Oromiyaa Jiituu Too Badhaatuu :- ኦሮሚያ:- Oromia

Oromiyaa Jiituu Too Badhaatuu :- ኦሮሚያ:- Oromia

Share

"Adda daa'imman keetiif waan ati takkaa bitattee hin beeyne bittuuf, waan ati takkaa barattee hin beeyne barsiisuu qabda.

Meeshaan ni dhumti, beekkumsi garuu ni tura." ~ Bruce Lee
https://t.me/obseetiyya
https://t.me/obseetiyya https://youtube.com/channel/UC7rfb1lXr-wmfb_9H2C23wQ

Photos from Shimelis Abdisa's post 23/03/2026
08/01/2026

Xiyyeeffannoo Dinagdee Ijoofi Koriidoroota Misoomaa

- SHAGGAR — Akka Mandhee Dinagdee Afrikaatti
- BISHOOFTUU — Akka Magaalaa Turizimii Afrikaatti
- Magaalaa GADAA — Akka Wiirtuu Dinagdee Sektar-danuu Afrikaatti
- ADAAMAA — Akka Magaalaa Indastirii Afrikaatti

Photos from Oromiyaa Jiituu Too Badhaatuu :- ኦሮሚያ:- Oromia's post 08/01/2026

Akka Motora Dinagdeetti — Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa

1. Lafjalee Ijaarsa Mootummaa Dinagdee Magaalaa
Masaanummaan magaalonni ummata keenya waliin qabaachaa turan hirdhisaa haadhufu malee, sadarkaa galmoota qabsoo isaa milkeessuuf isaan dandeessisuun hinhaaromne. Magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka’e, abbaa dinagdee laamsha’oo ta’anii turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana hundeerraa jijjiiruun magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira. Bifti magaala tokkoo, hundaa’ol hoggansa dinagdee isaatiin murtaa’a. Kanaaf, mootummaafi hoggansa magaalaa dinagdee dhimma ijoo taasisee socho’u umuuf qophii gahaa taasisneerra.

Pilaanonni haaraan babaldhina ammayyummaa, diriirfama seerota/qajeelfamoota/hojimaatota dandeessisoo, ijaarsa sirnakkoo lammiilee tattaaffiif kakaasu akkasumas qaamolee dinagdee dorgomummaa qaban hawwatuufi tajaajila qulqulluu, ariifataafi si’oomaa akka bu’uura dinagdee magaalaatti kaa’aniiru. Babaldhina digiitaalomsaa, toorarroomsaa (IOT), kalaqaafi dammaqina dhaweessummaa akka bu’uura ijaarsa dinagdee dijitaalaatti fudhataniiru. Tarkaanfiin kun, carraalee, dilbiifi hudhaalee dinagdee magaalaatiif, hoggansa dhaweessawaa kennuun gamanumaa akka baratamu jajjabeessaa jira. Gama birootiin ce’uumsa diinagdee magaalaa akeekaa jira.

Pilaanonni mummee haaraan magaalota Shaggar, Bishooftuu, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (ZDAG)’fi Adaamaa indastirii, turizimii, qonnaafi dinagdee dijiitaalaa akka toora xiyyeeffannoo dinagdee ijootti kaa’u. Kanaafis, koriidoroota misoomaafi funyoowwan sochii dinagdee adda baasuu qofa osoo hintaane gidduu isaanitti hidhamiinsa qindaa’aa sochii dinagdee onnachiisan abuuraniiru. Caasaa nafoo yoofudhanne, saaphanni daandiifi buuraajoo (sarara bishaanii, anniisaa, “network”) walsimaan karoorfamaniiru. Gama kaaniin, misoomni caasaa nafoo “ICT”fi hojimaatafi tajaajila dijiitaalomsuufi toorarroomsuun baldhinaan karoorfamaniiru.

