Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum

Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum

Share

Hojiile Manneen Barnootaa Hojjatan Beeksisuuf Peejiin Kun Baname.

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 28/02/2026

Guraandhala 21/2018
Aanaa Odaa Bultumitti Waajjirri Barnootaa Leenjii Dureewwan Manneen Barnootaaf Sagantaa Soqoxaa jala jiraniif kenname.

Leenjii kana boodas Manneen barnootaa lafa qaban irratti oomisha kuduraa fi muduraa,horsiisa lukkuu irratti hojjachuun muxannoo kana manneen barnoota biroof fi hawaasa naannoof dabarsaa akkaataa daa'imman nyaata madaalamaa itti argachuu danda'an qabatamaan agarsiisaa akka hojjatamu leenjiin kennameera.

Galmoota Imala Badhaadhinaa Maatii hunda galeessa milkeessuuf akkasumas Daa'imman Nyaata Madaalawaa tahee akka argatan fi waan Naannoo isaanii argamuu Sirnaan fayyadamuun akka barbaachisu leenjii hubannoo qooda fudhattootaaf kenname.

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 22/02/2026

Gurraandhala15 /2018
Gamaaggama hojii kurmaana 2ffaa bara 2018 Waajjirri Barnoota Aanaa Odaa Bultum gaggeessaa turan milkaa'inaan turtii guyyaa 2ffaa booda xumuramee jira.

Gamaaggamaa kana irratti kan hirmaatan Oggeessota Barnoota, Dureewwan Manneen Barnoota sad 1ffaa fi sad 2ffaa ,Itti'antoota Manneen Barnoota fi Dureewwan BSTD irratti hirmaachisuun Gamaaggamni hojiiwwan Barnoota kurmaana 2ffaa Bara hojii 2018 gaggeeffame xumuramee jira.

Gamaaggamni kun kan gaggeeffamaa jiru Bakka Ittigaafatamtuu waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Addee Yaalamgeex Admaasuu argamanitti gaggeeffamaa jira

Dhumarrattis kallattiin hojiiwwan waliigalaa irratti Ittigaafatamtuun Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Addee Yaalamgeex Admaasuu akka jedhanittis Sagantaa hojii irra oolmaa TaRL sirnaan hojii irra oolchuu fi harcaatii barattootaa hambisuu, akkasumaas, hojiilee ququllina barnootaa fooyyessuuf hojjetamaa jiruu daran cimee akka itti fufu himuun, keessattuu qabxii barattoota fooyyeessuuf qaamni Gamaaggama kanarratti hirmaatan halkanii fi guyyaa akka hojjetan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 21/02/2026

Gurraandhala14 /2018
Waajjiri Barnoota Aanaa Odaa Bultum Gamaaggama kurmaana 2ffaa bara hojii 2018 gaggeeffu jalqabamee jira

Gamaaggamaa kan irrattikan hirmaatan OggeessotaBarnoota, Dureewwan Manneen Barnoota sad 1ffaa fi sad 2ffaa ,Itti'antoota Manneen Barnoota fi Dureewwan BSTD irratti hirmaachisuun Gamaaggamni hojiiwwan Barnoota kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa jira.

Gamaaggamni kun ka gaggeeffamaa jiru Bakka Ittigaafatamtuu waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Addee Yaalamgeex Admaasuu bakka argamanitti gaggeeffamaa jira

Gamaaggamaa akkana yeroo yeroon kennuun hojiilee ququllina barnootaa fooyyessuuf hojjetamaa jiruu milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himuun, keessattuu qabxii barattoota fooyyeessuuf hojii hojjetamaa jiru rakkoolee barnootaa furuu danda'an ittifufiinsan ogeeyyiifi qaamolee qooda fudhattootaaf hirmaachisuun dhimma murteessaa dha

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 11/01/2026

Amajjii 3/2018
Leenjii Dureewwan Manneen Barnootaa fi Suparvaayizarootaaf kennamaa ture milkaa'inaan goolabamee jira

Waajjirri Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Leenjii Dureewwan Manneen Barnootaa Sad.2fffaa, Sad1ffaa Bu'uura Boruu fi Suparvaayizaroota kilaastarootaaf Leenjii itti fayyadama Baajata Sagantaa ETOL irratti guyyaa lamaaf turu kennamuu ture milkaa'inaan goolabameera.

Leenjii itti fayyadamaa Baajata goolabbii irratti kan taasifamee Bakka Obboo Usmaan Abdullaa Daarektera Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Odaa Bultum ,Gorsaa Haayyoota Waajjiraa Barnoota Aanaa Odaa Bultum Obboo Mohammad Abdulaaziz fi Ittigaafatamtuu waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Addee Yaalamgeex Admaasuu bakka argamanitti leenjiin kennamaa ture xummurameera.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Leenjii itti fayyadama Baajata Sagantaa ETOL kun dhimma murteessaa dha Qaamni leenjii kanarratti hirmaatan harcaatii malee akka hirmaatan jechuun erga darbe jira.

Dhumarrattis kallattiin hojiiwwan waliigalaa ciminoota itti fufsiisuun hanqinoota raawwii mul'atan irratti gara ciminaatti deebisuuf Kallattiin kaayyame jira

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 10/01/2026

Amajjii 2/2018
Waajjirri Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Leenjii Dureewwan Manneen Barnootaa Sad.2fffaa, Sad1ffaa Bu'uura Boruu fi Suparvaayizaroota kilaastarootaaf Leenjii itti fayyadama Baajata Sagantaa ETOL irratti guyyaa lamaaf turu kennamuu jalqabe.

Leenjii itti fayyadamaa Baajata Sagantaa ETOL kanarratti Barbaachisumaa leenjii kan Ibsan Ittigaafatamtuu waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum Addee Yaalamgeex Admaasuu sirritti ibsaniiru.

Ittidabaluuniis Addee Yaalamgeex akka jedhanittis Qaamni leenjii kanarratti argamtan sirnaan hordofuun barbaachisaa dha jechuun bal'inaan ibsan.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Leenjii itti fayyadama Baajata Sagantaa ETOL kun dhimma murteessaa dha Qaamni leenjii kanarratti hirmaatan harcaatii malee akka hirmaatan jechuun erga darbe jira.

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Bedessa
Harar