š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ

š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ

Share

š…šŽšŽšš“š” š…šŽšŽššˆšˆš… šƒš‡šˆšˆš†š€

25/04/2026

​ ​ ​ ​ ​

25/04/2026
Photos from š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ's post 31/03/2026

ODEEFFANNOO HAALA YEROO AMMAA

​1. Itoophiyaa:
Itoophiyaan yeroo ammaa kana yaalii nageenyaa fi tasgabbii biyya keessaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffattee jirti. Akkasumas, projektoota gurguddoo akka hidha haaromsaa (GERD) fi hariiroo diippilomaasii ollaa ishee waliin jiru jabeessuuf carraaqqii gochaa jirti.

​2. Iraan:
Iraan immoo dhiibbaa siyaasaa idil-addunyaa fi rakkoo dinagdee keessa jirti. Hariiroon isheen biyyoota gara garaa waliin qabdu, keessattuu kan waraanaa fi siyaasaa, naannicha keessatti yaaddoo uumaa jira.

​3. Hariiroo Biyyoota Lamaanii:
Itoophiyaa fi Iraan hariiroo diippilomaasii kan qaban yoo ta’u, yeroo ammaa kana walitti dhufeenyi isaanii kan xiyyeeffatu faayidaa dinagdee fi marii siyaasaa idilee irratti. Itoophiyaan biyyoota nagaa fi tasgabbii barbaadan waliin hariiroo gaarii uumuuf yaaltu keessatti, Iraanis biyya dhiibbaa ishee qabduudha.
​
​*"Haala Addunyaa fi Nuuf:
​Itoophiyaa: Yeroo ammaa biyyi keenya nageenyaa fi misooma irratti xiyyeeffattee, haala keessa jirtu tasgabbeessuuf carraaqqii cimaa gochaa jirti.

​Iraan: Biyyi Iraan rakkoo siyaasaa fi waraanaa naannichaa keessatti dhiibbaa mataa ishee qabdi. Kunis naannicha keessatti yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera.
​Walumaagalatti: Addunyaan keenya yeroo ammaa kana jijjiirama cimaa fi rakkoo garaa garaa keessa jirti. Nageenyi, tasgabbiin fi wal-hubannoon biyyoota gidduu jiru hunda keenyaaf bu'aa qaba. Waa'ee nageenyaa fi tasgabbii addunyaa irratti yaada keessan nuuf hiraa!"

​Fakkeenya: "Isin maal jettuu? Itoophiyaan hariiroo biyyoota alaa akkamii uumuu qabdi jettu? Yaada keessan komentaar (comment) irratti nuuf barreessaa."
​Fakkeenya: "Haala kana keessatti nageenyi haa dursu isiniin jedha moo dhimma biraa? Yaada keessan nuuf qooddaa."

29/03/2026

Dhiibbaa Lolla Galaana Diimaa fi Hormuuz: Hawaasni Addunyaa maal jedha?

​Qabiyyee (Body):

Yeroo ammaa, naannoo Galaana Diimaa (Red Sea) fi Riqicha Hormuuz (Strait of Hormuz) irratti waraanni fi tasgabbii dhabuun daldala addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Kun immoo nutis dabalatee, hawaasa addunyaa hundaaf dhiibbaa mataa isaa qaba:
​Gatiin Meeshaalee Dabaluu: Dooniiwwan fe'umsaa nagaa karaa dheeraa deemuuf dirqamuun isaanii, baasii geejjibaa dabalee jira. Kun ammoo meeshaaleen nuti bitannu (akka midhaan, boba'aa fi meeshaalee biroo) gatiin isaanii akka ol ka'u taasisaa jira.
​Boba'aa fi Gaazii: Riqichi Hormuuz iddoo boba'aan adduunyaa hedduun itti darbu waan ta'eef, tasgabbii dhabuun achi keessaa gatii boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa kallattii qaba.

