee 2ffaa waggaa 13ffaa isaa gaggeessaa jira.
Afyaa’iin Mana Marichaa obboo Makuriyaa Girmuu ajandaawwan Mana Marichaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, Manni marichaa ajandaawwan isaaniif dhiyaatan raggaasiseera.
08/02/2026
Qabeenyi birrii Biiliyoona 5 caalu Balaa irraa baraarameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gabaasa raawwii hojii baatii jahan darbanii Bara 2018 har'a Miseensota Mana Maree Magaalichaaf dhiyeessaniiru.
Baatiiwwan Jahan darbanitti balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaniin balaa gara garaa 325 irratti deebii hatattamaa kennuun qabeenya Birrii Biiliyoona 5 olitti shallagamu balaa irraa baraaruun kka danda’ame Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef gabaasa dhiyeessaniin, bulchiinsi magaalichaa sodaa balaa tasaatiif deebii itti fufiinsa qabu cimsee kennuuf maallaqa (fund) sassaabuu fi bulchuuf kan dandeessisu seera baasee sirna diriirsuun hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Haaluma kanaan Birrii miiliyoona 30 maallaqaan, miiliyoona 24 akaakuun, midhaan kuntaala 464 kuusaa tarsiimoo (strategic reserve), akkasumas wantoota nyaataaf oolan kuntaala 413 walumaan galatti, birriin miiliyoona 110 olitti shallagamu walitti qabamuu isaa kaasaniiru.
Kunis, balaa uumamuu danda’u dursanuu ofiin deebii kennuun deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf hojii bal'inaan hojjatame ta'uu Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbataniiru.
08/02/2026
Oomisha indastirii biyya alaatti erguun doolaarri Miliyoona 123 ol akka argame ibsame
Oomisha indastirii toonii Miliyoona 16 fi 600 ol biyya alaatti erguun galii doolaara Miliyoona 100 fi Miliyoona 23 caalu argamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Yaa'ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee adeemsifamaa jiru irratti argamuun raawwii karoora hojii ji'oota jahan darbanii dhiyeessaa jiru.
Gama walitti hidhamiinsa gabaa Intarpiraayizootaa fi indastiriiwwan oomishaa xixiqqoo uumuutiin hojii hojjatameen intarpiraayizootni Kuma 9 fi 116 sochoostota Kuma 50 fi 631 qabaniif walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu isaa kaasaniiru.
Haaluma kanaan walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa irraa Birrii Biliyoonootan lakkaa’aman argamuu isaa ibsaniiru.
Nageenyaa fi oomishtummaa Indastirii cimsuuf hojiiwwan dhimma hojjataa fi hojjechiisaa deggeruun Waldaa hojjachiisaa tokkoo fi waldaalee hojjataa 28 gurmeessuun beekamtii kennuun akka danda'ame gabaasa raawwii hojii baatii jahaa kanaan dhiyeessaniiru.
Sagantaa Biyyaalessaa "Itoophiyaan haa oomishtu" jedhuun Indastiriiwwan oomishaa Xixiqqaa fi gurguddaa 305 ta’anif fayyadamtoota Liizii Meeshaa taasisuuf karoorfamee olitti Indastiriiwwan oomishaa 340 fayyadamtoota taasisuu isanis ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech gabaasa isaaniin Indastiriiwwan Maanufaakichariingii gahumsa oomishaa isaanii guddisuuf hojii hojjatameen %66.62 irraa gara %71tti guddisuuf karoorfamee gara % 69.09tti guddisuun akka danda'ames dubbataniiru.
Indastiriiwwan Oomishaa duraan turan cimsuun oomishtoota galii tarsiimawaa kanneen oomishan 232 horachuuf karoorfamee olitti Indastiriiwwan oomishaa 238 horachuun akka danda'ames kaasaniiru.
Akkasumas, Indastiriiwwan Kuma 2 fi 92'f deeggersaa fi hordoffii taasisuun rakkoowwan isaanii furamanii gahumsa guutuu isaaniin akka oomishan taasisuu akka danda’ames himaniiru.
Indastiriiwwan biyya keessatti oomishuun oomisha alaa bakka bu'u danda’an uumuun sharafa Alaa doolara Miliyoona Dhibba 9 fi Miliyoona 38.9 oolchuuf karoorfamee keessaa baasii doolaara Miliyoona 800 caalu oolchuun akka danda'ame gabaasa isaaniin hubachiisaniiru.
Oomishni indastirii Toonii Miliyoona 7.7 oomishuuf karoorfamee keessaa oomisha Toonii Miliyoona 7.4 oomishuun oomishaalee gara biyya keessaatti seenan asumatti oomishuun akka oomisha alaa bakka bu'aan taasisuun akka danda'ames ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa Alaa uumuun oomisha Toonii Kuma 16 fi 635 gara biyya alaatti erguun sharafa Alaa doolara Miliyoona 100 fi Miliyoona 23 ol argamsiisuun akka danda'ame Kantiibaa Adaanech, wayita gabaasa raawwii baatiiwwan jahaa bara 2018 dhiyeessanitti ibsaniiru.
08/02/2026
Magaalaa Finfinneetti tola ooltummaa fi hirmaannaa uummataan Birriin Biliyoona 15 caalu misoomaaf ooluun ibsame
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee baatiiwwan Jahan darbanitti hojiiwwan misoomaa garaa garaa tilmaamni isaanii Birrii Biliyoona 15 caalu hojjatamuu, Kantiibaa Adaanech Abeebee beeksisan.
Kantiibaa Adaanech wayita gabaasa raawwii hojii baatiiwwan 6’n darbanii miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessanitti tola ooltummaa fi hirmaannaa uummataan milkaa’inoota argaman ifoomsaniiru.
