Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa Aanaa Madda Walaabuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Aanaa Seena qabeettii Madda Walaabuu keessatti argamti. Aanaan Madda Walaabuu Magaalaa Guddittii Naannoo Oromiyaa, Finfinnee irraa fageenya 630km fi Magaalaa Guddittii Godina Baalee, Roobe irraa fageenya 200km irratti Roobe irraa gara kibbaatti argamti.
Aanaan Madda Walaabuu iddoo Ummata Oromoo biratti seenaa boonsaa qabdu yoo ta'u Burqaa Madda Walaabuu Odaa 11n marfamee argamutti Odaa Murtii jalatti Murtii Murteeffachuun gara Booroo (booranaa) fi Barii (Bareentuu) tti kan eebbisanii wal bobbaasan yoo ta'u Ummatni Oromoo biratti seenaa guddaa kan qabdu dha.
Kanumaan walqabatee fincila diddaa gabrummaa Sirnoota Mootummoota Abbaa Irree ofirraa faccisuun hanga ADWUIn biyya kana qabatutti diina ofirraa qolataa kan turan Gootota beekkamoo kan Akka Generaal WAAQOO GUUTUU, KOLONEEL HAAJI AADAM JILOO fi KOLONEEL HAAJI ALIYYII CIRRII fa'a kan qabdu yoo ta'u Koloneel Haaji Aliyyii Cirrii ammas lubbuun kan jiranii seenaa boonsaa qabatanii Aanaa Madda Walaabuu keessa kan jiranii dha.
Aanaan Madda Walaabuu Qabeenya Uumamaa fi Iddoo Seena qabeessa hedduun kan badhaate yoo ta'u Burqaan Madda Walaabuu, Bishaan Danfaa Hora Korree, Iddoo Muudaa Karjuul, Bosona Uumamaa (Baddaa Udaanii) jedhamu Ganda Bubbee fi Liqimsaa bokoree keessatti argamu bosona ajaa'ibaa keessa dhaabbatanii samii arguu hin dandeenye, Hulluuqaa Soof-Umar 2ffaa Laga Weelmel irratti argamu of keessaa qabdi.