Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum

Call

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum, Government Website, Gursum Ethiopua, Gursum.

 ?Akkaataa Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 62 (1) Kiraan manaa kan sassaabamu Mana Qopheessaa yookiin Bulchiinsa Gandaatiin a...
03/10/2026

?

Akkaataa Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 62 (1) Kiraan manaa kan sassaabamu Mana Qopheessaa yookiin Bulchiinsa Gandaatiin akka tahe tumamee jira. Itti Dabaluudhaan Dambii Lakk. 246/2016 kwt. 46 (1) jalatti Kiraa Mana Mootummaa kan sassaabu Qaama manicha bulchu akka tahe seerichi tumee jira.

Seeroota kanneen irraa akka hubatamutti manni Qopheessaas tahee Bulchiinsi Ganda Magaalaa mana qabalee ofii bulchan irraa kiraa dhunfaa dhunfaan sassaabachuu akka danda'an seeroota kanarraa ni hubatama.

Halli Kiraan manaa sadarkaa Bulchiinsa Gandaattis ta’ee, sadarkaa
Mana Qopheessatti sassaabamu
nagahee galii Mana Qopheessaa
magaalaatiin qophaa’uun tahuu akka qabu Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 62 (2) jalatti tumamee jira.

Maallaqni kiraa manaa Sassaabamu maaliif ooluu akka qabu Dambii Lakk. 246/2016 kwt. 46(2) jalatti %70 misooma manaaf akka ooluu fi %30 baasilee adda addaa manichaan wal qabataniif akka ooluu qabu ifaan tumamee jira.

Walumaagalatti Bulchinsa Ganda Magaalaatiin walqabatee Wanti hubatamuu qabu.
1. Bulchinsi Ganda Magaalaa kiraa Mana qabalee ofii bulchu irraa sassaabachuu akka danda'u.
2. Bulchinsi Ganda Magaalaa Nagahee kiraa manaa kana ittiin sassaabu manni qopheessaa maxansuufii akka qabu.
3. Bulchinsi Ganda Magaalaa Maallaqa sassaabe %70 misooma manaaf oolchuu fi %30 baasilee adda addaa manichaan walqabataniif oolchuu akka qabu hubatama.

 'a?Mata duree darbe irratti mana gandaa bulchuuf Aangoo kan qabu mana Qopheessaa qofa osoo hin taane bulchinsi ganda ma...
03/10/2026

'a?

Mata duree darbe irratti mana gandaa bulchuuf Aangoo kan qabu mana Qopheessaa qofa osoo hin taane bulchinsi ganda magaalaa mana isa jala jiru bulchuuf seeraan aangoo kan qabu tahuu ilaallee turre amma kan ilaallu Bulchinsi Ganda Magaalaa Aangoo mana gandaa kireessuu ni qaba kan jedhu irratti akkaataa Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 51tiin Bulchinsi Ganda Magaalaa Aangoo kireessuu kan qabu tahuu Labsichi ifaan tumee jira. Itti Dabaluudhaan Dambiin Lakk. 246/2016 kwt. 43(1) jalatti Qaamni mana Gandaa Bulchu Aangoo kirreessuu akka qabu ifaan tumamee jira.

Walumaagalatti tumaa seeraa kanarraa akka ifatti hubatamutti Bulchinsi Ganda Magaalaa Mana Qabalee kayyoo inni ooluuf
1. Daldalaaf
2. Mana jireenyaaf
3. Waajjira Mootummaaf
4. Dhaabilee Mootummaa fi miti mootummaaf Bulchinsi Ganda Magaalaa kirreessuuf Aangoo qabaachuu seerichi ifaan tumee jira.

Irreechaa Hora Finfinnee fi Team Gursum Ayyaana Gaarii !!!
03/10/2026

Irreechaa Hora Finfinnee fi Team Gursum Ayyaana Gaarii !!!

03/10/2026

?

Mana Gandaa (Qabalee) qaamni bulchuuf seeraan aangoon kennameef Labsiin Lakk. 231/2013 kwt. 36(2) jalatti ifaan tumee jira keewwata kanarraa akka hubatamutti Bulchinsi Mana Qabalee Mana Qopheessaatiin
yookiin Bulchiinsa Gandaatiin kan bulu tahuu ifaan tumee jira.

