Ilaachaa Nama Moo

Ilaachaa Nama Moo

Share

Wal wajjiin Tanee Oromiyaa hanga baha Afrika Tokkoo Haa Gonuu!!!

27/08/2022

?
waraqaa ragaa akka haqamu taasisuu danda'an:-
,Lafa nama dhuunfaa irratti waraqaa ragaa biroof seeraa ala yoo kenname;
,namoota humna dhabeeyyii ta'uu isaaniitiin Lafa isaanii irratti waraqaa ragaa seeraan ala nama biroof yoo kenname;
,dubaroota mirgi itti fayyadamummaa isaanii seeraan ala yoo nama biroof dabarfamee kenname;
,daa'imman abbaa fi haadha hin qabne mirgi itti fayyadamummaa isaanii seeraan ala yoo nama birootti dabarfamee kenname;
,waraqaan ragaa Lafa waliinii irratti seeraan ala nama dhuunfaaf yoo kenname;
,Lafa mootummaatiif daangeeffamee jiru irratti nama dhuunfaaf seeraan ala waraqaan ragaa yoo kenname;
,abbaan qabiyyee seeraan ala ta'e jedhee nama mirga itti fayyadamaa hin qabneef Lafa isaa dabarsee waraqaan ragaa itti kennamee yoo argame;
,lafa qonnaa bal'inni isaa seeraan murtaa'e gadi ta'e irratti waraqaan ragaa yoo kenname;
,lafa qabiyyee dhuunfaa yookaan waliinii misoomsuun yookaan gurgurtaa oomisha qabeenya dhaabbataatiin Lafa dabarfamee waraqaan ragaa abbaa mirga itti fayyadamaa kennamee yoo argame;
,to'annoo fi hordoffiin Waajjiraan/Biiroon taasifamuun waraqaan ragaa seeraan ala kan kenname ta'uusaa yoo irra gahame;
,waraqaan ragaa sadarkaa 1ffaa yookiin 2ffaa erga kenname booda babal'ifachuun waraqaan ragaa kan biroo seeraan ala yoo kenname;
,lafa master pilaanii Magaalaa keessa oole walharkaa fuudhinsi hin gaggeeffamne irratti waraqaan ragaa seeraan ala yoo kenname;
,lafa tajaajila hawaasummaa kan akka Lafa amantaa,awwaalchaa,gabaa fi kan kana fakkaatan irratti waraqaan ragaa seeraan ala nama dhuunfaaf yoo kenname;
,lafa kuufama Bishaanii fi Haroowwanii keessa galamee waraqaan ragaa seeraan ala irratti kenname;
,lafa misooma investimentiif oole yookaan akka oolu murtaa'e irratti waraqaan ragaa seeraa ala nama dhuunfaaf yoo kenname;fi
,miseensa maatii Lafa mirga itti fayyadama waliinii qaban keessaa miseensa maatii murtaa'e qofaatti waraqaan ragaa seeraan ala yoo kenname ni haqama.

:
✅Abbaan qabiyyee lafaa qabiyyee isa jala jiru irratti namni biroo waraqaa ragaa qabiyyee lafa baadiyyaa yoo jalaa itti baafatee,guyyaa dhimmicha baree kaasee yeroo ji'a jaha(6) keessatti iyyata isaa Biiroo/Waajjiraatti yoo hin dhiheeffanne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf kufaa ta'a.
godhu hin dagatinaa
Credit :-M/teyib Nure
⚫🔴⚪⚫

Photos from Ilaachaa Nama Moo's post 21/07/2022
13/07/2022

Dhismaha Waddada isku xirta Itoobiya iyo Soomaaliya ayaa 85% la soo gaba gabeeyay, sida ay sheegtay Hay’adda Gaadiidka iyo Saadka ee Badda Itoobiya.

Dhismaha wadada isku xirta Barbara iyo Togocale oo dhererkeedu dhan yahay 234-km oo isku xirta Itoobiya iyo Soomaaliya ayaa 85% la soo gabagabeeyay, sida ay sheegtay hay’adda gaadiidka badda iyo saadka ee Itoobiya.

Marka la dhameeyo wadadan ayaa isku xiri doonta Itoobiya iyo dekedda Barbara waxayna fududeyn doontaa ganacsiga iyo dakhliga.

Dhismaha wadadan ayaa sidoo kale door muhiim ah ka qaadan doona isku xirka Itoobiya iyo caalamka intiisa kale iyadoo la isticmaalayo saldhiga Barbara.