​Yaaddoo Nageenyaa: Daandiiwwan kunniin "dhiiga" daldala addunyaa waan ta'aniif, waraanni itti fufuun isaa jireenya guyyuu keenya irratti dhiibbaa qaba.
​Walumaagalatti, rakkoon daandiiwwan galaanaa kanaa rakkoo biyya tokkoo qofa miti; rakkoo dinagdee addunyaati. Haalli kun yeroodhaan furamuun nagaa fi tasgabbiin akka deebi'u hawwina.

​"Haalli galaana diimaa fi hormuuz irratti uumamee jiru gatii meeshaalee fi jireenya keenya irratti dhiibbaa geessisaa jiraa? Isin maal jettuu? Yaada keessan komentaarii irratti nuuf barreessaa!"
​

28/03/2026

Huutiin Israa'elitti misaayela dhukaasuu mirkaneesse
Misaa'eloota HuutiiMadda suuraa,Almasirah
Gareen hidhataa Yaman Iraaniin deeggaramu Huutiin erga waraanni US-Israa'eliifi Iraan eegalee yeroo duraaf gara Israa'elitti dhukaasuu beeksise.

Dubii himaan waraana Huutii Yaahiyaa Saaree haleellaawwan misaayelaa hedduu buufataalee waraanaa Israa'elirratti xiyyeeffatan'' raawwatamuu mirkaneesse.

Haleellaan kun haleellaa Iraan, Libaanos, Iraaqiifi Filisxeem keessatti raawwatamaniif deebii kennuufi.

Haleellaan Huutii kun hanga weerarri adda hundaan baname xumuramutti itti fufa jedhe dubbii himaan kun.

Israa'el misaayela Yamanirraa dhukaafame qolachuu beeksisteetti.

​

28/03/2026

🚩 ODUU GEEGEESSAA: AMEERIKAAN HUMNA WARAANAA GURGUDDAA GARA GIDDU-GALEESSA BAHAATTI ERGAA JIRTI!
​[YAZED ORO PAGE — Odeeffannoo Yeroo Ammaa]

​Waraanni naannoo Giddu-galeessa Bahaatti (Middle East) jiru gara sadarkaa yaaddessaa itti aanutti ce’uuf akka jiru mallattooleen ni agarsiisu. Maddeen odeeffannoo Ameerikaa akka gabaasanitti, doonni waraanaa gurguddoon Ameerikaa George W. Bush jedhamtu gara naannoo sanaatti akka socho’u ajajni kennameera.

ā€‹šŸš¢ Doonii Waraanaa "George W. Bush" fi Kaayyoo Ishee
​Doonni waraanaa tun dooniiwwan biroo gurguddoo kanaan dura naannoo sana turan waliin makamuun humna Ameerikaa fi Israa’el jabeessuuf deemti.
​Qophii Cimaa: Gareen waraanaa doonii tana duukaa jiru osoo gara naannichaatti hin furiin dura, waraana bal’aa irratti hirmaachuuf leenjii cimaa xumuruun qophii isaa mirkaneessee jira.
​CENTCOM: Doonni tun Ajaja Giddu-galeessaa Ameerikaa (CENTCOM) jalatti kan socho’tu yoo ta’u, kunis kallattiin dhimma waraana Iraan waliin jiru hordofuuf kan karoorfamedha.

ā€‹āš”ļø Humnoota Walitti Makaman
​Doonni George W. Bush tun dooniiwwan waraanaa gurguddoo kanaan dura achi jiran kanneen akka:
​Gerald R. Ford fi
​Abraham Lincoln waliin ta’uun humna galaanaa fi qilleensaa kanaan dura argamee hin beekne naannoo sanaatti uumuuf jirti.

ā€‹šŸ” Dhiibbaa fi Karoora Ameerikaa
​Ameerikaan tarkaanfii kanaan Iraan irratti dhiibbaa waraanaa cimaa uumuu barbaaddi. Keessattuu, yeroo wal-rukutaan gama lamaan gidduutti hammaachaa jiru kanatti, humni kun gara naannichaatti dhufee makamuun isaa "waraana bal’aaf qophii dha" ergaa jedhu dabarsaa jira.
​Yaada keessan nuuf qooda: Sochiin humna waraanaa Ameerikaa kun lola jiru ni qabbaneessa moo caalaatti hammeessa jirtu? šŸ’¬šŸ‘‡
​

