25/10/2026
Karoora Of-Danda’uu: Bu’uura Tarsiimoo Guddinaafi Badhaadhina Oromiyaa!
~~~
Karoorri ofdanda’uu karoora tarsiima’aa Oromiyaan horata ishee irratti hundaa’uun guddina itti fufiinsa qabu itti galmeessituufi badhaadhina uummata ishee ittiin akeektuudha.
Sadarkaa Pirezdaantii Itti Aanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal, karoorri ofdanda'uu qormaata gara carraatti, qabeenya gara oomishaatti,akkasumas yaada gara bu’aatti jijjiiruun ce'umsa Oromiyaa kan mirkaneessuudha jedhan.
Karoora of danda'uu milkeessuuf oomishtummaa guddisuu, dameewwan dinagdee adda addaa babal’isuu, invastimantii jajjabeessuu, carraa hojii uumuu, bu’uuraalee misoomaa cimsuufi tajaajila mootummaa fooyyessuun hojiiwwan ijoo ta’anii hojiirra kan oolan ta’uu Dr.Rashaad ibsaniiru.