07/08/2026
Abbaa Taayitaa biyyaalessaa duuba, " " jedhanii maallaqa walitti qabuun seeraan nama adabsiisa jedha Seerri
+++++++++++++
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana magaalaa fi gandoota aanaa keenya keessatti argaman dabalatee bakkeewwan garaa garaatti namoonni muraasni maqaa jedhuun birrii 10 irraa kaasee hanga 200,000 gahuun tokkoon tokkoon namootaa irraa maallaqa walitti qabaa jiraachuu kan walumaan beeknu yoo ta'u, eeyyama Abbaa Taayitaa Lootorii biyyoolessaa Itoophiyaa duuba hojii kanatti bobba'uun adabbii maallaqaas ta'e, hidhaa cimaan akka nama adabsiisu seerri ni ibsa.
Bulchiinsa Looterii Biyyaalessaa Fooyya'e Lakk. 160 muraa 2009, keewwata 17 fi 20 muraa 1 jalatti namni hayyama Abbaa Taayitaa Looterii Biyyaalessaa duuba, tapha carraa qopheessuun yookaan maallaqa walitti qabee argame kamiyyuu hidhaa cimaa kan adabsiisu ta'uu ni ibsa.
Dhiyeenya kana miidiyaa hawaasaa (tiktok) fi qaamaanis bakka garagaraatti magaalaa keessa socho'uun tikkeettiidhaan, galmee maqaadhaan yookaan karaa intarneetii taphni "Abbaa Carraa" jedhamu babal'achaa kan dhufe yoo ta’u, akka seerri jedhutti garuu tapha akkanaa gaggeessuuf hayyamni mootummaa ulaagaa guuttate fi seera qabeessa ta'e barbaachisaa ta'uu Dambiin kun ni akeekkachiisa.
Kanaafuu, hawaasni irraa akka of eegu, akkasumas maallaqa isaa qisaasessuu akka hin qabne fi namoonni gocha yakkaa akkasiitti bobbaatanii jirtan adaba seeraatiif saaxilamuu keessaniin dura, tapha abbaa carraa jedhu kamiyyuu irratti hirmaachuun dura hayyama seeraa qabaachuu keessan mirkaneeffachuu akka qabdan isin hubachiisna.