Akkasumaas Dambii Lakk. Kwt. 38(1) jalatti manneen akkaataa Labsii 47/1967 mootummaan dhaalamanii fi manneen Qamoolee Adda Addaatiin Tola ooltummaan ijaaraman kan bulchu Bulchinsa Gandaa akka tahe ifaan tumee jira.

Manneen haala kanaan Bulchinsa Gandaatiin Bulan keessatti Gaheen Mana qopheessaa akka qaama olaanaatti deeggaruu; ni hordofuu; ni to’achuu qofa akka tahe Labsii Lakk. 231/2013 kwt 36(3) jalatti ifaan tumee jira.

Walumaagalatti seeroota olitti caqasaman irraa akka hubatamutti qaamni bulchinsa Mana qabalee keessatti Aangoo qabu Mana Qopheessaan qofa osoo tane Bulchinsa Gandaatiis akka tahe ni hubatama kanaaf Qaamni mootummaa seeraan Qabeenya mootummaa akka bulchuuf aangoon kennameef Qabeenyicha seeraan eeguu fi kunuunsuu irratti itti gaafatamummaa seeraan itti kenname bahuun dirqama Qaama hundaati.
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa

Galii Kiraa Mana Gandaa (Qabalee) Irraa Argamu Mana Qopheessaaf Moo Bulchinsa Gandaatiif Galii Tahuu Qaba? Galiin kiraa ...
03/10/2026

Galii Kiraa Mana Gandaa (Qabalee) Irraa Argamu Mana Qopheessaaf Moo Bulchinsa Gandaatiif Galii Tahuu Qaba? Galiin kiraa irraa argamu kun maaliif ooluu qaba? Seerri Maal Jedha Nu Hordofaa!!!

 ?Mana Gandaa (Qabalee) qaamni bulchuuf seeraan aangoon kennameef Labsiin Lakk. 231/2013 kwt. 36(2) jalatti ifaan tumee ...
03/10/2026

?

Mana Gandaa (Qabalee) qaamni bulchuuf seeraan aangoon kennameef Labsiin Lakk. 231/2013 kwt. 36(2) jalatti ifaan tumee jira keewwata kanarraa akka hubatamutti Bulchinsi Mana Qabalee Mana Qopheessaatiin
yookiin Bulchiinsa Gandaatiin kan bulu tahuu ifaan tumee jira.

Akkasumaas Dambii Lakk. Kwt. 38(1) jalatti manneen akkaataa Labsii 47/1967 mootummaan dhaalamanii fi manneen Qamoolee Adda Addaatiin Tola ooltummaan ijaaraman kan bulchu Bulchinsa Gandaa akka tahe ifaan tumee jira.

Manneen haala kanaan Bulchinsa Gandaatiin Bulan keessatti Gaheen Mana qopheessaa akka qaama olaanaatti deeggaruu; ni hordofuu; ni to’achuu qofa akka tahe Labsii Lakk. 231/2013 kwt 36(3) jalatti ifaan tumee jira.

Walumaagalatti seeroota olitti caqasaman irraa akka hubatamutti qaamni bulchinsa Mana qabalee keessatti Aangoo qabu Mana Qopheessaan qofa osoo tane Bulchinsa Gandaatiis akka tahe ni hubatama kanaaf Qaamni mootummaa seeraan Qabeenya mootummaa akka bulchuuf aangoon kennameef Qabeenyicha seeraan eeguu fi kunuunsuu irratti itti gaafatamummaa seeraan itti kenname bahuun dirqama Qaama hundaati.

02/10/2026
 ?Mana Mootummaa jechuun manneen akkamii akka tahe Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 2(16) jalatti ifaan tumamee jira kanaas to...
02/10/2026

?

Mana Mootummaa jechuun manneen akkamii akka tahe Labsii Lakk. 231/2013 kwt. 2(16) jalatti ifaan tumamee jira kanaas tokko tokkoon yoo ilaallu.

