Kallacha Oromiyaa

Call Website Contact the organization

Kallacha Oromiyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kallacha Oromiyaa, Finfinnee, Oromiyaa.

Gaazexaan Kallacha Oromiyaa bara 1986 kan hundeeffame yoo ta'u, yeroo ammaas BKO'tiin torbanitti al tokko guyyaa Kamisaa maxxanfamee bahaa jira.

ከለቻ ኦሮሚያ ጋዜጣ በ1986 ዓ.ም የተመሠረተ ሲሆን፣ በአሁኑ ወቅትም በኦሮሚያ ኮሙኒኬሽን ቢሮ በሳምንት አንድ ጊዜ፣ በየሐሙሱ ታትሞ ይወጣል።

Yunivarsiitichi qulqullina barnootaa eegsisuufi qorannoo rakkoolee hawaasaa hiikanirratti xiyyeeffatee ni hojjetaKallach...
10/10/2026

Yunivarsiitichi qulqullina barnootaa eegsisuufi qorannoo rakkoolee hawaasaa hiikanirratti xiyyeeffatee ni hojjeta

Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 30,2019 Yunivarsiitii Madda Walaabuu galmawwan biyyaalessaa milkeessuu, qulqullina barnootaa fooyyessuu, qorannoo rakkoo hiiku cimsuufi tajaajila hawaasaa babal’isuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Yuunivarsitiin Madda Walaabuu waltajjii marii galma yunivarsiitichi qabate milkeessuu irratti xiyyeeffate hawaasa yunivarsiitichaa waliin geggeesse.

Yunivarsitii Madda Walaabuutti Itti Aanaan Pirezidaantii Dhimma Baruu Barsiisuu, Qo'annoofi Qorannoo ce'umsa teknoolojii Doktar Bazzaabbih Wandimmuu, mariin hawaasa yunivarsiitichaa waliin gaggeeffame itti gaafatamummaa dhaabbatichaa cimsuun, aadaa hojii, itti gaafatamummaa, saffisaafi bu’a qabeessummaa hojii fooyyessuun galmawwan biyyaalessaa milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu, Doktar Birhaanamasqal Xannaa, yunivarsiitichi itti gaafatamummaa biyyaalessaa kennameef gahumsaafi bu’a qabeessummaan bahachuuf haaromsaalee dhaabbatummaa hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaromsaalee raawwatamaniin bifa mooraa fooyyessuu, baruu-barsiisuufi hojiiwwaniif naannoo mijataa uumuu, saffisa tajaajilaa guddisuu fi raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffate diriirsuun akka danda’ame ibsaniiru.

Barsiisotaafi hojjettoonni deeggarsaa hundi humna namaa gahumsa qabu horachuuf itti gaafatamummaa isaanii kutannoon bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qorannoo bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuun bu’aawwan isaa hawaasa biraan gahuu, tajaajila hawaasaa rakkoo hiiku kennuu fi adeemsa baruu-barsiisuu teeknooloojiin deeggarame diriirsuuf hojjettoonni hundi gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Hirmaattonni marichaa yaada kennaniin, marichi itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan isaanitti kenname sirnaan bahachuu fi hojiiwwan yuunivarsiitichaa bu’a qabeessa taasisuuf kan isaan gargaaru ta'uu hirmaattonni marichaa ibsaniiru.

Kominikeeshinii Godina Kibba Baha Oromiyaa

10/10/2026

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Barnoonni bu'uura milkaa'ina galmoota qabsoo Oromooti- PMNO Obbo Shimallis AbdiisaaKallacha Oromiyaa: Fulbaana 30, 2019-...
10/10/2026

Barnoonni bu'uura milkaa'ina galmoota qabsoo Oromooti- PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 30, 2019- Barnoonni bu'uura milkaa'ina galmoota qabsoo Oromooti jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa karaa toora miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin.

