Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu

Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu Beha Biftu Health Center
Quality healthcare service

Carraa mijatoo Magaalaa keenyaa fayyadamuun karoora of danda'uu milkeessuuf kutannoon hojjenna : Kantiibaa Magaalaa Roob...
25/10/2026

Carraa mijatoo Magaalaa keenyaa fayyadamuun karoora of danda'uu milkeessuuf kutannoon hojjenna : Kantiibaa Magaalaa Roobee.

'OBN Cyber Media' Onkoloolessa 15,2019

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa ummanni filannoon itti kenne galmaan gahuun ummata naannichaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf karoora of danda'uu bara 2019-2023 hojiirra oolu baasee hojiitti seeneera.

Dhimma kana ilaalchisee OBN waliin turtii kan taasisan kantiibaan Magaalaa Roobee Obbo Diinoo Amiin, hojiin karoora xiiqiin Magaalaa Roobeetti hojjetame milkaa'ina karoora of danda'uuf bu'uura jedhan.

Karoorri kun waan hundaan of danda'uun badhaadhina walii galaa dhugoomsuuf kan kaayyeffate ta'uu himuun, humnoota misoomaa sadan qindeessuun karooricha milkeessuuf ni hojjenna jedhan.

Galma ga'iinsa isaafis qaamolee sadarkaan jiraniif hubannoo kennuun rifoormii hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus himan.

Wantoota hudhaa ta'an kanneen akka hojii dhabdummaa, Kenna tajaajilaa , rakkoolee bulchiinsa gaarii qaala'iinsa gabaa furuufis tarkaanfilee barbaachisoo ta'an fudhachuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himan.

Muuxannoon hoggansaa, kutannoon hawaasni misoomaaf qabuu fi qabeenyawwan uumamaa karoora kana milkeessuuf kan gargaaran haala mijataa uumuus himaniiru.

OBN Afaan Oromoo Mirkanaa Taaddasaatu gabaase

Waajjira Fayyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa  damee Asallaatti leenjiin hubannoo cimsuu duula tajaajila baqaqsanii yaaluu ...
24/10/2026

Waajjira Fayyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa damee Asallaatti leenjiin hubannoo cimsuu duula tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa kenname.

Leenjichi qindoomina Waajjira Fayyaa fi dhaabbata The Fred Hollows Foundation (FHF)tiin kan kenname yommuu ta'u, hoggantootniifi ogeeyyiin fayyaa caasaa aanaalee, magaalotaafi dhaabbilee fayyaa damee Asallaatiif kennameera.

Hogganaa Ittaanaan Waajjira Fayyaa godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Sulxaan Hamdiinoo kaayyoon leenjichaa ogeeyyiin fayyaa hubannoo wal fakkaataa akka argatan taasisuun namoota rakkoo moora yaala ijaa qaban tajaajila baqaqsanii yaaluu bilisaan akka argatan gochuuf ta'uu himan.

Bulchaa Ittaanaafi Qindeessaan damee Nageenyaa godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Abdurrazaaq Huseen, imala guddina biyyaa gama hundaan saffisiisuuf tajaajila fayyaa haqaqabeessa, qulqullinaafi saffisaa ta'e kennuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf qindoominaan hojjatamuu qaba jedhan.

Ogeeyyiin fayyaa waltajjicharratti argamanis leenjii arganne gochatti jijjiiruun hawaasa osoo hin baratin nubarsiisee rakkoo jaamina ijaatiif saaxilame kafaltii tokko malee tajaajila baqaqsanii yaaluu mooraa ijaa bilisaan kennuuf qophii ta'uu himan.

~Onko 13/2019~B/Fayyaa Baha Biiftu guyyaa Har'a   Bu/Fayyaa Ogeessota Fayyaa BFtiin geggeeffameera. Iddoo Hojii Hawwataa...
23/10/2026

~Onko 13/2019~B/Fayyaa Baha Biiftu guyyaa Har'a Bu/Fayyaa Ogeessota Fayyaa BFtiin geggeeffameera.
Iddoo Hojii Hawwataa fi miidhagaa gochuuf Qulqullina iddoo hojii eeguun murteessadha Hojjattootni B/Fayyaa Qulqullina Iddoo hojii keessanii Duulaan baatanii Torbe lamaan altokko kan geggeeffamu kanarratti hirmaachuun Hojii fakkenyumma gaarii ta'u hojjataa jirtuu jabaadha
Qindoominni Humna 🙏

Wajjirafayyaa Magaalaa Roobee
Oromia Health Bureau

Ulfaatina qaamaa olka’aa yoo hir'isnu of -eeggannoowwan akkamii gochuu qabnaa?Ulfaatinni qaamaa nama tokkoo olka'aadha k...
23/10/2026

Ulfaatina qaamaa olka’aa yoo hir'isnu of -eeggannoowwan akkamii gochuu qabnaa?