Kanaanis, Tajaajila tola ooltummaan hojiileen misoomaa birrii biliyoona 13.1 ol, hirmaannaa uummataan ammo birrii biliyoona 2.2 ol, walumaa galatti, birriin biliyoona 15.3 walitti qabamuun tajaajilaaf ooluu beeksisaniiru.
Gama biraan, Finfinneen Pilaanii Ispaashaaliin akka hoogganamtu hojii eegalameen, dizaayinootni haaraan dhaabbilee shanii lafa heektaara Hektaara 49.6 uwwisan guutummaatti ragga’uun qophiin taasifamuu kaasaniru.
Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa hundatti qoorannoon wiirtulee aanaa 36 lafa hektaara 118.6 haguugan yoo xumuramu, qorannoon misooma qarqara laggeenii Kiiloo Meetira 151.8 ta’us akkasuma xumuramuu ibsaniiru.
Caaseffama Pilaanii 11ffaaf hojiin boqonnaa qophii xumuramuu kan eeran Kantiibaan, raawwiin isaa kan karoorfamee ture %17.5 gara %17tti akka siqu taasisuun milkaa’ina raawwii % 97 irraan ga’uun akka danda’ame gabaasa raawwii baatii 6 irratti dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaa qorannoowwan garaa garaa lafa hektaara Kuma Tokkoo fi 33 ol misoomsuu dandeessisan qaamolee qooda fudhattoota garaa garaa waliin ta’uun qorannoowwan garaa garaa taasifamaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee miseensota Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef ibsaniiru.
03/02/2026
"Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, Jalqaba Yeroo Jijjiiramaa, Waggaatti Imaltoota Miiliyoona 8 Geejjiba Ture, Baatiiwwan Jahan Darban Qofaa Garuu Miiliyoona 10.7 Gaheera" MM Abiyyi Ahimad (PhD)
03/02/2026
Nagaa Itoophiyaaf gufuu guddaan waa sadiidha jedhu MM Abiyyi Ahimad
1. Waldhabdee kamiyyuu aadaa humnaan hiikuuf durirraa kaasee as gahe- (Abbaafi ijoollee gidduutti waldhabdeen humnaan hiikama, abbaa warraaf haadha warraa gidduutti waldhabdeen yoo jiraate humnaan hiikuuf yaaluu, gaaffii uummataa kamiifuu humnaafi fincilaan deebiin gaafatamuu)
2. Baandaa keessoo durii kaasee har'as biyya gurguru- (Diina seenaa Itoophiyaa waliin yeroo Adawaatii kaasee Baandaa biyya gurguruun nagaa dhabne)
3. Sodaa biyyootni Ollaa Itoophiyaarraa Qaban (Itoophiyaan yoo guddatte nuuf balaa taati jedhanii warreen yaadan keessoo keenya booressu)
24/01/2026
Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhina taasisuuf qabanne ni mirkaneessina - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinneen karoora baatii jahaaf qabatte keessaa dhibbantaa 95.3 ol milkeessiteetti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Raawwiin hojii baatiiwwan jaha paartiifi mootummaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee qoratamuu eegaleera.
"Gamaaggama guyyaa sadii kanaan hojiilee ijoo mootummaafi paartii, hoggantoota aanaatii haga magaalaa jiran waliin gadi fageenyaan ni qoranna" jedhaniiru.
Baatii jahan darban aadaa hojii 24/7'n uummataafi tumsitoota misoomaa waliin qindoomuun damee hundaan raawwii %95.3 milkeessuun danda'amuu eeran.
Raawwii gaariin galmaa'us, dhaabbileen karoora qabame bifa walfakkaatuun raawwachuu dhabuun, tajaajila saffisaafi qulqullina qabu irratti qaawwi jiraachuu, matta'a gaafachuu, gaarummaan tajaajiluurratti rakkoolee jiran iftoominaan adda baasuun sirriitti akka qoratamus eeran.
15/01/2026
"Kan Hafetu Caala" Kantiibaa Adaanech Abeebee
Daawwannaan 'IshowSpeed' Itoophiyaatti taasise guutuu addunyaatti ijni miliyoonotaa gara Finfinneetti akka harkifaman kan taasise sagantaa bu'a qabeessa akka ture Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Aadde Adaanech Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, "Daaw'annaan kuni magaalaan teenya aadaa keessummaa simachuu turee fi kabajame qabdu, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa teenyaa, akkasumas bifa Itoophiyaa isa sirrii hawaasa idil-addunyaa beeksisuuf carraa guddaa uumeera" jedhaniiru.
Taatichi haga ammaatti ijoo dubbii ta'uunsaa kan itti fufe yemmuu ta'u, fuuldurattis hedduuwwan gara biyya keenyaa ni harkisa jennee yaadna jedhan.
"Taatee kana dandeettiin kan gaggeessitan biyya jaalattoonni, dargaggoonni ciccimoo fi dhiibbaa uumtonni, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas mootummaawaa Federaalaa fi Finfinnee galata guddatu isniif mala" jedhaniiru.
Keessattuu Ministeera Tuurizimii, koomishinii Tuurizimii Finfinnee, Biiroo koominukeeshinii Finfinnee, Intarteeymantii Yissaaqaal fi kanneen biroos qaamonni qindoominaan hojjettan hunduu; humna qindoominaa olaanaa mul'istaniifi miira jaalala biyyaaf qabdan ‘haata'u’ nama jechisiisa.
Kantiibaa Adaanech ammallee "Kan hafetu caalaa, Jabaadhaa!" jechuun ergaa dabarsaniiru.