Abdii Bultum

Abdii Bultum

Share

Yaadan yaada moo, uu

12/01/2022
15/08/2021
19/11/2020

https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=111305977464184&id=102792958315486

Dhugumatti Mootummaa Uummataa jechuun kanuma!

Gaggeessitootni garee Juuntaa daqiiqaa fi sekoondii kanatti eessa akka jiran ni beekna. Daawwii keenyaan ala miti.
Manneen amantaa fi iddoowwan hawaasni itti hedduummaatu keessa ruqamanii jiru. Nuyi garuu hantuutni tokko mana seente jennee manicha guutummaan hin gubnu. Tigraay mana keenya! Nuyi farra uummataa miti kan uummaata Tigraay rukunnu.

Ajajaa Ol'aanaa Humna Qilleensaa
M/J Yilmaa Mardaasaa- Faanaatiif

10/05/2020

...Gurgurata wallaaltee Gabaa komatti jedhan...
..Tiksee yartuun dhihootti dhiistee fagoo deemti...
Mammaaksa.
Amma ammoo citaa saamaa nama mana tokko waliin ijaaru of fakkeessiti. Manicha ijaaruf ana qofatu abbaa ogummaati jetti. Dagalee fi utubaa ni dhoksiti.
Citaa ni dhoksiti. Garuu nama mana tokko ijaaru of fakkeessuf soba lolti.
Qeeqni arrabsoo itti fakkaata. Waan golaa fi waan alaa hin beektu.
soba dhugaa fakkissitee jaalatamuuf dhamaati. Tikseenis warri gabaatis boru wal argina. Boru guyyaa gabaati. Tikseen yoo sirnaan eeguu baatte tasa kan gabaa geeffatu loon kee mucuq godha. Ykn ammoo gurgura wallaalee otoo gabaa komatuu qabama.

07/05/2020

Ayii fulbaana 30 booda!
Hawwi taate haftega???

13/04/2020

Oduu
Saudi Arabia fi Emreets lammiilee Ethiopia heddu biyya isaaniitii baasuuf akka tahe ibsameera

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr Liiyaa Taaddasa Gaazexaa Addis Admas jedhamuuf akka himtetti, Sa’uudii fi Emreets lammiilee Ityoophiyaa kumaatamaan lakkaahaman, ofeeggannoo gahaa malee haala dhibeef saaxiluun biyya isaanii irraa baasaa jiraatuun yaaddoo guddaa tahuu ibsite. Dr Liyaan akka himtetti, Sa’uudiin qofti torbaan lamaan dhufu keessa lammiilee Ityoophiyaa 3,000 ol gara Ityoophiyaa deebisuuf qophii xumurtee jirti.
Lammileen kunniin qorannoon fayyaa osoo hin godhaminiif, iddoo tokkotti walitti qabamanii haala hamaa keessa kan turan tahuu isaaniitiin, dhibee Vayirasii koroonaatiif saaxilamuu malu sodaan jedhu guddaa tahuu beeksiste. Haaluma kanaan lammiilee kanniin Yunivarsiitiilee keessatti iddoon itti tursiifamanii hordoffiin fayyaa godhamuuf of eeggannoo cimaan qophaayuus ibsame.
Dr.Liyaan ibsa isii kanaan, lammiileen Sa’uudiin biyya isiitii baasaa jirtu kuma sadi ol tahuu akka maluufi, torbee dhuftu irraa jalqabee guyyattii nama 200 qofa simachuuf kan yaadame tahuu himte.
Gama biraatiin ammoo namoota hanga ammaa Vayirasichi irratti argame jidduu 27 ol Dubaay irraa kan dhufan tahuu ministeerri fayyaa beeksiste.