1. Manneen Labsiidhaan dhaalaman.
2. Manneen qusannoo mootummaatiin ijaaramanii Magaalaa yookiin Ganda Magaalaa jalatti bulan.
3. Manneen dhaabbata miti mootummaa yookiin nama dhuunfaatiin ijaaramanii mootummaaf dabarfamanii mootummaan bulan.
4. Manneen qabeenyummaan isaanii karaa kamiinuu kan mootummaa ta’ee qaama mootummaa naannichaa kamiinuu bulu.

Walumaagalatti manni haala olitti ibsame kanaan jiran mana mootummaa akka tahe seerichi ifaan tumee jira.

 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗻𝗶 𝗠𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗙𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗙𝗲𝗱𝗲𝗿𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗗𝗶𝗶𝗴𝘂𝘂𝗻 𝗠𝘂𝗿...
02/10/2026



𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗻𝗶 𝗠𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗙𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗙𝗲𝗱𝗲𝗿𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗗𝗶𝗶𝗴𝘂𝘂𝗻 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝘆𝘀𝗲.

🔴kanaan dura dhaddachi ijibaataa lakkoofsa galmee 189707 fi 228002 ta'e irratti mana tokko yeroo dheeraa qabachuun qofti mataa isaati mirga abbaa qabeenyummaa nama hin gonfachiisu jechuun kan murteese yommuu tahu

✅kunis manni falmii kaase mana qabalee kan mootummaa tahuu isaa galmee guddoo lakk 003 fi lakk 004 ta'e irrati galmaa'uu isaa wanti agarsiisu iddoo hin jireti galmee ragaalee dhaabbataa lakk 008 ta'e irratti akka mana qabaleeti galmaa'uun isaa qofti mana mootummaa dhaalame kan qabalee hin jechisiisu jechuun murteese diiguun mana mootummaa labsii 47/67 booda bulchiinsa gandaatin qabatamee yeroo dheeraaf qabiyyee isaanii jala ture galmee haadhoo lakk 003 fi 004 ta'e irratti yoo galmaa'uu baates mana mootummaa tahuun itti fufa jechuun murteesee jira.

 . 243/2016 Maali?Dambiin Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Mootummaa fi Uummataa Lakk. 243/2016  Aangoo dhimmoota hari...
01/10/2026

. 243/2016 Maali?
Dambiin Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Mootummaa fi Uummataa Lakk. 243/2016 Aangoo dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi uummataa kabachiisuuf Biiroo Abbaa Alangaatiif kenname karaa qulqullina, si’oominaa fi bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu; qisaasama qabeenya mootummaa fi uummataas ittisuuf seera baheedha.

🎯 Kaayyoo ijoo Dambii Hariiroo Hawaasaa .

Dantaa mootummaa fi uummataa kabachiisuu, Hojiiwwan dhimmoota hariiroo hawaasaa sirnaan qindeessuuf, Dhimma mootummaa fi uummataa irratti gorsa fi deeggarsa seeraa kennuuf, Waldhabdee karaa seeraatiin furuuf hojjechuuf, Qisaasama qabeenya mootummaa fi uummataa ittisuuf, Dhimma mootummaa fi uummataa irratti falmii seeraa sirnaan gaggeessuuf, Hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa qulqullina, si’oominaa fi bu’a qabeessa taasisuuf.

➡️Dambichi dhaabbilee misooma mootummaa, manneen hojii mootummaa, namoota deeggarsa adda addaa barbaadan fi, akka barbaachisummaa isaatti, jaarmiyaalee uummataa irratti raawwatiinsa kan qabuudha.

📌 Hubachiisa murteessaa
Keewwata 5 irratti, manneen hojii mootummaa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi uummataa ta’an irratti eeyyama ykn bakka bu’ummaa Biiroo Abbaa Alangaa malee ofii isaanii falmii gaggeessuu akka hin dandeenye tumameera.

Walumaagalatti:- “Dambii Lakk. 243/2016 — Dantaa mootummaa fi uummataa seeraan kabachiisuuf, qabeenya mootummaa fi uummataas qisaasama irraa eeguuf.”

Address

Gursum Ethiopua
Gursum

Telephone

+251257720453

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share