Bishooftufii Shaggar akka toora xiyyeeffannoo dinagdeetti haaqabatan malee, magaalonni hundi gahee turizimiin damee mara keessatti dinagdee baay’isuuf qabu sirnaan hubatameera. Bu’aan gama kanaan argamuu malu akka dhugoomu, gama tokkoon labsiiwwan damicha jajjabeessan lallabamaniiru; gama birootiin bu’uuraalee ijoon karoora bira taranii misoomaa jiru. Tajaajilli (transportation tickets, hotel booking)’fi beeksisni turizimii dijiitaala’aafi toorarroomaa jira. Walumaa galatti, galii maddisiisu cinaatti, gahee turizimiin fulla’iinsa naannawaa, hawwata invastimantii alaa (FDI), babaldhina bu’uuraalee misoomaa, sochii daldalaa, bittaaf gurgurtaa, ijaarsa godambaafi hoteelotaa onnachiisufi dinagdee damdanuu karaa qabsiisuu keessatti qabu xiinxalameera.

Shaggar, Bishooftufi Adaamaan “Sovereign Fund” mataa isaanii hundeessuun, horataalee tarsiima’aa qaban irratti invastimantii tarsiima’aa garagaraa taasisaa jiru. Kanaanis haalli furguuga dinagdee umuuf tolu gamanumaa mijataa jira. Gama birootiin carraalee dinagdee jiran hunda duguuganii fayyadamuuf inisheetivoota magaalaa torbaa (07) ol bocanii raawwataa jiru.

Walumaagalatti, tokkoon tokkoon isaanii, dilbii caalmaa qaban irratti hundaa’uun, toora xiyyeeffannoo dinagdee ijoo isaanii adda baafataniiru. Akkasumas, toora xiyyeeffannoo ijootti aansee, sochiilee dinagdee dabalataafi koriidoroota misoomaa adda baasaniiru. Haa’ilaallu:

2. Xiyyeeffannoo Dinagdee Ijoofi Koriidoroota Misoomaa

SHAGGAR — Akka Mandhee Dinagdee Afrikaatti

Shaggar muldhata bara 2042’tti mandhee dinagdee Afrikaa ta’uu qabachuun hundaa’e. Xiyyeeffannoo dinagdee ijoo isaatiin, Shaggar magaalota buleeyyii hafanirraa addadha. Shaggar hunda caalaa carraa baldhaafi dilbii caalmaa damdanuu qaba. Akkasumas, caaseffamni bulchiinsaa isaa, mootummaa magaalaa ofdanda’aa kan isa jechisiisudha. Kanaaf, Bishooftufi Adaamaan toora ijoo dinagdee tokko irratti yemmuu xiyyeeffatan Shaggar damdanuu karoorse. Isaanis: indastirii, turizimii, qonna magaalaafi dinagdee dijiitaalaa/daldaladha.

Koriidoroonnifi funyoowwan dinagdee magaalaa Shaggar, daandiiwwan karra jahaniin jiran, sararootaa baaburaa magaalicha qaxxaamuran, qarqara lageenii, sabbata magariisaa isa marseefi cancala gaarrenii irratti hundaa’uun kan karoorfamanidha. Daandiin marfataafi godaanaa hangafaa, buufataaleen konkolaataa, wiirtuuleen fe’umsa konkolaatafi baaburaa, wiirtuuleen leecalloo, giddugalawwan gabaa, daldalaa, indastirii, manneen kuusaafi bulchiinsaa, toorawwan mandarootaa, qe’eewwaniifi giddugalawwan magaalichaa bu’uuruma kanaan abuuramaniiru.

Kooyyee Faccee koriidora daldalaa, Furii koriidora gabaa, Galaanifi Galaan Guddaa koriidora indastiriifi leecalloo, darbees turizimii indastiriyaalaa, Malkaa Noonnoofi Burraayyuu koriidora fayyadama walkeessoo, Laga Xaafoo Laga Daadhii koriidora misooma “real-estate”, Sabbataa koriidora kurfeessa omesha qonnaa (agro-processing), Gafarsaa Gujee koriidora ikoo-turizimii, Mana Abbichuufi Sulultaa koriidora ispoortifi bashannanaa, Kuraa Jiddaa koriidora qonnaatiif adda bahaniiru.

