Afran Qalloo

Afran Qalloo Welcome 🅰🅱🅾
• Qabsoo hidhanno-maleessa waan geggeessuuf, Qeerroon meeshaa waraanaa hin qabatu.

Permanently closed.
 Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa waraana kanaan miidhamanii boordiidhaan hojii irraa ari’amanii fi mirga isaanii kaasa...
18/05/2026



Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa waraana kanaan miidhamanii boordiidhaan hojii irraa ari’amanii fi mirga isaanii kaasaa turan 14 to’annoo jala ooluu isaanii gabaafameera. Kana malees miseensonni kunneen doorsifamaa fi reebamaa akka jiran odeeffamaa tureera.

Xumurri qabsoo keenyaa maal ta’uu qaba?Jalqaba, rakkoon uummata Harargee maali?1. Rakkoo BishaaniiHarargeen lafa isaa ke...
02/05/2026

Xumurri qabsoo keenyaa maal ta’uu qaba?
Jalqaba, rakkoon uummata Harargee maali?

1. Rakkoo Bishaanii
Harargeen lafa isaa keessaa 60% gammoojjii dha; hanqinni roobaa guddaan jira. Kanaaf, uummanni keenya akkuma naannolee biroo hanqina roobaa qabanitti bishaan lafa keessaa baasuun itti fayyadamuu barbaada. Garuu kana gochuuf meeshaalee bishaan lafa keessaa ittiin baafatu ni barbaachisa.
Mootummaan amma biyya bulchaa jiru garuu hawaasa keenyarratti baasii humnaa olii kaa’ee, osoo rakkoon bishaan dhugaatii cimaan jiru, rakkoo dabalataa keessa akka seenan taasisaa jira.

2. Rakkoo Misoomaa fi Daandii
Harargee keessatti daandii guddaan bara Hayilasillaasee ijaarame malee daandiin haaraan hin hojjetamne. Mootummaan amma jiru illee uummata Harargee akka uummata isaatti hin ilaalu. Walumaagalatti, uummanni keenya dheebuu misoomaa guddaa qaba.
Mootummaa uummata keenya waa gaafachuu malee uummata keenyaaf wanti inni godhaa hin jiru.

3. Rakkoo Magaalaa fi Bulchiinsa
Uummanni Harargee duraan magaalaalee gurguddoo sadii qaba ture; amma garuu sadanuu harka alagaa jiran. Yeroo qabsoon Qeerroo gaggeeffamaa turetti, mootummaan jijjiiramaa gaaffii uummata Harargee ni deebisa jennee abdii qabna turre. Garuu mootummaa jijjiiramaa sun faallaa kanaa hojjete; uummanni Harargee magaalaalee isaa keessaa tokko illee akka irraan fayyadamne taasisee akkuma bara wayyaanee sanatti itti fufe. Kana irra darbee, magaalaalee biroo, kan akka Haramaayaa irraa uummata keenya fageessuuf tattaaffii taasisaa jira.

Gaaffii keenya (Harar irratti)
Naannoon Harar nu fayyada jechuun ni danda’ama; warri siyaasaa irraa fayyadaman jiraachuu malu. Garuu nuti akka uummataatti magaalaa kana irraa miidhaa malee faayidaa tokkollee argachaa hin jirru.

Egaa, rakkoon keenya guddaan:

• Magaalaa dhabuu

• Misooma dhabuu

Kanaaf, gaaffiin keenya deebii argachuuf qabsoo gaggeessaa jirra. Galmi keenya, uummanni keenya mirga isaa guutuu argatee
magaalaan isaa isaaf deebifamtee gaafa sana qabsoon keenya ni xumuramaa .

https://earns-easys.top/61351568144244
08/08/2025

https://earns-easys.top/61351568144244

Earns-easys is the #1 marketing network. With over $14 million paid to 300k members, Earns-easys lets regular users make money with social media and friends!

HUBACHIISA: Gaafa qabsoon itti jabaatee muddaman mara qalbii hawaasaa  facaasuuf jecha  ummata ollaa nagayaan waliin jir...
26/07/2025

HUBACHIISA: Gaafa qabsoon itti jabaatee muddaman mara qalbii hawaasaa facaasuuf jecha ummata ollaa nagayaan waliin jiraatu walitti buusuun tooftaa beekkama mootummaa biyya saniiti. Ammas kunoo ummata Soomaleefi Oromoo haaratti buusuuf shirri xaxamaa akka jiru mallattoolee argaa jirra.

Ummanni lamaan kun kan gaafa Qabsoon Qeerroo cimee ture wali ficcisiisamaa ture araaramee waggoota torban dabran kanaaf nagaya argatee ture. Garuu torbanoota dabran kana Bordoddee hanga Dirree Dhawaa, Baalee hanga Mooyyaleetti Soomaleefi Oromoo walitti buusuun lubbuun namoota hedduu dabree jira. Ammas walitti bu’iinsa kana daran babal’isuuf yaalamaa akka jiru wantoonni akeekan ni jiru. Dhimma magaalaa Mooyyalees kan qaata furamun itta ture waggoota torbaaf didanii turanii kanaaf yeroo kanatti gadiin bahan.

