Dubuluk District Communication Office affairs

Call Contact the organization

Dubuluk District Communication Office affairs Follow us to get more information..

Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Irratti Hubannoon Kennamee jira. ‎‎Onkololeessa 19,2019,Godina Kibba Oromiyaa,...
29/10/2026

Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Irratti Hubannoon Kennamee jira.
‎
‎Onkololeessa 19,2019,Godina Kibba Oromiyaa, Aanaa Dubuluqitti, qajeelfama ramaddii hojjettoota mootummaa irratti hubannoo uumuu fi hojii irra oolmaa isaa irratti xiyyeeffachuun hojjettoota mootummaa Aanicha waliin mariin hubannoo uumuu gaggeeffamee jira.
‎
‎Marichi Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 34/2019 irratti hundaa’uun, hojimaata ramaddii hojjettootaa iftoomina, haqa qabeessummaa fi bu’a qabeessummaa qabuun raawwachuuf hubannoo waliinii uumuuf gaggeeffameera.
‎
‎Gahumsi, dandeettiin ogummaa fi bu’a qabeessummaan hojjettoota mootummaa imaammata, tarsiimoo fi karoora mootummaa gara hojiitti hiikuun galma yaadame bira ga’uuf murteessaadha. Kanaafuu, ramaddiin hojjettootaa ulaagaalee ifa ta’an, madaallii gahumsaa fi hojimaata seera qabeessa ta’e irratti hundaa’uun raawwatamuun barbaachisaa ta’uu maricharratti ibsameera.
‎
‎Ittigaafataman Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Dubuluqi Obbo Isma'el Hiddoo, hubannoo maricharratti kennaniin, hojjettoonni mootummaa manneen hojii sadarkaa adda addaa keessatti argaman qajeelfama ifa ta’e, ulaagaalee murtaa’anii fi hojimaata sirrii irratti hundaa’uun ramadamuu akka qaban ibsaniiru.
‎
‎Obbo Isma'el, dabalatan qajeelfamicha sirnaan hubachuun hojii irra oolchuun hojjettoonni mootummaa gahumsaa fi dandeettii ogummaa isaanii irratti hundaa’uun ramadamanii tajaajila mootummaa qulqullina qabu, saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e akka kennan taasisuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
‎
‎Marichi hubannoo hojjettootaa cimsuu, qajeelfamicha irratti hubannoo waliinii uumuufi hojii irra oolmaa isaa keessatti qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan taasisuuf gumaacha olaanaa kan qabudha.
‎
‎Dhuma irratti Haala keennisaa tajaajilaa mana hojii mootummaa irratti too'annoof hordooffi taasiffama tureen akkasumas, qajeelfamaa labsii 215/2011irratti hubannoo keennun duuba-deebiin galtee hojii ta'u dhiyaachuun,iddoo itti hanqinni jiruutti seektaraalee akka foyyeeffatan kallattiin keennamte.

Dhiiga Gumaachi, Lubbuu Baraari! Gochi Bilisaa, Gumaata Olaanaa!‎=.=======‎Onkololeessa 14,2019,Godina Kibba Oromiyaa, A...
24/10/2026

Dhiiga Gumaachi, Lubbuu Baraari! Gochi Bilisaa, Gumaata Olaanaa!
‎=.=======
‎Onkololeessa 14,2019,Godina Kibba Oromiyaa, Aanaa Dubuluqitti, Arjoomni dhiigaa tajaajila lammummaa fi gocha jaalalaa lubbuu namoota hedduu du'a irraa baraarudha. Namni dhiiga arjoomu tokko yeroo tokkotti dhiiga yuunitii tokko gumaachuun lubbuu namoota sadii (3) baraaruu danda'a. Keessattuu haadholii yeroo da'umsaa dhiigni dhangala'u, daa'imman hanqina dhiigaa qaban, fi namoota balaa tasaatiin miidhamaniif dhiigni baay'ee barbaachisaadha.
‎Arjoomni dhiigaa gocha jaalalaa fi arjummaa irratti hundaa’e dhiiga ofii fedhiin kennuun lubbuu nama biraa oolchuudha. Gochi kun tajaajila fayyaa keessatti baay'ee murteessaa yoo ta'u, dhiigni arjoomamu baankii dhiigaa keessatti kuufamee namoota balaafamaa ta'aniif tajaajila filannoo hin qabnedha.

