14/05/2026
Ejensichi Madaaltotaafi Supparvaayizaroota filatamaniifLeenjii kennuu eegale.
_____________________________________________________________________
Kominikeeshinii EMGOO Caamsaa 06,2018
Adaamaa
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Mata Duree “Conformity Assessment General Requirement For Bodies Operating Certification of Persons Based ES ISO/IEC 1702:2013” jedhu irratti Madaaltota ogummaalee adda addaa madaalaniifi suupparvaayizaroota marsaa kanaaf filatamaniif leenjii guyyaa shaniif turu kennuu eegale.
Waltajjicha irratti argamuun kaayyoo fi barbaachisummaa leenjii kanaa kan ibsuun kan saaqan I/A Daarektara Olaanaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Obbo Tubbaa Maammaa yoo ta’an leenjiin kun ejensichi ogummaalee shan yeroo ammaa beekkamtii ISO/IEC 1702:2013” ittiin argachuuf hojjechaa jiru kanneen irratti sirnaan yoo hojjete Oromiyaa irraa darbe biyya keenyaaf bu’aa buusuu danda’a akkasumas qulqullina madaallii keenyaa mirkaneessuu danda’a jedhan.Obbo Tubbaa Maammaa dabalataanis, madaalamaan ogummaalee armaan olitti ibsaman kanneen irratti madaalamee beekkamtii waraqaa ragaa argate sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ni ta’a jedhan.
Kanaafuu madaaltonni,wiirtuulee madaalliifi suupparvaayizaroonni keenyaa kana hubatanii qulqullina madaallii eeguu fi eegsisuun istaandaardii barbaachisu guutun beekkamtii Ejensichi ES ISO/IEC 1702:2013 fudhachuuf taasisaa jiru keessatti gahee isaanii bahuu qabu jedhan.
Dabalataan ogummaalee ammaaf beekkamtii ittiin argachuuf tattaafachaa jirutti Dabalee ogummaalee baay’ee irratti beekkamtii argachuun qulqullina madaallii eegsisuuf cimnee kan hojjennu ta’a jedhan.
Ejensichi yeroo ammaa kana ogummaalee :-
1. Nursing L III-IV
2. Pharmacy L III-IV
3. Hardware and Networking Service (HNS) L IV-V
4. Automotive Mechanics L IV- V
5. Crop Production L III –IV irratti beekkamtii argachuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u guyyaa har’aa kana ogeessota olaanoo Iniistitiyuutii Istaandaardii Itoophiyaa irraa dhufan obbo Mangistuu Tafarraafi Obbo Ashannafii Baqqalaa tiin kennamaa jira.
Odeeffannoo dabalataaf
Facebook:https://web.facebook.com/
Tiktok :https://vt.tiktok.com/ZSanxCS9M/
Telegram: https://t.me/EMGOO_OOCAA
Website :http://www.ococ.gov.et/
Email:[email protected]
08/05/2026
Gurmaa’iinsa Cimaa Filannoo Milkaa’adhaaf !!
Kominikeeshinii EMGOO Eebla 30,2018
Adaamaa
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa Gamtaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa sosochii duula filannoo Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeessan.
Sagantaan sosochii duula filannoo Marsaa 7ffaa gamtaa miseensota paartii badhaadhinaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa oromiyaatiin gaggeefame kun Eebba maanguddootatiin kan jalqabame yoo ta’u filaannoon kun filaannoowwan Marsaa jahan darban gaggeeffaman caalaa dimokiraatawaa,bilisa fi haqa qabeessa akka ta’uuf miseensonni paartichaa hundi tumsa isaan irraa barbaachisu bahuu qabu jedhame.
Kanaafuu miseensi kamiiyyuu karaa sirrii ta’een miseensonnis ta’ee jaalattonni paartii badhaadhinaa kaardii fudhatan sagalee isaanii paartii keenyaaf akka kennaniif karaa danda’ame hundaan hubachiisuu fi barsiisuun gahee keenyaa yaa baanu jechuun dhaman.
Dhuma irratti barreeffama ka’umsaa dhiyaate irratti miseensonni paartii gadi fageenyan mari’achuun paartii badhaadhinaaf sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu isaanii akkasumas filaannoon kun karaa nageenya eeggateen akka xummuramuuf gahee isaanii kan bahan ta’uu ibsanii jiru.
Odeeffannoo dabalataaf
Facebook: https://web.facebook.com/
Tiktok : https://vt.tiktok.com/ZSanxCS9M/
Telegram: https://t.me/EMGOO_OOCAA
Website : http://www.ococ.gov.et/
Email: [email protected]
06/05/2026
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Mata dureewwan gara garaa irratti hojjettoota isaaf leenjii hubannoo kenne.
____________________________________________________________________________________________________________
Kominikeeshinii EMGOO Eebla 28,2018
Adaamaa
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Mata dureewwan:-
1. Karoora Ragaalee Dhuunfaa Hojjettoota fi Muudamtoota Mootummaa Qulqulleessuu fi Mirkaneessuu
2. ISO/IEC 17024:2012 fi
3. Naamusa Kenna Tajaajila Iddoo Hojii fi Naamusa Ogummaa jedhu irratti hojjettoota isaaf leenjii hubannoo cimsuu kennaa jira.
Waltajjicha irratti kaayyoo fi barbaachisummaa leenjii kanaa kan ibsame yoo ta’u hojjettoonni ejensichaa leenjii kana erga fudhatanii booda hojiilee ejensichaan hojjetaman qulqullinaa fi ariitiin hojjechuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahuu qabu jedhame.