Guutuun ergaasaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Har’a, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 irratti qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtii kennine. Sirni kun milkaa’ina dhuunfaa barattoota keenyaa kabajuu qofa osoo hintaane, dandeettii dhalootaa irratti invastimantii yoogaggeesine, egeree ummata keenyaa keessatti abdii, carraafi milkaa’ina akkamii ijaaruu akka dandeenyu kan agarsiisudha.

Milkaa’inni bara kanaa, bu’aa carraa qofaan argame miti. Dandeettii dhalootaa karoora, qophii, barsiisaa, hoggansaafi sirna deeggarsaa walsimaa ta’een yoo’kunuunsine, bu’aa olaanaa galmeessuu akka dandeenyu milkaa’inni isaanii nimirkaneessa.

Kufaatiin sirna barnootaa keenya keessatti muldhate, dandeettii ilmaan keenyaa irraa kan madde osoo hintaane, dandeettii isaanii adda baasuu, kunuunsuu, guddisuufi bu’aa qabatamaatti jijjiiruu keessatti hanqina sirnaafi hoggansaa gama keenyaan ture nuyaadachiisa.

Qabsoon ummata Oromoo gulantaa haaraarra gaheera. Galmoonni tarsiima’oo qabsoo keenyaa sadan — dhaloota barnootaafi teknoolojiin dorgomaa ta’e uumuu, ummata dinagdeen aangomsuufi sirna cimaa ijaaruun — walirraa adda bahanii hinmilkaa’an. Dhaloota beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kalaqaafi dandeettii rakkoo furuu qabu malee, dinagdee ammayyaa ijaaruun rakkisaadha; dinagdeen oomishtummaa olaanaa qabu malee of-danda’uun hinmirkanaa’u.

Sirni cimaas, dhaloota gahumsa qabu, dhaabbilee dandeettii raawwii qabanifi murtii beekumsa irratti hundaa’e malee waara’uu hindanda’u. Kanaaf, barnoonni tajaajila hawaasummaa tokko qofa miti; humna galmoota qabsoo keenyaa maraa sochoosu ta’uu ifatti hubatamuu qaba.

Yaaddoon keenya guddaan, dhaloonni keenya carraa dhabuu qofa ta’uu hinqabu. Dandeettii qabu beekumsa, ogummaafi kalaqaan gabbifachuu dadhabuu ta’uu qaba. Barri sabboonummaan dhugaa dhaadannoo qofaan itti madaalamu darbeera.

Dhaloota eenyummaa isaa qixaan hubate, beekumsa ammayyaa goonfate, teknoolojii kalaqaan fayyadamu, rakkoo isaa qorannoofi yaadaan hiike, akkasumas dorgommii idil-addunyaa irratti dandeettii isaatiin of-muldhise horachuun madaalama.

Kaayyoon keenya dhaloota carraa argatu qofa osoo hintaane, carraa haaraa uumuu danda’u; hojii barbaaduu qofa osoo hintaane, hojii uumuu danda’u; furmaata eeggachuu qofa osoo hintaane, furmaata kalaqu danda’u ijaaruudha. Dhaloonni akkasii qonna ammayyeessuu, indastirii ijaaruu, teknoolojii babaldhisuu, qorannoo gaggeessuu, dhaabbilee haaromsuu; dinagdee dorgomaa ijaaruun hawwii saba isaa milkeessuu bira taree, addunyaaf beekumsa, ogummaafi kalaqa haaraa kan gumaachudha.

Ilaalcha kanaan masakamuun, waggoota darban sirna barnootaa keenya deebisnee ijaaruu irratti hojii baldhaa raawwanneerra. Sirna barnootaa haaromsuuf tarkaanfiilee baldhaa fudhanneerra. Manneen barnootaa Bu’uura Boruu babaldhisuun daa’imman umurii jalqabaa irraa barnootaaf qopheessaa jirra.