Photos from š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ's post 28/03/2026

🚩 ODUU GEEGEESSAA: HAALLA IRAAN FI ISRAA’EL — WARAANNI BAL’AAN DHALACHUURRA JIRAA?
​[YAZED ORO PAGE — Odeeffannoo Yeroo Ammaa]

​Haalli nagaa fi tasgabbii Giddu-galeessa Bahaa (Middle East) yeroo ammaa kana baay’ee yaaddessaa ta’ee jira. Erga Iraan misaa’iloota dhibbaan lakkaawwaman Israa’el irratti roosteeyyuu, addunyi hundi "Israa’el deebii akkamii kenniti?" gaaffii jedhuun ijji ishee gara naannoo sanaa garagalee jira.

ā€‹šŸ”“ Israa’el Maal Karroorsite?
​Mootummaan Israa’el haleellaa Iraan kanaan duraa akka salphaatti akka hin ilaalle beeksiseera. Akka gabaasni garaa garaa agarsiisutti, Israa’el deebii "cimaa fi sodaachisaa" ta’e kennuuf qophii xumurteetti:
​Xiyyeeffannoo Boba’aa: Bu’uuraalee misooma boba’aa Iraan haleeluun dinagdee ishee laamshessuun akka karroora tokkootti ilaalamaa jira.
​Sagantaa Niukilaaraa: Haleellaan kun gara bakkeewwan qorannoo niukilaaraa Iraanitti dabaluu danda’a sodaan jedhu bal’inaan jira.

ā€‹šŸ”“ Iraan Maal Jetti?
​Iraan gama isheetiin akeekkachiisa xumuraa kenniteetti. "Yoo Israa’el dogoggora lammataa raawwatte, deebiin keenya kan kanaan duraa caalaa harka baay’ee cimaa ta’a," jechuun qondaaltonni waraana biyyattii dubbataniiru. Humnoonni ishee fi michoonni ishee naannoo sana jiran hundi qophii irra akka jiran ibsiteetti.

ā€‹šŸ”“ Gahee Ameerikaa fi Addunyaa
​Ameerikaan gama tokkoon Israa’eliif deeggarsa ittisa misaa’ilaa fi waraanaa kennuuf waadaa galtus, gama biraan ammoo waraanni bal’aan akka hin dhalanneef Israa’el akka of qusattu dhiibbaa gochaa jirti. Keessattuu, bakkeewwan niukilaaraa Iraan akka hin haleelamne gorsaa jirti.

ā€‹āš ļø Dhiibbaa Addunyaa Irra Gahu
​Waraanni kun yoo uumame:
​Gatiin boba’aa addunyaa irratti baay’ee dabaluu danda’a.
​Biyyoonni naannoo sanaa (Arabaa) waraana kanaan akka hin xifneef soda guddaa keessa jiru.
​Yaada keessan nuuf qooda: Akka keessanitti waraanni kun nagaan ni xumurama moo gara lola guddaatti deema? šŸ’¬šŸ‘‡
​

Photos from š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ's post 26/11/2023

------------------------Arsii Sirkaa--------------------
Jetti Mata Dureen Dubbii Tiyyaa
Woliif Haa Birmannuu Wol irratti miidhaa hin ilaalluu.....

Uummata hamaa hin beekne
Dilboo garaa qulqulluu
Warra Oromummaan ciche
Kan duudhaan akka tulluu

Warra ofiisaa dheebotee
Dheebotaaf aannan laatu
Warra safuufi kabajaan
Araddaasaa jiraatu…

Hamminaan xurooftanii
Daba itti qirixxanii
Maal sin godhe Ummanni Sirkaa
Maaf guddaasaa fixxani?

