Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa

Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa

Partager

Barnoonni Lafee dugdaa Guddina Biyyaati!.

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 24/05/2026

Biiroon Barnootaa Oromiyaa koompitaroota 30 Mana Barumsa Shanan dhuuggoo Sadarkaa 2ffaa deeggare.

BBO qulqullina barnootaa mirkaneessuuf lammiilee saayinsiifi teeknooloojiin dorgoman hedduminaan horachuuf deeggarsa koompitarootaa kana taasisuu kan himan Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Dareektara Sagantaa Barnootaa Sad.1ffaa Obbo Shamsaddiin Ibraahimi.

Kompitaroonni Kunis Bakka Bulchaan Godina Har/Lixaa kab Aaddee Ikraam Xahaha , Hoggantuu Biiroo Lafa Oromiyaa fi IG Waaj Bar Godinaa Jiranitti Mana Baruumsichaaf dabarfamee kennamee jira

Deeggarsi taasifame koompitaroota 30 teessoo isaa guutuu waliin Birrii miiliyoona 7.3 oliin kan bitameedha.

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 06/05/2026

God/Har/Lixaatti Hundeeffaamni BBO waggaa 33ffaa Bakka kabajamoon Bulchituun Godinaa fi Walitti wabduu Gumii Tiraanisfoormeeshinii Godinaa Aaddee Ikraam xaahaa Hoggansa Godinaa ,Hoggansi Barnoota Aanaalee Fi BM Dureewwan Manneen Barnoota Sad 2ffaa Barsiisonni , Barattoonnii fi qooda Fudhattoonni Barnootaa Argamanitti Bifa Miidhagaan Kabajamaa jira.

Barnoonni Ibsaa Dukkaanati!
Barnoonni Hundee Dagaaginaati!

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 04/05/2026

Godina Har/Lixaatti sagaantaan Hundeeffama BBO waggaa 33ffaa Geggeeffamee jira.

Aanotaa fi BM God/Harargee lixaa Keessatti Sagantaan Hundeeffama BBO Geggeeffameen barreeffamni waa’ee seenaa fi bu’aa BBO irratti xiyyeeffate dhiyaachuun, mariin paanaalii miidhagaa fi hubannoo uumuu gaggeeffameera. Hirmaattonni marii kanaa yaada isaanii bal’inaan ibsachuun, gahee barnoonni misooma biyyaa keessatti qabu irratti waliigalaniiru.

Keessattuu, sirna barnootaa fooyyessuu, qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi hirmaannaa hawaasaa cimsuun dhaloota beekumsa qabu ijaaruuf murteessaa ta’uu irratti hubannoon bal’aan uumameera.

Dhuma irrattis Barsiisota Adda dureedhaaf beekkamtii kennuufii Meeshaalee Barnootaaf Oolan Bituudhaan sagantichi xumuramee jira .

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 26/04/2026

Barsiisaa Bira dhaabbatuun Dhaloota Bira dhaabbatuudha ::

Guyyaa Har'aa Aanaa Gubbaa Qorichaa Magaalaa Hardiimitti Barsiisota dhaloota qaraa jiran waldaan ijaaruun bar 24 Lafti mana jireenyaa Bakka Bulchaan Aanichaa Kab Kemal Beshir fi IG waaj Barnoota Godinaa Kab Awwal Abdallaa Argamanitti dabarfamee kennamee jira .

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 06/04/2026

Yunivarsitiin Dirree Dawaa Guddaa Galatoomaa!!
Yunivarsitiin Dirree Dawaa Manneen Barnootaa Dijitaaleessuuf karoora Mootummaan qabate galmaan gahuuf komputara haaraa ammayyaa’aa ta’a 50 qarshii miliyoona 6.7tti siqu baasii gochuun bite Bulchaa Bulchinsa Godina Hararagee Lixaa Kabajamoo aadde Ikraam Xahaatti dabarsanii kennanii jiru.
Pirezidaantiin Yunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah, I/A/Pirezidaantii isaanii Dr. Tamaam fi Dr. Magarsaa wajjin Bulchinsa Godina Harargee Lixaatti argamuun wal harkaa fuudhinsi kuni taasifamee jira.
Hunda isaanii galatoomaa Jennaan .

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 09/03/2026

Godina Har/Lixaa BMC tti Jiilli Bulchituu Bulchiinsa Godinaa kabajamoo Aadde Ikram xaahaa fi IG waaj /Paartii kab Obbo Anas Aliyyiitin durfamu Projektii MB sad 2ffaa Ifa Boruu ijaaramaa jiru Daawwachuun Projektiin kun yeroo Taa'ee keessatti saffisaafi Qulqullinaan dhumee Tajaajila akka kennuu qabu kallattii kaayanii jiru .

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 13/02/2026

Godina Harargee Lixaatti waajjirri Barnoota Godina Harargee Lixaa Gamaagama raawwii hojii Barnoota saamisteera 1ffaa Itti Gaafatamtoota Waajjira Barnoota AanaotaafiBM , Qindeessitoota Garee Barnoota Sad 1ffaa Aanaalee fi Manaajimentii Waajjira Barnootaa Godinaa hirmaachise bakka Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Godinaa Obbo Toofiq Ahimadii fi Ittigaafatamaa Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Raawwii Hojii barnootaa ji'oota jahan darbanii aanaalee fi magaalootaa walduraa duubaan erga dhihaate booda marii bal'aa guyyoota lamaan dhufa irratti gaggeefffamuun kallattii hojii itti aanuu ni kennama.