Waxa uu intaa ku daray in wadadan ay kordhin doonto 30% xiriirka ganacsi ee u dhaxeeya Itoobiya iyo

03/07/2022

Waggaa tokkoo duraa baanzilaa kaniin ittii bitee litiiraa tokkoo qarshii 30 turee Arraa garuu qarshii 60 rajiii dhaa

17/06/2022

Dhiroo maallii malii kan bekuu nama himuu

05/05/2022

Maal yaadaa jirta?
Jaal Dr Taddasaa Eebbaa Fidoo, baadiyaa
Oromiyaa, Ona Najjoo, ganda Guduruu bakka
addaa Qoxee Ginnasii keessatti, abbaa isaa
obbo Eebbaa Fidoo fi haadha isaa aadde
Dashii Tufaa irraa bara 1943 dhalate. Maatii
qotee bulaa keessatti waan dhalateef, akkuma
ijoollee maatii qotee bulaa tokkootti jabbii fi
loon tiksaa, fi hojii qonnaa irraa hirmaachaa
guddate. Haadhaa fi abbaan isaa , ijoolleen
isaanii akka baratan fedha guddaa waan
qabaniif, dura Dr. Taddasaa nama barnootaa
Qeesitti galchan.Kana booddee Jaal Dr. Fidoon
nama barnootaa Swedish Evangelical Mission
School Najjoo jirutti galmaa’uun barnoota
sadarkaa duraa achitti barate. Utuu ulaa 7
baratuu akkan lafaa naannoo sanaa qabee ji’a
lamaaf isa hidhee ture. Hidhaa yeroo gad
dhiisees akka lammata Najjoo dhaqee hin
baranne akeekkachiisee ture. Dr. Fidoon
garuu akeekkachiisi abbaa qoroo utuu isa hin
dhaabiin barnoota isaa haga ulaa saddeettitti
achuma Najjootti baraatee 1956 xumurate.
Barnoota sadarkaa 2ffaa, 9-12tti Jimma
Agricultural Schoolitti barate. Manni barumsa
Jimmaa kun hojii harkaa adda addaa barsiisa
waan ta’eef Dr. Fidoon boorsaa fi qabattoo
tolchee gurguruun horii argatee Haadhaa fi
Abbaa isaatif mana ijaaree ture.Barnoota
sadarkaa 2ffaa akka xumureen Hara-mayaa
Agricultural Collegetti waggaa afur baratee,
qabxii olaanaa fiduu dhaan digirii tokkoffaa
(BSC) argachuun 1965 eebbifame. Barnoota
isaa akka itti fufuus iskolarship waan argateef
USA, Wisconsin State University tti galma’ee
digirii isaa lammaaffaa (MSC) argachuu dhaan
eebbifame.Biyyatti deebi’uun Hara-Mayaa
College barsiisuu eegale. Barsiisuun cinaatti
qormaata sayensii adda addaa godhaa ture.
Qormaata inni godhe haga har’aatti bakka
guddaa qabatee jiruu Xaafii irratti qorannoo
inni godhee dha. Qorannoo Xaafii kana bara
1969 xumuruun kitaaba xiqqaa tokko
barreessera. Qorannoo Dr. Fidoon gaafa sana
jalqabeen har’a gosa Xaafii 3842 akka jiranii
fi maqoota xaafii kan akka Daabii, Kara Debi,
gea lamme, muri fi kkf moggaafamanii jiru.
Ammas carraa barnootaa argateen British
Columbia University, Vancouver, Canada
dhaqee barachuun, bara 1974 Ph. D, dhaan
eebbifame. Yeroo barataa ture waldaa
baratoota Afrikaa dura taa’aa tahee
gaggeessaa ture. Utuu biyyatti hin deebi’in
sochii barattoota Itophiyaa irraa hirmachuuf
gara Awuropaa deemee ture. Achi dhaqee
sochiin barattootaa isa quubsuu didnaan gara
biyyaatti deebi’e. Bara 1975 keessa Addisalem
Genetii wajjin gaa’ila ummachuun ijoollee
lama, Urjii fi Melbaa godhatan.”Ethiopian
Research Institute “keessatti qaxaramuun
hojii research itti fufe. Ethiopian Gene Bank
ykn Plant Genetic Resource Center jedhamu
bara 1976 dhaabuun haga 1979 biyyaa bahutti
hogganeera. Akeeki dhaabbata kanaa sanyii
mukkeetii fi midhaanii biyyicha keessa jiru
walitti qabuun akka hin badneef ol kaa’u
dha. Haalli qilleensa biyya keenyaa baddaa,