Haadha dhiiraa boochiftanii
Maaf Lubbuuf qabeenya
Isaa maaliif mancaaftanii
Innoo Madaa isaa hidhatee

Dhala isaaf hafe guddisuuf fiigaa
Madaan kaleetuu hin fayyine
Har'a abbootiin dhuftanii
Dhiiga Qeerroo meeqaa
Kalee dhangalaaftanii

Lubbuu meeqaatami
Lafarraa hobbaaftanii
Har'a Ammoo kunoo
Abbootiin nutti dhuftanii

Karraa gadi waamtanii
Maaliif lolaastan dhiiga?
Hawaasa nagaha jaalatu
Maaliif nagaha dhoowwitanii

Har’as akkuma kalee
Bukoo keessan horfituu?
Haqa dirreerra jiru
Eenyu jalaa dhoksitu?

Akkasitti hafa hin taatu
Haqni uummata koo dabee
Sin gaafata gaaftokko
Lafeen Sirkaa kan cabe! (Ɨ2)

Gumaan qulqulluun Oromoo
Waa Hafa hin taatu takkaallee
Kan xiqqaafi guddaa
Meeqa Boolla tokkotti awwaalle!

Waajii raphasaa, soojjii saadee,
Biduu baalaa, Heellaa amajaa,
Heellaa xareetaa, Gallabee Amajaa,
Looxosaa hanga dayyoo'
Macarra fi gallabee hulul, koo jabaadhu
Har'i dukkanaayus boru
Bari'uun isaa hin hafuu (Ɨ2)

Worra lubbuun dabreef
Rabbiin haa raahmatuu
Isin maatii isaanii
Obsa bareedaa rabbi
Isiniif haa kennuu

Namni nama miidhe
Tokkoo qixaata rabbii
Jalaa hin bahuu
Rabbitu sifaana jiraa
Sirkaa too jabaadhu

Miidhamtus naaf obsi
Yaa harmee atis garaa
Kee hidhadhuu rabbitti irkadhuu
Dhugaan tee rabbi biraa
Oromoo koo jabaadhu! (2Ɨ)

Bara beeyladoonnillee
Akka namaatti yaadan
Maaf laata? dhalli namaa
Ajjeechaaf kan wal gaadan

Bara fardi akka namaa
Da'oo waliif dhaabbatu
Du'aattuu wal mararu
Dhala namaa jedhamuun
Warri isa yaabbatu

Maaf jiraa wal dararu?
Jiruutu dhangaggaa'e
Addunyaan taatee bukoo
Isa fannoo fuuchuutti
Nu bu'e inni ukoo! (Ɨ2)

Aadaaf duudhaa dagannee
Garuma fedhaa yaanee
Sammuun keenya diddaa'ee
Beeyladaa gadi taane ..... Malee,...

Qomoon koo inni durii
Qomoon koo inni qaataa
Ofirra wal jaallata
Lubbuusaa waliif laata

Godaannisa Harargee
Wallaggi kulkulfata
Dhibee Oromoo Walloo
Booranni dhukkubsata

Dhimmi Arsii fi Baalee
Kan Iluu tiifi Jimmaa
Kallattii afraniinuu
Oromoo maraaf dhimma

Waa'ee Oromoo Shawaa
Beddelleetu gaafata
Gumaa Oromoo Gujii
Matakkal'tu baafata
Malee akka har'aa kana
Galee gandaaf gooxiitti

Dhimma wolii dagatee
Hin fannisu qooxiitti
Nus daandii jaraa malee
Akki har'aa nun baasuu. (Ɨ2)

Adaraa yaa Oromoo
Waliif qabaanna naasuu
Gammachuu walii gaddaa
Gadda wolii sirbinee

Ormatti kooluu hin gallu
Aanaa keenya jibbinee
Nu baraa qaama tokko
Miilaa hanga mormaa

Kutaaf amantaan qoodnee
Waliif hin taanu orma
Namummaa hin dagannu
Hanqannee hanga loonii

Obbolaa keenya nyaachuuf
Hin qarru albee foonii....
Eeyyee nu qaama tokko
Cabnu woliin okkolla

Gufannu woliin kufna,
Ceenu waliin offolla
Gaariis haa ta'u hamaa
Hundaa waliin arginaa (Ɨ2)

