Arsi Zone Agriculture office
Arsi,Asella,Ethiopia
10/09/2022
Ergaa baga bara haaraa 2015 nagaan geessanii Obbo Abarraa Worquu Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa!
Qonnaan bultoonni, Horsiisee biltoonni, Hojjettootni Misooma Qonnaa, Ogeessota Qonnaaafi Hoggansi qonnaa, qooda fudhattoota hojii misooma qonnaafi Uummata Oromoo hundaan baga Bacaqii Gannaa Baatanii Booqa Birraa bara 2015n nagaan geessan!
Barri darbe kun, bara hojii misooma qonnaa waggaatti al-sadii oomishuuf akka seenaatti waggoota dheeraadhaaf seenessaa turre bara itti dhugoomsineefi wabii midhaan nyaataatiin of-danda'uun biyyi keenya kadhaa jalaa baatee birmadummaa ishee mirkaneeffachuuf imala qamadii Bonaan misoomsuun bara injifannoon itti galmaa'eedha.
Dabalataanis, bara kana hojiiwwan qonna Gannaafi Arfaasaadhaan oomishtummaa qonnaa guddisuuf qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, ogeessonni qonnaafi qooda fudhattoonni hojii misooma qonnaarratti bobba'anii jiran qindoomninaan hojjechuun hojii seenaa qabeessa ta'e bara itti raawwatanidha.
Hojii eegumsa biyyeefi bishaaniirratti qabenya uumamaa manca'eefi biyyee haphate misoomsuuf Bona barana hawaasni keenya hojii tajaajla lammummaa ajaa'ibsiisaa ta'an bara itti raawwatanidha. Akkasumas, sagantaa ashaaraa magariisaatiinis, biyya magariituu jireenya lubbu qabeeyyii hundaaf mijataa taate uumuuf biqiltuu gosa adda addaa tajaajila adda addaatiif oolu kan sadarkaa isaa eeggate qopheessuun biqilaan biliyoonni 4.4 dhaabbachuun seenaan haaraa bara itti galmaa'efi guyyaa tokkotti biqilaa miliyoona 450 oli dhaabuun rikeerdiin haaraan bara itti galmaa'edha.
Kanamalees, oomishaafi qulqullina bunaa dabaluun gabaa biyya keessaafi alaatti dhiheessuun dinagdee qonnaan bulaafi biyyaa giddisuurratti bara sharafni biyya alaa olaana biyyaaf argamsiisuun milkaa'inni haaraan bara itti galmaa'edha.
Misooma Muduraaleetiinis gama Muuzii sanyii filatamaa babal'isuun gabaa biyya keessaaf dhiheessuun, Abokaadoo sanyii filatamaa gabaa biyya alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuurratti bara hojiin jalqabbii gaarii itti eegaledha. Misooma mi'eesituufi baala shayees godinaaleefi aanota hedduu keessatti babal'isuun galii argamu guddisuuf bara hojiin bal'aan itti eegalamedha.
Misooma beelladaafi eegumsa fayyaa beeladaarrattis hojiiwwan loon sanyii filatamaa mala namaan diqaalomsuun baayyisuu, misooma aannanii, misooma horii foonii, misooma lukkuu, talaallii beelladaa, misooma dammaafi nyaata fooyya'aa beelladaa misoomsuurratti hojiin jalqabbii gaarii bara itti eegaledha.
Gama biraatiin barri 2014 bara hongeen babal'achuun loon hedduun horsiisee bulaa keenya jalaa itti dhumeefi hojii oomishtummaa qonnaa keenyaaf rakkoo itti ta'e, akkasumas, sababa qaala'insa jireenya akka addunyaatti uumameen gatiin xaa'oo dabaluun itti nuqure ta'us, rakkoo uumame kana akka carraatti jijjiiruun aadaa walgargaarsaafi waldeggeruu keenya cimsuun qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni keenya deeggersa mootummaafi caasaalee qonnaatiin rakkoowwan kana dandamachuun bara itti danda'amedha.
Bara 2015ttis hojiiwwan misooma qonnaa akka inisheetiiviitti jalqabameefi hojiiwwan idilee keenya qindoominaafi tokkummaadhaan cimsuun imala badhaadhina eegalame bara itti milkeessinuufi qamadii biyya alaati galu guutummaa guutuutti dhaabuun birmadummaa biyya keenyaa mirkaneeffannee biyya alaatti bara itti qamadii erginu, bara carraa hojii bal'aa hojii misooma qonnaarratti dargaggoota keenyaaf itti humnu, bara oomishaalee al-ergee keenya dachaan itti daballuufi milkaa'ina hojii qonnaatiin argamaa jiru caalmaan ittomi fufsiisinu akka ta'u hawwaa; Barri haaraan 2015 bara Oomishtummaa, nageenyaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka tahun hawwa!
Ayyaana gaarrii!
Obbo Abarraa Worquu Hog. BQO
07/09/2022
Guyyaan har'aa guyyaa Omishtummaati,Q/bultoonnis Kunuunsa midhaanii itti fufanii jiru.
06/09/2022
Sosochiin hojii qamadii jallisii bara 2015 sadarkaa hawaasatti gaggeeffamuu eegalee jira.
06/09/2022
06/09/2022
Kilaastera Mishingaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