03/03/2020
09/02/2020

Mee Har'a hundeeffama mootummaa Geeraa Dubbisaa

Manguddoonni ani dubbise hunduu bu'ura mootummaa Geeraa kan kaa'e nama Gunjii jedhamu akka ta'e natti himan. Gunjiin mootii Geeraa jalqabaa ture. Akka Muhammad Hasan irra jirutti inni hogganaa cimaa, kan ummata isaa to’ateefi diinarraa tikseedha. Garuu dafee bara 1835tti du’ee ilmi isaa Tulluu Gunjii jedhamu bakka isaa bu’e. Akka odeeffannoo afaaniitti Tulluun nama cimaa, siyaasa danda’u, lolaan beekamaafi bulchiinsa danda’u ture. Tulluun ummata Geeraatiin walii galtee gaarii qaba ture. Akkasumas naannoo Gibee keessatti beekamaadha. Ummata isaatiin walii galuun ollaatti akka baballatu isa deeggaree ture. Akka jedhamutti Kafaa, Gommaafi Guumaatti duulee ture. Keessumaa hariiroon inni mootii Guumaa Oonchoo Jiilchaatiin qabu hamaa ture. Wal dhabbiin isaanii cimuu irraa kan ka’e Oonchoon nama biraa taayitaa irra kaa’uu fedha ture. Manguddoonnis yaada kana sirriidha jedhan. Akka Obbo Fariid jedhanitti Tulluun mootii Guumayiin wal dhabbii cimaa qaba ture. Mootiin Guumaa mana isaatti qabee akka ajjeese dubbatan. Erga Tulluun ajjeefamee ilma isaa Abbaa Boosootu mootii ta'e. Akka kitaaba Muhammad Hasan irra jirutti immoo Tulluun ummata isaatiin walii galus obboleessi isaa gara abbaa kan Abbaa Boosoo jedhamu isa rakkisaa ture. Haati Abbaa Boosoo intala Oonchoo Jilchaati. Qabsoo jidduu Tulluufi Abbaa Boosoo ture keessatti Oonchoon akaakaa isaa deeggare. Lola keessatti Tulluun qabame. Akka mootiin Guumaa mootii isaanii lakkisu ummanni Geeraa keessummaa erganii turan. Akka jedhamutti Oonchootu isa ajjeese. Keessummoonni dhaqanii Tulluu baasuuf yaaluu kana manguddoonnis ni dubbatu; garuu yaada Abbaan Boosoo obboleessa Tulluuti jedhu ni morman. Akka manguddoonni jedhanitti Abbaan Boosoo ilma Tulluuti; Tulluudhaan wal dhabbiis hin qabu ture. Abbaa Raagoo isa booda mootii ta'eef obboleessa ture; isaan wal dhabbiis ni qaba ture. Erga Tulluun ajjeefamee Abbaan Boosoo mootii Geeraa ta’e. Akka inni taayitaa qabatu kan gargaare mootii Guumaa Oonchoo ture. Garuu Abbaan Boosoo ummata Geeraatiin walii galtee hin qabu ture. Yeroo gabaabaa qofa turee naannoo bara 1838 obboleessi isaa Abbaan Raagoo bakka bu’ee inni gara Jimmaatti ari’ame. Akka manguddoonni naan jedhanitti Abbaan Boosoo nama garaa laafu ture. Namoota hojjachiifachuu dide. Yeroo kana sooressoonni itti dallanan. Nuti siichi ofii keenyaa hojjatachuudhaa jedhanii Abbaa Boosoo biyyaa ari'uuf shira xaxan. Ija isaaniitti godaa hidhanii Abbaa Boosoo gara Jimmaa daarii Geeraa bakka Qolla jedhamutti ari'an. Jimmatu gogaa sana irraa baase. Sababa kana Jimmaan siif haa ifu jedhanii eebbisan; gosa Geeraa kan akka ijji isaanii hidhamu godhe immoo sitti haa dukkanaa'u jedhanii abaaran. Geeraas akka walii galaatti abaaraniiru jedhu. Gosti isaan abaaran sun osoo hin jaamin akka hin duune natti himan. Akkasuma Geeraanis harki caalu bosona ta'ee hafee jedhu. Yeroo ammaa ilmaan Abbaa Boosoo aanaa Saqqaa keessatti argamu.
Masaraan mootolee Geeraa kan hundaatuu bakka "Caallaa Guddaa" jedhamu ture. Bakkichi yeroo ammaa aanaa Geeraa ganda Ganjii Caallaa jedhamu keessatti argama. Akka manguddoonni natti himanitti yeroo ammaa bosonni irra garagalee argama.
Akka ani manguddoo irraa odeeffadhetti mootoleen dabareedhaan Geeraa bulchan kanneen armaan gadiiti:
Gunjii
Tulluu Gunjii [1835-1838]
A/Boosoo Tulluu [1838 keessa qofa]
A/Raagoo Tulluu [1838-1848]
A/Magaal A/Raagoo [1848-1866]
A/Raagoo A/Magaal [1866-1875]
Gennee Dagooyyee (Guumayittii) [1875-1887]
A/Magaal lammaffaa [1892-19..]
Abbaan Raagoo guddaan naannoo bara 1848 du'anii ilmi isaanii Abbaan Magaal guddaan bakka bu'an. Seenaa warra kanaa sagantaa yoo mijaa'e fuulduratti dubbachuu yaalla.

By Gali Ababor

Want your business to be the top-listed Government Service in Riyadh?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Riyadh