Limu Genet City Communication Service

Website

Kaayyoon Fuula Feesbuuki kanaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannati fi Uummata gidduutti yaa’insii odeeffannoo sirrii ta'e akka jiraatuf hawaasa magaalichaa waliin wal-Qunnamsiisuudha.

"Ayyaana saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa bara kana Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamuuf hunduu tumsuu ...
14/10/2026

"Ayyaana saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa bara kana Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamuuf hunduu tumsuu qaba: Obbo Amaan Danuu

Ayyaanni Saboota, Sablammootaaf Uummattoota Itoophiyaa 21ffaan bara kana akka biyyaatti Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaatti Sadaasa 29 kabajama.

Bu'uuruma kanaan haalli qophii sagantichaa hoggansa olaanoo Godina Kibba Lixa Oromiyaatiin qoratameera. Gabaasni qophii sagantaaleef hojiiwwan damee nageenyaatiin hojjetaman dhihaachuun kallattiin hojii ittaanuus kennameera.

Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Bulchaa Ittaanaan Damee Nagaaf Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Amaan Danuu ayyaanni sabootaa, sablammootaaf ummattoota Itoophiyaa agarsiistuu tokkummaa sabdaneessummaa lammiilee biyya keenyaa waan ta'eef ayyaanichi akkaataa guddummaa sabootaaf tokkummaa jaalala irratti hundaa'e uummatni keenya qabu bifa agarsiisuun qophaa'uu kabajamaa jedhan.

Ayyaanichi wayita lammiileen olka'iinsa biyya isaaniif waloomaan hojjetanii fi ijaarsa seenessa walootiin biyya jabduu ijaaraa jiran keessatti kan kabajamu waan addaa kan jedhan Obbo Amaan; aggammiif yaaliin diinota biyya keessaaf alaa tokkummaa sabdaneessummaa keenya akka diiguu hin dandeenye kan ittiin agarsiifnuudhas jedhan. Kanaafis ayyaana kana karaa miidhagina keenyaaf nageenya keenya mul'isuun kabajuuf hunduu tumsuu qabas jedhan.

Guyyaan saboota, sablammootaaf ummattoota Itoophiyaa tokkummaa sabdaneessaa itichuufi obbolumaa dagaagsuun kan kabajamu waan ta'eef ayyaanicha karaa naga qabeessaaf miidhagaa ta'een kabajuuf qaamoleen hawaasaaf caasaaleen nageenyaa qindoominaan hojjechuu qabu kan jedhan ammoo Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Kibba Lixa Oromiyaa Ittaanaa Komishanaraa Gaalii Kamaal dha.

Xumura irratti hawaasni ayyaanichi karaa tokkummaa sabdaneessummaa keenya agarsiseen milkaa'inaan akka kabajamuuf hunduu tumsuu akka qabu dhaamameera.

“Nageenyi Amansiisaan Yoo Jiraate Misoomni Jiraata; Misoomni Yoo Jiraate Tajaajilli Jiraata.”  Obbo Bustaan Yaasin******...
14/10/2026

“Nageenyi Amansiisaan Yoo Jiraate Misoomni Jiraata; Misoomni Yoo Jiraate Tajaajilli Jiraata.” Obbo Bustaan Yaasin
**********
Godina Kibba Lixa Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti orenteeshiniin hojii misoomaa fi nageenyaa hoggansa magaalaa fi qooda fudhattoota hoggansa gandoota magaalaatiif kennameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasin, ergamni hoggansa mootummaa hawaasa fayyadamaa taasisuu fi hoggansa gaaffii hawaasaatiif deebii quubsaa kennuu danda’u ijaaruu ta’uu ibsaniiru.