gammoojjii fi badda-daree waan ta’eef, gosti
mukaa fi midhaanii illee akkasuma gara-gara.
Isaan kun akka hin badnetti walitti qabuu fi
akka ija gaarii godhatan qorachuun akeeka
dhaabata kanaa ture. Dhaabbati kun har’a
Ethiopian Biodiversity Institute jedhamee
beekama. Dhaabbata kana bu’ureessuu
keessatti Dr. Fidoon qooda guddaa akka qabu
mootummaan Itophiyaa illee beekumsa
kennee jira.
Dr. Fidoon hojiin isaa biyya keessa
naanna’uun gosa mukaa fi midhaanii walitti
qabuu waan ta’eef Oromiyaa bakki inni hin
dhaqne hin jiru jechuutu danda’ama. Bakka
dhaqetti seenaa fi aadaa Oromoo qorataa ture.
Oromoon guyyooti 27 akka qabu, guyyootiin
kun tokko tokkon maqaa akka qaban qorate,
kitaaba isaa Gadaa Melbaa jedhu keessatti
barreessee jira.
Yeroon Dr. Fidoon barnoota Ph. D isaa
xumuree biyyatti deebi’e yeroo ABO
bu’ureeffamaa jiru ture. Innis bu’ureessisoota
tti dabalamuun qooda isa irraa eegamu
kennuu jalqabe. Maadheelee hiccitin socho’an
keessatti hirmaachuun dirqama isaa baheera.
Bara 1978, karoorri waraana bilisummaa
Oromoo, Dirree Bahaa irraa gara naannoo
Gudar-Ambotti dabarsuu akka karoorfameen
Dr. Fidoon geejjiba qopheessuu keessatti
hirmaate. Waraanni bakka jedhame gahee
osoo haala hin mijjeeffatin oduun isaa
mootummaa bira gahee miseensoti WBO sun
qabaman. Warri qabame keessii isaa keessatti
taargaan makiinaan waraanni itti geejjifame
argame. Warri tikaa yeroo qoratan kan
makiina sana kiraayesse Dr. Fidoo tahuu
baranii qabanii Maa’ikalaawwitti hidhan.
Dr. Fidoon yeroo Ethiopian Gene Bank dhaabe
gargaarsa mootummaa Jarmanii fi Siwudin
irraa kennameen waan ta’eef, hidhamuun
isaa hojii mootummoota kanaa wajjin
hojjatamu irratti dhiibbaa qabaate.
Mootummooti kun lameen Dr. Fidoo gad
dhiiftan malee gargaarsa kenninu ni dhaabna
jedhanii mootummaa irratti dhiibbaa godhan.
Mootummaan Dargii utuu hin jaallatan Dr.
Fidoo hidhaaa haa hiiku malee tika dhaabbata
irra kaa’an. Dr. Fidoonis akka eegamaa jiru
waan beekuuf karaa itti biyyaa bahu
mijjeeffachuutu irra ture. Odeessa
mootummaan deebisee hidhuuf akka
murteesse akka dhaga’een, sagantaa hojii
gara Wallaggaa geessu baasuun haga
magaalaa Kurmuk, daangaa Sudaan deemuu
qopheesse. Dr. Fidoon ganama ganama
fiffigee isportii hojjachu sagantaa isaa
dhaabbataa ture. Kanaaf bakka bulan
hundaatti ganama tuttaa isaa uffatee fiffigee
isportii hojjata. Akkuma saganteeffametti
magaalaa Kurmuk gahaniii bulanii, ganama
isportii hojjachuuf tuttaa uffatee fiffiguu
jalqabe. Utuu warri isa eegan quba hin
qabaatiin fiigee daangaa cehee Sudanitti
harka kenne.
Akka kanatti biyyaa fi maatii isaa, ijoollee
daa’ima waggaa afurii gadii lama, haadha
irratti dhiisuun biyyaa bahe. Haati manaa Dr.
Fidoos utuu baayyee hin turin, maadhee ABO
ti jedhamtee waggaaa 10 hidhamte. Ijoolleen
isaa yetiimaa ta’an. Ilmi isaa, Melbaa
jedhamuu utuu taphatuu boolla bishaanitti
kufee lubbun isaa dabarte. Haala kanaan Dr.
Fidoon qabsoo jedhee qe’ee fi maatii isaa
dhiisee biyyaa bahee kan inni deebi’e bara
1991 erga Dargiin kufee ture.
Dr. Fidoo fi Qooda Qabsoo ABO Keessatti
Akkuma olitti tuqne, Dr. Fidoon barnoota isaa
Ph. D xumuree yeroo biyyatti deebi’u