Yaadadhaa bulchitoota naannolee lamaaniituu Abiyitu kallaattiin ajaja. Hayyamaafi qajeelfama isaatiin alatti tarkaanfileen akkanaa abadan irra deddeebiin hin fudhataman. Kana hubachuun ummanni leenya lamaan shira kana fashalsuun nagaa isaa akka tiikfatu dhaamna.

Oduu Ammee!!Oromiyaa keessatti iddoo gara garaa keessatti Hiriirri mormii gaggeeffamaa jira. "Mirgi abbaa biyyummaa Orom...
26/07/2025

Oduu Ammee!!

Oromiyaa keessatti iddoo gara garaa keessatti Hiriirri mormii gaggeeffamaa jira. "Mirgi abbaa biyyummaa Oromiyaa haa kabajamuu, weerara daangaa Oromiyaa kan Bilxiginnaa qumaara taphataa jirtuun ni balaalleffanna, oomishinni Jimaa Harargee bilisaan gabaatti dhiyaachaa qaba" jachuun ummatni itti muddaa jira!!

Mirga keef falmadhu!! 💔👏

Itiyoophiyaan lafaan hin marfamte galaana seenuuf jecha biyya ollaa Eertiraa waliin waraana jalqabuuf yaada akka hin qab...
21/03/2025

Itiyoophiyaan lafaan hin marfamte galaana seenuuf jecha biyya ollaa Eertiraa waliin waraana jalqabuuf yaada akka hin qabne muummichi ministeeraa biyyattii Abiy Ahimad ibsaniiru.
Ibsi kanaan dura, bara 2023, buufanni galaanaa qabaachuun sabaaf "dhimma jiraachuu" ta'uu isaa Itoophiyaan humnaan tokko fudhachuu dandeessi jedhu yaaddoo kaase.
Abiy Kamisa kaleessaa paarlaamaaf kan kenne ollaan kanaan dura walitti dhufeenya caccabaa qaban ammas walitti bu'iinsa keessa seenuu danda'u jedhamee yaaddoon haaraan utuu jiruudha.
Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhimmi galaana qaqqabummaa biyya lafaan marfamee baay'ina ummataa addunyaa kanaa karaa dippilomaasii fi wal-fayyadamummaatiin furmaata argachuu qaba jedhaniiru.
"Akeekni keenya qajeelfama kennuu fi fudhachuu irratti hundaa'uun mari'achuudha. Ummanni Eertiraa wanti barbaachisu misooma malee waldhabdee miti. Karoorri keenya qabsaa'uu osoo hin taane waliin hojjechuu fi waliin guddachuudha," jedhan.
Kanas ta’e sana, mariin naannoo buufata galaanaa tokkoo taasifamu dhorkaa ta’uu akka hin qabnee fi seera addunyaa saboonni gurguddoon galaana irraa argachuu barbaadu jedhu akka deeggaran cimsanii dubbataniiru.
Torban darban keessa waraanni naannoo kaaba Tigraay Itiyoophiyaa keessatti deebi’ee eegaluu mala jechuun sodaan Eertiraan hirmaachisuun ta’uu mala jedhamee sodaatamaa ture.
Waraanni biyya keessaa waggoota lamaaf lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman galaafate Adoolessa bara 2022 xumurame, garuu namoonni siyaasaa Tigraay waan kufaniif qaamotni waliigaltee nagaa waldhabuu jalqabaniiru.
Eertiraan qoqqoodinsa siyaasaa keessoo naannichaa keessa jirti jechuun himannaan ka'aa tureera.
Kamisa darbe Pireezidaantiin Yeroo Tigraay Geetachoo Redaa morkattoota isaanii Eertiraa kan kanaan dura yeroo waraana biyya keessaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa deeggaraa turte waliin walitti hidhamaniiru jechuun himataniiru.
Eertiraan jeequmsa Tigraay keessatti uumamu akka carraa dantaa mataa isheetiif ta’etti ilaalti jechuun himachuun,

Mootummaan Itoophiyaa Lammaa Magarsaa hidhuuf Xaaliyaaniin dabarsitee akka kennitu gaafate. Peresedaantii mootummaa naan...
30/01/2025

Mootummaan Itoophiyaa Lammaa Magarsaa hidhuuf Xaaliyaaniin dabarsitee akka kennitu gaafate.

Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa kan ture obbo Lammaa Magarsaa erga bulchiinsa Abiyyi waliin wal dhabeen booda baqattummaan biyya Xaaliyaanii akka jiraatu himama. Namni Abiyyi Ahemadiin ganamuun isaa kan himamu Lammaa Magarsaa, oolmaa guddaa Abiyyiif kan oole deebi'ee Abiyyiin hidhamuuf barbaadamaa jira jedhame. Abiyyi Ahemad namoota isa tumsaa turan hedduu akka meeshaatti itti gargaaramee gataa tureera. Gatuu qofa osoo hin taane, namuma oolmaa oolaafii ture deebi'ee hiraarsuuf gidirsuun himatama.