22/01/2026

Dijitaalli Itiyoophiyaa bara 2030 hojii baruufi barsiisuu milkeessuuf gumaacha ol’aanaa qaba.” Tolaa Bariisoo (PHD)

Amajji 14,2018

‎Hawaasni barnootaa hundi Waraqaa eenyummaa dijitaalaa akka fudhatan hojjetaa jiraachuu, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo(PhD) himan.

Barsiisonniifi hojjettoonni seektara barnootaa Waraqaa eenyummaa dijiitaalaa fudhataa jiraachuu ibsuun, barattoonnis Waraqaa eenyummaa dijitaalaa baafachaa kan jiran yoo ta'u, akka haalduree qormaataattis kaa'ameera jedhan.

‎Qormaata naannnoo kutaa 6fi 8 kennuu akkasumas sororuuf dijitaala fayyadamuun yeroofi humna namaa akka qusates eeran.

‎Jijjiirraa barsiisootaa dabalatee qabeenya galmeesuufi hordoffiin yeroo hojiis gara dijitaalessuutti jijjiiramaa jiraachuu himan.‎

‎Dijitaal Itiyoophiyaa bara 2030 hojii baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti qooda olaanaa gumaacha kan jedhan Tolaa Bariisoo(PhD) tajaajila interneetiifi bilbilaa dabalatee meeshaalee hojii kanaaf barbaachisan waliin ga'uufis xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 04/10/2025

Waajjirri Barnoota Godina Harargee Lixaa Konfiransiin Barnootaa Guyyaa Har'aa Geggeesseen Barattoota Qormaata Naannoofi Biyyoolessaa qabxii ol'aanaa fidan, Manneen Barnootaa, Seektaraalee akkasumas qaamolee hojii kana milkeessuuf kallatti garaagaraatiin tumsa taasisa turaniif badhaasaafi beekkamtii kenne.

Godina Harargee Lixaa Aanaaleefi Bulchiinsa Magaaloota irraa Barattoota Qormaata kutaa 8ffaa qabxii ol'aanaa fiduudha Manneen Barnootaa Bultii Addaatiifi MB Addaatiif dabraniifi barattoota qormaata kutaa 12ffaa qabxii ol'aanaa sadarkaa godiniatti galmeessan, Manneen Barnootaa, Waajjiraalee, Dhaabbilee Deeggartootaa akkasumas qaamolee hojii kana milkeessuuf kallatti garaagaraatiin tumsa taasisaniif sirnii beekkamtiifi badhaasaa kennuu geggeefameera.

Sirna badhaasaafi beekkamtii kennuu kana irratti Bulchituu Godina Harargee Lixaa fi walittiqabduu gumii tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Godinichaa Aadde Ikraam Xaahaa, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Godinichaa Obbo Anas Aliyyii, Hoggannaa Ittaanaa BBO Dooktor Bultoosaa Hirkoo, Daarikteera Daariktoreetii Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaa Obbo Shamshaddiin Abraahimiif Ittigaafatamaa Waajjira Barnoota Godina Obbo Awwal Abdallaa dabalatee Hoggansa Godinaa,Aanaalee barsiisotaa akkasumas keessummoonnifi qaamolee deeggarsa barattootaaf kallattii garagaraan taasisaa turan bakka argamanitti gaggeeffameera.

Photos from Waajjira Barnoota Godina Harargee lixaa's post 01/10/2025

Godina Harargee Lixaatti Barattoota Qormaata Naannoofi Biyyoolessaa Qabxii Ol'aanaa fidaniif Badhaasaafi Beekkamtiin kennamee jira .

Aanotaafi BM Kheenyarraa Barattoota Qaxalee Qormaata kutaa 8ffaa qabxii Ol'aanaa fiduudha MBBA fi MB Addaatiif dabranii fi Barattoota Qormaata kutaa 12ffaa Qabxii Ol'aanaa galmeessaniif sirnii Beekkamtii kennuufi badhaasaa Geggeefamee jira. Badhaasni kenname kunis Kompitara, Tableeta, Maallaqaa callaa fi Waraqaa ragaa faadha. Sirna badhaasaafi beekkamtii kennuu kana irratti Barsiisotaafi qaamolee deeggarsa Barattoota kanaaf godhaa turaniifis waraqaan ragaa kennameera. Barattoonni badhaasnk kennameef kun kana boodas Iddoo deemnetti kana caalaa cimnee hojjennee Iddoo Ol'aanaa akka geenyufi Maqaa godina keenya akka yaamsisnuuf Badhaasni kun Hamilee akka isaanif tahu dubbatan.

Hoggansiifi qaamoleen Akka Barattoonni keenya qabxii ol'aanaa fidaniifii baayinaan darbaniif Hojjechaa turtaniifi Hoggansii Hamilee barattoota kanaatif sagantaa kana qopheesitanii beekkamtii kana kennitani hundi keessan galatoomaa ulfaadhaa.

Sirni Badhaasaa fi Beekkamtii barattoota kheenyaaf kennuu Aanotaafi BM hunda keessatti kan Geggeeffamuufi dhumarrattis sadarkaa Godinatti Barattoota Akka Godinatti qabxii Ol'aana galmeessaniif Badhaasni kennamuun kan goolabamu taha.

Barnootaarratti hojjetamu Hegeree dhalootaa Kaa'uudha!!

Vous voulez que votre entreprise soit Service Du Gouvernement la plus cotée à Democratic Republic of the ?

Cliquez ici pour réclamer votre Listage Commercial.

Site Web

Adresse


Democratic Republic Of The