maadheelen ABO bu’ureessan qophii xumuraa
godhaa turan. Dr. Fidoon sochii kana duraan
iyyuu waan quba qabuuf itti makamuun isa
hin rakkifne. Bara 1976 yeroo ABO sagantaa
isaa labse fi koreen gidduu utubame warra
walgahii sana irraa hirmaatan keessa ture.
Hidhaa yeroo gabaabaa booda akka biyyaa
baheeen dirqama qabsoo irratti guutummaatti
bobba’e. Dr. Fidoon yeroo Sudan seenu
Kartoum keessatti wajjirri ABO baname hojiin
jalqabee jira. Dr. Fidoon, Sudaan dhufee
hogganoota achi turanitti dabalamuun
dhaga’eettii dhaabichaa ol kaaseera.
Akka Sudaan seenen hojii guddaa, haga
har’aatti ifee mul’atu, Qabsoo Bilisummaa
Oromootiif qooda guddaa gumaache, inni
hojjate kitaaba “Oromia: A Brief Introduction
to the history of the Oromo People” jedhamu
barreessuu ture. Yeroo biyya ture Gene Bank
gad dhaabuuf, ija mukkeetii fi midhaanii
walitti qabuuf guutummaa biyyichaa keessa
naanna’aa ture. Carraa sanatti dhimmi
bahuun seenaa, duudhaa fi aadaa Oromoo
qorataa ture. Qormaata sana waan of harkaa
qabuuf kitaaba kana barreessuun yeroo irraa
hin fudhanne. Kitaaba kana dura afaan
Ingiliziin barreessee booda afaan Oromootti
hiikame.
Kitaabni kun Oromoon eenyu akka ta’e,
maddi dhaloota isaa, aadaa fi amantii isaa
maal akka ta’e, Oromiyaan qabeenya akkamii
akka qabuu fi seenaa koloneeffamuu
Oromiyaa bifa salphaa ta’een barsiisa. Oromoo
dammaqsuu keessatti qoodni kitaabni kun
qabaate salphaa miti. Alagaan kitaaba kana
dubbisanii Oromoon eenyu akka ta’e hubatan
baayyee dha. Kitaabni kun haga har’aatti
Oromoo barsiisaa fi dammaqsaa jira. Dr.
Fidoon, nama kitaaba kana barreesse Gadaa
Melba tii kan jedheef ilma isaa ittin
yaadachuuf kan jedhan jiru.
Walgahii Jila Qabsaawotaa (WJQ) bara 1988,
dirrree Dhihaatti godhame irratti Dr. Fidoon
miseensa Koree Gidduu fi Wajjira Siyaasaa
ta’ee filame. Gaafatamaa Damee Dinagdee
hojjachuu cinaatti, Waldaa Gargaarsa Oromoo
(WGO-ORA) jabeessuu fi guddisuu keessatti
qooda guddaa kenneera. Firoota dhaabaaf
horuuf Dr. Fidoon guddaa tattafateera.
Sudaanota biyya keenya turan barbaaduun
wal baree akka ABO gargaaran godhaa ture.
Ummatoota hundeen isaanii Kush ta’an kan
akka Nubiyaa fi Dungulaa faa keessaa
namoota inni firoomfate turan. Namoota
Nuweerii fi Dinkaa illee walbarun kan dhaaba
keenya mararfatan turan.
Hojii qabatamaa Dr. Fidoon Sudaan keessatti
hojjate radio SBO gad dhaabuu dha. Hariiroo
gaarii Sudanoota wajjin uumametti dhimma
bahuun bara 1988, baatii Waxabajjii keessa
Sudaaniin gaafatee daandii qilleessaa
argamsisuu danda’eera. SBO jalqabuun
uggura tokko malee ummata keenyaa
barsiisuu fi dammaqsuun danda’ameera.
Olola diinaa cabsuu fi qabsoo bilisummaa
ABOn gaggeeffamu beeksisuu keessatti qoodni
SBO qabaate seena qabeessa. Bara 1992 keessa
yeroo Sudaaniin SBO cufe, akka deebi’ee
qilleensa irra oolu godhuuf, anteenaa
kireeffamu barbaadanii argamsiisuu keessatti
tattaaffi Dr. Fidoon godhe guddaa dha.
Jaal Dr. Fidoon bara 1988 irraa kaasee
miseensa WJS ta’ee hoggana kennaa turee,
Kora Hatattamaa 1998 booda hamma Kora
Sabaa 3ffaa 2004 godhameetti miseensa
Barcuma Yubaa ta’ee dirqama isaa bahaa ture.
KS 3ffaa irratti miseensa Gumii Sabaa ta’ee
filamee Damee Dantaa Alaa jalatti haga 2012tti
