10/01/2022
Lammiitu Lammiif Dhiiga!
➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩
Baratan kun Bultee Addaamuu Taaffasaa jedhama. Dhalataa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo Ganda Guutee Mika'eelidha. Haadha hin qabu. Abbaan isaa immoo harka qalleessa. Barsiisuufis fedha hin qabu. Bara kana barataa kutaa 8ffaa ti. Bara dhuftu yoo Lammiinko na deeggere Mana Baruumsaa Bultii Addaa Najjoo galuuf karoorfatee jira. Waggaa lamaf (Kutaa 6ffaa fi 7ffaa) Loon namaf tiksee barate. 1ffaas bahe. Bara kana garuu maatiin sun deeggeruu hin dandeenye. Kanaf, Lammiinko maal ta'a yoo na barsiise jedha. Deeggersa waan hin qabnef Qarshii tokkolle hin tufatu! Jirbiin wal gargaartee Arba hiiti jedhama waan taheef! Barsiisaa Bultii Hiikaa immoo Barsiisaa mucaa qaxalee kanati. Baratan kun yoo nama bira taa'ee baratu argates ija hin suukkumatu. Baroota darbanis Barattootni Lammiin isaanii birmataniif kaan Mana Baruumsaa Bultii Addaa Adaamaa fi kaan immoo 'University' Dambii Doolloo jiru. Kanaf, Lammiinko galata qabdu. Barata kanas galmaan haa geenyun dhaamsako xumuraati!
➩Baga Ayyaana Irreechaa bara 2015'n Isin ga'e!
➪Galatni keessan Tokkummaa Saba bal'aa haa ta'u❤
09/28/2022
Kokoolfama boolla nutti qotu irratti hin beekamu
Garuu Yesuus mul'ata nuf kenne haa galateeffamu!
09/26/2022
▶️Eebba Oromoo Karrayyuu!
Miinya tahi!……………….........ziz
Foduu tahi!……………….........ziz
Alalaasi!…………..………….......ziz
Alaa gali!………………..…........ziz
Oli reebi!…………….………….....ziz
Maatii raaphu!…..………….....ziz
Gadi reebi!……………….……..…ziz
Karra raaphu!………………….…ziz
Adaboon gooba!.…………....ziz
Goobni geerarsa!…….……...ziz
Hurrubni Mirga!….……........ziz
Dirreen Dannaba!.…….……..ziz
Simoo ta’i! ……………………....ziz
Sin simin!……………….……....ziz
Dandoo ta'i! ………………......ziz
Sin danda'in!….……………....ziz
Doobbii ta'i! ……….....……....ziz
Diina gubi!……………….…......ziz
Guchii ta'i!………………..........ziz
Baalaan booni!…..…………...ziz
Citaa ta'i! ………………………....ziz
Gurmuu baasi! …………….….ziz
Daddaraari! ……………..………ziz
Dilboo ta'i! ………..……………..ziz
Babbaroodi .…………………….ziz
Cibraa dhoosi ……...…………ziz
Gaara ta'i! ..........………………ziz
Itti jigi!……...........……………...ziz
Haladdaq ta'i.……...……..……ziz
Bal'adhu!…………..……....…….ziz
Fantaallee ta'i!..……………….ziz
Mul’adhu!............…………....ziz
Qabadhu!
Waaqeffannaan Amantiidha
Irreeffachuun Oromummaadha!
09/24/2022
Mine
Marga L Buli (@MargaLBuli) / Twitter
Never Believe in Never!
09/22/2022
Bakka Ramaddii Barattoota Kutaa 12ffaa tiif!
➥West Wallaga!
09/21/2022
Namni tokko Barataa tokkof!
➥Dhaddannoo kana giddu-galeessa gochuun Hojjetaan Waajjira kiyya waliin Barataa harka-qaleessa Abbaa fi haadha hin qabnef Dabtara Darzaana (ደርዘን) 6 (ja'a) bitee arjoomeera!
09/18/2022
MOO'ATTOOTAA FI MOO'AMTOOTA
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
Ⓜ️Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.
Ⓜ️Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.
Ⓜ️Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.
Ⓜ️Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.
Ⓜ️Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.
Ⓜ️Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.
Ⓜ️Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.
Ⓜ️Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.
Ⓜ️Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.
Ⓜ️Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.
Ⓜ️Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.
➥Ⓖⓐⓛⓐⓣ⓪⓪ⓜⓐⓐ!