21/12/2024
Mariin fala rakkoo kamillee furuu danda'uudha > Perezidaant Sheyik Hajjii
Spider Media : Jumada II 20, 1446 AH
Konfaransiin nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo jalqabaatiif Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaafi Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Magaalaa Dirre Dhawaatiin qophaa'e mata duree "Amantaaleen nageenya, tokkummaa fi waliin jireenya akkasuma ijaarsa biyyaa keessatti shoora qaban" jedhuun guyyaa har'aa magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.
Yaa'icha irratti kan argaman Perezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa haasawaa taasisaniin, shuuraan/mariin fala rakkoon kamillee ittiin furamuu danda'uudha jedhani.
Nageenya buusuuf sochiin taasifamaa jiru abdachiisaafi biyyaafi uummata keenyas kan fayyadu waan ta'eef qaamni martuu nageenya buusuuf sochii taasifamu kana tumsuu qabas jedhani.
Konfireensii kanarratti jiilli perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaatiin duurfamu, Perezidaantonni majlisa naannolee, dursitoonni yaa'ichaa, kantiibaa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Johaar, abbootii amantii fi keessuummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
© Amar Temam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>
Spider Media
Sacrifice of truth
29/09/2024
Fulbaana 19/2017
'aa
=============
'ee Madrsaa
==============
Waa'een Madarsaa qabxii sadaffaa fi Isa Xumuraa Godhachun Koreen M/Dh/Islaamaa irratti mariyataniru.
Hanga ammatti Koree hin qabu Koreen Yeroof jedhamnee filamneen Rakkoon Madarsaa furamuu hin danda'u mataa kiyya irraa kaasee yaadnin an qabu Namoota Quuqama Diin Islaamaa Qaban,kan Ummataaf yaadan kan anis kan koreen Dhimma Islaamaa itti Amanu,Kan ummanni itti quufu,kan Rakkoo furuu danda'an as baafnee filannoof dhiyeessun koree taassifnee itti fuufsifna Jechuun Abdulmajid Koree Dhimma Islaamaa Magaalaa Bordoddeetif yaada gara Madarasaatin qaban dhiyeessaniru.
Akkas Jedhan Shamsaddin Anuu koree gootanii yoo na deebiftan madarasaaf rakkoodha garuu Akka Nama Islaamaa tokkotti qabeenya Islaamaa tiksuu fi bira dhaabbachuu hordoffii taassisuuf dirqaman qaba Koree tahuun narraa hin eegamu,
Kaleessas hordofaan Ture Har'as Koree filannee cinaa dhaabbannee hojjachuuf wanni of duuba nu deebisu tokkolleen hin jiru Jechun Ijjannoo fi kutannoo hojii Diinitif qaban Ustaaz ibsataniiru.
.
29/09/2024
Fulbaana 19/2017
'aa
=============
Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Bordoddee Itti Fufuun Marii isaanii keessatti Akkas Jedhan.
Kana booda Badii Keessatti Argamanis Akka Tarkaanfiin irratti fudhatamuuf Hawaasa Magaalichaa waliin Wal mariyachuun Namoonni Kun Akka adabbii isaaniin malu argatanif Ummatichaa waliinis waliif galleerras jedhaniiru koreen Dhimma Islaamaa Magaalichaa.Itti Dabaluunis Akkas Jedhan Seera kana Mootummaanis beekee koree caaseffama haraan gara Gandaa Dhufan waliin,Abbaa alangaa fi Waajjira Poolisii Ni waliin ta'anii Seera kana hojii irrra kan oolchan ta'uus dubbatanuiru.
=============
1.Namoonni Zinaan Ulfaa'ef,ulfeesse argame Qarshii Kuma 20,000mafi adabbii seeraa kana argatu ta'uu,
2.Namoonni Jaartii Namaa tan kophaa jirtu waliin Qama'aa aragame qarshii Kuma 10,000,
3.Namoonni Halkan Sa'aa malee aj-nabii Waliin badiif jogola ykn karaa irratti argames Qarshii Kuma 10,000,
4.Namoonnii Ollaa ofii Sa'aa Malee Muuzziqaan jeqee,girgireesse argamee himatamnaan Qarshii Kuma 5,000,
seerri Kun Hojii Irra ooluf Hawaasa Magaalaa Bordoddee wajjiin irratti walii gallee jirra,Bulchaan gandaa Magaalaa Bordoddeetis Gadi fageenyaan Rakkoo jirtu hubatee Dhalootaa karaa irraa maqe sirreessuf Seera Ummatichaa waliin Irratti waliif galle kana Akka hojirra Nuuf oolchan jechuun dhaamsaaf yaada qaban dabarfataniru.