Nageenyi amansiisaa fi misoomni waaraa kan mirkanaa’u hoggansi sadarkaa hundatti gadi bu’ee hawaasa waliin qindoominaan yoo hojjete qofa akka ta’e kan ibsan Obbo Bustaan, hoggansi amanamummaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun tajaajila uummataa caalaatti si’oomsuuf kutannoo guutuudhaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Huseen Duraa gama isaaniin, caaseffamni haaraan Mootummaan Naannoo Oromiyaa diriirsaa jiru fayyadamummaa hawaasaa daran mirkaneessuu fi nageenya amansiisaa itti fufsiisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Dabalataanis, caasaan mootummaa sadarkaa hundatti argamu qaamolee qindoominaa waliin cichoominaan hojjechuun nageenya waaraa mirkaneessuu, misooma saffisiisuu fi tajaajila uummataa fooyyessuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasin, nageenya amansiisaa mirkaneessuun, misooma waaraa dhugoomsuu fi tajaajila uummataa fooyyessuun itti gaafatamummaa hoggansa hundaa ta’uu isaa hubachuun, qindoominaan hojjechuun murteessaa akka ta'e dubbataniiru.

Oduu,hojiiwwan misoomaa, beeksisaalee fi odeeffannoo haaraa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat irraa bahu yeroo isaa eeggatee argachuuf marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaa keenya hunda hordofaa.👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==
Website:- https://sites.google.com/view/limugenatcity/home

13/10/2026

Mootummaan kenna tajaajilaa ammayyeessuu fi uummataaf qaqqabamaa taasisuuf hojiiwwan gurguddoo armaan gadii irratti xiyyeeffatee hojjeta jira.

1. ​Tajaajila Saffisaa fi Qulqullina Qabu: Komii hawaasaa hir'isuu fi tajaajila haqa qabeessa ta'e kennuudhaaf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

2. Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa(MESOB): Tajaajiloota mootummaa bakka tokkotti walitti qabuun hawaasni karaa salphaa fi si'ataadhaan akka tajaajilamu gochuuf diriirfamee jira.

3. ​Iftoomina fi Amanamummaa: Mootummaa fi uummata gidduutti amantaa cimsuuf haala iftoomina qabuun tajaajila dhiyeessee jira.

Bifuma kanaan Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa Magaalaa Limmuu Gannat bara 2018 bakka hoggantoonni olaanoo Oromiyaa fi Godina argamanitti eebbifamuun hojii kan eegale ta'uun ni yaadatama, bara kanas Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa Magaalaa Limmuu Gannat tajaajila haqa qabeessaafi si'ataa teeknolojiin deeggarame hawaasaaf kennuu irratti argama.

Muudamni Itti Aantota Seektaraalee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Akkaataa Armaan Gadiitiin Ifoomeera.👉  Waajjira Bulchiinsa...
12/10/2026

Muudamni Itti Aantota Seektaraalee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Akkaataa Armaan Gadiitiin Ifoomeera.

