19/09/2026
Leenjiin Moosaajii OICCMS Qaamolee Haqaa Adda Addaatiif Kenname.
~~☆☆☆☆~
📍 Fulbaana 9, 2019 | Ciroo
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa, mul’ata tajaajila haqaa ammayyaa, saffisaa, iftoomaa fi waraqa maleessa taasisuuf qabame dhugoomsuuf, hojiiwwan garaagaraa hojjechaa jira. Bu'uurak kanaan, Moosaajii OICCMS (Oromia Integrated Court Case Management System) irratti leenjii qaamolee haqaa, dubbii fixootaa, abukaattota dhuunfaa fi qaamolee mootummaa adda addaatiif kennamaa jira.
Sagantaa leenjii irratti Haasaa baniinsaa kan taasisan bakka bu'aan Pirezidaantiin Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa, Kabajamoo Obbo Abdurahim Mahammad, qaamoleen haqaa fi qooda fudhattoonni waggoota darban keessatti gara tajaajila haqaa waraqa maleessaatti ceesisuuf taasisaa turan hojii milkaa’aa hojjachaa turaniif galateeffachuun, bara kanaas OICCMS hojii irra oolchuun tajaajila haqaa dijitaalessuu cimsuuf gaheen hirmaattotaa olaanaa tahu ibsani, leenjichaan hubannoo argatan hojii irra oolchuun, hawaasaaf tajaajila haqaa ammayyaa ta’e kennuuf leenjicha dammaqinaan hordofuu akka qaban dhaamaniiru.
👨💻 Leenjicha kan kennan Ogeessa TQO Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa Obbo Magarsaa Abdusalam fi Ahmad yoo ta’an, leenjichi haala hubannoo fi shaakala irratti xiyyeeffateen kennamee jira.
Hirmaattonni leenjichaas, leenjichi hubannoo isaanii cimsuu fi OICCMS hojii keessatti sirnaan fayyadamuuf kan isaan dandeessisu ta’uu ibsuun, moosaajicha manneen hojii isaanii keessatti fi dhuunfadhaan shaakaluun hojii irra kan oolchan tahu ibsaniru.
☆☆MMOGHL☆☆☆