South Oromia Zone Dilo Woreda communication.

Call

South Oromia Zone Dilo Woreda communication. Riqicha Mootummaa Fi ummata.

18/09/2026

Haaromee:- Bu'uura Badhaadhina Baadiyyaa fi cehumsa dinagdee

Komataa fi Komatamaa Walitti Fiduun Rakkoo Hawaasaa Dhaggeeffachuu,Furmaata Waaraa Kaa’uun itti quufinsa  mirkaneessuun ...
15/09/2026

Komataa fi Komatamaa Walitti Fiduun Rakkoo Hawaasaa Dhaggeeffachuu,Furmaata Waaraa Kaa’uun itti quufinsa mirkaneessuun amantaa Uummanni mootummaa irraa qabu Guddisa.

Godina Booranaa Aanaa Dillootti rakkoolee bulchiinsa gaarii hawaasa muudatan furuun fayyadamummaa uummataa gama hundaan mirkaneessuuf sagantaan Waltajjii Komataa fi Komatamaa walitti fiduu geggeeffame.

Sagantaan kun komiiwwan hawaasni tajaajila mootummaa fi misooma waliin walqabatee kaasaa ture dhaggeeffachuun,qaamolee dhimmi ilaalu waliin mari’achuun furmaata waaraa irratti hojjachuuf kan qophaa’e yoo ta’u,mootummaa fi uummata gidduutti hariiroo cimaa fi amantaa waloo uumuuf gahee olaanaa qaba.

Waltajji kanaan komiiwwan bulchiinsa gaarii waliin walqabatan,kanneen yeroo adda addaatti hawaasa Aanaa Dilloo biratti ka’aa turan bal’inaan dhiyaataniiru.Isaan keessaa:
Rakkoo irra deddeebiin addaan cituu tajaajila bishaan dhugaatii Magaalaa Dilloo,waliiga'iinsa dhiyeessii bishaan dhugaatii gandootaa.
Suphamuu dhabuu daandiiwwanii fi Daandiin yeroo Suphamuttis qulqullina dhabuu
Rakkoo waliinga'insa tajaajila ibsaa.
Rakkoo dhiyeessii qorichaa.
Rakkoo tajaajila geejjibaa.
Rakkoo tajaajila networkii gandootaa fi kanneen biroo hedduun Waajjira Bulchiinsa Aanaa Dillootiin Garee Kominikeeshinii Aanichaatiin qindaa’uun ummataaf dhiyaataniiru.Qaamoleen dhimmi ilaaluus komiiwwan irratti ibsa fi deebii kennuun,furmaata itti fufiinsa qabu kennuuf waadaa galaniiru.

Komiiwwan dhiyaatan keessaa komii tajaajila ibsaa fi networkii ilaalchisee furmaanni adeemsarra jiraachuun ibsameera.Komiiwwan hafan irrattis qaamoleen dhimmi ilaalu furmaata kan itti kennan ta'uu waliigalameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Mana Maree Kaabinee Aanaa Dilloo Obboo Dabbasaa Nuuraa,hojiin kominikeeshinii mootummaa fi uummata walitti hidhuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu ibsan.
Obbo Dabbasaan, komiiwwan hawaasni Aanaa Dilloo keessatti kaasaa ture yeroo gara garaatti qindaa’uun qaamni dhimmi ilaalu deebii akka itti kennu taasifamaa turuu himaniiru.
Gara fuulduraattis, komiiwwan uummataa dhaggeeffachuun, qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan furmaata kennuuf Waajjirri Bulchiinsaa fi Mana Maree Kaabinee Aanaa Dilloo kutannoo fi itti fufiinsaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hirmaattonni Sagantichaa Waltajjii Komataa fi Komatamaa irratti argaman,mootummaan komiiwwan isaanii dhaggeeffachuun furmaata kennuuf waadaa galeetti gammachuu qaban ibsuun,sagantaan akkanaa mootummaa fi uummata gidduutti walhubannoo fi amantaa cimsuuf,akkasumas rakkoolee bulchiinsa gaarii yeroon adda baasuun furmaata itti fufiinsa qabu kennuuf murteessaa Waan ta'eef Sagantaan kun caalaatti cimee fi itti fufiinsaan akka geggeeffamu gaafataniiru.