Itti aansun Daar.Daarektoreetii Miisooma Qabeenya Namaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Getaachew Tasfaayee leenjii Mata duree “Karoora Ragaalee Dhuunfaa Hojjettoota fi Muudamtoota Mootummaa Qulqulleessuu fi Mirkaneessuu ” jedhu irratti leenjii kan kennan yoo ta’u ragaa hojjetaa mootummaa fi muudamtoota qulqulleessuun qisaasama qabeenya mootummaa hambisuu fi namni tokko ogummaa ittiin leenji’een ummata akka tajaajilu gochuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Dabalataan Daar.Daarektoreetii Bulchiinsa Ragaa fi Sartifikeeshinii kan ta’an obbo Nasraddiin Abdulwahaab mata duree “ISO/IEC 17024:2012 ” jedhu irratti leenjii kennanii jiru.
Itti dabaluun leenjiin mata duree Naamusa Kenna Tajaajila Iddoo Hojii fi Naamusa Ogummaa jedhu irratti Daar.Daarektoreetii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Obbo Waaqshum Biddiqaatiin kan kenname yoo ta’u hojjetaan tokko naamusa iddoo hojii eeguun dirqama akka ta’ee fi amaanaa uummanni mootummaa irraa qabu dabaluu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf qaamni hundi kana hubatee miira itti gaafatamummaa fi naamusa ogummaa eegen hojjechuu qaba jedhan.
dhuma irrattis mata dureewwan leenjiin kenname irratti hirmaattoota waltajjichaan marii bal’aan erga gaggeeffamee booda waltajjichi kan xummuramu ta’a.
Odeeffannoo dabalataaf
Facebook:https://web.facebook.com/
Tiktok :https://vt.tiktok.com/ZSanxCS9M/
Telegram: https://t.me/EMGOO_OOCAA
Website :http://www.ococ.gov.et/
Email:[email protected]
23/04/2026
Ejensichi Gabaasa Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii gamaaggamuu eegale.
….………………………………………………………………………………………………………………
Kominikeeshinii EMGOO Ebla 15/2018 Adaamaa
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa gamaaggama raawwii Mootummaafi hojii Paartii ji’a sagalii gaggeessuu eegalee jira. I/A Hogganaan Ejensichaa Obbo Tubbaa Maammaa akka jedhanitti yeroon kun yeroo raawwii hojii keenyaa ji’a sagalii itti elaallee raawwii hojii waggaa immoo fooyyeessuuf yeroo mursaasa hafee jiru kana keessatti kan xiiqiidhaan itti hojjennudha jedhan. Akkasumas Galmoota hojii itti milkoofnee sababa milkaa’inaa keenya hubannee galmoota kanneen raawwiin isaanii hanqina qabu immoo ji’a amma jirruufi ji’a ittaanu keessa ciminaan akka irratti hojjetamuu qabu kaasaniiru.
Kanumaan gabaasa raawwii hojii Mootummaa ji’a sagalii miseensota Paartii Badhaadhinaa Gamtaa EMGOOtiif dhiyaachuu eegalee jira. Gabaasa kana irrattis marii irratti taasisuun; waaree booda immoo gabaasni raawwii hojii paartii Badhaadhinaa Gamtaa EMGOOfi KIN Gamtaa EMGOO dhiyaatee Konfaransiin akka gaggeeffamu sagantaa bahe irraa hubachuun danda’amee jira.
22/04/2026
Waltajjii Boordii Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Gaggeeffame
________________________________________________________
Kominikeeshinii EMGOO Ebla 14, 2018 Finfinnee
Boordiin Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Ajandaawwan garaagaraa irratti marii gaggeessee jira.
Gabaasa raawwii hojii Ejensichaa kan ji'a sagalii Daarektarri Olaanaan Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Obbo Adam Kamaal erga dhiyeessanii booda irratti mari'achuun mirkanaa’e jira.
Akkasumas boordichi ajaandaalee garaagaraa irratti mari'achuun murtees dabarseera.
Dhuma irrattis walitti qabaan boordichaa Obbo Awwaluu Abdiii (Prezidaantii Ittaanaa MNO) hojii gara fuuladuraafi dhimmoota irratti hojjetamuu qabu tokko tokko irratti Kallattii kaa'anii waltajjiin boordii Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa goolabamee jira.
13/04/2026
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Ji’a Sagalii (Kur. 3ffaa) Bara 2018 Gaggeessaa Jira.
____________________________________________________________________________________________________________
Kominikeeshinii EMGOO Eebla 05,2018
Adaamaa
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa raawwii karoora Ji’a Sagalii (Kur. 3ffaa) kan bara 2018 bakka Hooggansi Ejensichaa,Manaajimantii fi Dursitootni garee Ejensichaa argamanitti gamaaggamamaa jira.
Kaayyoo fi Barbaachisumma gamaaggama kanaa kan ibsan Daarektera Olaanaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Obbo Adam Kamaal yoo ta’an raawwii hojii gamaggamuun milkaa'inoota argaman itti fufsiisuufi hanqinoota jiran dhabamsiisudhaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
dabalataan ciminaa fi hanqina keenya adda baasnee cimina keenya itti fufsisuun hojjechuuf yommuu ta'u hanqina fi harcaatii mul'ate xiyyeeffannaa itti kenninee hojjechuun waan karoorsinee hunda duguugnee raawwachuu waan qabnuuf gamaaggamni kun barbaachise jedhan.
Kanaafuu hojiilee hojjennu hunda bu’aa inni ummataaf buuseen safaraa deemuu qabna jedhan.
Dhuma irratti daarektoreetonni hundi gabaasa isaanii erga dhiyeessanii hirmaattootaan yaadni itti kennamee booda kallattii hojii gara fuulduraa hooggansi kaahen waltajjichi kan xummuramu ta’a