Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa

Website

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa, Government Organization, Qarsa.

Aanaa Qarsaa keessatti seera yakkaa fi
imaammata sirna haqaa yakkaa
kabachiisuu, mirga namoomaa fi
bilisummaawwan bu'uuraa
lammiiwwani kabajuu fi kabachiisuu fi
dantaa mootummaa fi uummataa
eegsisuudhaan Olaantummaa Seeraa
mirkaneessuu...

06/10/2026

Gargaaraa komishinaraa Naasir Mahammad Hoggannaa Poolisii Godina Bahaa Oromiyaa ta'uun Mudamanii jiru. Baga gammadan

  Baha Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Leenjii Barreessitoota Dhimma Seeraatiif kenneeti jira .========...
05/10/2026

Baha Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Leenjii Barreessitoota Dhimma Seeraatiif kenneeti jira .
================================β‰ˆ
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Fuulbana 25/2019 barreessitoota dhimma ummataa sadarkaa Aanaa keenyaatti hoojjataniif Leenjii Labsii kenniinsa hayyamaafi Bulchiinsa Abukaatootaafi barreessitoota dhimma seeraa hundeessuuf bahe Lakk 182/2005 fi dambii kenniinsa Hayyamaafi Bulchiinsa Abukaatootaafi barreessitoota dhimma seeraa raawwachiisuuf bahe Lakk 177/2008 irratti gama Abbaa Adeemsa Hariiroo Haawaasa Umar Aadamiin kennameeti jira.
marii kana irratti dhimmoota akka Haala Kaffaltii tajaajilaa, hayyamaa , naamusaa fi dhimmoota gara garaa irratti mariin bal'inaan gaggeeffamee jira.
Dhuma marii kanarrattis Hudhaalee fi Hanqinoonni ka'an Haala itti maquu danda'an irratti kallattiin hojii fuula duraa gara Hoggansa Waaajjiraatiin kaa'amuun marichi milkaayinaan goolabameeti jira.

Haqaan Haqaaf Hoojjanna!!
WAAAQ

05/10/2026
  20/ 2019waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Ejansii Geejjibaa Aanichaatiifi Waajjira Poolisii waliin tahuun Mooraa wa...
30/09/2026

20/ 2019
waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Ejansii Geejjibaa Aanichaatiifi Waajjira Poolisii waliin tahuun Mooraa waajjira Bulchiinsa Magaalaa Qarsaa keessatti Argamuudhaan konkolaachiftoota baajaaj Magaalaa Qarsaa fi Naannawa isii keessa hojjataniif hubannoo Seeraa Mata duree:-
1.Dambii Nageenya Tiraafiqaa Lakk 194/2009 irratti.
2.Heera Mootummaa irratti Hubannoo Seeraa kenneera.
Haqaan Haqaaf Hoojjanna!!
WAAAQ

30/09/2026
Baga gammadde! Baga Waliin gammanne, Kabajamoo Keenya! πŸŽ‰πŸŒΉπŸ’πŸ’πŸ’πŸ’Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa tahuun...
30/09/2026

Baga gammadde! Baga Waliin gammanne, Kabajamoo Keenya! πŸŽ‰πŸŒΉ

πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa tahuun Muudamuutti hedduu gammanneera Baga gammadde Baga Waliin gammanne! πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’β€οΈβ€οΈπŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’
Milkaa’ina keessanii fi bu’aa hojii gaarii galmeessitaniif baga gammaddan, baga waliin gammanne!

Waggoota darban keessatti hojii keessaniin bu’aa ajaa’ibaa galmeessuun, yeroo hedduu sadarkaa olaanaa irratti argamuun keessan nu boonsaa fi nu gammachiisaa jira.

Bara hojii haaraa kanaanis milkaa’ina caalu, bu’aa gaarii fi injifannoo hedduu akka galmeessitan hawwii keenya guddaadha.

Bara hojii gaarii isiniif haa ta’u!
Baga gammaddan! Baga waliin gammanne, Kabajamoo Keenya! πŸŒ·πŸŽŠπŸ’πŸ’πŸ’β€οΈπŸ’πŸ’

Address

Qarsa

Opening Hours

Monday 08:00 - 17:00
Tuesday 08:00 - 17:00
Wednesday 08:00 - 17:00
Thursday 08:00 - 17:00
Friday 08:00 - 17:00

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share