17/04/2026
Koreen Supparviishinii Naannoo Oromiyaa Irraa Hojiif Bobbahan Aanichatti Sochii Hojii Gurmaa'insa Caasaa Nageenyaa Aanichaa Ilaalan.
God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Sochiin Gurmaa'insa Caasaa Nageenyaa Milishaa, Gaacheena Sirnaa fi Qindoomina Hawaasaa Ilaalchisuun Sochii Hojii Jiru Gandootarratti Gadbu'uun Ilaalaniru.
Haaluma kanaan haala waliigalaa gurmaa'ina milishaa aanichaa erga ilaalanii booda ganda Awbarreetti argamuun sochii gurmaa'insa gaacheena sirnaa, milishaa,tajaajila poolisii hawaasaafi qindoomina hawaasaa fi caasaa ilaaluun jajjabeessanii hojiilee hojjatamaa jirutti gammaduun jajjabeessaniiru.
11/04/2026
Hordoftoota Amantii Kiristaanaa hundaaf
Baga Ayyaana Faasigaa bara 2018 geessan!
Ayyaanni kun kan gammachuu, kan jaalalaa fi kan badhaadhinaa isiniif haa ta’u.
Nagaan, jaalalli fi abdii haaraan jireenya keessan haa guutu.
*Ayyaana Gaarii!*
Happy Easter 2026!
May this blessed season bring you joy, love, and prosperity.
May peace and renewed hope fill your life.
Happy Easter!
መልካም የፋሲካ በዓል 2018 ዓ.ም!
ይህ በዓል ደስታን፣ ፍቅርን እና በረከትን ይዞ ይምጣልዎት።
ሰላምና አዲስ ተስፋ ሕይወታችሁን ይሙላ።
*መልካም በዓል!*
08/04/2026
NAGEENYAA JECHUUN MAAlI??
Nageenyi jechuun tasgabbiidha, wal kabajuu dha, wal hubachuu dha.
Nageenyi jireenya keenya keessatti bu’uura milkaa’inaati. Yoo nageenyi jiraate:
👉 Hawaasni gammachuu qaba
👉 Daldalli ni guddata
👉 Barnoonni ni dagaaga
Garuu nageenyi ofumaan hin dhufu!
Nageenya tikfachuun dirqama keenya hundumaa ti.Dubbiin gaariin, obsaan wal dhaggeeffachuun fi seera kabajuun, bu’uura nageenyaati.
Mee ati hoo maal jetta?
💬 Yaada kee comment jalatti nuuf barreessi
❤️ Like godhi
🔁 Share gochuun ergaa kana tamsaasi
Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa
07/04/2026
Bitootessa 29/2018
Waltajjii Nageenyaa Haala Yeroo Irratti Gaggeeffamaa jira.
Godina Harargee Bahaatti haala yeroo irratti waltajjiin nageenyaa itti gaafatamtoota Bulchiinsaa fi nageenyaa Aanalee, itti gaafatamtoota Ittisa yakkaa fi Hoggantoota Poolisii Farra riphee lolaa fi komisara hirmaachiseera.
Waltajjii kana irratti Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Komishinara Naasiir Mahammad, Itti Gaafatamaa Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godinaa Obbo Ahimadnaajii Abbibakar fi Hogganaa Milishaa Godina Harargee Bahaa Obbo Naasir Abdii bakka argamaniitti Waltajjiin dhimmoota nageenyaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa
02/04/2026
*Ergaa Galataa!*
*Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa*
__________
Caasaa Nageenyaa fi Hoggansa* sadarkaan jirtan akkasumaas, *Ummata bal’aa Godina keenyaa hundi* milkaa’ina sagantaa *kabaja ayyaana Bitootessa 24* kanaaf ga’ee keessan bahachaa turtan marti keessanuu maqaa *Caasaan Nageenya Godina Harargee Bahaatiin galata qabnu* isiniif ibsaa; baga gammaddan, baga waliin milkoofne!
*Bitootessa 24: Injifannoo Aarsaan arganne, aarsaan tiikfanna!*