Kottaa waliif haa taanu
Da'oo gaafa rakkinaa
Adda ba'uu hin dandeenyu
Oromummaatu dhiigaa
Adaraa yaa sabakoo
Gamoo jaalalaa ijaarraa
Gombisaa jibbaa diigaa! (Ɨ2)


https://www.facebook.com/Muaawiyaa.shehkmohaammadsuruur?mibextid=ZbWKwL. By Mu'aawiyaa Sheikh Mohammed Suruur

Photos from š˜š€š™š„šƒ šŽš‘šŽ Pαɠҽ's post 13/10/2022

KFOn murtee dhimma daangaa Finfinnee fi Oromiyaa mootummaan gidduu darbe dabarse ilaalchisee, sababaa fi ragaadhan erga turee booda Ibsa bal’aa kana baasee jira. Itti dhiyaadhaa, qalbifadhaa!

"Waliigalteen Daangaa Finfinnee Sararuuf Dhiheenya Kana Godhame Dantaafi Gaafii Ummata Oromoo Kan Hin Kabachiifne Waan TaƩef Fudhatama Hin Qabu!"

Dhimma Daangaa Magaalaa Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname

Magaalli Finfinnee magaalaa guddittii Mootummaa Naanno Oromiyaa fi handhuura Oromoo yoo taatu akka teessoo Mootummaa Federaala Itoopiyaa fi wiirtuu diipiloomaasii Afrikkaatti tajaajilaa jirti. Magaali kuni erga dhuma jaarraa 19ffaa keessa bara bulchiinsa Atsee Minilik 2ffa weeraraan jiraattota Oromoo buqqisuun ijaaramtee asitti, Oromoota naannawa ishee jiraatan jiruu hawaas diinagdee isaanii diiguun, afaani fi aadaa isaanii balleessaa hanga harƔatti daangaa beekkamaa tokko malee babalƔchaa jirti.

Dhimmi abbumaaa magaalaa Finfinnee gaafilee ijoo ummata Oromoo bara dheeraa akka teés ni beekkama. Ummanni Oromoo baroota dheeraaf abbumaan magaalicha irratti qabu guutummaan akka mirkanaayu, magaalaaniis addaa afaanifi hawaas diinagdee Oromoota ishee fi naannawa ishee jiraatan akka hin balleesine; buÔa guddina magaalichaa haala haqa qabeessa taéen akka qooddatu; faalamni naannoo guddina magaalichaa waliin walqabatee dhufe akka tooÔtamuufii dandamatu;ummani Oromoo seeran ala buqqifames akka deebié ijaaramu gaafachaa turee jira. Haataú malee gaafiin kuni mootummoota dhufaa dabraa biyyattiitiin deebii gahaa otuu hin argatin harÔ irra gahee jira.

Dhiheenya kana Bulchiinsi Godina Addaa Naannawa Finfinneetifii Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waltaĆŗun dhimma daangaa isaan jidduu jiru jedhanii yaadan irratti ibsa kennanii turan. Ibsa kana keessatti bulchinsi lamaanuu waloon koree teekiniikaa hundeessuun akkaataa uumama Finfinnee, guddina ishee fi miidhaa uummata Oromoo irraan gahamaa ture akka qorachiisanii fi bu’aa qorannoo kana irra dhaabbachuun murtii akka kennan eeranii jiru.

Akkaataa kanaanis Magaalaan Finfinnee weeraraan uumauu ishee, uummata Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuu, seeraan ala gara Naannoo Oromiyatti babal’achuu ishee erga amananii booda, Magaalaan Finfinnee seeraan ala gara Oromiyaatti Heektaara 11,000 (kuma kudha tokko) qofa waan bal’atteef Heektaara 54,000 (kuma shantamii afur) irraa hir’isuun bal’ina Magaalaa Finfinnee Heektaara 43,000 (kuma afurtamii sadii) akka ta’etti beekamtii kennuun murtii seenaa dogoggora uummata Oromoo irratti raawwatanii jiru.

Murtiin siyaasaa argannoo koree teeknikaa faallessuun kenname kuni kan gaafii buúra ummataa deebisu otuu hin taín kan burjaajii uumufii babaldhifannaa seeraan alaa waggootaaf gaggeefamaa ture beekamtii kennuun golgaa seerummaa uwwisuuf kaayyefameedha waan taéef Kongirasiin Federaalawa Oromoo(KFO)n cimsee balaaleffata.

Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFOn) gama isaatiin dhimma seerummaa babalÔchuu daangaa Magaalaa Finfinne, miidhaa babalÔchuun kuni barootaaf ummata Oromoo irraan gahaa ture, gaafiilee buúuraa ummanni Oromoo magaalicha irratti qabuu, fi hariiroo Mootummaa Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Addaa Naannawa Finfinneeti fi Bulchinsa Magaalaa Finfinnee jidduu jiraachuu qabu illaalchisee koree ijaaree qorannoo baldhaa mataa isaatiin gaggeesee jira.

Haaluma knaan ragaalee barreeffamootaa,qorannoowwan dhimmicha irratti yeroo adda addaatti gaggeefaman labsiiwwaan, wixineewwaan maasteer pilaanii yeroo adda addaa, Chaartara Mootummaa yeroo ce’umsaa bara 1991,Heera Mootummaa FDRI, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Chaarteera Bulchinsa Magaalaa Finfinnee,Maappiwwan Arch GIS Magaalaa Finfinnee fi kkf. akkasumas qabatama lafa urra jiru irratti bu’uureffachuun qorannoo isaa gaggeessee jira. Bu’uuruma kanaan gochaawwan raawwatwman, seera qabeesummaa isaanii fi miidhaa isaan uummata Oromoo irraan gahaniitiin argannoowwan gurguddoo bira gahuun yaada furmaataa isaanii wajjin akka armaan gaditti ibsa.

Gochaawwan Raawwataman:-
****
1/Bara 1880 dura Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneen tokko ta’uu isaanii;Magaalli Finfinnee weeraraa bara 1880-1900 keessatti kan uumamuu yaalamte ta’uu ishee;
2/Mootummaan Miniliki akka kaampii waraanaatti itti fayyadamuu isaarra darbee Magaali Finfinnee Heektaara meeqa akka bal’attu kan hin ibsinee ta’uu;
3/Mootummaan Hayilessillaasee yeroo lama master pilaanii hojjechiisuyyuu bara 1961 tti magaalli Finfinnee Heektaara 21,800 akka bal’attu kaa’ee turuusaa;
4/Akkasumas, mootummaan Dargii yeroo lama maasteeri pilaanii Magaalaa Finfinnee yeroo hojjechiisuu bal’inni Magaalichaa Heektaara 22,200 ta’uu ishee ibsuu fi,
5/Mootummaan Adda Diimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) immoo battaluma tokkoon gandoota baadiyyaa Oromiyaa 23 gara magaalaa Finfinnee makuun bal’ina Magaalichaa Heektaara 54,000 tiin gahuu isaa hubatameera.

B. Seera Qabeesumma Gochaaawwan Kunneenii:-
*****
1/Mootummaa Miniliki, Hayilesillaasee fi Dargii ta’aniis yeroo babal’ina lafaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee raawwatan uummata Oromoos ta’ee bulchitoota yeroo sanii kan hin mariisifnee fi waliigalteen kan hin jirree yoo ta’u aangahoonni ol’aanoo mootummaawwan sanii qofti irratti waliigaluun lafa Magaalaa Finfinnee akka babal’isaa turan hubatameera.

2/Mootummaaan Adda Diimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) dhimma Magaalaa Finfinnee irratti marii gaggeessuun bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 22,200 ta’uu ishee amanuun, dabalataniis, haandhuura Naannoo Oromiyaa keessatti argamuu ishee fudhachuun, Magaalaa Finfinnee irratti faayidaan addaa akka uummata Oromoo tiif eeggamuu danda’u Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) jalatti tumeera. Haata’u malee, mootummaan kunis, raawwiif akka toluutti yaada dhimma heera mootummaa labsiidhaan deeggaruun hafee seeraan ala humna isaatiin uummata Oromoo tuffachuun lafa heektaara 31,800 gandoota baadiyyaa Oromiyaa 23 irraa gara Magaalaa Finfinneetti kutuun bal’ina ishee gara Heektaara 54,000tti kaasee ture.

