21/05/2026
Khuxbaa Guyyaa boruu
masgiidaa Al minar
Sheikh Aliyyii Umar Aadam
Miidhagaa Tv
Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Waajjira Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa
21/05/2026
Khuxbaa Guyyaa boruu
masgiidaa Al minar
Sheikh Aliyyii Umar Aadam
Miidhagaa Tv
16/05/2026
🌙 Sadarkaa fi Caalmaya Kurnan Jalqabaa Zulhijjaa! ✨
Obbooleeyyan kiyya kabajamoo, baatiin kabajamtuun Zulhijjaa nu deebi'uuf dhiyaatteetti. Guyyoonni kurnan jalqabaa baatii kanaa guyyoota waggaa keessaa caalmaya guddaa qabaniidha.
Maaliif adda ta'an?
Kakuu Rabbii: Allah (SWT) Qur'aana keessatti guyyoota kurnan kanneen keessatti kakateera (Suuraa Al-Fajr: 2).
Ibaadaa caaltu: Dalagaan gaariin guyyoota kanneen keessatti hojjatamu, kan guyyaa biraa kamiyyuu caalaa Rabbii biratti jaallatamaadha.
Guyyaa Arafaa: Soomni guyyaa Arafaa (guyyaa 9ffaa) cubbuu waggaa darbeefi kan dhufuú haqsiisa.
Kurnan kana keessatti maaltu nurraa eeggama?
📿 Zikrii Baay'isuu: Takbiiraa (Allahu Akbar), Tahmiida (Alhamdulillah), fi Tahliila (Laa ilaaha illallah) jedhanii afaan jiisuu.
🥑 Soomana: Guyyoota jalqabaa 9n soomuun, keessattuu guyyaa Arafaa soomuun akkaan jajjabeeffamaadha.
📖 Qur'aana Qara'uu fi Sadakaa: Harka qalleeyyiif gargaarsa gochuu fi salaata sunnaa baay'isuu.
🐐 Udihiyaa (Qalmii): Namni dandeettii qabu guyyaa Iidaa qaluun sunnaa jabaadha.
mana marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Miidhagaa Tolaa
14/05/2026
Wantoota guyyaa jumaa ergaa imaamni khuxbaa jalqabe dhorka tahan
Akkaataa qajeelfama amantiitiin, erga imaamni khuxbaa jalqabe wantoonni dhowwaa (haraam) ykn jibbamoo ta’an kanneen armaan gadiiti:
Hasawaa (Dubbii) Dhiisuu: Namni biraa osoo dubbatuu yoo argiteeyyuu, "callisi" jechuun hin hayyamamu. Callisanii dhaggeeffachuun waajiba.
Moobaayilaan Taphachuu: Yeroo khuxbaa moobaayila keessaa fakkii laaluu, waan barreessuu ykn internaatiyirra deemuun dhorkaa dha. Kun mindaa jumaa dhabsiisa.
Lafa ykn Meeshaa Taphachiisuu: Harkaan cirracha lafaa, tasbii ykn furtuu taphachiisuun 'lagwii' (waan hanti) jedhama. Namni waan akkasii hojjate jumaan isaa irraa hir'atti.
Zikrii Sagaleen Gochuu: Erga imaamni khuxbaa jalqabe zikrii sagalee ol kaasanii gochuun hin barbaachisu; xiyyeeffannoon lallaba imaamaa qofa irratti ta'uu qaba.
Nagaya Wal-gaafachuu: Yeroo khuxbaa harkaan wal fuudhanii nagaya wal-gaafachuun hin hayyamamu.
Hirriba (Mudhukachuu): Osoo imaamni lallabaa jiruu rafuun ykn mudhukachuun faayidaa khuxbaa dhabsiisa. Yoo hirribni sitti dhufe bakka jijjiirrachuun (iddoo sanirraa sosocho'uun) ni hayyamama.
Gabaabaatti: Yeroo imaamni minbara irra jiru, akka waan harka kee irra simbirroon jirtuutti callisanii, xiyyeeffannoo guutuun dhaggeeffachuun barbaachisaa dha.
Miidhagaa Tv follo godha
Sheikh Mammada Usmaan / Bilisho
dargageessa Du'ii godhan masha allaha
Miidhagaa tv