Ulfaatinni qaamaa nama tokkoo olka'aadha kan jennu, ulfaatina qofaa safaruun osoo hin taane, olka'aa ta'uuf dhiisuu kan ittiin safarru Shallaggii BMI jedhamuun dha.

BMI nama tokkoo meeqa akka ta’e argachuudhaaf: dheerina nama sanaa (meetiraan) fi ulfaatina (kiilogiraamaan) safaruun qofti ga’aadha. Sana booda dheerina square (waliin baay’isuudhaan), ulfaatina kiilogiraamaan safarame sana lakkoofsa dheerina square gochuun argame kanaaf hiruudha.
Fakkeenya: ulfaatinni nama Sanaa 74 kg dha, dheerinni ammoo 1.82m yoo ta’e, BMI nama sanaa 74 ÷ (1.82 × 1.82) = 22.34 ta’a jechuudha. BMI irratti hundaa’uun ulfaatina namaa akka armaan gadiitti qooduu dandeenya.
BMI < 18.5 Ulfaatina gadi bu’aa
18.5 - 24.9 Ulfaatina sirrii
25 - 29.9 Ulfaatina Olka’aa
30 – 34.9 Ulfaatina daran olka’aa sadarkaa 1ffaa
35 – 39.9
Ulfaatina daran olka’aa sadarkaa 2ffaa
≥ 40 Ulfaatina daran olka’aa sadarkaa 3ffaa

Ulfaatinni qaamaa olka'aan dhibeewwan namatti fidu keessaa:
●Dhiibbaa dhiigaa olka’aa.
●Dhukkuba ujummoolee dhiigaa fi onnee.
●Istirookii.
●Olka'uu koolesteroolii qaamaa.
●Dhibee sukkaaraa (keessumaa dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa)
●Dhukkubbii dugdaa qancare
*************************

Ulfaatina olka'aa to'achuuf waantoota gargaaran
●Gosoota ykn akaakuu nyaata ulfaatina qaamaa olka’e to’achuuf ykn hir’isuuf gargaaran:
•Muduraa, Fuduraalee guutuu,
•Midhaan guutuu, Baaqelaa, misiraa fi atara
•Madda pirootiinii fayya qabeessa, Qurxummii, hanqaaquu fi foon lukkuu
●Gosoota nyaataa ulfaatina qaamaa dabalan (kan irraa of qusachuu qabnu):
•Dhugaatii lallaafaa sukkaara hedduu of keessaa qabu,
•Nyaata zayitiin hedduu of keessaa qabu,
•Foon warshaa irraa qophaa’e, Nyaata soogidda, sukkaara fi cooma hedduu qabu.
•Dhugaatii alkoolii.
●Sochii qaamaa
•Sochii qaamaa salphaa: Deemsa suuta, yoogaa salphaa, Nyaata bilcheessuu, meeshaalee nyaataa dhiquu, uffata dadachaasuu, mana keessa suuta deemuu, biqiltuu bishaan obaasuu
•Sochii qaamaa giddu galeessa: Deemsa miillaa ariifataa, biskileetii suuta oofuu, shubbisa, shaakala bishaan daakaa, mana qulqulleessuu ykn lafa haruu, suuta jedhanii sadarkaa ykn gulantaa manaa ol bahuu, ijoollee wajjin sochii taphachuu.
•Sochii qaamaa cimaa: Fiigicha, biskileetii saffisaan oofuu, dorgommii bishaan daakuu fi ispoortii dorgommiikan biroo, lafa qotuu, meeshaalee ulfaatoo bakkaa bakkatti sochoosuu, meeshaalee baatanii sadarkaa ykn gulantaa manaa ol ba’uu.
*************************

Yeroo ulfaatina hir'isnu waan irraa of eeguu qabnu
Ulfaatina hir’isuu qofa irratti xiyyeeffachuun yeroo tokko tokko bu’aa isaa cinaatti miidhaa biraa ykn ammoo haga miidhaan isaa caaluutti ga’uu danda’a. Wantoota yeroo ulfaatina hir’isnu irraa of eeguu qabnu keessaa:
●Gorsa ogeessa fayyaa malee yeroo dheeraa nyaata lagachuu.
●Oomishaalee ulfaatina hir’isu jedhamanii gurguraman kan qoratamanii hin mirkanaa’iin fayyadamuu.
●Namoota duraan sochii qaamaa taasisaa hin turiin aluma takkaan sochii qaamaa garmalee cimaa gochuu.
●Ulfaatina qaamaa altakkaatti garmalee ariifatanii gadi buusuuf yaaluu.