3/Mootummaan Paartii Badhaadhinaas koree teekiniikaa hundeessee yeroo dhimmicha qorachiisetti babal’inni magaalichaa yeroo chaarteeraa asi (Heektaara 22,200 ala) taasifame seeraan ala ta’uu isaa mirkaneesse, aangahoon siyaasaa garuu faallaa gabaasa koree teekiniikichaatiin bal’inni magaalichaa heektaara 43,000 jechuun murtii siyaasaa kan itti kenne ta’uunsaa hubatameera.

Miidhaa Murtee Aangawoota Siyaasaan Uummata Oromoo irra Gahe:-
*****
Uummanni Oromoo eegaluu uumama Magaalaa Finfinnee irraaa eegalee haga ammatti qee’ee isarraa buqqaafameera, aadaa fi afaan isaa akka badu yaalameera, iddoo tokko tokkootti immoo sanyiin maatii tokkoo akka badu gochuun, gochaawwaan yakkaa mirga namoomaa kan irratti raawwatame ta’uunsaa sirriitti hubatameera.
Uummanni Oromoo qee’ee isaarratti orma ta’uun mirga aangoo siyaasaa Finfinnee irraaa qabu mulqamee jiraachuunsaa hubatameera.
Uummanni Oromoo qee’ee isaarratti qabeenya horatee abboomuunsaa hafee, lafa isarraa yeroo yeroon buqaafamuun, hiyyummaa jalatti akka kufu ta’ee, inni dhiiraa waardiyyaa ishiin dubartii immoo hojjettuu manaa warra lafa isaanii irraa isaan buqqaasee ta’uun jireenya gadadoo keessa akka jiraatan dirqamuun isaanii beekameera.
Keesumaa warri buqqa’anii asii baqatanis ta’ee duraanuu qarqara laga Aqaaqi Basaqaa jiraatan dhangala’oon keemikaalaoota warshaalee warra isaan buqqisaniin naannoo isaanii faaluun, beellada isaanii irrattis ta’ee namoota achi jiraatanirratti dhibee hinbeekamnee fi qoricha hinqabneen miidhamaa jiraachuun isaanii hubatameera.
Uummanni Oromoo dhimmoota kanneen mormuuf baroota adda addaa yoo manaa bahan carraan isaan eeggatu ajjeefamuu fi hidhamuun kan turee fi keesumaa mormii Oromoo guddichaa dhimma maasteer pilaanii bara 2006 hanga bara 2010 gaggeeffameen jaarsafi jaartii, beekaafi wallaalaa, dureessafi hiyyeessa, daa’imaafi gaheessa osoo hin jedhiin namootni lakkoofsaan 5000 ol ta’an itti wareegamanii, kuma dhibbaatamaan kan lakkawwaman ammoo mana hidhaatti guuramaniiru; miiliyoonotaan immoo qee’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO)nis dhimma kanarratti yeroo fudhatee gadifageenyaan erga mariyatee booda, ibsa ejjannoo qabxiilee armaan gadii of-keessaa qabu baaseera.

1).Magaalaan Finfinnee magaalaa guddittiifi handhuura Oromiyaati. Kanaafuu Magaala Finfinnee ilaalchisee gaafiin ummata Oromoo mirga abbaa biyyummaa taƩe utuu jiru gara gaafii daangatti gadi buufamee ilaallamuun isaa kan fudhatama hin qabneedha.

2).Akka qaama Oromiyaatti Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jidduu daangaan jiraachuun yoo barbaachise daangaa bulchiisaa seeraan beekkamtii qabu kan bara 1991-92 yeroo Mootummaa Ce’umsaa jiru dha. Babaldhifannaan daangaa yeroo sanan asi godhame hundi kan seeraan alaati. Haaluma kanaan Kongireesiin Feederaalawaa Oromoo (KFO)n hanga sirni feederaalawaa cimee jiruttii Magaalli Finfinnee Magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaa fi magaalaa gudditti teessoo mootummaa federaalaa ta’eetti bal’inni magaalichaa isa ennaa Heerri Mootummaa FDRI’tiin mirkanaahee jiruu Heektaara 22,200 tti akka deebi’u jabeessee gaafata.