Manneen barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Addaa istaandardii olaanaa qaban babaldhisuun, qulqullina barnootaa fooyyessuufi baratoota dandeettii addaa qaban, addatti kunuunsuuf hojjechaa jirra. Rakkoo leecalloo hiikuufis sochii baldhaa taasifameen bu’aa qabatamaan argameera.

Tarkaanfiileen kunneen rakkoolee turan guutumatti furan jechuu osoo hintaane, sirni barnootaa keenya iddoo kufetti mataa olqabachuu qofa agarsiisa. Bu’aan har’aa, ka’umsa gulantaa ittaanuuti malee galma xumuraa miti.

Kufaatii irraa ka’e gara sirna gahumsa qabuutti, darbees gara sirna qulqullinaafi kalaqaan dorgomuutti ceesisuuf hojiilee murteessaa hedduutu nu’eeggata. Kanaaf, tokkoffaa barsiisota gahumsa beekumsa dabarsu qofa osoo hintaane, dandeettii yaaduu, gaaffii gaafachuu, qorachuu, kalaquufi ofitti amanamummaa barataa keessatti uuman horachuu qabna; akkasumas gahumsa isaanii yeroo yeroon madaaluufi guddisuu qabna.

Lammaffaa barnoota murteessoo ta’an haala addaatiin qopheessuun manneen barnootaa mara biraan gahuu. Sadaffaa, Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa harcaatii tokko malee hojiitti hiikuu danda’uu qabna.

Milkaa’inni barattoota har’a beekamtii argatanii, carraaqqii dhuunfaa qofaan kan ibsamu miti. Bu’aan kun hojii hoggansa barnootaa sadarkaan jiranii, deeggarsa maatii, hunda caalaa ammoo ifaajiifi aarsaa barsiisota keenyaa kan calaqqisiisudha. Carraa kanaan, maatii barnootaa mara, addatti ammoo barsiisota keenya maqaa kiyyaafi maqaa MNO’tiin daran galateeffachuun barbaada.

Barattoota keenya ammoo milkaa’ina kana akka xumuraatti osoo hintaane, akka itti gaafatamummaa ittaanuufi ka’umsa milkaa’ina caaluutti akka ilaalan cimsee yaadachiisuu barbaada. Jalqabbii kana gulantaa ittaanu keessatti gara ogummaa, kalaqa, tajaajila hawaasaafi furmaata rakkoolee ummata keenyaatti jijjiiruun itti gaafatamummaa isaan eeggatu ta’uu yaadachuu qabu.

Waggoota shanan Karoora Of-danda’uu (2019–2023) keessatti, dhaloota carraa eeggatu qofa osoo hintaane, carraa uumuu, hojii uumuu, rakkoo furuufi beekumsa gara oomishtummaatti jijjiiruu danda’u horachuuf xiyyeeffannoo olaanaan nihojjenna.

Kanaaf, sirna barnootaa dhaloota qonna, indastirii, saayinsii, teknoolojii, qorannoofi kalaqa keessatti furmaata haaraa fiduu danda’u ijaaruuf nudandeessisu diriirsuu irratti xiyyeeffannee kan sochoonu ta’a. Kanaaf, mootummaa, hawaasni barnootaa, maatiifi dhaloonni keenya kutannoo walootiin akka sochoonu imaanaa jechuun barbaada.

Egereen ummata keenyaa kutaa barnootaa keessatti ijaarama. Dandeettiin ummata keenyaa barsiisaa gahumsa qabuun gabbata. Badhaadhinni ummata keenyaa beekumsa gara oomishtummaatti jijjiiruun dhugooma. Barnoonni bu’uura milkaa’ina galmoota qabsoo Oromooti jechuun keenya kanuma.

