Barataa

Barataa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Barataa, Karaa fagoo, Addis Ababa.

31/08/2025

Faayidaa Buna Dhuguu (Benefits of drinking coffee)

Faayidaalee Buna dhuguun argannu 10:

Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.

Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir’isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar’imaanitiin qabamuu gadi buusa.

Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir’isa.

Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir’isa.

Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer’s disease fi Parkinson’s disease ni ittisa.

Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.

Miira mukaa’uu (depression) fi si’aa’ina dhabuu ni ittisa.

Umrii namaa dheereessuu ni danda’a.

Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.

Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.

Guyyaatti hangam haa dhugnuu?

Akka dhaabbanni “Guideline” nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan (average) namni ga’eessi tokko Buna siinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.

Miidhaa Daldaa/Side Effects

1. Hirriibni akka nu hin qabne gochuu (Insomnia) Rafuun dura Buna dhuguun hirriibni akka dafee nu hin qabne gochuu danda’a. Kunis nama namaatti garagaraa ta’uu danda’a. Namoota tokko tokko buna dhuguun hirriiba irratti isaan hin rakkisu ta’a. kan biroo immoo rafuun isaan rakkisuu danda’a, sababni isaas dandeettin namoonni kaafeenii dhiigaa keessa jiru balleessuuf (metabolism) garaagara. Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban kan gorfamu; yoo rafuuf barbaaddan sa’aa 6 dura dhuguu ykn hanga bunaa xiqqeessu qabdu.

2. Buna dhuguun araada nama qabsiisa. Kanaaf buna osoo hin dhugin yoo hafne, mataa dhukkubbii, miirri dadhabbii nutti dhagahamuu danda’a.
3. Bunni Gubaa laphee ykn singiggoo( heartburn) nutti hammessuu danda’a.

4. Buna baay’isanii dhuguun ulfa irratti miidhaa geesisa. Miidhaan bunni ulfa irratti geesisu hamma irratti hundaa’a. kanaaf dubartootni ulfa guyyaatti sinii 1-2 caalaa fudhachuu hin qaban (yoo danda’an immoo yeroo ulfaa osoo dhuguu baatani ni filatama), garuu baay’isanii dhugan taanan Rakkoolee akka ba’uu ulfaa (miscarriage), daa’ima ulfaatinni isaa gad aanaa ta’e (low birth weight) dhalachuu fa’a fiduu danda’a.
5, Namoonni lakkoofsan baayyee xiqqoo ta’an bunni alaarjii itti ta’uu danda’a.

19/07/2025
08/02/2023

Adii - uffaadha - dhugaa - dubbadha
OROMOO KOO

03/05/2022

Kan barate mirgaasa falmaata jecha hayyuu keenya Taddaasa Birruu

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Culinary Team

Attire

Website

Address

Karaa Fagoo
Addis Ababa
BANAA