Ittaansuun koridoroota kanniin pilaanii misooma qe’ee (local development plan) magaalichaatiin haa’ilaallu. Kooyyee Facceetti, Paarkii Giddugaleessaa Kooyyee, Giddugala Qorannoo Saayinsiifi Teknoolojii Shaggar, paarkii bishaanifi hara nam-tolchee karoorfamaniiru. Kooyyee Facceefi Furiitti, giddugalawwan shamataa (malls), konveenshinifi gabaa, waajjiraalee dhaabbilee daldalaafi faayinaansii samii hooqan nimisoomu. Galaan, sarara baaburaa naannawa Kondominiyeemii Galaanitti, giddugalli gabaa konkolaataa idil-addunyaafi wiirtuun leecalloo karoorfamee ture ijaarsa keessa galeera.

Galaan, Galaan Guddaa, Furiifi Sabbataatti, sarara baaburaa isaan qaxxamuru hordofuun funyoowwan sadi karoorfamaniiru. Buufata Andoodeetti — zoonii daldala bilisaa, guddugala kurfeessa al-ergiifi al-galchii, guddugalawwan leecalloo fe’umsaafi bu’umsaa karoorfamaniiru. Buufata Furiitti — buufata geejjiba namaafi giddugalawwan gabaa; Buufata Diimaatti — paarkiilee indastirii kurfeessa omesha qonnaa, indastirii maanifaakchariingii, zoonii daldala bilisaafi guddugala kurfeessa al-ergiifi al-galchii abuuramaniiru.

Mana Abbichuu fuulleffata Finfinneetti, Malkaa Noonnoo naannawa Tulluu Jamootti, Kooyyee Faccee naannawa Tulluu Eeraritti, Laga Xaafoo hirkata gaaratti “real-estate” sadarkaa olaanaan kan misoomu ta’au. Gafarsaa Gujee, Malkaa Noonnoofi Burraayyuutti giddugalawwan aadaafi ‘sport’; Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo Laga Daadhitti giddugalawwan qorannoofi leenjii niqubatu.

Bosonni Subbaa, Tulluuwwan Mogolee, Wacacaa, Koloboo, Inxooxxoofi Erar, akkasumas Hidhi Gafarsaafi Laga Daadhii haala teessumaa, qilleensaafi bosona ajaa’ibsiisaa qabu. Kanaaf, qabiyyeen umamaa isaanii eegamee ikoo-turizimiif kan misooman ta’a. Dabalataanis, sarara geejjiba wadaroo (cable car) irra caala faayidaa bashannanaatiif oolu, sirna geejjiba qe’eetiin walsimsiisuun misoomsuuf karoorfameera. Innis, Tulluuwwan Inxooxxoo I fi II, Tulluuwwan Furiifi Galaan Guddaa akkasumas Tulluuwwan Eegduu, Subbaa, Wacacaafi Mogolee gidduutti misooma. Akka waliigalaatti iddoowwan naannawa magariisaafi bashannanaaf abuuraman uwwis magaalichaa %36.5 kan uwwisanidha.

Qe’ee Sulultaatti riisortiiwwan, loojiiwwan, dirree gulufsiisa fardaa, mandara atileetiksii, dirree golfii, istaadiyoomota idil-addunyaa tapha kubbaa miilaa, raagbiifi kiriikeetii, tiraakii atileetiksii, iddoo dorgommii konkolaataa, biskileettiifi kkf keessummeessan abuuramaniiru.

Shaggar — tarkaanfii mara, muldhata bara 2042 hordofuun, mandhee dinagdee Afrikaa nitaasisna.

BISHOOFTUU — Akka Magaalaa Turizimii Afrikaatti

Bishooftuun muldhata bara 2040’tti, giddugala turizimii Afrikaa ta’uuf qabate dhugoomsuuf, magaalicha gama maraan gabeessuutti (marketing the city) galeera. Dameewwan turizimii baramaa cinaatti, gosoota haaraa beeksisuun sektaricha rog-daneessuuf socho’aa jira. Muraasa haa’ilaallu.

QABEENYA UMAMAA isaa pilaanii qe’eetiin (local plan) masakamee misoomsuu jalqabeera. Fknf, haroowwan magaalichaa torba keessaa afur irratti riizortiifi hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan 24 misoomaniiru. Daandii marfataa afran irratti karoorfame keessaa kan isa tokkoo raawwatameera. Olka’iinsa walfakkaatu irratti waan argamaniif, lafa jalaan (tunnel) walqunnamsiisuufis karoorfameera. Akkasumas, lafti gidduu isaanitti argamu marti gara giddugala turizimiitti kan ceesifamu ta’a.