Waltajjiin Komataa fi Komatamaa walitti fiduudahn komiiwwan hawaasaa gara furmaataatti ceesisuuf,itti gaafatamummaa mootummaa cimsuuf,akkasumas tajaajila mootummaa qulqulluu,saffisaa fi walqixxummaa qabu mirkaneessuuf hojii murteessaa . Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu kun itti fufiinsaan cimee kan geggeeffamuudha.

Piroojektiin Mindaa UummataatiHagayya 28, 2018 | Godina Booranaa Aanaa Dillootti piroojektoota bara 2018 ijaarsi isaanii...
03/09/2026

Piroojektiin Mindaa Uummataati

Hagayya 28, 2018 | Godina Booranaa Aanaa Dillootti piroojektoota bara 2018 ijaarsi isaanii eegalamanii,osoo hin xumuramin gara bara baajataa 2019tti ce’an keessaa piroojektoonni lama xumuramanii tajaajilaf banaa ta'uun walharkaa fuudhinsi isaanii hardha bakka Koreen Raggaasiftuu Bittaa fi Gorsaa Mootummaa argamanitti geggeeffame.

Piroojektoonni hardha walharkaa fuudhinsi isaanii taasifame kunneen waliigalaan baajata Birrii miliyoona 11 ol kan ijaaraman ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa Aanaa Dilloo Obbo Abduuba Gabaaboo ibsaniiru.
Piroojektoota xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’an kunneen keessaa:
🔹 Keellaa Fayyaa Namaa Ganda Saakkee
🔹 Mana Kuusaa Qabeenya Mootummaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Dilloo yoo ta’u, piroojektoonni kunneen rakkoolee hawaasaa yeroo dheeraaf turan furuuf gahee olaanaa akka qabus ibsan.

Sagantaa walharkaa fuudhinsaa kan irratti,Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Dilloo Obbo Galma Dheengee argamuun,Keellaan Fayyaa Namaa Ganda Saakkee rakkoo bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajila fayyaa hawaasni yeroo dheeraaf gaafachaa tureef deebii ta’uu ibsaniiru.

Keellaan Fayyaa Namaa kun guyyaa hardhaaa irraa eegalee tajaajila fayyaa hawaasaaf banaa ta’uu fi ogeessi fayyaa sadarkaa keellaa fayyaa kan madaalu itti ramadamuus himaniiru.

Piroojektoonni misoomaa hawaasaaf bu’aa buusan xumursiisuun,qabeenya mootummaa sirnaan fayyadamuu,tajaajila uummataa saffisaa fi qulqullina qabu mirkaneessuu,carraa hojii Uumuu,dinagdee cimsuu,jireenya hawaasaa fooyyeessuu fi misooma waaraa mirkaneessuu keessattii ga'ee Ol'aanaa qaba.

02/09/2026
02/09/2026

“Harka namaa eeggachuu irra, harka keenya hojiifi ol kaasuun gara fuulduraatti tarkaanfanna!”

Hawaasa hirkatummaa fi eegatummaa keessaa baasuun,hojii, oomisha, ogummaa fi kalaqaan of danda’u,Waan ofiitin bulee jireenya isaa fooyyeffatu ijaaruu.

Lafa qabnu irratti yoo hojjanne,eegatummaa keessaa baanee ofiin of danda’uu dandeenya! Lafti Dilloo gammoojjii waan taat...
02/09/2026

Lafa qabnu irratti yoo hojjanne,eegatummaa
keessaa baanee ofiin of danda’uu dandeenya!

Lafti Dilloo gammoojjii waan taateef midhaan hin baaftu” jedhu ilaalcha durii ta’uu hojii qonna bara kanaan qabatamaan agarsiifameera.