29/09/2024
Fulbaana 19/2017
'aa
=============
Miseensa Koree Dhimma Islaamaa Godinaa keessa jiraniif,Aanaa keessa Jiran ofitti dabaluun Dhimmoota Sadii irratti Marii Ballaa Taassiseera.Isaanis:-
1.Fasaadaa fi Munkara Magaalaa Keenya keessatti baldhachaa jiru.
2.Shirkii fi Bida'aa.
3.Waa'ee Madarsaa Irratti Mariin ballaa taassisaniiru.
Cimsanii kaasun Akkas Jedhan koreen,sababnii Rakkoo kanaa Wal dubbisaa deemuu dhabuu,Wal quba qabaachuu dhabuu,Mariin Yeroo Yeroon jiraachuu dhabuudha.Akkasumas Hadhaaf Abbaan Ilmaan ofii to'achuf dadhabudha jechuun Eerga kaasan booda,rakkoo keessoo Magaalichaa keessa jiru erga ballinaan irratti marii taasisan booda kallatti fula duraa irratti Rakkoon Kun Akka furamaata argatuf Namoota fasaadarra Jiran gorsuu fi Barnoota Amantaa akka baratan gochuu,Hadhaaf fi Abbaan Ilmaan isaanii Akka quba qabaatan gochuu irratti jama'aan fajrul-islaam waliin taanee namoota Akkasi irratti ni hojjanna jedhan.
'aa fi shirkiin wal-qabatee jiru gorsuu itti siiqanii hubachiisu barsiisuu Namoota Akkasi Sana jibbinee irraa baqachun osoo hin taane itti dhiyaannee gorsuun karattii deeebisuu dandeenya Jedhan.Akkasumas Masjidoota qabnu mara irratti jammaan dargaggoo uumamuu,imaamman masjidaatiifi koreen masjidaa afooshaalee Naannawa Sana Jiran irratti hojjachun dureewwaan afooshaa gandeen sana keessa Jiran qabachun,ofitti dhiyeessun Barsiisaa hubachiisaa gorsaa erga rabbiiti akkasitti Fasaada,Munkara,
Bida'aa fi shirkiis deemsisuu danddeenya jechun Koreen Dhimma Islaamaa Magaalaa Bordoddee Dhaamaniru.
28/06/2023
Jam'aan fajrul islaàm magaalaa bordoddee kaayyoo fi mul'ata gurguddaa qabatee milkeessuuf carraaqaa kan jiru har'a iida Guyyaa har'aa sababeeffachuun naamusa fi tasgabbii ummata salaataaf bahee eegaa kan tureedha.hojii kyeeyrii hundarratti adda durummaan haa hirmaannu,jam'aa fajrul Islaam cinaa haa dhaabbannu!!
!
30/04/2023
'aa
=============
Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Aanaa Gumbii Bordoddee Masjidul-awwalitti marii taasisee jira.marii kanarratti murtoo Garagaraa dabarsuun Hojiilee gara Majlisaatin hojjatamuu qabuu fi Koreen majlisaa tokkummaan carraa Amma argamee tikfachuun cimnee hojii gara fulduraatti akka cee'uu qabnu,carraa akka islaamaatti Yeroo dheeraaf dhabne kana garaagarumma keenya lakkifnee tokkummaan hojii majlisaa kana galmaan gahuuf hojjachu Akka qabnu,hojii ni jalqabne malee hin xumurre✍️jechun.
👉Manni maree Dhimma Islaamaa Aanaa Gumbii Bordoddee Guyyaa har'aa ,mangudoo magaalaa Bordoddee,maanguddoo magaalaaa Koraa fi Jama'aan Dargaggoo M/Bordoddee fi M/Koraa jiranitti.Akkasumas Bakka Qaadin Mana murtii shari'aa A/G/B/ fi ibraahimis argamanitti Koreen M/M/Dhi/A/G/B Marii baldhaa taassisaniru.