Gaarren naannawichatti argaman geejjiba wadarootiin (cable car) walqunnamsiisuuf karoorfameera. Wadaroon kun Tulluu Dabbasoofi Erar, Tulluu Dabbasoofi Barruu akkasumas Tulluu Barruufi Bubbee gidduutti kan diriiru yoota’u daandiiwwan fiigichaas nimisoomu. Akkasumas, istaadiyeemiin idil-addunyaa kan hojjetamu ta’a. Tarkaanfileen kunneen hawwata magaalichaa daneessuu keessatti gahee olaanaa qabu.

DHAALA AADAAfi SEENAAtiin walqabatee hojii baldhaatu raawwatamaa jira. Fknf, Qe’ee Arsadee wiirtuu simannaa Irreecha waggaatti yeroo tokko dhufu ture, gara hawwata wagaa guututti jijjiiruun danda’ameera. Naannawa harichaatti, galmi sadarkaa isaa eegefi daandiin marfataa hojjetameera. Hoteelonniifi riizortiiwwan 53 sirna nyaata aadaa Oromiyaa guutuu hammatan banamaniiru. Walumaagalatti Qe'een Arsadee guutumatti gabeeffameera.

Akkasumas odaawwan shanan Oromoo keessaa isa tokko kan ta’e Odaan Nabee, gahiitii jila ykn yaa’ii waggootatti yeroo tokko dhufu ta’ee tureera. Pilaanii haaraan, karoora bu’uuraalee misoomaa, buraajoo, ijaarsaalee galmootaa, hoteelotaa, restoraantotaafi kkf gara giddugala koonfiransii waggaa guutuutti isa ceesisu hammateera.

CARRAA EGEREE — pilaanii haaraan carraalee buufata xayyaaraa magaalichatti hojjetamu waliin dhufuu malan xiinxaleera. Buufanni kun, waggaatti namoota mil. 110 ol kan tajaajilu ta’uun isaa, carraa turizimii fayyaafi keessummeessaa (medical and hospitality tourism) olaanaa kan fidee dhufudha. Bu’uuruma kanaan, magaalonni kunniin, addatti Bishooftuun qophii barbaachisu gochuu irratti argamu. Gama birootiin, koriidoroota magaalichi yeroo ammaa qabu cinaatti, sararoota geejjibaa (daandii godaanaa tokkoofi sarara baaburaa buufataalee Bishooftufi Finfinnee walqunnamsiisuuf karoorfaman akka koriidora misoomaa (wiirtuu leecaalloo, giddugala indastirii) dabalataatti adda bahaniiru.

Pilaanii haaraan argama magaalichaa roga lamaan ilaalera. Gama tokkoon argamni (location) magaalichaa handhuura Oromiyaafi biyyaatti; akkasumas magaalota Shaggariifi Finfinneetti kan dhiyaatudha. Gama birootiin argama (hosting) dhaabbilee gurguddoo (fkn Humna Qilleensa RFDI/FDRE) ta’uu isaa akka carraatti ilaala. Misoomni koriidorii magaalichaas, hawwattummaa turizimii daran kan olkaasedha. Bishooftun hanga ammaatti paarkii magariisaa banaa hekt. 30'tti dhiyaatu misoomsera. Daandii asphaaltii marsaa kanaan qabate keessaa %55 ol kan xumure yoota’u, kan hafes hanga Amajjiitti nigoolaba.

Dabalataanis, Bishooftuun misooma dinagdee qonna teknoolojii olaanaa, indastirii, leecalloo, daldalaafi kkf irratti sochii taasisuuf koriidoroota adda baasera. Koriidoroonni kunniin, sarara geejjibaa gosa lama (sararoota baaburaafi daandiiwwan Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleefi haaraa Bishooftuu walqunnamsiisanifi Itiyoo-Jibuutii/Finfinnee-Awash/Asallaa/Awaasaa irratti kan hundaa’anidha. Bu’uuruma kanaan, Calalaqaa koriidora daldalaa, Duukam koriidora indaastiriifi leecalloo akkasumas Dhibaayyuu — koriidora qonna ammayyaa gochuun adda baasera.