Ibsaa Magaalaa Ammayyaan, Teeknoolojii, Qusannaa Humnaa fi Misooma Itti Fufiinsa Qabu Ijaaruf kan Gargaruudha!‎‎Komii bu...
21/10/2026

Ibsaa Magaalaa Ammayyaan, Teeknoolojii, Qusannaa Humnaa fi Misooma Itti Fufiinsa Qabu Ijaaruf kan Gargaruudha!
‎
‎Komii bulchiinsa gaarii yeroo dheera ibsaa magaala dubuluqi bu'uura irra furuuf dhabbaata humna ibsaa damee shashamannne waliin ta'uun babbal'ina Tiransformeeri fi poolii magaalatiif marsaa duraatiif pooliin 120 argame waan jiruuf marsaa itti Aanuu kana caala waan hojjatamuuf Uummatni obsan akka Eegatani dhamsa isaanif dabarsina
‎
‎Seenaan hundeeffama Magaalaa Dubuluqi Godina Booranaa duraanif kan yeroo ammaa Godina Kibba Oromiyaa keessatti argamtu fi guddinni ishee gama balbala seensaa fi tajaajila ibsaatiin jiru, sadarkaa sadii gurguddootti qoqqodamee dhiyaata:
‎
‎1. Bara Hundeeffamaa fi Jalqabaa hundeeffama ishee irra Kaasee Dubuluqi jalqaba irratti iddoo jireenya horsiisee bultoota Booranaa, haala qilleensa isheetii fi maddeen bishaaniin (keessumaa eelaawwan bishaanii) kan beekamtu ture. Boodarra, daandii guddichaa daldalaa Mooyaalee fi Yaaballoo walitti hidhu irratti argamuu isheetiin gara ganda qotee/horsiisee bulaa fi wiirtuu daldalaa jireenyaan as baate.
‎• Balbala Magaalaa (Jalqaba): Bara sana balballi magaalaa akka caasaa simannaa ammayyaatti hin ijaarramne. Haa ta'u malee, seensi magaalaa "iddoo buufata ykn eegumsa aadaa" (Keellaa) ta'ee tajaajilaa ture. Bakka poolisiin ykn hawaasni naannoo sakatta'iinsa to'annoo nageenyaa fi meeshaalee daldalaa irratti taasisani dha.
‎• Ibsaa Magaalaa: Baroota jalqabaa sana ibsaan elektiriikii hawaasa bira hin jiru ture. Hawaasni halkan kurraazii, faanusa, fi haala aadaatiin ibsaa ibiddaa gargaaramaa ture.
‎
‎2. Giddu-galeessa Guddinaa (Bara Misooma Bu'uuraa
‎
‎• Guddina Bulchiinsaa: Dubuluqi gandoota naannoo ishee jiran qindeessuudhaan gara sadarkaa bulchiinsa magaalaatti erga guddattee booda, caasaan bu'uuraalee misoomaa babal'achuu jalqabe.
‎• Ceumsa Ibsaa: Fedhiin humna ibsaa erga dabalee booda, magaalittiin humna ibsaa elektiriikii toora naannoo (Zoonii Kibbaa) irraa argachuu jalqabde. Ibsaan mana jireenyaa fi dhaabbata daldalaatiif gale.
‎• Misooma Daandii fi Balbalaa: Daandiiwwan gurguddoon aspaaltii magaalattii keessa darban erga hojjetamanii booda, seensi fi ba'iinsi magaalaa Dubuluqi qulqullina qabuun mul'achuu jalqabe. Keellaawwan nageenyaa to'annoo seeraa fi seensa gibiraa gaggeessan bifa ammayyaatiin hundeeffaman.
‎
‎3. Sadarkaa Ammayyaa Hanga Bara 2019
‎
‎• Ibsaa Ammayyaa fi Daandii (Street Lights): Yeroo ammaa ibsaan daandii halkananii (Street lights) daandiiwwan gurguddoo fi seensawwan magaalaa Dubuluqi irratti tajaajila kennaa jiru. Kunis haala dinagdee halkananii fi nageenya jiraattotaa baay'ee fooyyesseera. Jiraattonni kaffaltii ibsaa isaanii telebirr fi kkf gargaaramuun raawwatu.
‎• Ijaarramuu Balbala Seensaa Miidhagaa: Magaalaan Dubuluqi akkuma magaalota ammayyaa biroo seensa ishee irratti balbala simannaa (Arch/City Gate) kan miidhagina hafarsu fi eenyummaa aadaa Booranaa calaqqisiisu ijaarrachaa/fayyadamaa jirti. Keellaawwan kunniin ammas nageenya to'achuuf fi simannaa ariifachiisaa keessummootaaf uumuuf tajaajilaa jiru.
‎Akkuma waliigalaatti, Dubuluq ganda horsiisee bulaa elektiriikii hin qabne fi keellaa aadaa qabdu irraa kaatee, har'a wiirtuu daldalaa daandii ibsaan fi balbala seensaa ammayyaa qabdu ta'uuf geessee jirti.