3).Mootummaan ADWUI yeroo Mootummaa Ce’umsaa Chaartera keessatti fi Heera Mootummaa FDRI keessatti marii gaggeeffameen bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 22,200 ta’uu isaa hubatefi heeraan deeggaree osoo jiruu, Bulchinsi Magaalaa Finfinnee fi Bulchhinsi Gidina Addaa Naannawa Finfinnee waloon bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 43,000 akka ta’etti murtee kennuun isaanii babaldhifannaa seeran alaatif beekamtii kennuu waan taĆ©ef Koongireesiin Feederaalawaa Oromoo (KFO)n jabeessee ni morma.

4).Bulchiinsi lamaanuu faalla heera mootummmaatiin gaafii lammileen Oromoo gatii lubbuu hedduu itti kafale cinatti gatuun lafa akka gurgurtaaf isaanii tolutti asii achi kutuun gaaffii Uummata Oromoo akka deebisanitti Uummata Oromoo irratti baacuun tuffii uummata Oromootiif qaban agarsiisa waan ta’eef gochaan kun attattamaan akka dhaabbatu cimsee gaafata. Waliigalteen daangaa ilaachisee bulchiinsa lamaan jidduu godhame kunis hojitti akka hin hiikkamne gaafata.

5).Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) jalatti Finfinneen handhuura Oromiyaa keessatti waan argamtuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma dhiyeessa tajaajilaa, itti fayyadama qabeenya uumamaa, haala bulchiinsa lamaanuu walitti guduunfu irratti faayidaan addaa Oromiyaaf malu akka eeggamu jechuun tumee jira. Haata’u malee hanga ammaattuu labsiin bahe irratti hunda’ee mirgi kun eegamuufii dhabuun Dh.D.U.On kaleessa ta’ee Paartiin Badhaadhinni har’aa mirga uummata Oromoo dabarsanii kennuu malee eegsisuu akka hindandeenyee fi fedhii akka hinqabne uummata Oromootiif mirkaneessaniiru.

6).Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirga siyaassaa, diinagdee fi hawwaasummaa uummanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qaban hunda akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) tiin kabachiisuufii akka qabu KFOn ni hubachiisa.

7).KFOn mootummaan fedaraalaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti uummanni Oromoo teessoo addaa isaan malu argatu; bulchiinsi lamaanuu waloon haala galii walitti qabuu danda’anii, kiraa bishaanii Oromiyaa irraa argamuu, galii mirga abba qabeenyummaa (royalty) albuudaalee adda adaa, mala miidhaa faalamni naannoo balfa industirii fi manneen keessa bahan fidan ittisamuu danda’anii ; miidhaa hanga ammaa gaheef beenyaa isaaniif malu argachuu danda’aniifi akkaataa manca’inni naannoo bakkatti deedbi’uu danda’amuu irratti attattamaan Labsii akka baasu ni gaafata.

šŸ˜Ž.Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggootii 28 darbaan guutuu faayidaa uummanni Oromoo argachuu qabu dhorkachuun gocha faallaa heera mootummaa FDRI ti waan ta’eef attatamaan ogeessoota gahumsa qabaniin dhimmicha erga qorachiisee booda beenyaa waggoota 28 dhala isaa waliin uummata Oromootiif akka kaffalu KFOn cimsee gaafata.

9).KFOn bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo Afaan Amaaraa wal cina afaan hojii bulchiinsa magaalichaa akka ta’uu qabu cimsee ni gaafata.

10).Sababa babali’ina magaalichaan warri qee’ee isaanii manca’e, warri miidhaan diinagdees ta’ee hawwaasummaa irra gahamee fi warra wardiyyaa fi hojjettuu manaa weerartoota isaanii ta’an attattamaan erga qoratamanii booda bulchinsi Magaalaa Finfinnee beenya gahaa kaffaluufiin magaalicha keessatti bifa deebi’anii dandamatan akka uumamuuf KFOn akeekkachiisa.

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Onkoloolessa 3, 2015 ALI

Want your business to be the top-listed Government Service in Riyadh?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Riyadh
ORO