''Qabxiin amma galmeessitan balbala galma milkaa'inaati malee galma dhumaa miti'' Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr....
10/10/2026

''Qabxiin amma galmeessitan balbala galma milkaa'inaati malee galma dhumaa miti'' Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo

Kallacha Oromiyaa: Fulbaanaa 30,2019 Hoggannaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Bultoosaa Hirkoo barattoota qaxalee beekkamtiifi badhaasa argataniif dhaamsa dhaamaniin qabxiin amma galmeessiitan balbala galma milkaa'inaa malee milkaa'ina isa dhumaa akka hintaane hubachuun carraaqqii cimaan hojjechuu qabdu jedhan.

Sirna badhaasaafi beekkamtii barattoota qacalee bara barnootaa 2018 qabxii olaanaa fidan irratti haasaa kan taasisaan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo akka jedhanitti addunyaa kanarratti meeshaan guddaan warshaa miti,maashina miti, sammuu naamusa qabuudha. Milkaa'inni kan jalqabu naamusaarrati waanta'eef barataan kamuu naamusaan yoo barnootasaa hordofe milkaa'ina kana ni gonfatu, abjuu biyuaas ni milkeessitu jedhan.

Naamusni barattootaa kun naamusaafi carraaqqii isaanii qofaan kan argame osoo hintaane tumsa maatii, barsiistotaafi hawaasa barnootaa akkasumas xiyyeeffannoo mootummaafi qooda fudhattootaanis jedhan.

Barnoonnii meeshaa dorgommii carraa walqixa ta'e murteessuudhas kan jedhan Doktar Bultoosaan,mootummaan dhaloonni bu'uura biyyaati jdheetu amana kanaafis dhalootni barumsa qulqullina qabu akka argatu hojii bal'aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaatis Oromiyaa barnootaafi teekinoolojiin dinagdeen sirna jabaa ni ijaarra mootu jedhu keessatti barnoonnifi tekinoolojiin hangafa akka ta'e waan hubateef jedhan.

Barnoonni sirnoota darban keessa ture haala qabatamaa biyya keenyaa kan hin hammanne carraa ciru kan hin akeekneefi beekumsa mandhalee kan hin hammanneedha.

Amma garuu sirna barnoota sirna barnootaa keenyaa keessatti beekumsa xabboos hammachuun hojii hojjetameen bu'aan argamaa dhufuu ibsameera.

Mootummaan ida'amuu abjuu badhaadhina qabate keessatti dhalootni itti aanuu jireenya qananii akka jiraatuuf carraaqii guddaa taasisa kan jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Dr. Bultoosaan mootummaan Naannoo Oromiyaas kana milkeessuuf hojii bal'aa hojjeteen bu'uura Boruu 1854 irraa 19352 tti guddiseera, manneen barnootaa bultii Addaa 7fi mana barumsaa addaa 46 banuun barnoota qaxalee oomishaa jira.

Biiroon Barnoota Oromiyaa humnoota keenya fooyyeessuun fayyadamummaa mmataa mirkaneessuuf carraaqqii adda addaa taasisaa jirachuu kan Dr. Bultoosaan sirnootaa bocuu aadaa uummataa dhalootarraa gara dhalootaatti kanneen keessaa barnoota Gadaa,safuufi Dhaweessummaafi kanneen biroo hojiirra oolchaa jira.
Akka naannichaatti dhibbantaan barattota dhaabbilee yuunivarsiitiitti darbanii dabalaa jiraachuu ibsame.

‎
‎

Barnoonni keenya egeree keenya galma qabsoo keenyaati'' Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis AbdiisaaKallacha Oromiyaa: Fulb...
10/10/2026

Barnoonni keenya egeree keenya galma qabsoo keenyaati'' Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 30,2019 Barnoonni keenya egeree keenya qalma qabsoo keenyaati jechuun dubbatan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Barnoonni keenya meeshaa ittiin dursinu galma absoo saba keenyaa kan ittiin galma.geenyuudha jedhan.