Gaafatamaa Hojii Diplomasii ta’ee hojjateera.
Walgahii Gumii Sabaa 2010 godhame irratti
miseensa Shanee Gumii akka ta’u sagalee
guutuun filame. Akka kanatti Gaafatamaa
Damee Dantaa Alaa ta’ee dirqama isaa
baheera. Murnootii adda addaa dhaaba
keessaa bahan wajjin araara buusuuf bara
2011 koree ramadamte hogganaa
ture.Sadarkaa adda addaatti hoggana ABO
irraa qooda fudhataa turee, Kora Sabaa 4ffaa
2017, Af’aabet, Eritrea keessatti godhame
irratti fedha isaan hoggana kennu irraa of
buusee Yuba ta’e. Dirqama qabsoo itti
kennamu raawwachuu duwwaa utuu hin
taane Dr. Fidoon dandeetti barreessuu
qabuun maqootii dhiiraa fi dhalaa Oromoo,
5000, hiikaa isaanii wajjin yeroo dheeraa
dhaaf walitti qabaa ture, bara 2018 kitaaba
Moggaasa: Maqoota Oromoo fi Hiikota Isaanii
jedhu maxxanse. Kitaabni kun maqooti
Oromoo fi hiikaa isaan tarrisuu duwwaa osoo
hin taane maqaan maal akka ta’e, sirna
maqaan itti moggaafamu, madda maqoota
Oromoo, ayyaanota fi aadaa Oromoo kan gad
fageenyaan ibsi dha.
Bara 2018 yeroo hogganni ABO biyyatti
deebi’e J. Fidoon Asmaraa dhaquun, hogganaa
wajjin waggaa 27 booda Oromiyaatti deebi’uu
danda’e. Sagantaa dhaabni qopheesse irraa
hirmachuun, godinoota Qellem fi Dhiha
Wallaggaa keessa naanna’uun ummata
dubbisaa fi kaayyoo ABO ibsuu irraa
hirmaatera. Sana boodas bara 2019 dhuma jala
Oromiyaatti deebi’uun waan isaa danda’amu
gumaachuu yaalee ture.Bara 2020 jalqaba
irratti USA tti deebi’ee milli isaa dhukkubuu
jalqabnaan yeroo ilaalamu dhukkuba
kaansarii sammuu akka isa qabate itti himan.
Dr. Fidoon akkuma qabsootti cichaa fi
salphaatti hin sarmine, kaansarii kanaan
waggaa lama guutuu waldhaansoo qabaa
turee, Caamsaa 1, 2022 moo’amee du’aan
boqoteera.
Dr. Fidoon du’uun ABO hoggana cimaa fi
goota seenaa gudda tokko dhabe. ABO
duwwaa utuu hin taane ummata Oromoo ilma
qaroo, ogeessa, qabsaawaa cimaa, qorataa
seenaa dhabe. Kaayyoo inni of qusannoo
tokko malee waggootii 40 oliif qabsoo godhaa
ture warri lubbun jirruu fi dhalooti haaraan
itti fufuun galmaa’an gahuun nurraa eegama.
ABO maatii Dr. Fidoo, Qabsaawotaa,
Deggartootaa fi ummata Oromoo maraaf
jajjabina hawwa. Kaayyoo inni bakkaan
gahuuf waggaa 40 ol itti badade namusaa fi
cichoomina inni nuuf dabarseen gama gahuuf
galfata isaa tiksuun hunda keenya irraa
eegama.
Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa
Dr. Fidoo, jaala jaallatamaa fi kabajamaa
biyyeen itti haa salphatu, lubbuu isaa
Waaqayyoo haa simatu.
Injifatnoo Ummata Bal’aaaf!

22/04/2022

Ebla 14, 2014- Lammiileen Itoophiyaa kuma 1f 149
Saa’udi Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an.
Lammiilee Itoophiyaa kuma 1f 149 Saa’udi Arabiyaarraa gara
biyyaatti deebi’an keessaa daa’imman 14fi dhiironni immoo
kuma 1f 135 ta’uus himameera.
Deebitoota kanneeniif deeggarsafi kunuunsa qixa sirrii
taasisuun gara gidduugala tursiisa qophaa’efitti akka seenan
taasifameera jedhame.
Hanga ammaatti hojii lammiilee deebisuu gaggeeffameen
lammiileen kuma 12f 800 ol deebi’uu ragaan Ministeera
Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa irraa argame ni mul’isa.

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Harar-jigjigaa
Harar
251