Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree

Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree Manni Qopheessaa Magaalaa Saaguree
Tajaajila uummataa, misooma fi nageenyaaf kutannoo guutuu qaba.

Hojiin keenya bu’uura guddina magaalaa ti.
“Uummata tajaajiluun ulfina.”🇪🇹🌍

Supparvizyiniin sassaabbi galii Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree gaggeeffame.Fulbaana 25, 2019 Godina kibba baha Oromiy...
05/10/2026

Supparvizyiniin sassaabbi galii Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree gaggeeffame.

Fulbaana 25, 2019 Godina kibba baha Oromiyaa Mana Qopheessaa Magaalaa Saagureetti supparvizyinniin raawwii sassabbii galii Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree hanga ammaa koree supparvizyinii Godinaan bakka Hojii gaggeessaan MQMS Obbo Jamaal Guyyee argamanitti manajimantii fi hoggansa mana hojii waliin gaggeeffamuun kallattiin kaa'amee Jira.

koreen piroojaktii aanaa D/xiijoo piroojaktii misooma koridarii magaalaa Saaguree daawwate.
28/09/2026

koreen piroojaktii aanaa D/xiijoo piroojaktii misooma koridarii magaalaa Saaguree daawwate.

Ayyaanni Masqalaa karaa duudhaa ayyaannichaa eegeen nagaan kabajamee jira.Fulbaana 16/2019: Godina Arsii Aanaa Digaluu f...
26/09/2026

Ayyaanni Masqalaa karaa duudhaa ayyaannichaa eegeen nagaan kabajamee jira.

Fulbaana 16/2019: Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xiijoo Magaalaa Saagureetti ayyaanni Masqalaa karaa duudhaa ayyaannichaa eegeen nagaan Bataskaana Lidataa Maariyaamiitti kabajamee jira.

Sirna kabaja ayyaannichaa irratti kan argaman I/A Bulchaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Digaluu fi Xiijoo obbo Nuuroo Huseen ayyaanni Masqalaa ayyaana hordoftoota amantii Kiristaanaa qofa osoo hin taane hambaa kiliyaa addunyaa ta'uu ibsaniiru.

Akkuma tokkummaan ayyaanicha kabajne hawaasni Kiristaanaa aanichaa tokkummaa sabdaneesummaa keenyaa cimsuun sochii diigumsa biyyaa humnoonni badii diinota keenya alaa waliin taasisaa jiran fashalleessuu qabna jechuun obbo Nuuroon dhaamaniiru.

Ajajaan Poolisii Aanichaa Inispeektar Taganuu Taaddasaa amantiin Kiristaanaa nageenya labsa waan ta'eef, hawaasni Kiristaanaa waardiyyaa nageenyaa ta'uun nageenya waaraa aanichaaf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Hojii gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree obbo Jamaal Guyyee ayyaanni Masqalaa tokkummaa fi jaalala labsa waan ta'eef, yeroo ayyaanicha kabajnu namoota harka qalleeyyiif deeggarsa namoomaa adda addaa taasisuufin dirqama lamummaa nurraa eegamu bahuu qabna jedhaniiru.

Madda: Kominikeshinii Aanaa Digaluuf xiijoo

Oolmaa gabaa dhaaba loonii gabaa Ayyaana Masqalaa Magaalaa Saaguree bara 2019.
24/09/2026

Oolmaa gabaa dhaaba loonii gabaa Ayyaana Masqalaa Magaalaa Saaguree bara 2019.

Namaa fi lafa magaalomsuun guddinna Magaalaa Saagureef irree tokkoon tumsuu akka qabnu ibsame.Hagayya 30/2018: Godina Ar...
05/09/2026

Namaa fi lafa magaalomsuun guddinna Magaalaa Saagureef irree tokkoon tumsuu akka qabnu ibsame.

Hagayya 30/2018: Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xiijootti Mariin qophii Karoora of danda'uu bara 2019 fi sirni galatteeffannaa milkaa'ina raawwii hojiilee karoora xiiqii marsaa 2ffaa bara 2018 Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree gaggeeffame.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Digaluu fi Xiijoo obbo Muhaammad Aabbishuu Namaa ,lafaa fi mootummaa magaalomsuun guddinna Magaalaa Saagureef irree tokkoon tumsuu akka qabnu ibsuun, milkaa'ina karoora of danda'uu magaalichaa bara 2019'f kuttannoo olaanaan hojjachuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Itti gaafatamtuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa aadde Asteer Mangistuu gama isaaniin hirmaannaa ummata magaalichaa malee baajata galii Mana Qopheessaa Magaalichaa qofaan fedhii babal'inna bu'uuraalee misoomaa ummata keenyaa guutuu fi sochii guddinna hawaas- diinagdee magaalichaa finiinsuun hin danda'amu jedhaniiru.

Hojii gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree obbo Jamaal Guyyee gama isaaniin milkaa'inoota raawwii hojiilee bara 2018 mana hojiichaan argaman caalmaatti itti fufsiisuun karoora of danda'uu bara kana magaalichaa qabame milkeessuun fayyadamummaa ummata keenyaa guddisuu qabna jedhaniiru.

Oggeeyyii Mana Qopheessaa fi qooda fudhatoota Mana Hojiichaa milkaa'ina raawwii hojiilee karoora xiiqii bara 2018 Magaalichaaf gumaacha olaanaa taasisaniif sirni beekamtii kennameefi jira.

Address

Oromia
Sagure

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Qopheessaa Magaalaa Saaguree posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share