Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Godina Harargee Lixaatti Fuula Feesbuukii Waajjira Abbaa Alangaa A/Habroo

Daawwii Hojii Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habrootti Argamuun Daawwii Hojii...
02/11/2026

Daawwii Hojii
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habrootti Argamuun Daawwii Hojii Gaggeesse
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Onkololeessa 23/2019 Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa Hoggantoota Jijjiramaa Kabajamoo Obbo Asladdiin Ahimadnur fi Kabajamoo Obbo Ibsaa Aliyyii ttin durfamuun Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo kan daawwatan yoo ta'u, Daawwii kanaanis
Haala Kenninsa tajaajilaa, Raawwii hojii waliigalaa fi haalli iddoon Hojii waajjirichaa maal akka fakkaatu ilaalameera . dhumma irrattis Abbootti Alangaa fi Hojjettoota Bulchiinsa keenya waliin marii gabaabaa erga taasifamee booda kallattin fulduraa Hoggannaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa Kabajamoo Obbo Asladdiin Ahimadnur fi Itti Anaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa kabajamoo Obbo Ibsaa Aliyyittin kennamuun Daawwiin hojii goolabameera.
Onkololeessa 23/2/2019 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo .Galamsoo

Onkololeessa  22/2019 tti  Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaatti waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Mana Amal...
01/11/2026

Onkololeessa 22/2019 tti Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaatti waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Mana Amala Sirreessaa Aanaa Habrootti qaamaan argamun Mirga Sirreeffamtoota walqabatee Hubannoo Seeraa mata dureewwaan armaan gadii irratti hubannoon kennameera. isaanii
1ffaa Mirgoota Sirreeffamaa Heera mootummaa FDRI ttin Eegumsi taasifameef maal faa akka ta'an
2ffaa labsii manneen sirreessa lakk.1174/2012
3ffaa Dambii sirreefamtoota seera fi qabiinsa mirga sirreeffamaa irraati Sirreeffantoota 345 ta'aniif Hubannoon Seeraa Abbootti Alangaa keenyaan erga kennamee booda, Xumura irratti Hordoffii haalli qabiinsi Mirga Namomaa Sirreeffamtoota Seeraa maal akka fakkaatu cheeklistiin deeggaramuun iddoo cisicha isaanii, nyaata Sirreeffamtoota fi dhimmoota qabiinsa sirreeffamtoota walqabatee akka waliigalatti maal akka fakkaatu erga ilaalamee booda managementi mana amala sirreessaa fi koree sirreefamtoota seeraa waliin ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun kallatti fulduraa ka'un marii keenya goolabneera.

Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo  Hubannoo Seeraa Hawaasa Magaalaa Waacuu fi Naannawa Ishee...
29/10/2026

Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Hubannoo Seeraa Hawaasa Magaalaa Waacuu fi Naannawa Isheetiif Dhimma Nageenya irratti kenne
==============
Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo gaafa guyyaa 17/2/2019 tti Bulchiinsa Magaalaa waaccutti waltajii mootummaan Dhimma Nageenyaan walqabatee hawaasa waliin Marii gaggeessuuf qopheesse irratti qaamaan argamuun Hubannoo Seeraa Labsii Yakka Shororkessummaa ittisuuf Bahe lakk 1176/2012 irratti Hawaasa 3000 ol ta'aaniif gochoota labsii kan keessatti dhorkaman maal ffaa akka ta'an fi gochoota kana Raawwatanni argamuun hangam akka Adabsiisuu Haala ifa ta'en Abbootti Alangaa keenyaan Hubannoon bal'aan Hawaasa keenyaaf kennameera . Onkololeesaa 17 bara 2019 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo

Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Duula Hubannoo Seeraa kennaa jiru Manneen Barumsa  irratti...
29/10/2026

Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Duula Hubannoo Seeraa kennaa jiru Manneen Barumsa irratti itti fufee jira
==============
Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo kaayyoowwan Afran galmaan gahuuf karoorfate keessaa tokko seera yakkaa kabachiisuu akka ta'e ni beekama kaayyoo kana galmaan gahuuf ammoo lammii mirga fi dirqama isaa beekuu uumuun barbaachiisaa waan ta'eef kanuma bu'uura godhachuun gaafa guyyaa 16/2/2019 tti Bulchiinsa Magaalaa waaccutti Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa waaccutti qaamaan Argamuun mata Dureewwan Hubannoo Seeraa
1ffaa Yakkoota Dhimma Daa'imannii fi Dubartii irratti raawwatam Miidhaa isaa fi Adabbii yakkicha raawwachuun hordofsiisuu maal akka ta'e
2ffaa Mirgoota Daa'immanii Heera mootumaa fi Dhaabbilee idala Adunyaattin Eegumsi taasifameef maal ffaa akka ta'an
3ffaa Godaansaa Seeraan alaa ,Daangaa Ceesisuu fi Yakka namaan daldaluu ittisuu baheLabsii Lakk.1178/2011 irratti Haala Suuraa irratti mul'atuun kennameera.