Lammaan erga biyyaa bahees bulchiinsa Abiyyi ammaa qeeqaa turuu isaa miidiyaaleen karaa garaa garaa himaa turaniiru. Gabaasa Itiyoo Fooram kaleessa galgala hojjeteen mootummaan Itoophiyaa Lammaan dabarfamee akka kennamu Xaaliyaanii gaafachuu ibse. Ta'us Xaaliyaaniin gaaffii kana akka kuffifte himameera.

Sababaan Lammaa Magarsaa mormitoota waliin ta'uun jeequmsa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru hammeesse jechuun himate. Namni kun biyyattii nagaa dhowwaa jira jechuun bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa ammaa xaaliyaaniif gaaffii dhiyeesse jedhame.

Siyaasa Itoophiyaa kan bara 2018 keessaatti gahee olaanaa kan taphate Lammaan, haala kanarra gahuun isaa hawwaasa fayyadamtoota miidiyaa hedduu aarsuu gabaasichatu ibsa.

Dhiyeenya Shabboo Miidiyaa irratti gaaffiif deebii kan taasise Dr. Milkeessaa Miidhagaa akkaataa Lammaan sirnicha keessaa dhiitame bahe kaaseera. Lammaa Magarsaa Peresedaantii naannoo Oromiyaa ta'ee tajaajilaa wayiita turetti akka arge nama ajjeesuuf hidhuun qabbanaa'ee ture jedhamuun himama. MM Itoophiyaa ta'uuf yaadamee wayiita filamuurra gahutti Abiyyi Ahemad Abbaa Duulaa gammadaa michoonfachuun, ofii aangoo qabachuu akka danda'e obbo Milkeessaan himeera. Lammaa Magarsaa fi Abbaa Duulaa Gammadaa dhimma Wayyaanee irratti akka wal dhabanis himeera. Abbaa Duulaa Gammadaa TPLF nama jaallatu yoo ta'u, Lammaan garuu jara argaa isaanii akka hin feene hime.

Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif mootummaan Itoophiyaa gaafate.Mootummaan Itoophiyaa Obbo Lammaa Magar...
30/01/2025

Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif mootummaan Itoophiyaa gaafate.

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennaman gaafachuun dhaga'ame. Itaamaajoorii Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Biraanuu Juulaafi Koomishinara Poolisii feederalaa Dammalaash Gabramikaa'eel dabalatee qondaalonni bilxiginnaa hedduun irraa deddeebiidhaan gaaffii kana dhiyeessaa turan jedhame.

Biyyi Obbo Lamaan yeroo ammaa keessa jiraachaa jiran xaaliyaani yoo ta'u, mootummaan biyyichaas dhimma kanarratti Obbo Lammaa haasofsiisuun himameera. Kana qofaa osoo hin taane hordoffii jabaa jala akka jiranis itti himuu gabaasni arganne kun ni ifoomsa.

Namoota garaa aangootti isaan fidaniifi sirna diriirsaniifi hedduu ajjeesuun, hidhuuniifi ganuun ijoo dubbii ta'anii kan turan muummichi minsteera Itoophiyaa Abiy Ahimad amma ammoo aangoo gadhiisuufiin gulantaa kanaan kan isaan gahan Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif gaafachuu barame.

Jalqaba Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif jiilli tikaa Obbo Sisaay Tolaatiin durfamu gara xaaliyaanii imalee turuun himame.

Gaaffiin yeroo sanatti dhiyaates Obbo Lammaa Magarsaa shororkeessitoota waan deggaraniif qabaatii nuu keenna kan jedhu yoo ta'u, deebii utuu hin argatiin hafee jedhame. Gaaffiin kunis kan dhiyate WBO fi Bilxiginnaa gidduutti mariin araara marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti osoo hin eegaliin dura akka turetu himame.

Mariin sun milkaa'uu booddee dhimmi Obbo Lammaa Magarsaa qaamolee olaanoon qabamuun Koomishinara Poolisii feederalaa Dammalaash Gabramikaa'eel gara xaaliyaanii imale, hogganoota state police biyyattii wajjin dubbachuun maddeen himaniiru. Haa ta'u malee gaaffii Obbo Lammaa Magarsaa dabarsaa nuuf kennaa jedhuuf deebii gahaa dhabuun himame.

Isaa booda ammoo jiilli itaamaajoorii Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Biraanuu Juulaatiin durfamu gara sanatti imalee turuun himameera. Fiild marshall Biraanuunis, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan lolaa jiru garee shororkeessit

Address

Oromia Media Network
Awassa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afran Qalloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Afran Qalloo:

Shortcuts

Share