30/04/2023
'aa
=============
Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Aanaa Gumbii Bordoddee Masjidul-awwalitti marii taasisee jira.marii kanarratti murtoo Garagaraa dabarsuun Hojiilee gara Majlisaatin hojjatamuu qabuu fi Koreen majlisaa tokkummaan carraa Amma argamee tikfachuun cimnee hojii gara fulduraatti akka cee'uu qabnu,carraa akka islaamaatti Yeroo dheeraaf dhabne kana garaagarumma keenya lakkifnee tokkummaan hojii majlisaa kana galmaan gahuuf hojjachu Akka qabnu,hojii ni jalqabne malee hin xumurre✍️jechun.
👉Manni maree Dhimma Islaamaa Aanaa Gumbii Bordoddee Guyyaa har'aa ,mangudoo magaalaa Bordoddee,maanguddoo magaalaaa Koraa fi Jama'aan Dargaggoo M/Bordoddee fi M/Koraa jiranitti.Akkasumas Bakka Qaadin Mana murtii shari'aa A/G/B/ fi ibraahimis argamanitti Koreen M/M/Dhi/A/G/B Marii baldhaa taassisaniiru
06/12/2022
Sadaasa 27/3/2015
Abbootiin Amantaa muslimaa Mootummaan jijjiramaa bilisummaa fi waqixxummaa amantii muslimaa labse galateffatan .
**********
Godina harargee lixaa aanaa gumbii bordoddeettii mana marii dhimma islaamaa yaa'ii idilee taa'en gabaasaa bara 2014 fi karoora bara 2015 irrattii marii'achuun kallatti hojii ittii aanuu kaawwate.
itti gaafatamaan mana marii dhimma islaamaa Aanaa gumbii bordoddee sheek Abdulaziiz Sheek Ahimad fi ittii gaafatamaan dhimma islaamaa godina harargee lixaa Sheek Abdallaa Bookee akka himanitti mootummaa jijjirama amantaa muslimaatiif kabajaa fi ulfina kennun bilisummaa fi walqixxummaa amantii muslimaa labse galataeeffatan.gidiraafi roorroo bara dheeraa amantaa muslimaa irra turte irraa kaasuun amantiin teenya akka baballattuf daandii nuuf saaqee waan jiruf carra argannee kana hojitti jijjiruun nageenyaa waaraa fi itti fufinsa qabu mootummaa cinaa dhaabbatani mirkaneessu akka qaban dubbatan .
hirmaattoonni marichaa gama isaaniitin qaama qabeenya ummataa fi mootummaa saamu,gocha sukannessa ummata nagaa irratti raawwachuun biyya diigu balaaleeffachuun daandii nageenyaa mirkaneessu dha.haqaa fi dhugaaf kan dhaabbatte amantaan teenya . qaamni hacuuccaa fi gidiraa diin islaamaa irran gahaa ture badee mootummaa jijjiramaatin gaaffiin yeroo dheeraa isaaniif deebi'u himani kanaanis carraa kana argachuu isaanitti kan gammadan ta'u ibsan.
itti gaafatamaan waajira bulchinsaa fi nageenyaa aanaa gumbii bordoddee obboo Naasir Jaafar gama isaaniitin hojiin nageenya waaraa mirkaneessu abbootii amantaa fi ummataatin kan milkaa'u ta'u himani, carraa argattan gara hojii qabatamaatti jijjiruun diina amantii dahoo godhachuun jeequmsa umuu barbaadu saaxilani seeraaf dhaleessu qabu jechuudhaan dhaamaniru.
04/10/2022
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa yaa’ii hundeeffama ulamaa'ota Itiyoophiyaa gaggeessaa jira
Haarun Miidiyaa: Fulbaana 24/2015
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa har'a yaa'ii hundeeffama ulamaa'ota Itiyoophiyaa Finfinnee hoteela Giyoonitti gaggeessaa jira.
Kana dura hundeeffamni yaa’ii ulamaa'ota Finfinnee milkaa'inaan rawwatamuun kan yaadatamu yoo ta'u hundeeffamni yaa'ii ulamaa'ii majlisa federaalaatiin gaggeeffamaa jiru kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabaati.
Yaa'icha irratti perezdaantii majlisa federaalaa Sheek Hajjii Ibraahim Tuhfaa, D/r Jeylaan Kadir, ustaaz Abubakar Ahmadiifi ministeer de'eetaa
ministeera nageenyaa obbo Taayyee Danda'aa dabalatee aalimoonni kutaalee biyyattii garaa garaa irraa walitti dhufan argamaniiru.
Yaa'ii har’a gaggeeffamaa jiru kanaan naannoolee hundaafuu aalimoonni ni filatamuun eegama.
© Haarun Miidiyaa