24/04/2026
Gamaaggamni Raawwii Hojii Baatii 9(Sagal) Manneen Murtii Aadaa Kutaa Magaalaa Adooshee Walashee gaggeeffameera. Manni Murtii Kutaa Magaalaa Adooshee Walashee fi Waajjirri Aadaa fi Turiiziimii Magaalaa Roobee waliin ta'uun hojiilee baatii sagalii qorateera. Kanaanis galmeeleen 228 dhiyaatan keessa galmeeleen 211 manneen murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaatti furmaata argataniiru. Kanaanis baasii fi xaariin hawaasa akka hir'atu tahee jira. Duubdeebiin mil'uu dirree dhiyaachuun maalummaa seera aadaa fi safuu irratti ogeessa WAT tiin leenjiin gabaabaan ka'umsaaf kennameera. Leenjii Kanaanis jaarsoliin seerota aadaa, duudhaa, safuu fi safeeffannaa irratti akka mari'atan carraa uumeefi jira.
17/04/2026
Oolmaa Dhaddachaa.
====≈=============
Himatamaan "X" jedhamu gaafa 28/6/2018 galgala sa'aatii 12:00 hanga 2:30 tti Magaalaa Roobee Kutaa Magaalaa Adooshee Walashee Ganda Caffee Doonsaa keessatti miidhamtuu Dhuunfaa "F" jedhamtu dirqisiisuun gara mana siree "D" geessuun kutaa qabatee dirqisiisuun gudeeddii kan irratti raawwate ta'uu isaatiin A/Alangaa Magaalaa Roobee himata irratti dhiyeessuun Manni Murtii Kutaa Magaalaa Adooshee Walashee falmisiisee dhaadachaa gaafa 08/8/2018 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 9 tiin akka adabamu murtii kenneera.
12/04/2026
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi Baga Ayyaana Du'aa ka'uu Iyyasuus Kiristoosin Nagaan Isin Gahe! Ayyaanni kun Kan Jaalalaa, Kan tokkummaa fi Kan Milkii Isinii haa ta'u!
12/04/2026
Baga Guyyaa Ayyaana Du'aa Ka'uu Yasuus Kiristoos Geessan
------------------------------
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hordoftoota amantaa kiristaanaa maraan baga guyyaa ayyaana du'aa ka'uu Yasuus Kiristoosiin isin gahe jechaa,ayyaanichi kan nagaa,kan gammachuu fi kan milkaayinaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
08/04/2026
Bitooteessa 30, 2018
=========//==
Gamaaggamni raawwii hojii baatii 9 hawaasa Mana Murtii Kutaa Magaalaa Adooshee Waliin gaggaffameera. Hojii hanga kurmaana 3ffaa bara 2018 tti hojjatamaa turan cuunfamanii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Roobeetiif ergame Sadarkaa Mana murtii keennaatti hojjattoota hunda hirmaachisuun dhiyaate gamaaggamameera. Ciminaalee jiru adda baasuun yeroo hafe keessatti hanqinaalee raawwii karoora bara kanaa irratti fulleeffachuun ilaalameera. Dabalataanis duubdeebii MMO Magaalaa Roobeetiin kenname hawaasa manichaatiif dhiyaate irratti mar'atameera. Akka waliigalaatti ciminaaleen jiru akkuma jiruutti ta'ee harcaatiilee gama qulqullina, bu'a qabeessummaa fi dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa, naamusaa, itti gaafatamummaa fi bilisummaa Mana Murtii fi abbaa seerummaa, Gaarummaa Bulchiinsa Keessoo fi Mana Murtii Gara E-Court tti ceesisuu keessatti mul'atan irratti bali'naan mari'atamuun iddoo xiyyeeffannoo barbaadu irratti kallattii kennuun goolabameera.
20/03/2026
Hordoftoonni amantii Islaamaa hundi baga Ayyaana Iid Al-faxiriin nagaan geessan. ayyaanichi kan gammachuu fi milkaa'inaa isiniif haa ta'u! Eid-Mubarak!