Fayyaan Faaya

Wal-Harkaa Fuudhinsi Hojii Taasifame.I/G Waajjira Fayyaa Magaala Roobe kan Turan Sr Mahfuza Jemal  fi I/G Waajjira Fayya...
19/10/2026

Wal-Harkaa Fuudhinsi Hojii Taasifame.
I/G Waajjira Fayyaa Magaala Roobe kan Turan Sr Mahfuza Jemal fi I/G Waajjira Fayyaa ta'uun Bakka isaanii ramadaman Obbo Seyfuddin Muhammad waliin walharkaa Fuudhinsa Hojii Bakka Hojjataan Ekispartii waajjira hundi jirutti haala miidhagaa ta'eef sirni walirraa fuudhinsaa geggeeffameera.Hoggantoota Teenna lachuufi Iddoo ramadamtanti Bara hojii gaarii hojjattanii itti milkooftan isiniif ha ta'u!!

Oromia Health Bureau
Ministry of Health,Ethiopia
Mahfuza Jemal

17/10/2026

የኢቦላ ቫይረስ በሽታ ወረርሽኝ በዲሞክራቲክ ሪፐብሊክ ኦፍ ኮንጎ፣ ቀደም ሲል በኡጋንዳ እና በአሁኑ ወቅት በኬንያ መከሰቱን ተከትሎ፣ የጤና ሚኒስቴር ከኢትዮጵያ የሕብረተሰብ ጤና ኢንስቲትዩት (EPHI)፣ ከክልል ጤና ቢሮዎች እና ከሌሎች አጋር አካላት ጋር በመተባበር በሽታው ወደ ሀገራችን እንዳይገባና ቢከሰትም በፍጥነት ለመቆጣጠር የሚያስችሉ የቅድመ ዝግጅነት ሥራዎችን እያከናወነ ይገኛል።

በአየርና በየብስ መግቢያ እና መውጫ በሮች ላይ የጤና ቅኝትና ቁጥጥር እየተካሄደ ሲሆን፣ የላቦራቶሪ ምርመራ አቅምን የማጠናከር፣ የልየታ እና ፈጣን ምላሽ ሰጭ ቡድኖችን የማደራጀት፣ የበሽታ ክትትልን የማጠናከርና ዝግጁ የማድረግ ሥራዎችም እየተከናወኑ ይገኛል፣ በሽታው ከተከሰተባቸው ሀገሮች ወደ ሀገር ውስጥ ለሚገቡ ሰዎች 24/7 ቅኝት፣ ልየታ እና ክትትል እየተካሄደም ይገኛል።

ሕብረተሰባችንም እንደተለመደው በበሽታው ዙሪያ የሚሰጡ ይፋዊ መረጃዎችን እንዲከታተልና

• የበሽታው ወረርሽኝ ከተከሰተባቸው ሀገራት የሚመጡ ወይም ለበሽታው ተጋላጭ ከነበሩ ሰዎች ጋር ንክኪ የነበራቸው ሰዎች ትኩሳት፣ የጡንቻ ሕመም፣ ማስታወክ ወይም ያልተለመደ የደም መፍሰስ ጨምሮ የበሽታው ምልክቶች ከታዩባቸው ወዲያውኑ ለጤና ባለሙያ/ጤና ተቋም በማሳወቅ ተገቢውን የጤና ምርመራና ክትትል ማድረግ፤

• የበሽታውን ምልክቶች የሚያሳይ ማንኛውም ሰው በሚመለከቱበት ጊዜ በአቅራቢያ በሚገኝ የጤና ተቋም ሪፖርት ማድረግ ወይም በ8335 እና 952 ነፃ የስልክ መስመሮች በመደወል እንዲያሳውቅ እንጠይቃለን።

Website: moh.gov.et
Facebook: Ministry ofበ Health,Ethiopia
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6V

      Biyya Keniyaatti Guyyaa har'a qofa nama 4 qabuuf isaa mirkana'e hanga ammatti waliigala nama Ebola qabame 7 gaheer...
17/10/2026

Biyya Keniyaatti Guyyaa har'a qofa nama 4 qabuuf isaa mirkana'e hanga ammatti waliigala nama Ebola qabame 7 gaheera.Rabbi Nurraa ha deebisu Ummannis ofeegganno cimsaa
Magaala Roobee Buufata Fayyaa Baha Biiftu

Ministry of Health,Ethiopia

Address

Beha Biftu
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share