👉 Waajjira Bulchiinsaa
1.Biraasaw Galata Gabree
Itti Gaafatamaa Damee Dhimmoota Bulchinsaa
2.Yusuuf Kadiir
Itti Gaafatamaa Damee Dhimmoota Kominikeeshinii
3.Asmaraa Tsaggaayee Baantii
Itti Gaafatamaa Damee Rifoormii Tajaajilaa
4.Najaat Kadiir A/Goduu
Itti Gaafatamaa Damee Dhimmoota Qabeenya Namaa
👉 Waajjira Nagaa
1.Girmaa Tarraaqeny
Itti Gaafatamaa Damee Nagaa
2.Xilaahun Lammaa Abbabee
Itti Gaafatamaa Damee Milishaa
👉 Waajjira Daandiifi Geejjiba
1.Kaliid A/maccaa A/Bulguu
Itti Gaafatamaa Damee Tajaajila Geejjibaa fi Loojestiiksii
2.Xaasoo Asaffaa Ayyaanaa
Itti Gaafatamaa Damee Bulchiinsa Daandii fi Bu’uuralee Geejjiba
👉 Waajjira Albuudaafi Inarjii
1.Ammee Durii
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Albuuda
2.Aziizaa Adam Tuujii
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Inarjii
👉 Waajjira Karooraafi Maallaqaa
1.Abdurrazaq Radii
Itti Gaafatamaa Damee Mallaqaaf Bulchinsaa
2.Aynalam Tafayee
Itti Gaafatamaa Damee Xilannoo
3.Abdii M/nuur
Itti Gaafatamaa Damee Karooraa Fi Misoomaa
👉 Waajjira Dhimmoota Gurmaa’insa ummataa
1.Mitikke Laggasee
Itti Gaafatamaa Damee Dhimma Dubartootaa fi Da’immanii
2.Naguma Mokonnin
Itti Gaafatamaa Damee Dargaggootaa fi Ispoortii
3.Nuraddin Nuuraa Daggafuu
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Aadaa
4.Kiflee Zawdee tsagaayee
Ittti Gaafatamaa Damee Dhimma Hawaasummaa
👉 Waajjira interpiraayiziifi Industirii
1.Ascanaaqii Admaasuu
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Ogummaa fi Bobbii Qabeenya Namaa
2.Yazii A/garoo Sh/kalifaa
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Inteerpirayizii fi Industirii
3.Girmaa Abbaba nigaatu
Itti Gaafatamaa Damee Dhimma Hojjetaa fi Nageenya Industirii
👉 Waajjira Daldalaafi Invastimantii
1.Isheetuu Araggaa Dureessoo
Itti Gaafatamaa Damee Regulaatorii Daldalaa
2.Numeerii Shmsuu
Itti Gaafatamaa Damee Galmeessaa fi Hayyama Daldala fi Invastimantii
3.Xahiir Abduu A/diduu
Itti Gaafatamaa Damee Simannaa fi Hordoffii Invastimantii
👉 Abbaa Taayitaa Too’annoo
1.Malkaamu caalii jallata
Itti Gaafatamaa Damee Eegumsa Naannoo fi Misooma Bosonaa
2.Hamiid Abba Maccaa
Itti Gaafatamaa Damee Too’annoo fi Mirkaneessa Gahuumsa Dhaabbile
3.Guddisa Giragn Waqwayya
Itti Gaafatamaa Damee Too’annoo Galtee fi Omisha Qonnaa
4.Tasfahun Fiqrasillase
I/G Damee Too'annoo nyaataa, dhugaatiifi qorichootaa
👉 Waajjira Fayyaa
1.Toofiq Shamsuu
Itti Gaafatamaa Damee Fayyaa Hawaasaa fi Too’annoo Dhukkubootaa
2.Mahammad Rashaad Kadiir
Itti Gaafatamaa Damee Waldhansaa
3.Dr. Dirriba Fufaa
Hooggansa dhaabbilee fayyaa fi Qabeenya namaa
👉 Waajjira Barnootaa
1.Ayyaaloo Zawdee Dibaabaa
Itti Gaafatamaa Damee Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa
2.Miftaa Abdulqadiir A/foggii
Itti Gaafatamaa Damee Hooggansa Manneen Barnootaa
👉 Waajjira Galii
1.Xilaahuun Abarra Kumsaa
Itti Gaafatamaa Damee Oppireeshinii Galii
2.Nuuraa Ahimad Siimaa
Itti Gaafatamaa Damee Barnootaa fi Seera Galii

👉 Waajjira Tuurizimii
1.Woziifa Kadiir
Itti Gaafatamaa Damee Piromooshinii fi Maarkeetiingii
2.Wondimmuu Dabala Amantee
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Tajaajila Tuuristii
👉 Waajjira Bishaanii
1.Nasiir Dirribaa Amdiisaa
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Bishaanii
2.Garramuu Dooraa Galata
Itti Gaafatamaa Damee Bulchinsaa Qabeenya Bishaanii
👉 Waajjira Qonnaa
1.Awwal Mahamud Aliyyii
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Fi Fayyaa Beyladaa
2.Dimaamu Nigaatuu
Itti Gaafatamaa Damee Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa
3.Addaamuu Taklee
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Qonnaa
4.Geetahun Guuttata
Itti Gaafatamaa Damee Qabeenya Uumamaa fi Biqiltuu
5.Miftaahii Gaalii A/Boor
Damee Misooma Buna,Shaayee, mi’eessituu, Kudraa fi Mudraa
👉 Waaajjira Lafaa
1..G/Proofeesar Abiyoot Maammoo Tarfaa
Itti Gaafatamaa Damee Karoora Qophii, Kenna Tajaajila fi Raga Lafaa
2.Lataa Ashabiir Ligdii
Itti Gaafatamaa Damee Hordoffii fiToo’annoo Lafaa fi Dhimma Kaafamtoota Misoomaa