Raawwii hojii Bara 2018 walqabatee Hojjettoota fi Abbootti Alangaa raawwii Ol'aanaa galmeessaniif fi Qaamoolee qindoomin...
27/10/2026

Raawwii hojii Bara 2018 walqabatee Hojjettoota fi Abbootti Alangaa raawwii Ol'aanaa galmeessaniif fi Qaamoolee qindoominaa milkaa'ina hojii waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroof shoora guddaa qabaniif Sagantaa Sirna Badhaasaa,Beekamtii kennuu fi Walharka fudhiinsa karoora waloo bara 2019 irratti qaamoolee haqaa waliin taasifamee Suuraa fi vidion kan qindeeffamee.

24/10/2026

AANAALEE FI BULCHIINSA MAGAALOTA GODINA BAHA OROMIYAATIIN WALBARAA!!

A. Bulchiinsa Aanaalee

1. Aanaa Ciroo
2. Aanaa Bookee
3. Aanaa Daaroo Labuu
4. Aanaa Doobbaa
5. Aanaa Gammachiis
6. Aanaa Gubbaa Qorichaa
7. Aanaa Habroo
8. Aanaa Hawwii Guddinaa
9. Aanaa Shanan Dhuggoo
10. Aanaa Mi'eessoo
11. Aanaa Odaa Bultum
12. Aanaa Gumbii Bordoddee
13. Aanaa Xulloo
14. Aanaa Ancaar
15. Aanaa Burqaa Dhimtuu
16. Aanaa Qumbii
17. Aanaa Gola Odaa
18. Aanaa Baddannoo
19. Aanaa Guraawaa
20. Aanaa Mayyuu Muluqqee
21. Aanaa Kurfaa Callee
22. Aanaa Gooroo Muxii
23. Aanaa Gooroo Guutuu
24. Aanaa Malkaa Bal'oo
25. Aanaa Dadar
26. Aanaa Meettaa
27. Aanaa Haramaayaa
28. Aanaa Qarsaa
29. Aanaa Makkanisa Oromoo
30. Aanaa Cinaaksan
31. Aanaa Jarsoo
32. Aanaa Kombolchaa
33. Aanaa Gursum
34. Aanaa Baabbilee
35. Aanaa Miidhagaa Tolaa
36. Aanaa Faadiis

B. Bulchiinsa Magaalotaa

1. Bulchiinsa Magaalaa Dadar
2. Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee
3. Bulchiinsa Magaalaa Ciroo
4. Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaa
5. Bulchiinsa Magaalaa Galamsoo
6. Bulchiinsa Magaalaa Hirna
7. Bulchiinsa Magaalaa Macharaa Micaataa

Fulbaana 11/2019 Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Raawwii karoora Hojii bara 2018 walqabsis...
21/10/2026

Fulbaana 11/2019 Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Habroo Raawwii karoora Hojii bara 2018 walqabsisee Sagantaa Sirna Beekamtii, Badhaasa kennuu fi walharka fudhiinsa karoora waloo bara 2019 irratti Qaamoolee Haqaa Mana Murtii Aanaa Habroo,Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Galamsaoo fi Waajjira poolisii Aanaa Habroo waliin gaggeesse

Sagantichis bakka kantiibaan magaalaa Galamsoo obbo Moommad Abdallaa, pirizdaantin mana murtii Aanaa habroo obbo Geetuu Girmaa, I/G/w/A/A/Habroo obbo Massalaa Alamuu, qaamoleen haqaa, hoggansaa fi Hojjettoota Qaamoolee haqaa bakka argamanitti kan adeemsifame yoo ta'uu, Seektaraalee Qindoomina milkaa'ina Raawwii Bara 2018 keessatti gahee guddaa qabaniif kanneen Akka Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Habroo fi Bulchiinsa Magaalaa Galamsoo , Mana Murtii Aanaa Habroo,Mana Amala Sirreessaa Aanaa Habroo, waajjira poolisii kutaa Qorannaa yakkaa Aanaa fi Magaalaa akkasumas Adeemsa Traafikaa Magaalaa Galamsoof xalayaan Beekamtii Hoggantoota waajjiraaf kennameera.Dabalataanis Raawwii hojii bara 2018 walqabatee Adeemsootaa ,Abbootti Alangaa fi Hojjettoota Bulchiinsaa raawwii Ol'aanaa galmessan 1ffaa hanga 5 bahaniif Badhaasni kan kennamee yoo ta'uu Abbootti Adeemsaa Obbo Ibroo Mahammad fi Obboo Haylee Laaqaw Badhaasa Silkii Sumsugn A17 kan badhaafaman yoo ta'uu Abbootti Alangaa 1ffaa Obbo Saadiq Malkattoo Silkii Sumsugn A16 2ffaa Obboo Kalifaa Haruun Silkii Sumsugn A O6 3ffaa Obbo Mahammad Yuusuf Silkii A06 Badhaafaminiiru .Hojjettoota Bulchiinsaa 1ffaa hanga 5ffaa bahaniif Silkii Sumsugn Tv inchiu 32 fi kennaa Adda Addaa badhaaffamaniiru Dhuma irrattis milkakaa'ina hojii itti aanuuf wal harkaa fuudhinsa karoora waloo Seektaraalee Qindoominaa waliin adeemsisuudhaan sagantichi milkiin goolabameera.

Qindoominni cimaan Iccitii milkaayinaati! Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo @ Galamsoo.

15/10/2026

Simannaa Hoggansaa fi Dawwannaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa.

14/10/2026

Address

Gelemso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Habroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share