09/10/2023
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Fadis
Waajjirri A/Alangaa Aanaa Fadis hojii Haqaa fi ol'aantummaa seeraa Aanichaa keessatti Mirkaaneessuu
09/10/2023
08/10/2023
05/10/2023
Duula Hubannoo Seeraa Kennuu eegallee jirra.
=================================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Fadiis Gaafa guyyaa 24/1/2016 Aanaa Fadiis magaalaa Bokkootti Hawaasa Guyyaa Magaalaa iddoo Garaagaraa irraa walitti Bahaniif hubannoo seeraa Abboottii Alangaan kennamee jirra. Hubannoon kennamees mata-dureewwaan
1. Yakka Daldala seeraa Alaa fi
2. Yakka Dubartootaa fi Daa'imman irratti Raawwataman akkasumaas Mirgoota Dubartootaa fi Daa'immanii irratti hubannoon seeraa bal'aan kennamee jira
04/10/2023
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Fadis tti wal harkaa fuudhisi Sanada Walta’insaa raawwii karoora hojii bara 2016 Abbotii Adeemsa fi Gareelee waajjiira waliin taasifamee jira
Kuniis akkuma olitti ibsamuuf yaalametti
gaafa 23-01-2016 Abbootii Adeemsaalee fi Garee waajjirichaa waliin sanada waliigaltee waadaa hojii irratti marii erga taasisee booda amanamaa fi itti gaafatamummaa barbaachisuun ummata akka tajaajillu waliigalteen mallatteeffameera.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
21/09/2023
21/09/2023
Hubannoo seeraa kennameera
===========//===========
Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti hojiin Hubannoo seeraa hawaasaa cimsuu Qindoominaa Waajjira Geejjibaa fi Alangaatiin gaafa guyyaa 10/1/2016 Aanaa Fadis Magaalaa Bokkootti hawaasaa Araddoota Aanichaa irraa Magaalaa dhufaniif Abbooti Alangaatiin kan kenname yommuu ta’u baruumsi Hubannoo Seeraa iraatti kenname kuniis Mata dureewwan armaan gadii irratti kenname jira
1 ffaa waa’ee labsii laf baadiyyaa lakk.248/2015 irratti haala galaatiin
2 ffaa Waa'ee labsii too'annoo nageenya Tiraafikaa fi dambii irratti
============//=====//=======
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!
14/09/2023
Hubannoo seeraa kennameera
===========//===========
Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti hojiin Hubannoo seeraa hawaasaa cimsuu Abbaa Alangaa tiin bifa duulaatiin kennuu eegalee kan jiru yommuu tahu haaluma kanaan gaafa guyyaa 03/1/2016 Aanaa Fadis Magaalaa Bokkootti hawaasaa Araddoota Aanichaa irraa Magaalaa dhufaniif Abbooti Alangaatiin kan kenname yommuu ta’u baruumsi Hubannoo Seeraa kuniis Mata dureewwan armaan gadii irratti kenname jira
1 ffaa Waa'ee Maalummaa fi barbachisummaa Heera fii seeraa
2 ffaa Waa'ee mirgoota bu'uraa daa’imman fi dubartoota ilaalchisee Heera fi Seeraa Maatii jalatti ibsamanii irratii fii
3 ffaa Yakka dubartoota fi daa’imman irratti raawwataman
A) Kitaanaa
B) Gaa'ela Umrii malee
C) Fuudha fuudharraa
D) Buttii
E) Gudeeddii fkkn
3 ffaa Yakka Godaansa Seeraan alaa
============//=====//=======
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!
04/09/2023
31/08/2023
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Fadis Abbootii Alangaati fi Hojjettoota wajjin haala hujii waliigalaa irratti gaafa guyyaa 24/12/2015 marii ho'a taasiseera.Marii kanarrattis yaadotni gaggariin hujii waajjirichaa cimsuu Abbootii Alangaa fi hojjettoota keenya irraa kan nuuf ka'an yoo ta'u;yaadoota ka'an kana galtee godhachuun kallatti fuula dura hogganan kaayyamee marichii xumurameera.
31/08/2023
Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti hojiin Hubannoo seeraa hawaasaa cimsuu Abbaa Alangaa tiin bifa duulaatiin kennuu eegalee kan jiru yommuu tahu haaluma kanaan gaafa guyyaa 25/12/2015 Aanaa Fadis Magaalaa Bokkootti hawaasaa Araddoota Aanichaa irraa Magaalaa dhufaniif Abbooti Alangaatiin kan kenname yommuu ta’u baruumsi Hubannoo Seeraa kuniis Mata dureewwan armaan gadii irratti kenname jira
A) Kitaanaa
B) Gaa'ela Umrii malee
C) Fuudha fuudharraa
D) Buttii
E) Gudeeddii fkkn
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Address
Harar
04
Opening Hours
| Monday | 09:00 - 17:00 |
| Tuesday | 09:00 - 17:00 |
| Wednesday | 09:00 - 17:00 |
| Thursday | 09:00 - 17:00 |
| Friday | 09:00 - 17:00 |