Magaalaa GADAA — Akka Wiirtuu Dinagdee Sektar-danuu Afrikaatti

Magaalan Gadaa (Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa/ZDAG) muldhata bara 2060’tti modeela wiirtuu dinagdee Afrikaa ta’uu qabachuun hundaa’e. Zooniin akka mandhee sektara dinagdee damdanuutti (multi-sectoral) abuurame kun, seeraa hundeeffamaafi daldalaa, hojimaatafi kenniinsa tajaajilaa adda ta’en kan hundeeffameefi gajeelfamudha. Dabalataanis, bu’uuraalee misoomaa ijoo (daandii), buraajoo (anniisaa, bishaan)’fi kkf guutuun lafa misoomse qopheessera.

Zoonichi carraalee invastimantii, daldalaafi manifaakchariingii uwwisa baldhaafi egereen fiduu malu adamsuuf kan qophaa’edha. Bu’uuruma kanaan, hidhamiinsa “Road and Belt Initiative” keessatti iddoo waan argateef kiyyoo carraalee uwwisa baldhaa ta’aa jira. Akkasumas invastimantii keessootiif qubsuma ta’uu irratti argama.

ZDAG koriidora daldala bilisaa, koriidora indastirii manifaakchariingii kilaastaroota indastirii manifaakchariingii 13 ofkeessaa qabu, koriidora kurfeessa qonnaa, kodiidora “real-estate”, koriidora turizimii, wiirtuulee tajaajila garagaraa (leecalloo)’fi paarkii ‘ICT’ adda baasuun misoomsuu irratti argama.

Magaalaan Gadaa, galma Invastimantii alaa hawwachuu, dargaggoota aangomsuu, al-ergii damdaneessuu, al-galchii bakka buusufi indastiriyaalomsuu (ce’uumsa caasawaa dinagdee) qabame fiixaan baasuu keessatti shoora olaanaa kan taphatuudha. Walumaagalatti, Gadaan karoora tarsiima’oo, galmoota qabatamaa, qajeeltoo bulchiinsa lafaafi qabeenyaa ifa, ittifayyadama carraaleefi dilbii qindaa’aa qabachuun magaalaa “xumuramee jalqabameedha”.

ADAAMAA — Akka Magaalaa Indastirii Afrikaatti

Adaamaan muldhata bara 2040’tti mandhee indastirii Afrikaa ta’uu qabatee socho’aa jira. Adaamaan sararoota geejjibaa (konkolaatafi baaburaa) Itiyoo-Jibuutiifi Finfinnee-Asallaa hordofuun jiran koriidora babaldhina indaastirii gochuun ramadeera. Bu’uuruma kanaan, indastirii gurguddaa, giddugaleessafi xixiqqaa, zoonii dinagdee bilisaafi paarkileen leecalloo karoorfamaniiru.

Sararoonni geejjibaa eeraman magaalichaaf hidhamiinsa tarsiima’aa kan umanidha. Argamni (location) isaas, omishaalee qonnaa baha, kibbaafi giddugaleessa biyaattii argaman sassaabuun indastiriif galtee dhiyeessuf mijataadha. Dhiyeenyi Buufata Lafaa Mojoo akkasumas magaalota Bishooftuu, Shaggarifi Finfinneef qabus humna guddaadha. Adaamaan yeroo ammaas paarkii indastirii federaalaafi indastiriiwwan biroo hedduu keessummeessun isaa dilbii misoomaa gama kanaan qabu kan agarsiisudha.

Indastirii cinaatti, dilbii turizimii koonfiransii, bashannanaa, daldalaa, qonna magaalafifi kkf yeroo ammaa qabu daran misoomsuuf karoorsera. Bu’uuruma kanaan, koriidoroonni toora xiyyeeffannoo dinagdee ijoofi dabalataa adda bahaniiru. Pilaaniin misooma qe’ee magaalichaa akka agarsiisutti, kutaa magaalaa Daabee koriidora indastirii ta’uun filatameera. Kutaaleen magaalaa Luugoofi Abbaa Gadaa koriidora wiirtuulee daldala qinixxaaboo, waajjiraalee bulchiinsaa, dhaabbilee faayinaansii, giddugalawwan gabaa, hoteelota, giddugalawwan koonveenshiniifi gamoolee samii hooqan ta’uun adda bahaniiru.