Aanaa Dillo keessatti,lafa qonni itti hin baratamin jedhamuun ilaalamu irratti, Inisheetiivii Buusaa Gonofaa hirmaannaa hawaasaatiin oomishni Boqqolloo misoomfamee,maansaan irraa sassaabamee gara mana kuusaa midhaanii gale ture

Amma immoo midhaan kuufame kun deeggarsa barbaachisuuf akka ooluuf calleeffamaa jira.

Hojii kun ergaa guddaa qaba:
Kanaaf, hojii qonna bara kanaa irraa hubachuun kan danda’amu,eegatummaa irraa gara ofiin of danda’uutti ce’uun ni danda’amadha. Kana gochuuf ammoo lafa qabnu.irratti Humna qabnuun yoo hojjanne qofaadha.

Aanaa Dillootti Ijaarsa Haroo Finnaa Haaraa jalqabuuf wal harkaa fuudhinsi iddoo hojii taasifameGodina Booranaa Aanaa Di...
24/08/2026

Aanaa Dillootti Ijaarsa Haroo Finnaa Haaraa jalqabuuf wal harkaa fuudhinsi iddoo hojii taasifame

Godina Booranaa Aanaa Dilloo,Ganda Omorreetti,fayyadamummaa fi jireenya hawaasa horsiisaa bulaa guddisuuf,
akkasumas rakkoo bishaanii furuuf ijaarsa Haroo Finnaa haaraa jalqabuuf walharkaa fuudhinsi iddoo ijaarsaa fi dizaayinii hojii taasifame.

Wal harkaa fuudhinsi kun bakka Biiroo Piresdaantii gorsaa pirojeektootaa Ambasaadder shiffarraa jaarsoo fi Ogeeyyoota Naannoo,Itti gaafatamaa Waajjira misooma horsiisee bulaa fi jallisii Godina Booranaa Obboo Bagajjaa Moorgee,bulchaa Aanaa Dilloo Obboo Abduuba Hullufaa fi koree qindeessituu Aanaa akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu bakka argamanitti kan raawwatame yoo ta’u, kunis hojii ijaarsa pirojeektichaa gara hojiitti ceesisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uun ibsame.

Ijaarsi haroo finnaa kunis jijjiirama jireenyaa, fayyadamummaa hawaasaa fi misooma waaraa fiduuf tarkaanfii murteessaa ta’uun eegama.

Haroon Finnaa kun yeroo xumuramee hojii irra oolu,bishaan kuusuu fi qonna jallisii babal’isuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf gahee olaanaa qaba. Akkasumas,bishaan yeroo bonaa kuusuu,beelladoonni bishaan ga'aa ta’e akka argatan taasisuun rakkoo hanqina bishaanii hir’isuu fi jireenya hawaasa horsiisaa bulaa fooyyessuu keessatti ga'ee olaanaa qabaachuun ibsame.

Torbee tokkoon booda baajeta mootummaa naannoo oromiyaatin Ijaarsi pirojeektichaa ifatti kan eegalamu ta'uu, Biiroo Piresdaantii gorsaa Dhimma pirojeektoota Shiffarraa Ambassader Jaarsoo himan.

Ragaa hojjattoota mootummaa fi hoggansaa qulqulleessuu fi dijitaalessuun,tajaajila hojii mootummaa si'ataa saffisaa,ifto...
16/08/2026

Ragaa hojjattoota mootummaa fi hoggansaa qulqulleessuu fi dijitaalessuun,tajaajila hojii mootummaa si'ataa saffisaa,iftoomina qabuufi bu’a qabeessa taasisuuf murteessaadha.

Gaarummaan Olka'iinsa Biyyaaf
12/08/2026

Gaarummaan Olka'iinsa Biyyaaf

Address

Dilo

Telephone

+251954659971

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when South Oromia Zone Dilo Woreda communication. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share