Waltajjii Mana Marii Nageenya!! ‎******‎Onkolooleessa 11-2019 Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti Waltajjiin Mana Ma...
21/10/2026

Waltajjii Mana Marii Nageenya!!
‎******
‎Onkolooleessa 11-2019 Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti Waltajjiin Mana Marii Nageenya Miseensa Mana Maricha Hirmaachisee taa'ameera.
‎
‎Manni marichaa haala waliigalaa nageenya Aanichaaf dhimmoota haala yeroo irratti bal'inaan ergaa marii geggesseen booda, ajandaawwan haala yeroo irratti kallatti fuula duraa kaa'uun marichii xummure jira.

Aanaa Dubuluqitti gamagammaa raawwii hojii Paartiif Mootummaa torbe tokko geggeeffamuun kallattiin hojii fuula duraa ken...
15/10/2026

Aanaa Dubuluqitti gamagammaa raawwii hojii Paartiif Mootummaa torbe tokko geggeeffamuun kallattiin hojii fuula duraa kennamte.
‎=====
‎KA-Dubuluqi,onkolooleessa 05,2019 Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti gamaaggami raawwii hojii Paartiif Mootummaa torbe tokko geggeeffamuun kallattiin hojii fuula duraa kennamte.
‎
‎Gabaasa raawwii hojiilee paartii fi Mootummaa dhiyaateen hojiileen hojiiwwan idilee karoorfaman raawwiin isaa xiyyeeffannaa guddaa kan barbaadu tokko tokkon ilaaluun kallattiin kennamte.
‎
‎Hojiiwwan hojjannu hunda sadarkaa Aanaa fi gandootaatti hordofamee madaallame fayyadamummaa ummataa dhugoomsuu akka qabu dhamame
‎
‎Gamaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa geggeeffama jiru kanan hanqinna fi ciminni hojii qoratamee kallattiin hojii fuula duraa kannama jira.
‎
‎

Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti Konfiransiin Miseensa Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 1ffaa Gamtaa Hojjattoota Moo...
13/10/2026

Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti Konfiransiin Miseensa Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 1ffaa Gamtaa Hojjattoota Mootummaa haala gaariin gaggeeffama jira.
‎
‎ Konfiraansii kurmaana 1ffaa yeroo geggeeffamuu kan adda taasisuu Paartiin keenna qormaatilee hedduu keessa darbuun, Mootummaa haaraa hundeessa jiruuf hojiilee misoomaa fi nageenna hedduu kan milkeessee fi yeroo olka'insaa biyyaa keessatti Konfiraansii kurmaana 1ffaa gaggeessuun hojii addati.
‎
‎Konfiraansii kanarratti gabaasi raawwii hojii kurmaana 1ffaa gamtaa siyaasaa ,hawaasummaafi Dinaagdee dhiyaatee jira.
‎
‎Miseensoonni Konfiraansii kanaa irratti argamaanis, yaada kaasani miseensoonni Paartii badhaadhinaa keessoo isaa qulqulleessuun hojii Uummataa bifa ho'aa ta'een hawaasan isaa tajaajilu qaba kallattii fuula duraa kannamuun xumurame.
‎
‎"Daandiin Keenya Ida'amuu; Galmi Keenya Badhaadhina!"

Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf!‎= = =‎Alaabaan, calaqqee gootummaa, birmadummaa, kabajaaf...
12/10/2026

Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf!
‎= = =
‎Alaabaan, calaqqee gootummaa, birmadummaa, kabajaafi jaalala lammiileen Biyya isaaniif qaban ittiin agarsiisanidha.
‎
‎Bu'uuruma kanaan Guyyaan Alaabaa 19ffaan akka Biyyaatti mata duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf” jedhuun Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti, bakka hooggantoonniifi hojjattoonni seektaraalee Aanaa argamanitti sirnoota garaa garaan kabajamaa jira.
‎
‎

Yaa'ii Idilee 40ffaa Mana Maree Aanaa Dubuluqi Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2019 Geggeessa jira.‎‎KA-Dub...
08/10/2026

Yaa'ii Idilee 40ffaa Mana Maree Aanaa Dubuluqi Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2019 Geggeessa jira.
‎
‎KA-Dubuluqi, Fulbaana 28,2019 Godina Kibba Oromiyaa Aanaa Dubuluqitti Yaa'ii Idilee 40ffaa Manni Maree Aanicha gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa Bara 2019 geggeessaa jira.
‎
‎Yaa'ichi Ajandaa garagaraa irratti geggeeffame jira.
‎
‎~ Gabaasa Deeggarsa fi hordooffi mana marii dhiyaachuu.
‎~ Gabaasa waajjira bishaan Aanichaa caqasuun mirkaneessuu.
‎-Dambii fi qajeelfamaa maddoota galii fandii waajjira Daandiif loojistikii Aanicha dhiyaachuun mirkanneessu.
‎
‎Gabaasni Raawwii Hojii Kurmana 1ffaa Waajjira bishaanif dambii fi qajeelfamaa maddoota galii fandii waajjira Daandiif loojistikii ergaa dhiyaaten booda Miseesonni mana marii Yaada fi gaafii garaagaraa dhiyeessaniiru.
‎
‎Yaa'icha irratti gabaasni Seekteralee mootummaa dhiyaatera. Gabaasichi seekteroota ergaa dhiyaateen booda, hirmaattonni miseensa marii Aanaa yaada fi gaafii adda addaa kaasuun gaaffiiwwan ka'an irratti hoggansa mana hojjichaatiin deebiin itti kennamuun gabaasi dhiyaate miseensonni mana marii sagalee guutuun mirkaneeffameera.
‎
‎Ittiaanan Af-yaa’ii Aanaa Dubuluqi Kabajamoo Obbo Daabasa Duuba Gabaasa Yaa'icha irratti dhiyaate iddoowwanii hanqinni jiru akka irratti hojjatamu kallattii fuulduraa kaa’anii jiru.
‎
‎

Address

Borena
Mega
DUBULUK

Telephone

+251916655182

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dubuluk District Communication Office affairs posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dubuluk District Communication Office affairs:

Shortcuts

Share