Barattoota qabxii olaanaa fidan kanaa sadarkaa kana kan geessan cimtanii, carraaqqiifi naamusaa barnoota keessan waan hodoftaniif jedhan.

Qabxiin fiddan kun kan keessan qofa osoo hintaane kan sabaati kanaaf bakka deemtanitti ciminaan dirqama saba keessanii qabattanii yuunivarsiitii biyya kanaa keessattis ta'e biyya alaatti barattanitt yaadachuun hojjechuu qabdu jedhan.

Barnoonni Oromiyaa Oddoo kuferraa mataa olqabateera kan jedhan Pirezidaantiin Shimallis kanammoo ijaarsa manneen barnootaafi hanqina leecollee guutuu, manneen barnootaa hunda keessatti xiyyeeffannoon barattoota qaxalee baasuuf hojii hojjetameeni jedhan.

Baroota itti aanuu barsiisaa gahoomsuu, barnoota murteessoorratti xiyyeeffachuu, sirna hoggansa barnootaa cimsuu, teekinoolojiin barnoota deeggaruu ta'uu ibsameera.Masarat Amanaatiin

Barattootni bara barnootaa 2018 Qormaata Kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidhan badhaafaman.Kallacha Oromiyaa: Biiroon Barno...
10/10/2026

Barattootni bara barnootaa 2018 Qormaata Kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidhan badhaafaman.

Kallacha Oromiyaa: Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota bara barnootaa 2018 Qormaata Kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidhan badhaaseera.

Barattootni badhaafaman kun saayinsii Uumamaa keessaafi Hawaasaa keessaa kanneen qabxii olaanaa fidaniidhaniidha.

Barattootni qabxii olaanaa fidan damee lachuurraa 165 yommuu ta'an kanneen keessaa
‎
‎1. Barata Jaalal Girmaa Kusaa -Mana Barnootaa Bultii Addaa Odaa Adaamaa irraa qabxii 591.64
‎
‎2. Naanboon Saamu'eel Miratee
-‎Mana Barnootaa Bultii Addaa Najjoo irraa qabxii 586.83.
‎
‎3. Naafkun Asaffaa Asmaraa
-M‎ana Barnootaa Bultii Addaa Najjoo irraa qabxii
585.34
‎
‎4. Dureetti Mohammad
-‎Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Adaabbaa irraa qabxii
5‎79.66
‎
‎5. Tizitaa Faaris
Mana Barnoitaa Bultii Addaa Dodolaa irraa qabxii 578.92
‎
‎6. Sanyii Boonaa
Mana Barnoitaa Bultii Addaa Dodolaa irraa qabxii
‎573.16
‎
‎7. Sadam Abdulaziz Umar
Mana Barnootaa Bultii Addaa Dodolaa irraa qabxii
5‎76.25 fidaniidha.
sirni badhaasaa kun mata duree Barnoota Qulqullina qabu mana Barnootaa Qulqullina qabu Keessatti'' jedhuun kan gaggeeffame yommuu ta'u badhaasni kunis barattoota 1ffaa hanga
‎ 3ffaa qabxii daran olaanaa galmeessaniif Laaptooppiifi Birri Kuma 50 badhaafamaniiru.
‎
Sagantaa kanarratti Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa argamaniiru.

Institiyuutii leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa  gargaartota Abbootii Seeraafi Abbootii Alangaa marsaa 19ffaa leenjisaa...
10/10/2026

Institiyuutii leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gargaartota Abbootii Seeraafi Abbootii Alangaa marsaa 19ffaa leenjisaa ture eebbisiise.

Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 30,2019 Institiyuutii leenjiifi qorannoo seeraa Oromiyaa gargaartota Abbootii Seeraafi Abbootii Alangaa marsaa 19ffaa leenjisaa ture 191 eebbisiise.