Kaabni kutaa magaalaa Boolee koriidora giddugalawwan kalaqaa, mooraawwan teknoolojii, dhaabbilee qorannoofi “real-estate” mi’aatiif filatameera. Kaabni kutaa magaalaa Boolee koriidora “real-estate”fi kalaqaa ta’eera. Akkasumas kutaaleen magaalaa Bokkuu, Daabeefi Dambalaa koriidora misooma qonna ammayyaa ta’uun adda bahaniiru.

Tulluu Dibbibsaa, Tulluu Bokkuu, Tulluu Qacamaa, Sulula Awaashifi Hidha Qooqaa koriidora ikoo-turizimii magaalichaa ta’uun adda bahaniiru. Misoomni koriidora magaalichaas bu’uuruma kanaan kan socho’udha. Bitaaf mirgi daandiiwwan girguddoo magaalicha kaabaa gara Kibbaatti qaxxaamuran yoofudhanne, lafti banaa waloo, paarkonni, sararri “cycle”fi lafoo baldhina meetira 19.5 qabu misoomera.

Magaalota keenya gara motora dinagdeetti nijijjiirra!
Galma qabsoo Oromoo ummata keenya dinagdeen aangomsuuf qabanne nimilkeessina!

08/01/2026

Ulaan Galaanaa Haqa Itoophiyaati !
==

Ulaa galaanaa qabaachuun hawaas-dinagdee biyyaa milkeessuu keessatti bakka olaanaa qaba. Addunyaa irratti biyyootni baay'een ulaa galaanaa kan qaban yoo ta’u, biyyootni muraasni sababa garaagaraatin ulaa galaanaa dhabuun hirkattummaaf saaxilamanii jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaanis waggoota dheeraaf ulaa galaanaa kan qabduufi itti fayyadamaa kan turte taatus shira garee muraasatiin qabeenya haqa waloo Itoophiyaanotaa ta’e ulaa galaanaa dhabde jirti. Kanaanis, biyyi keenya baay’ina uummataa, qabeenya dilbii fi dachii bal’aa qabattee osoo jirtuu ulaa ganaa dhabuun biyyoota ulaa galaanaa hin qabne keessaa tokko ta’uu dandeessee jirti. Sababa kanaanis baasii hin malleef akka saaxilamtu ta'ee jira.

Ulaa galaanaa dhabuun keenya, dingdeen biyyattii hanga barbaadamuun akka hin tarkaanfanne danqaa ta’aa tureera,ammas ta’aa jira. Sababa kanaan biyyi keenya, biyyoota ollaa irratti akka hirkattuufi baasii hin malleef akka saaxilamtu taasiseera.

Kunis dhaloota har'aaf ba'aafi dhaloota itti aanee dhufuuf immoo yaaddoo ta'ee jira.

Kanarraa ka'uun yeroo ammaa mootummaan ulaa galaanaa biyyi keenya shiraan dhabde deebisee argachuuf carraaqqii olaanaa taasisaa jira.Hojii hanga ammaatti xiiqiifi kutannoon hojjatameenis yeroo gabaabaa keessatti yaadama waggoota 30 darban dhimma ulaa galaanaa kaasuun akka qaanitti ilaalamaa ture cabsuun ajandaa addunyaa taasiseera.

Kanaaf uummatni biyya keenyaa hundi ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'uu hubachuun carraaqqii moootummaan ulaagalaanaa shiraan dhabne deebisee argachuuf taasisaa jiru tumsuu qaba.

Qabeenyi humna kuufamaa misooma biyya
Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

05/10/2025
05/10/2025

Irreecha olka’iinsa biyyaaf!
Magaalaan Bishooftuu keessumootaaf mijateetti. Misooma kolidariitiin miidhagdee fi faayamtee keessumoota ishii gaggeessaa jirti. Irreechi hora Harsadiis hoofkaleera. Barri Bara olka’iinsaati

05/10/2025

Irreecha ol ka’iinsa biyyaaf
Ayyaanni hora Harsadees karaa nagaatiin hofkalee jira. Bishooftuunis misooma kooliidariitiin faayamtee keessumoota ishiif mijaa’ina uumuun gammachuun gaggeessitee jirti

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Oromia
Harar
HARARGE