Wajira Parti Badhaadhinaa Aanaa Shankoor

Wajira Parti Badhaadhinaa Aanaa Shankoor

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wajira Parti Badhaadhinaa Aanaa Shankoor, Political Party, Shenkore, Harar, Ethiopia, .

29/10/2024

Roga fayyaatiin tajaajila si'ataa kennuuf kan dandeessisu sirni hojmaata dijiitaalaa diriirfamaa jira-Obbo Yaasiin Abdullaahii

Onkoloolessa 19/2017 (W.Dh.K.M.N.H) Harar :- Roga fayyaatiin tajaajila si'ataa kennuuf sirni hojmaata dijiitaalaa diriirfamuu itti gaagatamaan Biiroo Eegumsa Fayyaa naannoo Hararii Obbo Yaasiin Abdullaahii ibsan.

Sirni haaraan diriirfame kun rakkoolee hojmaata badaa fi bulchiinsa gaarii dhaabbilee fayyaa keessatti darbee darbee mul’atu furuun tajaajila gahumsaa fi yeroo qusatu fayyadamtootaaf kennuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiruniiru.

Tajaajilli dhaabbileen kennan ragaa baay’ina ummataa sirrii ta’e irratti hundaa’uun bu’a qabeessa akka ta’u kan dandeessisuudha.

Keessumattuu tajaajila qulqullina qabu waliingahuudhaan daa’imman tajaajila talaallii guutuu akka argatan kan gargaaru yoo ta’u, kenniinsa irratti hanqinni akka hin mullanne godhuun dhukkubsachuu fi du'a daa'immanii irrisuuf kan garagaaru tahuu Obbo Yaasiin itti dabaluun ibsaniiru.

Gama biraatiin, dhaabbilee fayyaa keessatti qoricha dhiheessitoota sirnaan hoogganuu fi hojiirra oolmaa isaa hordofuun kaayyoo yaadameef akka ooluuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

Haaromsa sadarkaa biyyaatti irratti hojjetamaa jiru keessaa tokko Itoophiyaa dijiitaalaa uumuu akka ta’e kan ibsa Obbo Yaasiin tajaajiloota gama damee fayyaatiin kennaman diijiitaalatti jijjiiruun tajaajilicha si'eessuuf hojjatamaa kan jiru tahuu hubachiisaniiru.

Sirni galmee fi hordoffii dijitaalaa dhaabbilee fayyaa dhuunfaa waliin walqabatee tajaajila fayyaa kennamu hordofuu fi sadarkaa kan eeggate tahuu mirkaneessuuf gargaaru galmeen dhiheessii fi to'annoo dijitaalaa hojiirra oolaa kan jiran keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Gara fuula duraattis sirna dijitaalaa babal’isuun tajaajilli damichaan kennamu saffisaafi qulqullina fooyya’aa akka qabaatuuf xiyyeeffannoon kennamee kan hojjatamu tahuu Obbo Yaasiin Abdullaahii ibsaniiru.

29/10/2024
29/06/2024

Big shout out to my newest top fans! Daandii Ida'amu

Want your business to be the top-listed Government Service?

Culinary Team

Attire

Telephone

Website