Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa

Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa

Share

This page is waajjira Bulchiinsaa Fi nageenya Bu/ma/Asallaa

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 20/01/2023

Amajjii 12/5/2015 Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti guyyaa har'aa Ayyaanni cuuphaa akkatuma baratameen duudhaa ayyanichaa eguun haala miidhagaa ta'een kabajamee oolee Jira, suuraan isaas akka armaan gadiiti

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 18/01/2023

Amajjii 10/5/2015 Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Ayyaanni cuuphaa haala bareedaa kanaan rakkoo Nageenyaa tokko malee taboonni nagaan adibaarii itti bahuutti qubatee bahee kabajamaa Jira. Horaa bulaa!!

Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Asallaa.

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 16/01/2023

Amajjii 8/5/2015 Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti qaamoolee Nageenyaa waliin Mariin gaggeffamee Jira.Bulchiisa magaalaa Asallaatti milka'ina Ayyaana cuuphaaf qaamoolee Nageenyaa gandoota magaalaa irraa hirmaataniin Ayyaanni cuuphaa rakkoo Nageenyaa tokko malee Karaa nagaatiin jalqabaa hanga dhumaatti akka xumuramuuf qindoominaanan hojjechuu akka qabnu irraatti waliigalamee Jira.
Ayyaanni cuuphaa akkuma duraanitti duudhaa isaa eggachuun akka kabajamu Hundi keenya gahee keenya bahaachuu qabnu Marii ho'aan gaggeffamee.

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 11/01/2023

Amajjii 03/05/2015 Bulchiinsaa Magaalaa Asallaatti Ayyaana cuuphaa ilaalchise Mariin Abbootii Amantaa gaggeeffamee Jira.
Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Ayyaana cuuphaa dhufaa jiru karaa nagaa Fi duudhaa isaa eggateen kabajuun akka danda'amutti Abbootii. Amantaa irraatti waliin galanii jiru.
Kaayyoon waltajjii Kanaas Ayyaanni cuuphaa akka magaalaa keenyaattis ta'een akka biyya keenyaatti rakkoo Nageenyaa tokko malee haaluma baratameen duudhaa isaa eggatee karaa nagaa ta'een Fi miidhagaa ta'een akka kabajamuuf gahee Abbootii Amantaa guddaadha.
Ayyanichi yeroo kabajamu mallattoowwaan adda adda a fkn, Alabama qabatanii bahuun akka hin dan'amne qaamni hunduu irraatti waliigalanii jiru.
Marii Kanaas kan mariisisaan kaantibaa bulchiinsa Magaalaa Asallaa obboo Gazaali Haashuu, I/G waajjira paartii Badhaadhina bulchiinsa Magaalaa Asallaa obboo Taddelee Nugusee, I/G waajjira Bu/Na/Ma/Asallaa obboo Kadiir Namoo if I/G qajeelcha poolisii bulchiinsa Magaalaa Asallaa komaander Baanataa Bokkuuti.
Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 13/12/2022

Guyyaa 04/04/Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Mariin haala nageenya Abbootii Amantaa waliin gaggeeffamee jira.
Bulchiinsa magaalaa Asallaatti guyyaa har'aa marii bal'aan haala yeroo irraatti xiyyeeffate abbootii amantaa manneen amantaa magaalaa keenya keessatti jiran hunda hirmaachiisuun haala gaariin gaggeeffamee jira.

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 23/11/2022

Sadaasa 13/3/2015 Foramiin Manneen amantaa bulchiinsa magaalaa Asallaa bulchiinsa magaalaa shashamannee Waliin muxannoo hojii waliif qoodanii jiru.
Foramiin manneen amanta bulchiinsa magaalaa Asallaa gara godina Arsii lixaa bulchiinsa magaalaa shashamannee deemuun muxannoo hojii wal jijjiruun gaggeessani jiru.
kaayyoon isaas hojiin gama foramii manneen amantaa lameeninuu hojjetame maal akka fakkatu waliif ibsuun ciminaa fi hanqina jiru sirritti kaasanii jiru.
Gara foramii manneen amantaatiin bulchiinsa magaalaa shashamanneetiin hojii nageenya amansiisaa fiduu irraatti hojiin foramonni manneen amantaa hojjetaan hojii guddaa ta'uun isaa hubatamee jira. dabalataaniis foramoonni manneen amantaa bulchiinsa magaalaa shashamannee magaala qofatti osoo hin taane hanga aanaatti deemuun qindoominni isaan aanaa waliin qabaanii fi hojiin isaan hojjetan baayee gaarii ta'uu isaanii bulchiinsa magaalaa Asallaatiif muxaannoo qaban qoodaaniifi jiru.
Dhuma irraattis hojii waliin hojjechuu danda'an irraatti waliif galuun hojjechuu akka qaban waliif mallatteessanii jiru. Dabalataaniis yeroo itti aanutti foramiin manneen amantaa bulchiinsa magaalaa shashamannee gara bulchiinsa magaalaa Asallaa dhufaanii muxannoo kan fudhatan ta'a.

Photos from ECYDO Eshet's post 19/11/2022
Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 18/11/2022

Sadaasa 9/03/2015 Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Mariin Foramii Abbootii marii gaggeessee jira.

Bulchiinsa magaalaa Asallaatii guyyaa har'aa waajjirri bulchiinsaa fi nageenyaa magaalaa Asallaa qindoomina dhaabbata miti mootummaa ECDYO waliin ta'uun Aadaa marii hordooftoota amantaa gidduutti ciimsuudhaan walitti dhufeenya hordooftoota amantaa kiristiyaanaa fi muslimaa haa cimsinu jedhu irratti mariin bal'aa godhamee jira.
Marii kana irraattiis foramiin Abbootii Amantaa 7n, Abbootii gadaa, Haadha siinqee fi miseensoonni foramii hundi isaanii argamanii jiru.
Dhuma iraattiis gaaffileen marii tuuta tuutaan yookiin garee gareen kennamuun gaaffilee irraatti yaada bal'aan ka'ee jira.

Photos from Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa's post 14/11/2022

Sadaasa 05/03/2015 Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenya leenjii kennee jira.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenya Bu/Ma/Asallaa guyyaa har'aa Caasaa nageenyaa magaalaa fi gandaatiif leenjii dandeettummaa rawwachiisummaa cimsu kennee jira.
Mata dureewwaan leenjiin kun irraatti kenname
1ffaa Akeekachiisa dursaa fi deebii atattamaa kennuu, Walittii bu'iinsa akkamitti akka hiiknuu fi dursinee akkamitti akka ittisnu.
2ffaa Ijaarsa aadaa nagaa, akkamitti nageenya akka ijaarru fi nageenyi barbaachiisaa ta'uu irraatti caasaa nageenyaaf hubannoo gahaan kennamee jira.
Dhuma irraattis caasaan nageenyaa leenjii kana fudhataan leenjichi barbaachiisa ta'uu fi hubannoo guddaa akka irraa argatan ibsanii jiru.

Want your business to be the top-listed Government Service in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Asella Arsi Oromia
Asella