👉 Waajjira Jallisiifi Horsiisee Bulaa
1.Tofiq Rayyaa Abdurahman
Itti Gaafatamaa Damee Misooma Jallisii
2.Taddaasa Qana’aa
I/G Damee Misooma Horsiisee Bulaa
👉 Waajjira Misooma Magaalaa
1.Abdulhamid Hajii A/olii
Itti Gaafatamaa Damee Misoomaa fi Bulchiinsa Mnneenii
2.Taagaay Mokonin Dagafa
Itti Gaafatamaa Damee Magaalomsuu

👉 Buusaa Gonofaa
1.Mintamir shaggaw Tayyee
Itti Gaafatamaa Damee Hooggansa Sadaa Balaa
2.Laxifaa A/Nagaa A/Gumbul
Itti Gaafatamaa Damee Guddina fi Bulchiinsa Horataalee
3.Lijaalam Bafiqaadu Ejarsoo
Itti Gaafatamaa Damee Hirmaannaa Ummataa
👉 Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii
1.Abiyyi Caalaa Yadataa
Itti Gaafatamaa Damee Gahuumsa Industirii Konistiraakshinii
2.Musxafaa A/Jihaad A/Gissa
Itti Gaafatamaa Damee Regulaatoorii Konistiraakshinii
👉 Waajjira Pilaanii
1.Rashiidoo Balchaa
I/A Waajjira

Jimma Zone Communication

Simannaan Pireezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Limmuu Gannatitti Taasifamee!****Godin...
12/10/2026

Simannaan Pireezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Limmuu Gannatitti Taasifamee!
****
Godina Kibba Lixa Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti Simannaan Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Bukaarii Kadiiroo, teessoo Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa kan taate Magaalaa Limmuu Gannatitti taasifameera. Hooggansa Magaalaa Limmuu Gannatiifi Aanaa Limmuu Kossaatiin kan simataman yoo ta'u, daawwannaa hojii Mana Murtii Aanaa Limmuu Kossaa fi Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa Magaalaa Limmuu Gannat taasisaniiru.

Sagantaa simannaafi daawwannaa kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasin, Bulchaan Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif, Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Xaahaa Mahammad dabalatee keessummoonni biroo argamaniiru.

Oduu,hojiiwwan misoomaa, beeksisaalee fi odeeffannoo haaraa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat irraa bahu yeroo isaa eeggatee argachuuf marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaa keenya hunda hordofaa.👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==
Website:- https://sites.google.com/view/limugenatcity/home

Alaabaan keenya walta'iinsa, ashaaraa gootummaa fi agarsiistuu obbolummaa keenyaati!***********Godina Kibba Lixa Oromiya...
12/10/2026

Alaabaan keenya walta'iinsa, ashaaraa gootummaa fi agarsiistuu obbolummaa keenyaati!
***********
Godina Kibba Lixa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat, bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasiniifi Bulchaa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif argamanitti Kabajni Ayyaana Alaabaa marsaa 19ffaa gaggeeffame.

Kabajni Ayyaana kun qindeessummaa Afa-Yaa'ii Magaalaa Limmuu Gannat Aadde Baaccush Abbaa Sangii fi Afa-Yaa'ii Aanaa Limmuu Kossaa Aadde Mastawot Abbaatiin kan qophaa'e yoo ta'u, Ayyaanicha irratti mariin paanaali kara itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Huseen Duraa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Gazzuu Dhugumaa fi Itti Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Limmuu Gannatiifi Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Dachaas Abdussalamin gaggeeffameera.

Guyyaan Alaabaa Biyyooleessaa yeroo itti seenaa wareegama abbootii keenyaa yaadannu qofa osoo hin taane, fuuldura keenya egeree caalaatti miidhagu waliin ijaaruuf waadaa keenya itti haaromsinnudha, kan jedhan Obbo Huseen Duraa, Alaabaan kun mallattoo walabummaa, aarsaa qaqqaalii kaffalamee fi unka tokkummaa keenya isa jabaadha jedhaniiru. Walxaxinsaa fi qormaatilee nu mudatan kamiyyuu mo'achuudhaan, tokkummaa fi guddina biyya keenyaa mirkaneessuuf alaabaa keenya jala dhaabbachuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Har'as guddina, nagaa fi badhaadhina Oromiyaa fi Itoophiyaatiif harka walqabannee gara fuulduraatti kan tarkaanfannu yoo ta'u, ashaaraa dhaloota dhufuuf darbu ijaaruuf qophii ta'uun kan dubbatan Obbo Gazzuu Dhugumaa, Ayyaanni Alaabaa Biyyooleessaa bara kanaa milkii, nagaa fi tokkummaa kan cimsuu ta'uu ibsaniiru.

Maalummaa fi itti fayyadama Alaabaa irratti huubannoo kennuun guddinnii fi badhaadhinni keenya itti fufiinsa kan qabaatu yoo itti gaafatamummaa keenya hubachuun gumaacha qabatamaa goneedha,kan jedhan Obbo Dachaas Abdussalam, Alaabaa keenya gubbaatti ol kaasnee qabachuun: hojii seeraan, iddoo hundatti amanamummaa, antummaa fi obbolummaatti cichuudhaan hojjechuu keenya agarsiisa jedhaniiru. Wal-deeggarsa, jaalalaa fi kabaja waliiniitiin biyya qabeenyaa fi aadaa badhaadhaa qabdu kana ceesisuuf tokkummaan waliin dhaabbachuun nurraa eegama jedhaniiru.

Hirmaattonni Kabaja Ayyaana irratti yaada kennaniin Kabaja fi birmadummaa biyyaa eeguufi eegsisuu keessatti gahee isaanii kan bahatan ta'uu dubbataniiru.

Oduu,hojiiwwan misoomaa, beeksisaalee fi odeeffannoo haaraa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat irraa bahu yeroo isaa eeggatee argachuuf marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaa keenya hunda hordofaa.👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==
Website:- https://sites.google.com/view/limugenatcity/home

Muudama Hoggantoota seektaraa Godina Kibba Lixa Oromiyaa 1. Waajjira Bulchinsa- Miftaahi A/Jihaad2. Waaj. Nagaa - Junayd...
12/10/2026

Muudama Hoggantoota seektaraa Godina Kibba Lixa Oromiyaa

1. Waajjira Bulchinsa- Miftaahi A/Jihaad
2. Waaj. Nagaa - Junaydii Imaam
3. Waaj. Daandii fi Geejjiba - Injinar Tofiq A/Firaa
4. Waaj Albuudaa- Worquu Boggaalee
5. Waaj. Karooraa fi mallaqaa - Mahammad Nuraddin
6. Dhimmoota Gurmaa'insa Ummataa -Taatuu Teessoo
7. Waaj. Interpiraayizii fi industirii - Waasihun Golgaa
8. Waaj Daldala Fi investimantii- Girmaa Fiqaaduu
9. Abbaa Taayitaa To'annoo- Awwal Abdulqaadir
10. W/ra Fayyaa - Fuad Sabiit
11. W/ra Barnootaa - Isheetuu Abdiisaa
12. W/ra Galii Kasaahun - Taddale-
13. W/ra Turizimii -Tigist Andargee
14. W/ra Bishaanii - Injinar Ifaa Kabbadee
15. W/ra Qonna - Tijjaani Tamaam
16. W/ra Lafaa -Mahammad Abduu
17. Jallisi fi Horsiisee Bulaa - Injinar Nigaatuu Nuuraa
18. Misooma Magaala -Joonii Taasfayee
19. Buusaa Gonofaa - Dhaabaa Bayyanaa
20. Abba taayita konistiraakshinii- Injinar Tarreessa Sabbooqaa
21. Waaj. Pilaani - Abarra wirtuu

Godina Kibba Lixa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti qindeessummaa Afa-Yaa'ii Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gan...
12/10/2026

Godina Kibba Lixa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti qindeessummaa Afa-Yaa'ii Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatiifi Aanaa Limmuu Kossaatin Ayyaanni kabaja Alaabaa marsaa 19ffaa bifa ho'aa ta'een kabajamaa jira.

11/10/2026

"Dhaabbileefi sirni tolfamaa jiran hunduu karaa duudhaa ganamaa bu’uura godhateeni" Obbo Shimallis Abdiisaa PMNO

Address

Limu Genet
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Limu Genet City Communication Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share