Hoogganaan Biiroo Abbootii Alangaa Waliigalaa Oromiyaafi Itti Aanaa Walitti qaban Gumii ILQSO Obbo Guyyoo Waariyoo saganticharratt haasaa taasisaniin inistitiyuushinichi marsaa marsaan ogeeyyii seeraa yunivarsitti garaa garaarraa bahan akkaataa galmeen itti banamuufi sirna seeraarratti hojiin duraa leenjisuun eebbisiisaa jira jedhan.

Marsaa kanas dubartootaa 44 fi dhiira 147 waliigala ogeeyyiin 191 eebbifamuufi ogeeyyiin kunis waggaa tokkoof leenjii dareefi shaakkallii dabalatee mata dureewwan leenjii gara garaa 31 fudhachuus dubbataniiru.

Inistitiyuutiichi qorannoowwan hedduu sirna haqaaf haltee tahan gaggeessaagi leenjii gahumsa qabu kennaa turuufi isaanois bu'aan hedduun galmaa'aa tureeras jedhan.

Ogeeyyiin kunis leenjiiwwan naamusaa asitti fudhachaa turniin haqaafi naamusa ogummaa eeggattanii ummata tajaajiluu akka qabaniifi teeknooloojiitti madaquu akka qabanis dhaamaniiru

Daareektara Olaantuu Inistiitiyuutichaa Aadde Addunyaa Ahamad Inistiitiyuutiin leenjiifi qorannoo seeraa Oromiyaa wiiryuu gahoomina haqaati jedhanii Inistiitiyuutichi Mootummaan naannoo Oromiyaa waliin tahuun haqni akka mirkaa'uuf ogeessoota seeraa oomishuufi akkasumas sirna haqaa naannochaa hogganuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira jedhan.

Inistiitiyuutinichi gama hojii qorannoo seeraatiin ammaattis qorannoowwan 95 ol gaggeessuufi qorawwaan kunis hojiitti hiikkamuun ummata tajaajilaa jiranis jechuun eeraniiru.Bushiraa Aliitiin

Sirni badhaasaafi beekkamtii Biiroon Barnoota Oromiyaa barattoota bara barnootaa 2018 olaanaa galmeessaniif taasisaa jir...
10/10/2026

Sirni badhaasaafi beekkamtii Biiroon Barnoota Oromiyaa barattoota bara barnootaa 2018 olaanaa galmeessaniif taasisaa jira.

Kallacha Oromiyaa:Fulbaana 30,2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota bara barnootaa 2018 qabxii olaanaa fidaniif magaalaa Bishooftuutti sagantaa beekamtiifi badhaasaa qopheesseera.

Saganta kanarratti Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Obbo Abdulsalaam Waariyoo,Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Bultoosaa Hirkoofi hoggantoota olaanoo naannofi federaalaa akkasumas keessummoota dhaabbilee yunivarsiitiifi maatii barattotaa dabalatee barattootni qaxaleen argamaniiru.

Sagantaa kanaan barattoota 165fi manneen barnootaa 38 barattoota hunda dabarsan ni badhaafamu jedhamee eegama.

Irreechi Hora Ayeetuu karaa aadaafi duudhaasaa eegeen Magaala Ambootti kabajamaa jira.
10/10/2026

Irreechi Hora Ayeetuu karaa aadaafi duudhaasaa eegeen Magaala Ambootti kabajamaa jira.

Guyyaan Alaabaa 19ffaan Onkoloolessa 02, 2019 kabajamaKallacha Oromiyaa: Fulbaana 29, 2019- Guyyaan Alaabaa 19ffaan Onko...
09/10/2026

Guyyaan Alaabaa 19ffaan Onkoloolessa 02, 2019 kabajama

Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 29, 2019- Guyyaan Alaabaa 19ffaan Onkoloolessa 02, 2019 mata duree 'Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaafi tokkummaa keenyaaf' jedhuun kabajama.

Address

Finfinnee
Oromiyaa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kallacha Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Kallacha Oromiyaa:

Shortcuts

Share