05/11/2026
Dhaabbatichi hawaasa fayyadamaa gochuuf pirojeektii qulqullina tajaajila bishaanii dabaluuf Yuuroo (€750,000) hojjachuuf Dhaabbata World Waternet (WWn) waliin waliigaltee taasisuun ibsame
Godina Kibba Baha Oromiyaa Magaalaa Nageellee Arsiitti Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala'aa Heeban Nageellee Siraaroo pirojeektii qulqullina tajaajila bishaanii dabalu Yuuroo (€750,000) hojjachuuf Dhaabbata World Waternet (WWn) waliigaltee taasisuun ibsame.
Hoj-Gageessaan Dhaabbatichaa Injiner Jamaal Kadiir piroojektichi fooyya'iinsa Adeemsa Dhaabbatichaa (Utility process improvement) dabaluun cinatti qulqullina tajaajila bishaanii eeguun bulchiinsa qabeenyaa (asset management) cimsachuu, fi bishaan qisaasamu (Non-Revenue Water - NRW) hir'isuuf kan yaadame ta'uu eeraniiru.
Gama biraatinis, kaayyoon pirojeektichaa naannoo hojii mijeessuun tooftaalee ammayyaa'aa kanneen akka GIS, telemetiry, fi hydraulic modelling) fayyadamuun murtoo ragaarratti hundaa'e kennuuf kan gargaaru ta'uus kaasaniiru.
Dhaabbata World Waternet irraa Manaajerri Pirojektichaa (Project Manager) Eric Voost Pirojeektichi ittiquufinsa hawaasa dhugoomsuuf kan yaadame ta'uu kaasuun kaayyoo fi sagantaan waliigaltee fuula sadi jalatti hammatamuun Fulbaana 4, 2026 kan mallatta'eefi hojirra oolmaan isaa fulbaana 1, 2027 irraa kaasee hanga Muddee 31, 2030tti kan turu ta'uu ibsaniiru.
Sagantaan kun deeggarsa Ministeera Dhimma Alaa Neeherlands fi qooddii qabeenyaa dhaabbilee hirmaatanitiin kan deeggaramu yoo ta'u, bu'uura bu'aa-qabeessummaa (not-for-profit basis) irratti kan hundaa'ee ta'us Eric kaasaniiru.
Bu'uura waliigalteetiin turtii pirojeektichaa woggaa afurif kan turu yemmuu ta'u yuuroo €750,000 kan hojjatamu ta'uus eerameera.
Odeeffannoo Dabalata Argachuuf
Kara Fuulaa Page Keenyaa Negele Arsi Town Communication Like,Follow gochuun
Telegram Channel Keenyaa Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageelleeDhaabbatichi hawaasa fayyadamaa gochuuf pirojeektii qulqullina tajaajila bishaanii dabaluuf Yuuroo (€750,000) hojjachuuf Dhaabbata World Waternet (WWn) waliin waliigaltee taasisuun ibsame
Godina Kibba Baha Oromiyaa Magaalaa Nageellee Arsiitti Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala'aa Heeban Nageellee Siraaroo pirojeektii qulqullina tajaajila bishaanii dabalu Yuuroo (€750,000) hojjachuuf Dhaabbata World Waternet (WWn) waliigaltee taasisuun ibsame.
Hoj-Gageessaan Dhaabbatichaa Injiner Jamaal Kadiir piroojektichi fooyya'iinsa Adeemsa Dhaabbatichaa (Utility process improvement) dabaluun cinatti qulqullina tajaajila bishaanii eeguun bulchiinsa qabeenyaa (asset management) cimsachuu, fi bishaan qisaasamu (Non-Revenue Water - NRW) hir'isuuf kan yaadame ta'uu eeraniiru.
Gama biraatinis, kaayyoon pirojeektichaa naannoo hojii mijeessuun tooftaalee ammayyaa'aa kanneen akka GIS, telemetiry, fi hydraulic modelling) fayyadamuun murtoo ragaarratti hundaa'e kennuuf kan gargaaru ta'uus kaasaniiru.
Dhaabbata World Waternet irraa Manaajerri Pirojektichaa (Project Manager) Eric Voost Pirojeektichi ittiquufinsa hawaasa dhugoomsuuf kan yaadame ta'uu kaasuun kaayyoo fi sagantaan waliigaltee fuula sadi jalatti hammatamuun Fulbaana 4, 2026 kan mallatta'eefi hojirra oolmaan isaa fulbaana 1, 2027 irraa kaasee hanga Muddee 31, 2030tti kan turu ta'uu ibsaniiru.
Sagantaan kun deeggarsa Ministeera Dhimma Alaa Neeherlands fi qooddii qabeenyaa dhaabbilee hirmaatanitiin kan deeggaramu yoo ta'u, bu'uura bu'aa-qabeessummaa (not-for-profit basis) irratti kan hundaa'ee ta'us Eric kaasaniiru.
Bu'uura waliigalteetiin turtii pirojeektichaa woggaa afurif kan turu yemmuu ta'u yuuroo €750,000 kan hojjatamu ta'uus eerameera.
Odeeffannoo Dabalata Argachuuf
Kara Fuulaa Page Keenyaa Negele Arsi Town Communication Like,Follow gochuun
Telegram Channel Keenyaa Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageellee