Bulchiinsa Ganda Haroo Leejjisaa

Call Contact the organization

Bulchiinsa Ganda Haroo Leejjisaa Daandiin Keenya Ida'amuu galmi keenya Badhaadhina

Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaana Baga Ayyaana Masqalaa  Nagaan Geessan!እንኳን ለመስቀል በዓል በሰላም አደረሳችሁ!እንቋዕ ንብርሃነ መስቀል ብሰላም ...
27/09/2026

Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaana Baga Ayyaana Masqalaa Nagaan Geessan!
እንኳን ለመስቀል በዓል በሰላም አደረሳችሁ!
እንቋዕ ንብርሃነ መስቀል ብሰላም ኣብጽሓኩም።

Guyyaa 12/1/2019 .!  Ganda Haroo leejjisaatti bunni diimaan haala gaarii ta'een siree bunaa irratti gogfamaa  jira.
22/09/2026

Guyyaa 12/1/2019

.!


Ganda Haroo leejjisaatti bunni diimaan haala gaarii ta'een siree bunaa irratti gogfamaa jira.

Guyyaa 11/1/2019  Guyyaa har'aa akka ganda keenyatti mariin misoomaa fi nageenyaa hawaasa bal'aa waliin gaggeeffameera.!...
21/09/2026

Guyyaa 11/1/2019

Guyyaa har'aa akka ganda keenyatti mariin misoomaa fi nageenyaa hawaasa bal'aa waliin gaggeeffameera.!
Marii kanaanis hanqinaalee hojii kesssatti mudatanii fi kallattii gara fuulduraa irratti sirnaan mariin godhamee irratti walii galameera.!

 'umsa_Baadiyyaa Oromiyaa.! Guyyaa 3/1/2019 .! Guyyaa har'aa Leenjiin Mata duree "Haaromee Mootora Ce'umsa Baadiyyaa Oro...
13/09/2026

'umsa_Baadiyyaa Oromiyaa.!
Guyyaa 3/1/2019
.!
Guyyaa har'aa Leenjiin Mata duree "Haaromee Mootora Ce'umsa Baadiyyaa Oromiyaa.! Jedhu irratti hawaasaaf kennameera.!

  | Qaammee_ 3   !   .! Godina Jimmaa Aanaa Cooraa BotorittiGuyyaa Cichoominaa sababeeffachuun, karoora nageenyaan of da...
08/09/2026

| Qaammee_ 3

!

.!
Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti
Guyyaa Cichoominaa sababeeffachuun, karoora nageenyaan of danda’uu milkeessuuf, Wajjirri Poolisii Aanaa Cooraa Botor hirmaannaa kallattii fi gumaacha miseensota Poolisii isaatiin, milishoota hojii nageenyaa irratti bobba’aniif Ganda Haroo Lejjisaatti ijaarsa mana jireenyaa jalqabeera.

Sagantaa jalqabsiisa mana milishaa kana irrattis Ajajaan Poolisii Aanaa Cooraa Botor Inispektar Misikkir Dassaalee fi I/G\Nagaaf Milishaa Aanaa Cooraa Botor Obbo Jihaad Mammazeen fi misensonni poolisii argamaniiruu.

Tarkaanfiin kun cichoomina, itti-gaafatamummaa fi tajaajila uummataa hojii qabatamaatti hiikuun, nageenya waaraa fi fayyadamummaa hawaasaa cimsuuf gahee guddaa qaba.

Cichoomina irraa gara hojii;
Hojii irraa gara bu’aa! 💪





Muddee 20/4/2018  .! .!Taajaajila Bishaan dhugaati waliin ga'uuf burqaan haaraan   zoonii dirree keessatti hojjetamaa tu...
29/12/2025

Muddee 20/4/2018 .! .!

Taajaajila Bishaan dhugaati waliin ga'uuf burqaan haaraan zoonii dirree keessatti hojjetamaa ture xumuramee tajaajila eegalee jira.!
Hawaasa zoonii lamaani yoo xiqqaate garee 4 ol kan tajaajiludha.!

   "Qaalawiinsa gabaa tasggabeessuuf, Hojii misooma jallisii dameelee hundaan mirkaneessuuf" hojjetamaa jira.***********...
19/12/2025



"Qaalawiinsa gabaa tasggabeessuuf, Hojii misooma jallisii dameelee hundaan mirkaneessuuf" hojjetamaa jira.
*******************
Muddee 10/2018
Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti hojiin misooma jallisii bonaatiin Raafuu maraa fi mi'eessituuwwan garaagaraa dargaggootaa fi qonnaan bultoota Ganda Koobii qajeeloo fi Miiccaa dirree keessatti hojjetamaa jiran sadarkaa gaariirra jira.!

‎Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor, Tajaajila Dhaddacha Dhagaha Halaalaa (Virtual Court) yeroo 2ffaaf Sadarkaa Gandaatti  ...
24/11/2025

‎Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor, Tajaajila Dhaddacha Dhagaha Halaalaa (Virtual Court) yeroo 2ffaaf Sadarkaa Gandaatti banuun tajaajilaa hawaasaaf banaa gochuu beeksisee.
‎Sadaasa 15 bara 2018
‎==============
‎Godina Jimmaatti, Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor kenninsa tajaajila Abbaa seerummaa (KTAS) dhaqqabamummaa taasisuun Sadarkaa Aanaatti dhimmoonni oliyyannoo Mana Murtii Ol'aanaa hanga Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Abbootiin dhimmaa komii qaban, karaa VK fi EF(Viidiyoo Konfiraansii fi E-Faayiliingii) tiin Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa karaa baasii fi dhamaatii hir'iseen akka tajaajilaman hojjechaa jiraachuun ni beekama.
‎Guyyaa har'aa immoo kenninsa tajaajila Abbaa Seerummaa daran dhaqqabamaa fi si'ataa akkasumas Sadarkaa gandoota hundatti waliin gahuun dhaqqabamaa taasisuuf Abbootiin dhimmaa tajaajila mana Murtii irraa barbaadan, osoo Mana Murtii Idilee Aanaatti hundaa'ee jiru dhaquun hin barbaachisiin, Kilaasteraan walitti qindaa'anii bakka tajaajilli Dhaddacha Dhagaha Halaalaa hundaa'ee jirutti tajaajila akka argataniif guyyaa har'aa yeroo 2ffaa kilaastera Ganda Meeccaa Dirree irratti dhaddachi dhagaha Halaalaa (VK) hundaa'ee tajaajila kennuu jalqabee jira.
‎Gandoonni kilaastera Ganda Meeccaa Dirree irraa fayyadamaan
‎1. Ganda Ujubaa Ganjii
‎2. Ganda Saabii Warabboo
‎3. Ganda Koobii Qajeeloo
‎4. Ganda Meeccaa Dirree, yoo ta'an, walumaa galatti ganda Meeccaa Dirree dabalatee, gandoonni Afur(4) akka tajaajilamaniif, guyyaa har'aa meeshaalee barbaachisan Manni murtichaa guutuun banamee tajaajila jalqabee jira.
‎ Dhaddachi Dhagaha Halaalaa sadarkaa gandaatti babal'acha deemuun, dhaqqabummaa fi bu'aa qabeessummaa kenninsa tajaajila abbaa seerummaa fi mana Murtii gara E-Courtiitti ceesisuuf karoora qabame galmaan ga'uuf, akkasumas hawaasa itti dhiyeenyaan tajaajiluun amantaa uummanni mana murtii irraa qabu dabaluu fi baasiif dhamaatii tajaajilamtoota Mana Murtii irraa hir'isuun tajaajila saffisaa kan kennuudha.
‎ Kanaafuu Abbootiin dhimmaa kilaasteraa Meeccaa Dirree jalatti argamaan utuu gara mana murtii idilee dhaquun hin barbaachisiin kilaastera ganda Meeccaa Dirreetti dhimmoota Haaraa fi oliyyannoo dabalatee, sadarkaa Gandaa hanga MMWO tti tajaajila karaa Viidiyoo konfiraansii fi E-faayiliingiin tajaajilamuu akka danda'aan Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor beeksisee jira.
‎

 .! ‎Cooraa Botoritti facaasaan Qamadii jallisii  bonaa eegalame!‎Sadaasa 8/2018‎"""""""""""‎Godina Jimmaa Aanaa Cooraa ...
17/11/2025

.!

‎Cooraa Botoritti facaasaan Qamadii jallisii bonaa eegalame!
‎Sadaasa 8/2018
‎"""""""""""
‎Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botor Ganda Miiccaa Dirree facaasaan Inishetivii misooma jallisii qamadii bakka I/G Paartii badhaadhinaa damee aanichaa Obbo Zubeer Shifaa fi I/G Qonnaa aanichaa Obbo Geetuu Qannaa jiranitti eegalame. aanichattis sosochii hojii misooma jallisii taasifamaa jiruun hojiin facaasaa qamadii gandoora aanichaa hundatti si'ainaan kan taasifamu ta'uun ibsameera.

 Guyyaa:-30/2/2018  .!
09/11/2025



Guyyaa:-30/2/2018
.!

Address

Jimma
255

Telephone

+251994866897

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bulchiinsa Ganda Haroo Leejjisaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Bulchiinsa Ganda Haroo Leejjisaa:

Shortcuts

Share